Notcoin Community
Notcoin Community
Proxy MTProto | پروکسی
Proxy MTProto | پروکسی
Proxy MTProto | پروکسی
Proxy MTProto | پروکسی
iRo Proxy | پروکسی
iRo Proxy | پروکسی
Qorannoo Amantii Kiristaanaa ✝☪️ avatar
Qorannoo Amantii Kiristaanaa ✝☪️
Qorannoo Amantii Kiristaanaa ✝☪️ avatar
Qorannoo Amantii Kiristaanaa ✝☪️
Мөөнөт
Көрүүлөрдүн саны

Цитаталар

Посттор
Репостторду жашыруу
15.02.202504:32
Yesuus Wanta Hunda #Hin Beeku. Garuu #Waaqayyo Wanta Hunda Beekaadha.

Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta'eetiin.

Garaa Garummaa Yesuus Fi Waaqa Tokkicha (Allaah) Jidduu Jiru Keessaa Inni Biroo Waaqayyo Tokkichi Inni Waaqeffatamu Wanta Hunda Beekaadha. Garuu Yesus Wanta Waaqayyoon Hin Ta'iniif Wanta Hunda Hin Beeku.

1. Yesus Sa'aatiin Dhumaa Yoom Akka Taate Hin Beeku. Garuu Waaqayyo Tokkichi Inni Waaqeffatamu Kan Abbaa Jedhamu Ni Beeka.

Marq 13:32
Yesus itti fufee, "Guyyicha sana yookiis yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa_irraa; ilmis, namni tokko illees kana hin_beekan.
"ስለዚያች ቀን ወይም ስለዚያች ሰዓት ግን የሰማይ መላእክትም ቢሆኑ ልጅም ቢሆን ከአባት በቀር የሚያውቅ የለም።

2. Yesus Dubartiin Takka Duuba Isaatiin Yeroo Isa Tuqxeen Nama Tuqeen Wollaalee Gaafatee Ture.

Luq 8:45 Yesus immoo, "Eenyutu na tuqe?" jedhee gaafate.

3. Yesus Beela'ee Muka Harbuu Irraa Ijji Jiraachuu Hin Oolu Jedhaa Shakkiin Yeroo Dhaqutti Mukicha Irraa Waan Nyaatu Dhabee Ture. Osoo Waaqayyoon Ta'ee Hin Beela'u Ture. Osoo Waaqayyoon Ta'ee Mukicha Ofitti Waama Malee Itti Hin Dhaqu Ture.
Osoo Waaqayyoon Ta'ee Wanta Mukicha Irra Jiru Hin Wollaalu Ture.

4. Marq 11:12 Borumtaas isaan Bitaaniyaadhaa yommuu ba'an Yesus in beela'e.

13 Muka harbuu baala qabu tokkos fagootti argee, ija irraa argadha laataa? jedhee dhaqe. Inni mukicha bira ga'ee baala malee waanuma tokko irraa dhabe; yeroon isaa yeroo harbuun ija itti godhatu hin turre.

14 Yesus yommus mukichaan, "Homtinuu deebi'ee ija si irraa hin nyaatin bara baraan" jedhe; bartoonni isaas kana jechuu isaa dhaga'an.

Yesus Afaan Ofiitiin Waaqayyo Tokkichi Qofti Akka Keessa Wanta Maraayyuu Beeku Dubbata.

Luq 16:15 Inni garuu deebisee, "Isin namoota biratti qajeelota jedhamuu barbaaddu, Waaqayyo garuu garaa keessan keessa beeka, waan nama duratti ol fuudhame Waaqayyo duratti ciigga'amaa dha.

Ragaalee Kanniin Irratti Hundaa'uudhaan Yesus Wanta Hunda Akka Hin Beekne Hubannee Jirra. Kanaafuu Waaqayyo Osoo Hin Ta'in Ergamaa Rabbiin Biraa Ergameedha.

Yoh 17:3 Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.

Yaa Ummata Keenya! Yesus Waaqayyo Akka Hin Ta'in Ragaadhaan Erga Hubattanii Booda Gama Dhugaatti Koottaa Isiniin Jenna. Rabbiin Keenya Kan Waaqeffatamu Tokkicha Allah dha. Rabbiin Karaa Dhugaa Islaamummaa Isiniif Haa Hiru. Aamiin!

#viralreelsシ #viralreelschallenge #original #viralvideochallenge #viralchallenge #muslim #viralreelsfacebook #viralpost2025シ #islam #Ethiopia #followme #follower #Oromoo #Yesuus #OMG #waan_biraa #orthodox #Oromia
31.01.202520:04
Quŕ'aanni Akkamitti Wolitti Qabamee?


Ustaaz Khaalid Abdoo
Ustaaz Farhaan
Ustaaz Abdii Muusaa

Alhamdulillaah Obboleettiìn Ķeenya Tokko Sagantaa Kana Irratti Garà Amantaa Dhaloota Isii Irratti Deebitee Jirtii Alhamdulillaah.

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1255
31.01.202515:17
WAAQAYYO NI UUMAA? YEAUUS UUMAADHAA?


DEEBII 👇👇👇👇


𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨 𝐇𝐢𝐧 𝐓𝐨𝐥𝐟𝐚𝐦𝐧𝐞 𝐇𝐢𝐧 𝐔𝐮𝐦𝐚𝐦𝐧𝐞.


Isa. 43
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
10, Waaqayyo, "Yaa saba nana, isin dhuga-baatuu koo ti, garbichi ani fo'adhes isinuma, isin akka beektaniif akka amantanitti, isa kana kan godhe ana Waaqayyo akka ta'e akka hubattanitti, ana dura Waaqayyo kan biraa hin turre, ana booddees Waaqayyo kan biraa hin jiraatu.

11, Ana duwwaatu Waaqayyoo dha, ana malee fayyisaan kan biraa hin jiru.

𝐅𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐔𝐮𝐦𝐚𝐦𝐚𝐚𝐟𝐢𝐢 𝐓𝐨𝐥𝐟𝐚𝐦𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚



“Ammas ani garbicha isaa akkan ta'uuf, Yaaqoobin gara isaa akkan fiduuf, Israa'elinis isa biratti akkan walitti qabuuf, Waaqayyo garaa haadha koo keessatti na tolchee fuula isaa duratti ulfina anaaf kennee jabinas anaaf ta'eera.”
  — Isa. 49:5

“Waaqayyo jalqaba hojii isaatiitti, hojii isaa isa bara durii sana hundumaa dura na uume;”
  — Fak. 8:22

Mat. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
21, Isheen ilma in deessi; atis maqaa isaa 'Yesus' jettee in moggaafta, inni ofii isaatii saba isaa cubbuu isaaniittii isaan in fayyisa" jedheen.

22, Kun hundinuu inni Waaqayyo gooftaan afaan raajichaatiin dubbate akka raawwatamuuf ta'e.

Luq. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
26,  Elsaabex ulfooftee ji'a ja'affaatti, ergamichi Gabri'el Waaqayyo biraa kutaa biyya Galiilaa mandara Naazireet jedhamutti ergame.

27, Ergaan isaas gara durba Maariyaam jedhamtu tokkootti ture; isheen nama Yoseef jedhamu, sanyii Daawit keessaa dhalate tokkoof, kaadhimatamtee turte.

1, 𝑼𝒍𝒇𝒊 𝑮𝒂𝒓𝒂𝒂 𝑴𝒂𝒓𝒚𝒂𝒎 𝑱𝒊'𝒂 9 𝑻𝒖𝒓𝒆 𝑺𝒖𝒏 𝑼𝒖𝒎𝒂𝒂𝒎𝒐𝒐 𝑼𝒖𝒎𝒂𝒎𝒎𝒂𝒂𝒅𝒉𝒂𝒂?
2, 𝑼𝒖𝒎𝒂𝒂 𝒀𝒐𝒐 𝑻𝒂𝒉𝒆 𝑬𝒆𝒏𝒚𝒖𝒕𝒖 𝑼𝒖𝒎𝒆𝒆 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒂𝒚𝒚𝒐 𝑵𝒊 𝑼𝒖𝒎𝒂𝒎𝒂𝒂?
3, 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒂𝒚𝒚𝒐 𝑵𝒊 𝑫𝒉𝒂𝒍𝒂𝒕𝒂𝒂?

Kanaaf hawaasa kiyya qaalii akkanatti bifa salphaa ta’een waaqayyo yesuusin akka hin taane fi yesuusis waaqayyoon akka hin taane adda baafanna jechuudha.
 
Yoomille yesuus waqayyoon ta’uu hin dandayan maf jennan macaafni kamuu yesuus waaqayyoon akka hin taane ragaa baha waan ta’eef.
 
𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐁𝐚𝐫𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐍𝐚𝐦𝐮𝐦𝐚 𝐐𝐨𝐟𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚.



“Ilma namaa isa waaqa irraa gad bu'e sana malee, homtinuu gara waaqaatti ol hin baane.”
— Yoh. 3:13

“Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu; Abrahaam akka kana hin hojjenne.”
— Yoh. 8:40

“"Kunoo, ani bantiiwwan waaqaa banamanii, ilmi namaas gara mirga Waaqayyoo dhaabatee nan arge" jedhe.”
— HoE. 7:56

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1244
15.02.202504:07
Akkuma dubbiftii dabarsitan yesuus "ani humna kootiin homaa gochuu hin danda'u "jedhe. Osoo waaqa ta'a akkamitti humna isaatiin waa gochuu dadhaba? Itti dabaluun "ani yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu "jedhe. Yoo akkuma isin jettan waaqa ta'e akkamitti yaada isaa duukaa bu'uu hin barbaadumne? yaada eenyuu duuka bu'a?

9. #Wangeela_Yohannis 7:28 irratti.
"Dhuguma ana beektu, nama eessaa akkan ta'es in beektu. Ofiin hin dhufne, inni ana erge jira; inni amanamaa dha, isin immoo isa hin beektan.

Keeyyata kana Irraa wanti barannu:
1. Yesuus nama. "nama eessaa akkan ta'e " waan jedheef. Osoo akkuma isin jettan waaqa ta'e " waaqa eessaa akkan ta'e " jedha.
2. Yesuus ergamaa waaqaati. "ofiin hin dhufne inni na erge jira" waan jedheef.
3. Waaqa dhugaa kiristaanonni hin beekan osoo waaqa dhugaa sana beekani yesuusiin waaqa hin jedhan ture. " isin immoo isa hin beektan" waan jedheef.

10. #Ximotewos isa tokkoffaa 6:16 irratti
"Waaqayyo duwwaatu hin du'u, inni ifa homtinuu itti dhi'aachuu hin dandeenye keessa in jiraata; namni takkaa isa hin argine, isa arguus hin danda'u. Isaaf ulfinnii fi aangoon bara baraa baa ta'u! Ameen.

Keeyyata kana irraa wanti hubannu.
1. Waaqayyoon dhugaa akka hin duune. Faallaa kana immoo kiristaanonni yesuus du'eera jedhani amanu nuti Muslimoonnis fuula dura akka du'u ni amanna Kanaafuu yesuus waaqa miti.
2.Waaqni dhugaa itti dhihaatamuun hin danda'amu. Garuu yesuus waan itti dhiyaatamee wajjin jiraatamaa tureef waaqa miti.

keeyyattoota kanaan wal fakkaatan kan ergaa akkanaa dabarsan baayyee dhiheessuun ni danda'ama garuu nama dhugaa barbaaduuf ragaan tokko gahadha namni dhugaa hin barbaanne immoo ragaa kuma yoo arges amanuu hin danda'u.

keeyyata kana keessattis bifa ifaa ta'een waaqni tokkicha akka ta'eefi yesuus immoo waaqaafi nama kan walitti fidu ta'uun isaa ibsameera.
Kanaafu yesuus waaqa jechuun dubbii ragaa hin qabne.

#followme #Ethiopia #muslim
Кайра бөлүшүлгөн:
RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩 avatar
RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩
14.02.202517:01
ALLAAH EESSA JIRAA?


KUTAA 3FFAA


My Channel Join: @Rafiiqul_Islaam

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: ((لَمَّا قَضَى اللَّهُ الْخَلْقَ كَتَبَ فِي كِتَابِهِ، فَهْوَ عِنْدَهُ فَوْقَ الْعَرْشِ إِنَّ رَحْمَتِي غَلَبَتْ غَضَبِي)). رواه البخاري.)

Abii Hureyraa irraa odeeffamee (R.D.A) nijedhe: Ergamaan Rabbii (S.A.W) jedhan.  (Rabbiin uumaa yeroo geessetti kitaaba isaa keessatti barreesse. Kitaabni isa bira Arshiin gubbaa jira. Tolli (Rahmanni) tiyya dallansuu tiyya hinjifatte jechuu.) Hadiisa kan gabaase (Imaamu Bukhaarii).

Hadiisa kana irratti akkuma ifu Ergamaan Rabbii (S.A.W) kitaabni Rabbiin bira Arshiin gubbaa jiraatuu nuuf ibsan. Rabbiin Arshi gubbaa akka jiru kana irraa hubanna.

عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ عَمْرِو بْنِ الْعَاصِ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَآلِهِ وَسَلَّمَ قَالَ: «الرَّاحِمُونَ يَرْحَمُهُمُ الرَّحْمَنُ، ارْحَمُوا مَنْ فِي الْأَرْضِ يَرْحَمْكُمْ مَنْ فِي السَّمَاءِ» رواه الترمذي

Abdillaah Bin Amri Bin Al-Aas irraa odeeffamee (R.D.A) Ergamaan Rabbii (S.A.W) jedhan: Tola ooltotaaf (Rahmaan) tola oola. Nama dachii keessaatiif tola oolaa (Rahmata godhaa) Namni Samii keessa jiru (Rahmata) tola isiniif oolaa, jedhan.  Hadiisa kan gabaase ( At-Tirmuzii).

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَآلِهِ وَسَلَّمَ قَالَ: «وَالَّذِي نَفْسِي بِيَدِهِ مَا مِنْ رَجُلٍ يَدْعُو امْرَأَتَهُ إِلَى فِرَاشِهِ فَتَأْبَى عَلَيْهِ إِلَّا كَانَ الَّذِي فِي السَّمَاءِ سَاخِطًا عَلَيْهَا حَتَّى يَرْضَى عنها: رواه مسلم.)

Abii Hureyraa irraa odeeffamee (R.D.A) nijedhe: Nabiyyiin (S.A.W) jedhan.  Isaa lubbuun tiyya harka isaa jirtuun kakadhe! Gurbaa tokko irraa waa hin taane kan intala isaa gara Firaasha (siree) isaatitti yaamee isheen isa diddu, hamma inni ishee irraa jaalatutti Isaan (Rabbiin) samii keessa jiru ishetti dallanuu irraa. Jedhan. Hadiisa kan gabaase (Imaamu Muslim).

Hadiisa kana irraa wanni nuuf galu keessaa! 1ffaa Jaartiin yeroo jaarsi fedhiidhaaf ishee yaame dhaquu akka qabduudha. Yoo rakkoo beekamaa qabaatte malee. fakkeenyaaf” Soomni dirqamaa irra jiraatuu fi laguu ji'aa qabaachuu akkasuma wantoota kana fakkaatan.

Yoo kun irra jiraate, dilii hin qabdu. 2ffaan wanni irraa nuuf galu, Rabbiin akka Samii keessa jirutu nuuf ifa. Samii keessa jira jechuun immoo Arshiin ala jira jechuudhaa miti. Jecha Afaan Arabaa keessatti Samii jechuun cufa waan nama gubbaa jiruuti.

عَنْ مُعَاوِيَةَ بْنِ الْحَكَمِ السُّلَمِيِّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ "قَالَ: لَطَمْتُ جَارِيَةً لِي فَأَخْبَرتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فَعَظَّمَ ذَلِكَ عَلَيَّ، قَلَتْ يَا رَسُولَ اللَّهِ أَفَلَا أَعْتِقُهَا؟ قَالَ: «بَلَى ائْتِنِي بِهَا»، قَالَ: فَجِئْتُ بِهَا رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فَقَالَ لَهَا: «أَيْنَ اللَّهُ»؟ قَالَتْ: فِي السَّمَاءِ قَالَ: «فَمَنْ أَنَا»؟ قَالَتْ: أَنْتَ رَسُولُ اللَّهِ، قَالَ: «اعْتِقْهَا فَإِنَّهَا مُؤْمِنَةٌ». رواه مسلم.

Mu'aawiyaa Bin Al-Hakam As-Sulamiyyii irraa odeeffamee (R.D.A) nijedhe: Gabrittii tiyya takka  kabalee! Ergamaa Rabbiititti (S.A.W) odeesse. Isa sana (kabaluu) narratti guddise. Yaa Ergamaa Rabbii ishee haa bilisoomsuu jedheen? Eeyyee ishee natti fidi jedhe. Ishee ergamaa Rabbiitittiin dhufe. Ishee dhaan jedhe. (Allaah) eessa jira? Samii keessa jira jetteen, Ani hoo eenyu jedheen? Ati ergamaa Rabbiiti jetteen" ishee bilisoomsi isheen Mu'umina jedheen. Hadiisa kan gabaase (Imaamu Muslim).

Hadiisa kana irraas wanni nuuf galu Ergamaan Rabbii (S.A.W) micayyoo tana Rabbi eessa jira jennaan? Samii gubbaa jira jetteen. Osoo isheen kan dogongortu tahee! Silaa yeroma san lakki micayyoo dogongortee jirta jedhaniin. Garuu isheen Rabbiin Samii gubbaa jira jennaan" akka ishee Mu’umina taate ragaa bahaniif.( Hadiisa heddutu akka Rabbiin Arshi gubbaa jiru nuuf dubbata.

Kutàa 1ffaa 👇👇👇👇


https://t.me/Rafiiqul_Islaam/865

Kutaa 2ffaa 👇👇👇👇


https://t.me/Rafiiqul_Islaam/873

Kutaa 3ffaa 👇👇👇👇


https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1425
10.02.202510:05
🔔🔔 በቴሌግራም ገብተህ ከታች ያለውን ፅሁፍ ጠቅ አድርግ።


┏━━━━━━━━━━━━━━┓
🔔 የስኬት መንገድ
┗━━━━━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━━━━━┓
🔔 የህይወት ስኬት
┗━━━━━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━━━━━┓
🔔 ጥያቄዎች እና መልሶች
┗━━━━━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━━━━━┓
🔔 ቆንጆ ታሪክ
┗━━━━━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━━━━━┓
🔔 ወቅታዊ ዜና
┗━━━━━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━━━━━┓
🔔 ኢስላማዊ ሀይማኖት
┗━━━━━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━━━━━┓
🔔 የሙስሊሞች ታሪክ
┗━━━━━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━━━━━┓
🔔 የሰሃቦች ታሪክ
┗━━━━━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━━━━━┓
🔔 የነብዩ (ሶ.ዐ.ወ) ታሪክ
┗━━━━━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━━━━━┓
🔔 ሀዲስ እና ቁርኣን
┗━━━━━━━━━━━━━━┛

███▓▒►ይቀላቀሉ ►▒▓███
███▓▒►ይቀላቀሉ ►▒▓███
███▓▒►ይቀላቀሉ ►▒▓███
███▓▒►ይቀላቀሉ ►▒▓███
███▓▒►ይቀላቀሉ ►▒▓███


Free Waver: @Rafiqul_Islaam
31.01.202520:04
Quŕ'aanni Akkamitti Wolitti Qabamee?


Ustaaz Khaalid Abdoo
Ustaaz Farhaan
Ustaaz Abdii Muusaa

Alhamdulillaah Obboleettiìn Ķeenya Tokko Sagantaa Kana Irratti Garà Amantaa Dhaloota Isii Irratti Deebitee Jirtii Alhamdulillaah.

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1256
15.02.202504:07
#TOKKICHUMMAA WAAQAYYOO KAKUU HAARAA KEESSAATTI.

Kakuu haaraa jechuun፦ Macaafni kiristaanotaa yeroo ammaa jiru kun bakka lamatti qoodama, isaanis kakuu haaraa fi kakuu Moofa jedhamu. Kakuu haara jechuun kutaa Macaafa Qulqulluu keessa kan Nabi Iisaaf kenname jedhame amanama garuu dhugaan jiru waan biraati. Kakuu moofaa jechuun immoo waraqaalee nabiyyootaaf kennamanii fi Kitaaba Nabi #Muusaadhaaf kenname of keessatti kan qabate jedhame amana garuu innis dhugaan isaa kan biraati. Isaan lamaan ( kakuu haaraa fi kakuu moofaa ) keessaa kan mata duree kana jalatti ilaallu kakuu haaraa isa jedhamuudha. Isa keessaas qabxiin ilaallu toohida yookiin tokkichummaa Rabbii (waaqa) kan kakuu haaraa keessatti dubbatame.

Akkuma beekamu Kiristaanonni yesuus (Nabi Iisaa nageenyi Rabbii irratti haa jiraatu) Waaqa ykn Rabbi jedhanii amanu. Dabalataan Rabbiin Sadii jedhu. Kana jechuun: Waaqa Abbaa, Waaqa ilmaa fi Waaqa Afuura qulqulluu) sadan Waaqa tokkoo Jedhani amanu. Anis Qur'aana kabajamaa fi Macaafa Qulqulluu bu'uura godhachuun dubbiin Kiristaanotaa kan "Yesuus waaqaa fi Waaqni Sadii" jedhan kun dhugaa dhamo? Hubannoo dogongoraatiin yesuus waaqa jedhani amanan? Kan jedhu ibsuuf jecha mata duree kana qopheesse garuu macaafa Qulqulluu keessatti bakka tokkolleetti ragaan waaqni sadii ta'uu fi yesuus waaqa ta'uu mirkaneessu hin jiru. Jiraatuus hin qabu. Gabaabumatti bakki yesuus Afaan isaatiin #ani_waaqa na waaqeeffadha (na gabbara)" jedhu hin jiru.

Haa ta'u Kiristaanonni Yesuusiin Waaqa gochuuf Gaarri isaan hin baane, Boolli isaan hin seenne hin jiru. Garuu qabatamaa Macaafa isaani keessa jiruun, yesuus ( Raajii) Ergamaa waaqa kan Isaa'eloota qofaaf ergame ta'uun isaa bifa nama hin mamsiifneen (hin shakkisiifneen) Nama sammuu dhugaa barbaadduun Xiinxaleef dubbatame jira.

"Dhagahuun arguu caala" jedhama metiree? isinis Dubbii koo kana hubachuuf ragaawwwan Macaafa Qulqulluu armaan gadii kana dubbisuun dhugaa jiru Hubadha kan hin hubatin hubachiisa jechuun dhaamsa kooti.

Yesuus akka Namoonni Waaqa tokkicha beekani isa qofaaf ajajamuu qaban yeroo barsiisu akkana jedhe.
1. #Wangeela_Marqos 12:28-30tti
"Abboommiin inni hundumaa irra caalu isa kam?" jedhee, gaaffii isa gaafate. Yesus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha. Atis Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a'!"

Akkuma armaan olitti dubbiftan yesuus gaaffii "abboommiin yookiin ajajni dura raawwatamuu qabu "maali jedhuuf yeroo deebii kennu; "inni hunduma irra caalu dhaga'i yaa Isaa'el Gooftichi Waaqayyo keenya #kophaa isaa #gooftaa dha" jedhe

Hubachiisa: Kiristaanonni yeroo amma waa'ee waaqaatiin wal qabatee kan nu barsiisanu Gooftaa sadi. jechuunis: Waaqa Abbaa, Waaqa ilma, Waaqa Afuura Qulqulluu, sadan waaqa tokkooti.
Faallaa dubbii Kiristaanotaa kana yesuus waaqni #tokkichi akka jiru barsiisa jira. Dabalataan waaqni yesuus mataa isaa akka hin taane ibsee jira.

Gaffiin koo kan ani kiristaanotaaf qabu, yesuus waaqa tokkicha eega nama barsiisaa ture isin waaqa sadii barsiisuu Maaliif filattan? Barnoota waaqa sadii kana #eessaa fiddan?

Yesuus akkuma isin jettan yoo ofii isaatiif waaqa ta'e maaliif "Gooftaa keenya"jedha ?
Gooftaan yookiin waaqni waaqa #qabaa?

Dabalataan lakkoofsa 30 ffaa irratti immoo garaa guutuudhaan,Yaada guutuudhaan, jireenya guutuudhaan akka waaqa tokkicha jaallachuu qabus dhaameefi ture.

2. #Wangeela_Yohannis 17:3 irratti " Waaqayyo isa #tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti."

Akkuma keeyyata armaan olii kana irratti argitan yesuus namni jennata yookiin jireenya bara baraa argachuuf ulaagaa lama guutuu akka qaban barsiise;
11.02.202519:19
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒕𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑪𝒉𝒂𝒏𝒏𝒆𝒍 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂 𝑴𝒂𝒓𝒕𝒊 𝑯𝒂𝒂𝒍𝒂 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑭𝒂𝒚𝒚𝒂𝒅𝒂𝒎𝒂𝒂 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑺𝒂𝒍𝒑𝒉𝒊𝒇𝒏𝒆𝒆 𝑱𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑴𝒂𝒕𝒂 𝑫𝒖𝒓𝒆𝒆 𝑩𝒂𝒓𝒃𝒂𝒂𝒅𝒅𝒂𝒂𝒏 𝑨𝒔 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝑭𝒊𝒍𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖𝒏 𝑨𝒄𝒉𝒊 𝑩𝒐𝒐𝒅𝒂 𝑴𝒂𝒕𝒂 𝑫𝒖𝒓𝒆𝒆 𝑭𝒊𝒍𝒂𝒕𝒕𝒂𝒏 𝑮𝒂𝒅𝒊 𝑻𝒖𝒒𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑯𝒂𝒂𝒍𝒂 𝑺𝒂𝒍𝒑𝒉𝒂𝒂𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑫𝒖𝒃𝒃𝒊𝒔𝒕𝒂𝒏𝒊𝒊 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑭𝒂𝒚𝒚𝒂𝒅𝒂𝒎𝒖𝒖 𝑫𝒂𝒏𝒅𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂

𝑰𝒍𝒂𝒂𝒍𝒖𝒖𝒇 𝑩𝒂𝒓𝒓𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒎𝒂 𝑴𝒂𝒕𝒂 𝑫𝒖𝒓𝒆𝒆 𝑺𝒂𝒏𝒂𝒂 𝒀𝒆𝒓𝒐𝒐 𝑻𝒐𝒌𝒌𝒐 𝑸𝒐𝒇𝒂 𝑮𝒂𝒅𝒊 𝑻𝒖𝒒𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑫𝒖𝒃𝒃𝒊𝒔𝒕𝒖𝒖

KUTAA 1FFAA


1, Islaamummaan Kan Injifatamuu Hin Dandeenyeedhaa
2, Amantaan Islaamaa Amantaa Nabi Muhammadiin Eegalamee Miti
3, Iisaan (Jesuus) Gara Samii Ol Fuudhamuu Kutaa 1ffaa
4, Iisaan (Jesuus) Gara Samii Ol Fuudhamuu Kutaa 2ffaa
5, Akkuma Kiristaanonni Jedhan Yesuus Ajjeefamee Jiraa Kutaa 1ffaa
6, Akkuma Kiristaanonni Jedhan Yesuus Ajjeefamee Jiraa Kutaa 2ffaa
7, Gaaffifii Deebii Qur'aana Irraa
8, Allaahaan Eenyu Yoo Siin Jedhan Kutaa 1ffaa
9, Allaahaan Eenyu Yoo Siin Jedhan Kutaa 2ffaa
10, Allaah ergamaa isaa ﷺ faaruu baay'ee guddaa ta'e faarsuun isas qulqulleessee jira
11, Mirga Dubartii Macaafa Qulqulluu Keessatti kutaa 1ffaa
12, Mirga Dubartii Macaafa Qulqulluu Keessatti Kutaa 2ffaa
13, Mirga Dubartii Macaafa Qulqulluu Keessatti Kutaa 3ffaa
14, Yesuusiifii Kiristaanummaa
15, Mata Duree Gurguddoo15 Kan Yesuus Ittiin Waaqa Tahuu Hin Dandeenye
16, Dhuguma Iyyasuus Waaqaa
17, Akkamitti Rabbiin Ta'uu Danda'aa
18, Yesuus Eessaan Waaqa Ta'aa?
19, Barsiisa Iyyasuus Kiristoos Kutaa 1ffaa
20, Barsiisa Iyyasuus Kiristoos Kutaa 2ffaa
21, Iyyasuus Rafeera Garuu Waaqayyo Rafeeraa?
22, Dhuguma Iyyasuus Waaqaa Kutaa 2ffaa
23, Islaama Kiristaanatu Ajjeechaa Ajajaa Qur'aanaa fii Macaafa Irraa
24, Garaagarummaa Waaqayyoo fii Yesuus Kutaa 1ffaa
25, Garaagarummaa Waaqayyoo fii Yesuus Kutaa 2ffaa
26, Garaagarummaa Waaqayyoofii Yesuus Kutaa 3ffa
27, Lubbuu Ajjeesuu fii Balleessuu Eenyutu Ajajaa Quran Vs Bible Kutaa 1ffaa
27, Kitaaba Kaafira Ajjeesuu
28, Toohidaa fii Sillaasee
2
0, Kiristaana Kan Jedhu Maal Irraa Dhufee?
29, Islaamummaan Dhugaadha
30, Waa'ee Tokkichummaa Rabbii Islaamummaa fii Kiristaanummaa Keessatti kutaa 1ffaa
31, Waa'ee Tokkichummaa Rabbii Islaamummaafii Kiristaanummaa Keessatti Kutaa 2ffaa
32, Amantii Kiristaanummaa
33, Yesuus Muslimoota ni Jaallata Garuu Kiristaanota Ni Jibbaa
34, Islaamummaan Loogii Hin Qabu
35, Yesuus Waaqayyoo Qaba
36, Rabbiif Salaatuu Iyyasuus Kiristoos
37, Islaamummaan Amantii haaraa fi kan ergaa bu’uuraa ergamtoota(Raajota)  duraanii balleessuuf dhufe miti
38, Kaabaà fii Muslimoota
39, 𝐐𝐮𝐫'𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐖𝐚𝐚'𝐞𝐞 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐄𝐫𝐠𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐈𝐬𝐫𝐚𝐚'𝐢𝐥 𝐌𝐚𝐚𝐥 𝐉𝐞𝐝𝐡𝐞𝐞?
40, Pheenxee Or Protestant
41, Gaaffii fii Deebii Quraàna Kabajamaafii Macaafa Irraa
42, Utubaalee Islaamaa shanan Macaafa qulqulluu keessatti ...”
43, Islaamummaan Yoom Eegalame
44, Gaaffii Qorannoo Sammuu ofii
45, Yesuus Gooftummaa Eessaa Argàte
46, Anbiyoonni (Raajonni) hundi Muslimoota ta'uu, Rabbii tokkicha gabbaruu fi amantiin Isaanii fi kan hordoftoota isaani Islaamummaa ta'uu akka armaan gadii kanatti ragaan mirkaneessina
47, Nageenya Amantii Kamtu Labsaa
48, Amantiin Kiristaanaa Yoomii fi akkamitti Biyya Itiyoophaa gale? Kutaa 1ffaa
49, Amantiin Kiristaanaa Yoomii fi akkamitti Biyya Itiyoophaa gale? Kutaa 1ffaa
50, Iisaa {Jesus} Ilmi Mariyam Gara Lafaatti bu'iitii Isaa
51, Hawaariyoonni Barattoota Yesuus Turan Muslimoota Turan
52, Gaafiin keenya kan har'aa Seera Lakkoofsaa keessa
53, Kiristaanonni Akkas Jedhuu Yesuus Ani Gooftaadha Na Waaqeessaa Jechuu Baatus Na hin waaqessinaa Hin Jennee
55, Namni Hundi yeroo dhalatu Muslima(Nama fedhinnaa is Rabbiif kennuudha)
56, Seenaa Nabiyyii S A W
57, Dirqiin Kiristaanessuu Marsaa1ffaa(1189_1529)
58, Iisaan (aleyh salaam) Erga bu'ee maal akka dalagu.

Qabxiilee Ijoo Ta'an Kenneen Dubbisnee Share Haa Goonuu!!


Inshaa Allaah Haga Rabbi Nuuf Laaffiseen Itti Fufnaa.

ITTI FUFAA



https://t.me/Rafiiqul_Islaam
31.01.202520:04
Mata Duree Maçaafa Eenyutu Barreesse Jedhu Irratti Immoo

Maarqosiin Eenyutu Barreessee?
Maatiwoosiin Eenyutu Barreessee?
Luqaasiin Eenyutu Barreessee?
Yohaannisiin Eenyutu Barreessee?

Ragaawwan Isaa Sagalee Kana Haa Dhaggeeffannuu!!

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1257
31.01.202504:40
Yesuusiif #aangoo humna fi dandeettii eenyutu kenneef?


Maatiyoos;- 28;18
“ኢየሱስም ደቀመዛሙርቱ ወዳሉበት ቀርቦ እንዲህ አላቸዉ፤ ‹‹ሥላጣን ሁሉ በሰማይና በምድር ተሰጥተኛል፤፤
"Yesuus immoo gara isaaniitti dhiyaatee, “Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera” jedheen.


Kiristaanootni; Yesuus, “waaqa” jedhu. As irratti; Yesuus garuu, #aangoon anaaf kennameera’ jedhe. Aangoo Yesuusiif kan kenne Waaqayyodha. Aangoo Waaqa irraa fudhateen raajii fi dinqii garaa garaa hojjeta. Kana jechuun; Yesuus osoo aangoon Waaqayyo irraa #hin_kennamin dura homaa gochuu hin danda’u jechuudha. Sabani isaas; jechi “Anaaf kennameera” jedhu #baraan daangeeffamaadha. Duraan aangoon akka harka hin turre ibsa. Waaqni uumaa waan hundaa waan ta’eef, aangoon yoomuu kan isaati.

Yesuus osoo waaqa ta’ee, "aangoon naaf kennameera" hin jedhu ture. Aangoon qaba ykn ‘aangoon hundi kooti’ jedha ture. Garuu, inni aangoon akka qaama biraa irraa isaaf kenname ibsaa jira. Yesuus; Waqa yoo ta’e, Waaqaaf aangoo kan kennu #eenyu? Aangoo #kennaa fi aangoo #fudhataatu jira. Yaada lama hin taanee? Macaafuma kana bakka biraati; Yesuus, “An humna kootiin homaa gochuu hin danda’u” jedheera. Kun gargar ta’uu isaanii ibsa.

Kanaafuu; Yesuus ergamaa Rabbiiti. Yesuus nabiyyii Rabbiiti. Yesuus nama Rabbiiti. Yesuus nama filatamaa, Jaallatamaa, kabajamaa dha.




https://t.me/Qoranno_Amantii_Kiristanaa
15.02.202504:07
1. Waaqa tokkicha beekani itti amanuu, dhugoomsu.
2. yesuus ergamaa (Nabiyyii) ta'uu amanuu. Kanatu jennata nama seensisa jedhe. Qabxiin asitti hubatamuu qabu
1. Waaqni fi yesuus qaama tokko akka hin taane
2. Waaqni tokkicha qofa akka ta'ee fi waaqni qaama sadii akka hin taane.
3.Yesuus ergamaa ta'uu beekuun jennata akka nama argachiisu.

3. #Wangeela_Matewoos 4:8-10
"Ammas immoo Seexanni gaara dheeraa tokkotti ol isa baasee, mootummoota biyya lafaa hundumaa, ulfina isaaniis itti argisiisee, "Lafa dhooftee anaaf yoo sagadde, isaan kana hundumaa siif nan kenna" jedheen. Yommus Yesus immoo, "Seexana nana, argaa koo duraa turi! 'Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!' kan jedhu caafameera" jedheen."

keeyyata kana irratti sheeyxaanni yesuus akka too'ate ibsameera. Boqonnaa dhuma kana lakkofsa 4 irratti akka sheyxaanni guyyoota 40 isa rakkise ibsameera.

Akkuma argitan kana lakkoofsa 9 irrattis akka sheyxaanni yesuus isaaf sagaduu yesuusiin gaafate ibsameera. Gaaffiin koo Yesuus yoo akkuma isin jettan waaqa ta'e
1. Akkamitti #seexanaan qormaatama?
2. Guyyoota 40 yesuus seexaanaan #hidhame sana eenyutu Addunyaa kana hoogganaa ture?
Seexanni waaqa aangoo irraa fonqolche jechuu barbaaddan moo akkami?
3. Boqonnuma kana keessatti yesuus guyyoota 40 akka seexaanni nyaata dhowwe dubbatameera.
waaqni ni nyaata? Ni dhugaa?
4. lakkoofsa 10 irratti yesuus Seexaanni akka waaqaaf #sagaduu qabu himeefi ture.

Yesuus akka isin jettan yoo waaqa ta'e Maaliif" waaqaaf sagadi "jedha. Yoo ofii isaatiif waaqa ta'e anaaf sagadi jechuu hin qabu ture. ?

4. #Wangeela_Matewoos 21:18 irratti
"Yesus ganama barii gara mandarichaatti utuu deebi'uu in beela'e. Muka harbuu tokko karaa bukkeetti argee, gara isaatti yommuu gore baala duwwaa malee, homaa irraa hin arganne. Kanaaf mukichaan, "Bara baraan iji si irraa hin argamin!" jedhe; kana irratti harbichi achumaan goge.

Yesuus yoo waaqa dhugaa ta'e akkamitti nyaata? Akkamitti mukni ija nyaatamu dhabuu isii wallaale?
Dabalaatan yoo waaqa ta'e maaliif yeroo mukattii irraa waan nyaatamu dhabes abaare? Yoo waaqa ta'e aabaaruu osoo hin taane yeroodhuma sana akka waan nyaatamu godhattu gochuutu isa fayyada ture.

5. #Wangeela_maatewos 23:9 irratti.
"Lafa irratti nama akka abbaatti hin waammatinaa! Abbaan keessanoo tokko, innis isa waaqa irraa ti.

Keeyyata kana keessatti yesuus akka namni lafa kana irratti nama akka waaqaatti akka gabbaruu hin qabne ibsee jira. Itti dabaluun akka waaqni isaani tokko ta'ee fi akka samii keessa jirus dubbateera.

#Hubadhu jechi "abbaa" jedhu kun akkaataa macaafa qulqulluutti Rabbiin jechuudha malee, Abbaa isa akka dhala nama kana jechuu miti.

Fuula durattis jechoonni kanaan walfakkaatu dhufuun waan maluuf itti dammaqi.

6. Ximotewoos tokkoffaa 2:5 irratti
"Waaqayyo #tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha, inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha.

keeyyata kana keessattis bifa ifaa ta'een waaqni tokkicha akka ta'eefi yesuus immoo waaqaafi nama kan walitti fidu ta'uun isaa ibsameera.
Kanaafu yesuus waaqa jechuun dubbii ragaa hin qabne.

7. #Wangeela_Yohannis 20:17 irratti.
"Yesus immoo, "Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, 'Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessanitti ol nan ba'a' jedhii isaanitti anaaf himi!" jedhee ishee abboome.

Keeyyata kana irraa wanti baratamu.Yesuus akka waaqa qabu. "waaqayyoo koo" waan jedheef. osoo waaqa ta'ee waaqan qaba hin jedhu ture. Isin kiristaanonni mormitanus yesuus eega akka waaqa qabu nuuf hime, nuti dubbii keessan kan ragaa hin qabneef bakka hin kenninu.

8, #Wangeela_Yohannis 5:30 irratti.
"Yesus itti dabalee, "Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu, 'yaada isa ana ergee duukaan bu'a malee.
31.01.202518:16
Sagantaa Adda Tahe kan akkaan namatti tolu kotta seenaa dhaggeeffadhaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam?livestream=060bd1f57d85373dbf
Көрсөтүлдү 1 - 24 ичинде 145
Көбүрөөк функцияларды ачуу үчүн кириңиз.