1. Waaqa tokkicha beekani itti amanuu, dhugoomsu.
2. yesuus ergamaa (Nabiyyii) ta'uu amanuu. Kanatu jennata nama seensisa jedhe. Qabxiin asitti hubatamuu qabu
1. Waaqni fi yesuus qaama tokko akka hin taane
2. Waaqni tokkicha qofa akka ta'ee fi waaqni qaama sadii akka hin taane.
3.Yesuus ergamaa ta'uu beekuun jennata akka nama argachiisu.
3. #Wangeela_Matewoos 4:8-10
"Ammas immoo Seexanni gaara dheeraa tokkotti ol isa baasee, mootummoota biyya lafaa hundumaa, ulfina isaaniis itti argisiisee, "Lafa dhooftee anaaf yoo sagadde, isaan kana hundumaa siif nan kenna" jedheen. Yommus Yesus immoo, "Seexana nana, argaa koo duraa turi! 'Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!' kan jedhu caafameera" jedheen."
keeyyata kana irratti sheeyxaanni yesuus akka too'ate ibsameera. Boqonnaa dhuma kana lakkofsa 4 irratti akka sheyxaanni guyyoota 40 isa rakkise ibsameera.
Akkuma argitan kana lakkoofsa 9 irrattis akka sheyxaanni yesuus isaaf sagaduu yesuusiin gaafate ibsameera. Gaaffiin koo Yesuus yoo akkuma isin jettan waaqa ta'e
1. Akkamitti #seexanaan qormaatama?
2. Guyyoota 40 yesuus seexaanaan #hidhame sana eenyutu Addunyaa kana hoogganaa ture?
Seexanni waaqa aangoo irraa fonqolche jechuu barbaaddan moo akkami?
3. Boqonnuma kana keessatti yesuus guyyoota 40 akka seexaanni nyaata dhowwe dubbatameera.
waaqni ni nyaata? Ni dhugaa?
4. lakkoofsa 10 irratti yesuus Seexaanni akka waaqaaf #sagaduu qabu himeefi ture.
Yesuus akka isin jettan yoo waaqa ta'e Maaliif" waaqaaf sagadi "jedha. Yoo ofii isaatiif waaqa ta'e anaaf sagadi jechuu hin qabu ture. ?
4. #Wangeela_Matewoos 21:18 irratti
"Yesus ganama barii gara mandarichaatti utuu deebi'uu in beela'e. Muka harbuu tokko karaa bukkeetti argee, gara isaatti yommuu gore baala duwwaa malee, homaa irraa hin arganne. Kanaaf mukichaan, "Bara baraan iji si irraa hin argamin!" jedhe; kana irratti harbichi achumaan goge.
Yesuus yoo waaqa dhugaa ta'e akkamitti nyaata? Akkamitti mukni ija nyaatamu dhabuu isii wallaale?
Dabalaatan yoo waaqa ta'e maaliif yeroo mukattii irraa waan nyaatamu dhabes abaare? Yoo waaqa ta'e aabaaruu osoo hin taane yeroodhuma sana akka waan nyaatamu godhattu gochuutu isa fayyada ture.
5. #Wangeela_maatewos 23:9 irratti.
"Lafa irratti nama akka abbaatti hin waammatinaa! Abbaan keessanoo tokko, innis isa waaqa irraa ti.
Keeyyata kana keessatti yesuus akka namni lafa kana irratti nama akka waaqaatti akka gabbaruu hin qabne ibsee jira. Itti dabaluun akka waaqni isaani tokko ta'ee fi akka samii keessa jirus dubbateera.
#Hubadhu jechi "abbaa" jedhu kun akkaataa macaafa qulqulluutti Rabbiin jechuudha malee, Abbaa isa akka dhala nama kana jechuu miti.
Fuula durattis jechoonni kanaan walfakkaatu dhufuun waan maluuf itti dammaqi.
6. Ximotewoos tokkoffaa 2:5 irratti
"Waaqayyo #tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha, inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha.
keeyyata kana keessattis bifa ifaa ta'een waaqni tokkicha akka ta'eefi yesuus immoo waaqaafi nama kan walitti fidu ta'uun isaa ibsameera.
Kanaafu yesuus waaqa jechuun dubbii ragaa hin qabne.
7. #Wangeela_Yohannis 20:17 irratti.
"Yesus immoo, "Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, 'Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessanitti ol nan ba'a' jedhii isaanitti anaaf himi!" jedhee ishee abboome.
Keeyyata kana irraa wanti baratamu.Yesuus akka waaqa qabu. "waaqayyoo koo" waan jedheef. osoo waaqa ta'ee waaqan qaba hin jedhu ture. Isin kiristaanonni mormitanus yesuus eega akka waaqa qabu nuuf hime, nuti dubbii keessan kan ragaa hin qabneef bakka hin kenninu.
8, #Wangeela_Yohannis 5:30 irratti.
"Yesus itti dabalee, "Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu, 'yaada isa ana ergee duukaan bu'a malee.