Sheykhul Islaam Ibnu Teeymiyyaa Namoota Isa faalleessan waliin akkamitti jiraataa turan?
==========================
Kutaa ①ffaa
=============
✍Jaarraan amma keessa jirru kun jaarraa isa keessa muslimtoota jidduutti wal-dhabeen haalaan baayyateefi; Sobaan maqaa wal-balleesuu, inni dhugaa qabus garaa jabaatee isa isa miidheef irra dabaruun hafee; maqaa wal balleessuu irra dabaree haga mataa wal balleessuutti yeroo adeemamaa jiru keessa geenyeeti jirra; Nama rabbiin Rahmata godheef malee.
✍Akkuma beekamu amantii islaamaa keessatti adda ba'uu irra tokkummaan jiraachuun; maqaa fi mataa wal-balleessuu irra nasihaa waliif godhuun; wal-miidhuu irra wal-fayyaduun; wal-mormuu irra waliif galuun waan barbaachisaa akka ta'e shakkii hin qabu.
✍Rabbiin keenyas qur'aana isaa kabajamaa keessatti tokkkmmaa islaamaa jabeeffachuu akka qabnuufi wal-dhabuu, wal-qooduu, waliin mormuu fi maqaa garaagaraa waliif baasuu irraa akka fagaachuu qabnu nu barsiiseeti jira.
وَأَطِيعُواْ اللّهَ وَرَسُولَهُ وَلَا تَنَازَعُواْ فَتَفْشَلُواْ وَتَذْهَبَ رِيحكم وَاصْبِرُواْ إِنَّ اللّهَ مَعَ الصَّابِرِينَ(الأنفال-46)
"Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ajajamaa; walis hin morminaa; luynoomtanii humni keessanis (isin irraa) ni deemtii; obsaa Dhugumatti, Rabbiin obsitoota wajjiin jira"
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَا يَسْخَرْ قَوْمٌ مِّن قَوْمٍ عَسَىٰٓ أَن يَكُونُوا۟ خَيْرًا مِّنْهُمْ وَلَا نِسَآءٌ مِّن نِّسَآءٍ عَسَىٰٓ أَن يَكُنَّ خَيْرًا مِّنْهُنَّۖ وَلَا تَلْمِزُوٓا۟ أَنفُسَكُمْ وَلَا تَنَابَزُوا۟ بِٱلْأَلْقَٰبِۖ بِئْسَ ٱلِٱسْمُ ٱلْفُسُوقُ بَعْدَ ٱلْإِيمَٰنِۚ وَمَن لَّمْ يَتُبْ فَأُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلظَّٰلِمُونَ(الحجرات-11)
Dhiironni dhiirota biraa hin tuffatin, Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala, Dubartoonnis dubartoota biraa (hin tuffatin)Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala, Tokkoon keessan isa biraa maqaa hin xureessin; maqaa qoosaatiin wal hin arrabsinaa, Erga amanuutii maqaan faasiquummaa (amantiin alaa) akkam fokkataa dha! Namni hin tawbatin, isaanumatu miidhaa raawwattoota.
وَٱعْتَصِمُوا۟ بِحَبْلِ ٱللَّهِ جَمِيعًا وَلَا تَفَرَّقُوا۟ۚ وَٱذْكُرُوا۟ نِعْمَتَ ٱللَّهِ عَلَيْكُمْ إِذْ كُنتُمْ أَعْدَآءً فَأَلَّفَ بَيْنَ قُلُوبِكُمْ فَأَصْبَحْتُم بِنِعْمَتِهِۦٓ إِخْوَٰنًا وَكُنتُمْ عَلَىٰ شَفَا حُفْرَةٍ مِّنَ ٱلنَّارِ فَأَنقَذَكُم مِّنْهَاۗ كَذَٰلِكَ يُبَيِّنُ ٱللَّهُ لَكُمْ ءَايَٰتِهِۦ لَعَلَّكُمْ تَهْتَدُونَ(آلعمرتن-103)
Haada Rabbiis hunda ta'aa qabadhaa; adda addas hin ba’inaa, Ni’imaa Rabbii kan yeroo isin diina walii turtan Inni onnee keessan wal simsiisuun ni’imaa Isaatiin obboleeyyan taatan san, yeroo isin qarqara boolla ibiddaa irra turtanii ishee irraa isin baraarses yaadadhaa; Akka isin sirrooftaniif jecha Rabbiin akka kanatti keeyyattoota Isaa isiniif addeessa.
★Ragaaleen qur'aanaa fi hadiisaa mata-duree kana keessatti dhufan akkaan hedduudha.
✍dhimma tokkummaa islaamaa isa sirrii kanatti namoonni yaadda'uu qaban Namoota #Du'aata ta'nii gama rabbiitti nama waamaniidha. Mata duree guddaa godhatanii beekkumsaa wajjiin irratti hojjachuu qabu. Gara laafummaadhaan nama yaamuu qabu. Arraba bareedaa, fuula bareedaa fi haala bareedaadhaan nama waamuu qabu. Rakkoo fi cinqaa isaan irra ga'u obsaan dabarsuu qabu. Hawaasni diinii hin baratin nama du'aataa irraa waan gaarii dhaga'uu fi waan gaarii irraa dhaaluu qaba. Hawaasni hin baratin nama daa'ii ta'ee haalaa fi amala(arraada)gaariin gama rabbiitti isaan waamu ni jaallatu, ergaa isaatii fi waamicha isaallee irraa qeebalu; utuma maqaa isaa, gosa isaa fi biyya isaallee beekuu baatanii jechuudba.
✍Haa ta'uu malee; haalli amma namoota maqaa #du'aataa qaban Irra jireessa jidduutti deemaa jiru waan nama gaddisiisuudha. irra keessoon dubbii isaanii wanni nu hubachiisu inni kun isa sana sirreessuuf utuu hin taane anatu moo'aadhaan kan guutame; #Nasiihas(Sirreeffama nama dogongoreef kennamu) amantiidhaan heeyyamame utuu hin taane; akka waan haaloo walirraa ba'uutti yeroo walirratti duulan argina.