ALLAHAN EENYU YOO SIIN JEDHA?
1☪️Allaahin isa dhugaan gabbaramuudha, jiraataa isa ta'eedha.
↪️Al-Imran 3:2 ↩️
اللَّهُ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ الْحَيُّ الْقَيُّومُ
Rabbiin Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. [Inni] jiraataa, waan hundaan dhaabbataadha.
2☪️Allahan uumaa waa hunda uumeedha.
↪️zumar 39:62↩️
اللَّهُ خَالِقُ كُلِّ شَيْءٍ ۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ وَكِيلٌ
Rabbiin uumaa waan hundaati. Inni waan hunda irrattis tiksaadha.
3☪️Allahiin uumaa samiifi dachiiti. Kan samiif dachiin eegale.
↪️Baqaraa 2:117↩️
بَدِيعُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ وَإِذَا قَضَىٰ أَمْرًا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُ كُن فَيَكُونُ
(Inni) argamsiisaa samiifi dachiiti. Yeroo dhimma wahii murteesses, wanti Inni isaan jedhu argamii qofa; yeroma san argama.
4☪️Allahin kan samiifi dachii akkasuma waan ishee keessaas qindiidhaan argamsiiseedha.
↪️shuura 42:11↩️
فَاطِرُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ جَعَلَ لَكُم مِّنْ أَنفُسِكُمْ أَزْوَاجًا وَمِنَ الْأَنْعَامِ أَزْوَاجًا ۖ يَذْرَؤُكُمْ فِيهِ ۚ لَيْسَ كَمِثْلِهِ شَيْءٌ ۖ وَهُوَ السَّمِيعُ الْبَصِيرُ
(Inni) uumaa samiifi dachiiti. Lubbuu keessan irraa qindiiwwan (haadholee manaa) isiniif godhe; beyladoota irraas cimdii (kormaafi dhalaa isiniif taasise). Bifa kanaan isin baay’isa Fakkaataan Isaa (Allaah) hin jiruInni dhaga’aa, argaadha.
5☪️Allahin kan uumama hundaa guyyoota jaha (6) keessatti argamsiiseedha.
↪️A'araaf 7:56↩️
إِنَّ رَبَّكُمُ اللَّهُ الَّذِي خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ اسْتَوَىٰ عَلَى الْعَرْشِ يُغْشِي اللَّيْلَ النَّهَارَ يَطْلُبُهُ حَثِيثًا وَالشَّمْسَ وَالْقَمَرَ وَالنُّجُومَ مُسَخَّرَاتٍ بِأَمْرِهِ ۗ أَلَا لَهُ الْخَلْقُ وَالْأَمْرُ ۗ تَبَارَكَ اللَّهُ رَبُّ الْعَالَمِينَ
Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha Haala ariitiidhaan isa barbaada ta'een halkaniin guyyaa haguuga Aduu, ji’aafi urjiiwwanis kan ajaja Isaatiin laaffifaman ta'anii (isaan uume). Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan Isaati Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e toltuun isaa baay’ate.
Akkasuma↪️fussilat 41:9-12↩️
6☪️Allahin kan ilma namaa jelqaba biyyee irraa uume ergasii bishaan irraa jiraachiseedha
↪️sajadah32:7↩️
الَّذِي أَحْسَنَ كُلَّ شَيْءٍ خَلَقَهُ ۖ وَبَدَأَ خَلْقَ الْإِنسَانِ مِن طِينٍ
(Inni) isa waan uume hunda miidhagseefi uumama namaa dhoqqee irraa jalqabeedha.
↪️mu'uminuun 23:12-14↩️
وَلَقَدْ خَلَقْنَا الْإِنسَانَ مِن سُلَالَةٍ مِّن طِينٍ
Dhugumatti, Nuti ilma namaa qulqulluu (cunfaa) dhoqqee irraa ta'e irraa uumne.
ثُمَّ جَعَلْنَاهُ نُطْفَةً فِي قَرَارٍ مَّكِينٍ
Sana booda coba bishaan saalaa kan iddoo tasgabbaa’aa, mijaa'aa (gadaamessa) keessatti isa taasifne.
ثُمَّ خَلَقْنَا النُّطْفَةَ عَلَقَةً فَخَلَقْنَا الْعَلَقَةَ مُضْغَةً فَخَلَقْنَا الْمُضْغَةَ عِظَامًا فَكَسَوْنَا الْعِظَامَ لَحْمًا ثُمَّ أَنشَأْنَاهُ خَلْقًا آخَرَ ۚ فَتَبَارَكَ اللَّهُ أَحْسَنُ الْخَالِقِينَ
Sana booda bishaan saalaa dhiiga ititaa taasifne; ergasii dhiiga ititaa muraa foonii taasifne; ergasii foonittii (sana) lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uffifne; sana booda uumama biraa (daa’ima) isa goone Rabbiin irra tolchaa uumtotaa ta’e qulqullaa’e!
7☪️Allahin isa nyaachisu kan hin nyaadhe.
↪️An'am 6:14↩️
قُلْ أَغَيْرَ اللَّهِ أَتَّخِذُ وَلِيًّا فَاطِرِ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَهُوَ يُطْعِمُ وَلَا يُطْعَمُ ۗ قُلْ إِنِّي أُمِرْتُ أَنْ أَكُونَ أَوَّلَ مَنْ أَسْلَمَ ۖ وَلَا تَكُونَنَّ مِنَ الْمُشْرِكِينَ
"Sila Rabbii uumaa samiifi dachii, inni kan nyaachisu hin nyaanne ta'een alan gabbaramaa tolfadhaa?" jedhi". Ani jalqaba nama Rabbiif bulee ta'uuttin ajajame Mushrikoota irraas hin ta'in (jedhameera)" jedhi
↪️Shuuraa 26:79↩️
وَالَّذِي هُوَ يُطْعِمُنِي وَيَسْقِينِ
Inni Isa na nyaachisuufi na obaasuudha.
8☪️Allahin kan hin dhalleefi hin dhalanneedha.
↪️Iklas 112:1-4↩️
قُلْ هُوَ اللَّهُ أَحَدٌ
Jedhi: "Inni Allaah (gabbaramaa dhugaa) tokkicha.
اللَّهُ الصَّمَدُ
Allaahn hirkoo waa hundaati.
لَمْ يَلِدْ وَلَمْ يُولَدْ
Hin dhalle hin dhalannes.
وَلَمْ يَكُن لَّهُ كُفُوًا أَحَدٌ
Hiriyaan tokkoos isaaf hin taane.”
9☪️Allahin isa duraati isa boodaatis.