𝗡𝗮𝗯𝗶 𝗠𝘂𝗵𝗮𝗺𝗺𝗮𝗱𝗶𝗶 (𝗦.𝗮.𝘄) 𝗳𝗶 𝗗𝗮𝗿𝗴𝗮𝗴𝗴𝗼𝗼𝘁𝗮…
𝗦𝗲𝗲𝗿𝗮𝗮𝗻 𝗗𝘂𝗯𝗯𝗶𝘀𝗶 𝗬𝗼𝗼𝗸𝗶𝗶𝗻 𝗨𝘀𝗶.
1. Ofiifuu Dargaggoo Turan. dargaggoota Jaalatus.
2. Namoonni isaan hordofan hedduun dargaggoota turan.
3. Ijoollee fi dargaggeeyyii cinatti dhiibanii bira dabranii hin beekan.
4. 𝙐𝙨𝙖𝙖𝙢𝙖𝙖𝙝 𝙄𝙗𝙣𝙪 𝙕𝙚𝙚𝙮𝙙 umrii waggaa 17tti hoogganaa waraanaa godhanii muudan.
5. 𝙈𝙪’𝙖𝙖𝙯 𝙄𝙗𝙣𝙪 𝙅𝙖𝙗𝙖𝙡 Umrii waggaa 27tti bulchaa biyya Yaman ta’ee Muudame.
6. Nabi Muhammad (S.A.W) ifa abdii boruu dargaggoota keessaan ilaalaa ofitti qabanii barsiisaa fi qopheessaa turan.
7. 𝐌𝐮𝐬’𝐚𝐚𝐛 𝐈𝐛𝐧 𝐔𝐦𝐞𝐞𝐲𝐫, ambaasaaddara islaamaa jalqabaa ta’ee Nabi Muhammadiin (S.A.W) kan filatame dargaggeessa ture.
8. 𝐈𝐛𝐧𝐮 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚𝐬 (r.a) gaafa Rasuulli du’an, ijoollee umrii 13 ture, waggoota muraasa booda garuu, Umar Ibnul Kaxxaab (R.a) gara Aangootti dhufe. Ibnu Abbaasiin walgahii Gurguddaan ummataa taa’u walakkaa kaa’atee wajjiin mari’ataa ture.
9. Gaafa Rasuulli Hijraa irra turanitti namni qooda guddaa taphate dargaggeeyyiidha ( 𝗔𝘀𝗺𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗔𝗯𝗱𝗮𝗹𝗹𝗮𝗮𝗵). Nyaataa, dhugaatii fi odeeyfannoo dhiheessuudhaan)
10. Ajajoonni waraanaa Biyyoota akka Iiraaqi, Pershiyaa, Misri, Biyyoota Afrikaa Kaabaa fi Ispeeniin Harka kennachiisanii too’atan hedduun isaanii Umriin isaanii waggaa 40 gadi.
11. 𝗠𝘂𝗵𝗮𝗺𝗺𝗮𝗱 𝗜𝗯𝗻 𝗤𝗮𝗮𝘀𝗶𝗺 gootni haga biyya Indiyaa dhagee magaalaa Sind qabate, dargaggeessa Umrii waggaa 17 ture. Ajajaa waraanaati.
12. Nabi Muhammad (S.A.W) dargaggoota ofitti maxaqsanii wajjiin bobbahaa turan. Tuffatanii yookiin Umriin isaanii hin geenye jedhanii ofirraa hin fageessine.
𝗪𝗮𝗹𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗗𝗵𝗶𝗵𝗲𝗲𝗻𝘆𝗶 𝗡𝗮𝗯𝗶 𝗠𝘂𝗵𝗮𝗺𝗺𝗮𝗱 (𝗦.𝗔.𝗪) 𝗱𝗮𝗿𝗴𝗮𝗴𝗴𝗼𝗼𝘁𝗮 𝘄𝗮𝗷𝗷𝗶𝗶𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗮𝗻 𝗸𝗮𝗻𝗮𝗮 𝗼𝗹𝗶, 𝗡𝘂𝘁𝗶 𝘀𝗮𝗯𝗮𝗯𝗻𝗶 𝗸𝘂𝗳𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗿𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝘄𝗮𝗹𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗳𝗮𝗴𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗿𝘂𝘂𝗳, 𝗱𝗵𝗮𝗹𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗼𝗳𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗾𝗮𝗯𝘂𝘂 𝗾𝗮𝗯𝗻𝘂 𝗼𝗳𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗺𝘂𝗿𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗿𝗮 𝗻𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝗸𝗸𝗮𝗮𝘁𝗮.
𝗝𝘂𝗺’𝗮𝗮 𝗚𝗮𝗮𝗿𝗶𝗶 𝗤𝗮𝗯𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮.
👇
!
Maatii keenya tahuu hin dagatinaa
━━━━━❍✰ ✰❍━━━━━━
@muee_baale1
━━━━━❍✰ ✰❍━━━━━━