Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Лачен пише
Лачен пише
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Лачен пише
Лачен пише
Boqonnaa Sammuu💻🕋📡💿 avatar
Boqonnaa Sammuu💻🕋📡💿
Boqonnaa Sammuu💻🕋📡💿 avatar
Boqonnaa Sammuu💻🕋📡💿
Reposted from:
Laailaha ilallah. avatar
Laailaha ilallah.
04.05.202515:02
Madaa kee gara ogummaatti jijjiiri."

@laailaaha_illalaah1
25.04.202518:27
Kanan dubbiserraati mee itti bohaara #Zimbaabuwee keessatti osoo saamicha baankii irratti raawwataa jiruu, saamtuun baankii kun nama baankii keessa jiru hundaan: "Hin socho'inaa. Maallaqni kan Mootummaati. Jireenyi kee kan kee ti." jedhee akeekachise.

Namoonni baankii keessa jiran hundi callisanii ciisan. Kunis "Mind Changing Concept (Yaada Sammuu Jijjiiru) " jedhama, Akkaataa yaada barame jijjiiruu.

Giiftiin tokko haala miira nama kakaasuun minjaala irra yeroo ciiftu saamtuun sun: "Maaloo qaroomi! Kun saamicha malee gudeeddii miti!" jedheen.

Kunis "Being Professional (Ogeessa Ta'uu)" jedhama. Waan leenjifamte qofa irratti xiyyeeffadhu!

Saamtonni baankii yeroo gara manaatti deebi'an saamtuun quxisuun saamtuu isa angafaan "Obboleessa guddaa, maallaqa meeqa akka arganne haa lakkoofnu" jedhe.

Saamtuun angafaa akkana jedhe: "Ati baay'ee gowwaadha."

Maallaqni baay'ee waan ta'eef lakkaa'uuf yeroo dheeraa nutti fudhata. Halkan kana oduun TV hangam akka baankii saamne nutti hima!"

Kunis "Experience (Muuxannoo)" jedhama. Yeroo ammaa kana gahumsa waraqaa caalaa muuxannoon barbaachisaadha!

Saamtonni erga deemanii booda hogganaan baankii kun supparvaayizara baankii sanatti dafee poolisiitti akka bilbilu itti hime. Garuu supparvaayizarichi: "Turii altakka! Doolaara miiliyoona 10 baankii keessaa ofii keenyaaf baafannee, doolaara miliyoona 70 kan kanaan dura baankii irraa saamne sanatti daballa" jedheen.

Kunis "Swim with the tide (Dambalii wajjin sochoo'i) " jedhama. Haala mijataa hin taane gara faayidaa keessaniitti jijjiiruu!

Suppervaayizarichi akkas jedha: "Ji'a ji'aan saamichi yoo jiraate gaarii ta'a."

Kunis "Killing Boredom (Nuffi Ajjeesuu)" jedhama. Hojii kee caalaa Gammachuun Dhuunfaa barbaachisaa dha.

Guyyaa itti aanutti oduun TV akka gabaasetti doolaarri miiliyoona 100 baankii irraa fudhatame.

Saamtonni irra deddeebi'anii lakkaa'anii lakkaa'anii, garuu doolaara miiliyoona 20 qofa kan isaan argatan. Saamtonni kun baayyee aaranii akkas jedhanii komatan: "Lubbuu keenya balaaf saaxillee doolaara miiliyoona 20 qofa fudhanne. Hogganaan baankii doolaara miiliyoona 80 fudhate . Hattuu ta'uu caalaa barachuun wayya fakkaata!" jedhe.

Kunis "Knowledge is worth as much as gold! (Beekkumsi hamma warqee gatii qaba!)"

Haala kana hunda booddee Hogganaan baankii fi supparvaayizarri hundi isaanii kolfaa fi gammadaa jiru!!

Credit: Mandara Linkedin Irra

@boqonna_sammuu qaabaadha.
25.04.202514:49
Miirota Sadan kanarraa of Eeggadhu!
==============================
1. Gaafa ol kaatee fiixee milkaa'innaatti ol baate, boona qalbii irraa of eeggadhu,boonni namoota sadarkaa milkii keetirra hin gahin akka ija tuffiitiin ilaaltu si taasisa sun immoo sis namoota sanas ni cabsa.

2. Yeroo bakka gad-aanaarra jirtu hadheeffattee alaanaluu irraa of eeggadhu. Waa hadheessanii, dukkaneessanii ilaaluun, akka miirri inaaffaa si seenuufi sababiin milkaa'ina dhabuu keetii akka nama biroo ta'etti akka yaaddu si taasisa. Kun ammoo humna kee buusa.

3.Yeroo jireenya kee keessatti gadi bu'uuf kufaatiin si muudate abdii kutachuu irraa of eeggadhu. Abdii kutachuun akka wanti hundi asumarratti dhaabbatee,Kun hiree jiruu kiyyaati jettee akka yaaddu si taasisa. Gonkumaa abdii hin kutin.

~ Neelsan Maandeellaa~Advice
24.04.202508:17
Hundeen dilii dalaguu garbootaa dhimma lama irraa dhufti; makhluuqarra waa barbaaduuf jecha isaaniif qalbii isaa garboomsuu fii injifatee isaanirratti ol tahuu jaalachuudha. Kan jalqabaa agarsiifachuu yoo ta'u inni khaan boona. Ibaadaa rabbiif ﷻ qulqulleeysuu fii waan inni jaalatu irratti isaan gargaarsifachuun namarraa deebifamu. Kanaani qalbii isaa laalcha makhluuqaa irraa of qulqulleeysee garaagarummaa isaa fii makhluuqa jidduu jirtuun dagamuurraa of baasa.»ღ

Sheikhunal Osaimi Hafizahullaah
Shawal 25,1446H
20.04.202519:56
Saayikooloojiin amala namaa bakka gurguddaa sadiitti qoodee kaa'a!

1. #Passive_person

Namni kun yeroo hundaa
moo'amaadha, waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf
ta'u adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha. Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa. Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha.

2. #Aggressive_person ⛤⛤⛤⛤⛤

Namni akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baay'isa, yaada nama biraa hin qooddatu, ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffatee.

Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu. Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu. ★★★Hiriyaa akkasii sirraa haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa.⛤⛤⛤hanga ati sagalee qabdu qofa si kabajaa ★★Irraa isin haa baraaruu!!!!!!!

3. #Assertive_person !

Nama sammuu banaa qabu (open minded person), yaada nama biraa
giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf ta'u adda baasee keessaa
gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka. Namni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa
qophaa'aadha. Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata.
Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasa'aan isaa ogummaan kan guutameedha. Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra
hojiidhaan agarsiisuu filata. Namni sirriin isa kana.


By piroofeeseer Miratu Shanqoo

#Dhaamsa_Hayyuu

"Namaa Dinqisifadhu "professor miratuu shanqoo🙏
Reposted from:
Ibn Abbas Academy avatar
Ibn Abbas Academy
20.04.202503:47
Tafsiira Suurat Alkah Darsii 1ffaa hordofaa:
https://t.me/markazibnabbas?livestream=aa5ad1b72cf24c493c
27.04.202517:40
𝐂𝐡𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚𝐥𝐢𝐢 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐮𝐮?
What channels do you want?
ምን አይነት ቻናል ይፈልጋሉ?

Namoonni Channel Keessan Keessa Irratti Admin naaf kennitannii keessa Hin Jirre Keessaan Na Qunnamaa.

Free Waver: @Rafiqul_Islaam
Reposted from:
Oduu Geda avatar
Oduu Geda
25.04.202518:08
Jiraattonni aanaa Kiiramuu hidhattoota Faannoodhaan erga qe'ee isaanii irraa buqqa'anii bubbulaniiru. Uummanni aanichaa guutummaan qe'ee irraa buqqa'uu qofa osoo hin taane qabeenya isaas saamamaa har'a gahe.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/AdTlj0x
Reposted from:
Amar Temam avatar
Amar Temam
24.04.202520:44
Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun
*****
Rabbi waan shahi*idummaa kee sirraa haa qeebalu.
''Yoon du'e du'a salphaa hin du'u, haqa ummataafi biyya koo 🇵🇸 kanaaf qabsaa'een wareegama Inshaa Allaah'' osoo jettuu Rabbiin niyyaa isii guuteefi.

Gaazexessituu Faaximaa Hassawnaa gaazexessitoota Gaz💔zaa 🇵🇸 jajjaboo qabsoon haqaafi Rabbiif jecha jiraachuun hafuura jireenya isaanii ta'eef keessaa isii tokko.

Hammeenya warreen dhihaa gamaa gamanaa wal waamanii Gaz*- 💔 zaatti raawwatan faana bu'uun akka adduunyaan argu gochaa kan jiran keessaa tokko isii ture.

Oduufi odeeffannoon dabalataatti gabaasaaleen isiin bifa fiilmii dokumantariitiin qopheessitu waltajjiiwwan festivaala agarsiisa fiilmii gurguddoo irratti baay'ee beekamoodha.

Yakka isaan hojjatanii dhoksan (hanga adda waraan*aatti) faana bu'uun suuraafi suur-sagalee/video dhaan ragaa gahaa qindeessuun akka aalmni argu gochuu keessatti Faaximaan shamarree hojii guddaa hojjataa turteedha. Madda gabaasa keenya baay'ees turte.

Akkuma jette du'a salphaa hin duune. Diinni halkan bo*om*bii darbachuu gootummaa se'u maatii isii waliin halkan hirribaaf gadi ciisanitti abbaa warraa isii kan dhiheenya kana waliin cidha godhatanii bultii waliin ijaarratan dabalatee miseensota maatii kudhan waliin gama fuula Rabbii adeemani. Rabbi rahmata haa godhuuf.

© #Amar_Temam
https://t.me/amartemam1133
23.04.202518:27
..

Boru Khamisadha.... isin yaadachiisuudhumaafi Inshaa Allah ni soomna mitiii💫🤗

..
20.04.202519:45
👉Seenaa ajaa'ibaa tana itti dhihaadhaa dubbisaa!!.👇❤️‍🩹🫂
-------------------------------------------------------------------
⛂oowfi Ibn maalik ergamaa rabbiittiﷺdhufee Ni jedheen yaa ergamaa rabbii mucaan kiyya ""maalik"" isin waliin deemee ture lola ykn jihaada ((karaa rabbii irratti qabsaahuuf)) garuu hin deebinee maaltu isa mudate laata jedheen??
Jeeshiin/waraanni/ muslimootaa deebihee dhufee jira maalik《r a 》garuu hin deebine Mee maal goona je'ee ergamaa rabbiitti himatte:-

Ergamaan rabbiiﷺ akkana jedheen yaa oowfi atii fii haatti manaa tee jecha laa ""Howla walaa quwwata illaa billaah"" jechuu heddummeessa jedheen Nabiin

⛂Oowfi achumaan gara haadhaa manaa isaa deeme~= akkana jetteen haadhi mana isaa ergamaan rabbiiﷺ maal siif laatan fuurmaata yaa oowfi jennaana.. dhaamsa anaafi ati jechuu qabnu naaf dhaaman jedheen innis =--Laa howla walaa quwwata illaa billaah je'een""

⛂waan jette ilaalaa dubartiin mu'uminaa tan obsa qabdu tan qaamaaf qalbiin islaamummaa qabatte rabbiif rasuulatti amantee hidhatte dhugaa siin, jedhee jetten ergamaan rabbiiﷺ

⛂ taa'anii jecha 👉Laa howla walaa quwwata illaa billaa""
Jechuudhaan rabbii zakkaruu eegalan:- halkan keeysaa hulaan dhahame owfin ka'ee bane kan dhufee hulaa dhahe mucaa isaanii maaliki maalik sunuu haala addaatiin dhufe qabeenyaa waliin dhufe re'ee loon oofee""

⛂Abbaan ni gaafate maal akka isa mudate?? akkana jedhee deebiseef maalik abbaa isaatiif aduwwiin /diina/ nu qabee nu booji'ee

⛂saansalata sibiilaatiin harkaa fii miila nu hidhanii yeroo halkan fagaate hadiida ofirraa hiikun hin taanee oson ani hin beekin anarraa hiikkate harkaaf miila kiyya keessaa baafadhee dhufe kunis qabeenya mushrikotaati jedheen


⛂Ni gaafate abbaan yaa ilma kiyya nuhiifii aduwwii gidduu karaan dheerataadha akkamitti halkan takkaan murtee dhufte jedheen

⛂Wallaahi yaa abbaa yeroon saansalata keessaa bahu achumaan akka waan maleeykaan na baatee nafideetii jedheenAbbaa isattin..yaa obbolleyyanAkkiira mee dubbii tanna ga
19.04.202520:49
Reposted from:
Oduu Geda avatar
Oduu Geda
27.04.202507:36
Finlaand walitti fufiinsaan waggoota saddeetiif 'biyya akka addunyaatti gammadduu taate' jedhamuun sadarkaa tokkoffaa qabatteerti.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/s05LSny
Reposted from:
Oduu Geda avatar
Oduu Geda
25.04.202518:07
Barattee baatee hojii dhabeen taa'a kan jedhu yaadee hin beeku kan jettu Eebbiseen, beeksisa hojii bahu baayyee iyyattus hanga ammaatti kan ishee wame akka hin jirre dubbatti.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/WdkZXn8
24.04.202509:23
Sammuun kee dirree waraanaa ti—ajajaa isaa ta’i malee loltuu isaa hin ta’in.

@boqonna_sammuu
22.04.202519:21
Dhukkubbiin gosa adda addaattu jira kan yeroo onneen kee boossu ijji kee hin boonne.

━━━━━━━━━━━
@boqonna_sammuu
16.04.202514:39
Umar ibnu Abdulaziiz Gaaftokko abbaa kiyya
Manaamaaniin argge isaa Akhaakhilttiilee keeyssa dhaabbatu
Akkasittiin gaafii takka gaafadhe
Yaa abbaa dalagaa ati amma dura daleeydde keeyssaa
Tan irra caalttu tam gartte ?
Abbaan isaa istighfaara ja een

Rabbiin is tighfaara godhuu nuuf haalaaffisu

‏[شرح البخاري لابن بطال٧٨/١٠].
✍️M.A
26.04.202519:34
🌹بسم اَللَّهِ اَلرَّحْمٰنِ اَلرَّحِيمْ
اَلْحَمْدُلِلَّهِ رَبٌِ العاَلَمِين ثم الصلاة والسلام على اشرف المرسلين خليلنا محمد وعلى آله وصحبه أجمعين
✍🏾#KEYRIMAAFI.....
🌸Ibnul jawz Rahimuhullaah seenaa asiin gadii tana kitaaba isaanii keessatti barreessan.....
🍂Gaafa tokko motummaa tokkotu ture firaafiree osoo nyaatuu akka tasaa harka isaa albeedhaan mure if miidhe...dhiigni isarraa dhangala'e...sana booda ministera tokko qaba ture ministerichi kun yeroo heddu wanni rabbi fedhe keyrimaafi jechuu tana heddumeessa ture.ammallee gaafa motummaa isaa harki miidhame #keyrimaafi jedheen..
🤴Harki kiyya miidhamee osoo agartu #keyrimaafi jettaa😡?!.. jedhee aangoo isaatirraas akka bahu mana hidhaa keessattis akka darbamu ajaje😢...sana booda mana hidhaa geessuuf weyta qabaniin ammallee #keyrimaafi jedhee deeme.
🤴Gaaf tokko mutummaan kun gadi adamsaadhaaf gadi bahee...osoo deemuu karaan jalaa badee deemsa itttuma fufe deebi'uu dadhabee karaa hedduu deeme, osoo deemuu warra ibidda gabbaran(majuusatti)dhufe.jarri kun akkana jedhanii walii galan ture jalqaba nama nutti dhufee gabbaramaa keennaaf gorraana jedhanii walii galan...booda ,ootummicha qabanii gorra'uuf yemmuu jedhan quba isaa kan murame arganii...Aaah kuni rabbii keennaf hin tahu qaama guutuu miti jedhanii dhiisaniin....booda mootummaan kun gammadee jechi ministerri jedheen dhugaa tahuu hubatee gara mana hidhaa deemee akkana jedheen...
🤴Ministeera koo dhugaa jette harki kiyya muramuun keyrimaafi akkanatti du'a na oolchite jedhee waan isa mudate himeef....
🤴Garuu ati gaafa mana hidhaa si geessuuf deeman #keyrimaafi jettee mee maal keyrii qaba hidhamuun kee jedheen...?!!
👳‍♂Minesteeris...motummaa koo osoo hidhamuu baadhee si wajji deemee harka kee muramuu yoo argan ana kan qaama guutuu qabu qabanii na gorra'u ture jedheen.....

🫶HUNDUU KEYRUMAAFI...ABSHIR

Share

@boqonna_sammuu
25.04.202517:52
@Boqonna_Sammuu
24.04.202508:27
Namnii jechi koo dhumaa @laailaaha_illalaah1 haata.u jetta. Chaanali kana #join gldhaa @laailaaha_illalaah1
22.04.202518:01
"Jaalalli dhugaa haala hin eegne keessatti mul’ata. Yeroo rakkinaa fi gammachuu wal bira dhaabbachuun, jireenya bareedduu ijaaruu danda’a. Namni si jaalatu yeroo hunda si bira ni jiraata!"
@Boqonna_sammuu qaabadhaa
20.04.202509:25
Kufaatiin mataa isaatiin waan hamaa miti, garuu irraa barachuu dhabuun sababa hin qabu.

—Alison Levine ━━━━━━━━━━━
@boqonna_sammuu
16.04.202514:37
Karaa keessa dabartetti qoree hin facaasin maaltu beeka miila qullaa kessaa deebi.uu dandeessa. 

————————

@boqonna_sammuu
Shown 1 - 24 of 54
Log in to unlock more functionality.