Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
FI

Fafirruu ilallaah

TGlist rating
0
0
TypePublic
Verification
Not verified
Trust
Not trusted
Location
LanguageOther
Channel creation dateFeb 06, 2025
Added to TGlist
Feb 06, 2025

Latest posts in group "Fafirruu ilallaah"

➡️BEEKUMSA:
💌 Beekumsi humna siif kenna.
💌 Beekumsi qabaa barbaada.
💌 Beekumsi akkaataa qabataa wallaalan burqaa oftuulummaan irraa maddu ta'a.
•••
💡 Amalli gaariin kabaja siif kenna.
🥇 Amalli gaariin waan si hin madaalle si tuffachiisa.
🥈 Amalli gaariin gorsee si deebifata.
🥉 Amalli gaariin milkaa'ina biraan si gaha.
✉️ Amalli gaariin akka ati of sirreessitu sitti hima.
➡️ Amalli gaariin Obsa Qabaachuu si barsiisa!

🔵 Amala Gaarii
           ⇣
 🔵 Beekumsa
           ⇣
 🔵 Naamusa Gaarii
           ⇣
 🔵 Obsa
           ⇣
 🔵  Hubannaa
           ⇣
 🔵 Gaarummaa
           ⇣
 🔵 Dandeettii
          
@Fafirruu_ilallaah
Ibnul Qayyim Akkas jedhan!
Lubbuu tee dhugaa hadhooftuu irratti cichuu yoo hin barsiisin,dhara dubbachuu leenjitii beeki,qalbii tee jaalala Rabbii gonfachuu yoo hin barsiisin,jibba namaa muuxannoo godhattii beeki,arraba kee zikrii Rabbiitiin yoo hin sakaalin,hamii irratti bobba’ee jiraataa beeki”jedhan.

Eeeee
Namni hunduu oolmaa isaa fakkaata,inni sadaa Rabbii qalbii keessa kaahate,inni dhugaa liqimsuu leenjii godhate,inni badii ufiitiif dhiifama gaafatuuf mamii hin qabne,muuxanoon jiruu isaatiifi leenjiin isaa karaa sirriifi haqaa irra turee hubadhu.

Yoooo
Manni baldhaan sammuu keeti,qabeenyi guddaan qalbii teeti,tasgabbiifi jaalalli arraba kee keessa jiraa daawwadhu.

@Fafirruu_ilallaah
Bismillahi Arrahman Arrahiim
الحمدلله رب العالمين والصلاه والسلام على اشرف المرسلين سيدنا محمد وعلى آله وصحبه أجمعين

🍂Salaanni manjafiqada nama rabbitti amaneeti....
Namni makiinaa fudhatee imaltuu bahu tokko yoo waraqaa hayyamaa hin qabaatin....keellaa bahu hin danda'u..
🍂Keellaa #aakiraa taruufis salaata qabaatuun barbaachisaadha.
🍂Beeki....!
♡ Salaanni hirre si jalaa facaate walitti qabdee sii fiddi.
♡salaanni raahaa fi gammachuu jiruu duniyaati.
♡salaanni fayyaa tee sii tiisiti.
♡salaanni gara rabbiitti gabricha dhiheessiti.
♡Salaanni waan jalqaba guyyaa qiyaamaa irraa gaafatamnu.
♡Salaanni darajaa ol nama fuuti.
♡Salaanni qulqulleessituu qaamaa qalbiiti.
♡Salaanni ibsituu fuulaati.
♡salaanni nama dhoorgiti shiraa fi sharrii namatti yaaduu... hamtuu fi waan fofokkattuu dalagurraa.
♡salaanni Utubaa islaamummaati( ﷴﷺ)
🍂Gaaf tokko ergamaan rabbii salawaatu rabbii wa salaamuhuu aleyhi akkana jedhanii sahaabaa gaafatan:-
"mee naaf himaa osoo lagni bishaanii mana keessan dura yaa'ee guyyatti yeroo shan irraa dhiqattanii, xuriin namarratti ni hafaa? ! Jedhaniin....
"hin hafu" jedhan sahaabonni
ergamaan rabbiitis kuni fkn salaata shananiiti jedhaniin
🍂Akkuma yoo bishaan mana kee jala yaa'u guyyarraa shan dhiqattee xurii sirratti hin hafne... salaata shanan ati salaattuun ma'asiyaan tee dhiqamti jedha rasuulli rabbii ﷺ
🍂salaanni ma'siyaa kee siif dhiiyxi....
♡Namni salaata hin qabne fuulli isaa gurraacha'ee qalbiin isaa ajoofti.
♡Rizqii isaatu harkaa baraaxaya.
♡tasgabbii dhaba., jiruu gammachuu hin jiraatu

Salaanni teenna kana hunda nuuf tahaa jirtii garuu.....?!

share👇👇

@Fafirruu_ilallaah
Jireenya namoota biroottii gonkumaa murteessuu hin dandeenyu. Sababiin isaas, tokkoon tokkoon namaa dhukkubbii fi rakkoo mataa isaa qofa beeka. Karaa sirrii irra akka jirtu sitti dhaga'amuun waan tokko, Garuu kan kee qofa sirrii akka ta'e yaaduun waan biraati.

                    #Pawlo_Colleho
Hiriyaa isii muslimaa Islaamummaa irraa deebisuuf osoo jettuu ofii isiitiifuu namoota 1000 waliin Islaamummaa fudhatte
~~~
Dubartoonni muslimaa gabrummaa jala jiru jedhee waanin yaadaa tureef qorannoo isaan irratti ergan gaggeessaa turee boodan ofii koofiyyuu islamummaa fudhadhe, namoonni 1000 ol harka koo irratti Islaamummaa fudhataniiru, maatiin koo guutuunis amma muslima, mana jireenya kootis gara giddugala Islaamaatti jijjiireen yeroo ammaa muslimoonni kuma 50 ol keessatti barataa jiru.

''Islaamummaa holola oofamuun osoo hin taane dhugaa barbaaddee qorattu hubatta'' jetti Dubartiin jabduun kun.

Lammii Beeljiyeem kan taate shamarreen umrii 27 Veeroonikaa Kuuls/Veronique Cools waggoota 8 darban keessatti namoonni 1,000 ol gargaarsa Allahaatiin harka isii irratti Islaamummaa fudhataniiru.

Veeroonikaan sababa hijaabaafi kkf irraa ka'uun dubartoota muslimaa irratti dhiibbaan raawwataamaa jira, gabrummaa jala akka jiranittis yaadaa turte. Kanuma irraa ka'uun hiriyoota isii dubartoota muslimaa irratti qorannoo gaggeessuuf kaate. Kanumaanis waa'ee Islaamummaa qorataa erga turtee booda amantaan dhugaa Islaama ta'uu hubachuun Islaamummaa fudhatte, muslima taate.

Veeroonikaan kana qofaan hin dhaabbanne, mana jireenyaa isii gara wiirtuu Islaamaa kan Muslimoonni Beeljiyeem waa'ee amantii isaanii keessatti barataniitti jijjiirte. Itti fufuun maatii isii waa'ee Islaamummaa erga barsiiftee booda guutuun maatii isiis Islaamummaa fudhatan.

Giddugalichi yeroo ammaa miseensota 1,000 ol kan qabu yoo ta'u, irra caalaan isaanii ammoo dubartoota biyyattiiti. Haaluma walfakkaatuun ammoo giddugalli kun yeroo amama giddugala wiirtuu barnoota islaamaa kan muslimoonni kuma 50 ol ta'an itti tajaajilamaa jiraniidha.

Obboleettii koo Rabbiin si haa tiksu, duuniyaafi aakhiraa si haa milkeessu, kan akka keetiis nuuf haa baay'isu

© @Fafirruu_ilallaah
@Fafirruu_ilallaah
‎Amala Namaa Sadan
‎Saayikoloojiin Amala Namaa Bakka Gurguddaa Sadiitti Qoodee kaa’a

‎1. ✍️Nama Suutee (#Passive Person)
‎#Namni kun yeroo hundaa moo’amaadha,waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha.Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa. Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha.

‎2. ✍️Nama Ofittoo (#Aggressive Person)
‎#Namni akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baay’isa, yaada nama biraa qooddatu,ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffata.
‎ Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu.Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu. Hiriyaa akkasii sirraa
‎haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa.hanga ati sagalee qabdu qofa si kabajaa Irraa isin haa baraaruu!!!!!!!

‎3. ✍️Nama sammuu banaa qabu (#open minded person)
‎#Yaada nama biraa giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee keessaa gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka.Namni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa qophaa’aadha.
‎ Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata.Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasa’aan isaa ogummaan kan guutameedha.Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra hojiidhaan agarsiisuu filata. Namni sirriin isa kana.


‎#Yeroo Gaarii isiniif Hawwina!
Gorsa jireenya Albert Einstein xalayaa mucaa isaatiif barreesseen, Eduard: “Jireenyi akka biskileetii oofuuti. Madaala kee eeggachuuf, deemsa kee itti fufi. ” ”

@Fafirruu_ilallaah
AKKAMITTI OF KABAJJA?

(1) Kan si hin barbaanne barbaaduu dhiisi.

(2) Nama akka keetii Kadhachuu dhiisi.

(3) Waan barbaachisu caalaa dubbachuu dhiisi.

(4) Namoonni yeroo si hin kabajne hatattamaan isaan dura dhaabbadhu.

(5) Nyaata namoota biroo kan kee nyaatan caalaa hin nyaatin.

(6) Akkaataa namoota tokko tokko itti daawwattu hir'isi, keessumaa yoo isaan deebii hin kennine.

(7) Ofii kee irratti invast godhi. Of gammachiisi.

(8) Waa'ee namoota biroo oduu bashannansiisuu dhiisaa.

(9) Dubbachuu kee dura yaadi. Namoonni akkamitti akka siif iddoo guddaa kennan keessaa %80 waan afaan kee keessaa bahudha.

(10) Yeroo hunda waan gaarii fakkaadhu. Akkaataa itti dubbatamuu qabutti uffadhu.

(11) Nama galma ga’iinsa argatu ta’i. Kaayyoo kee irratti bobba'i.

(12) Yeroo kee kabaji.

(13) Hariiroo kabajaa fi gatii akka sitti hin dhagahamne keessa hin turiin. Achi irraa fagaadhaa.

(14) Maallaqa ofii keetii baasuu baradhu. Namoonni akkasitti baasii siif baasuu ni baratu.

(15) Yeroo tokko tokko hanqachuu.

(16) Fudhataa caalaa nama kennu ta’i.

(17) Bakka hin afeeramne hin deeminaa. Yeroo affeerramtan immoo simannaa keessan caalaa hin turinaa.

(18) Namoota haala isaaniif malutti sirriitti ilaali.

(19) Maallaqa si irraa qaban malee yaaliin bilbilaa lama gahaadha. Yoo gatii siif kennan battalumatti siif bilbila .

(20) Waan hojjettu irratti ga’aa ta’i. Waan hunda caalu ta'i.


@Fafirruu_ilallaah
🗣️ "Qarshii Hamma Barbaadde Irratti Barreeffadhu!" Billionaire Bill Gate
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Guyyaa tokkodha gaazexeessituu tokkotu Duureessa Addunyaa kanaa kan ta'e Bill Gate waliin af-gaaffii (interview) gooti. Gaazexessitittiin gaaffii ishee keessatti, "dhoksaan fiixaan ba'insa keessanii maaliidhaa?" Jettee isa gaafatti.

Duuressi kunis gaazexeessituu kanatti check qullaa itti kennee, "qarshii hamma barbaadde irratti barreeffadhu" ittiin jedha. Isheenis, akka nama fedhii hin qabneetti check sana ofirraa dhiibaa, "lakki ani akkas jechuu barbaadeen miti,  dhoksaan fixaan ba'insa keessanii maal akka ta'e isin gaafachuu barbaadeeni" jetti.

Bill Gate ammas irra deebiin check kana itti kennee, "qarshii hamma barbaadde irratti barreeffadhu" ittiin jedha. Isheen garuu ni didde. Duureessi addunyaa kun check kana itti argisiisaa, "dhoksaan fiixaan ba'insakoo carraa amma akkan siin si qaqqabee kana otuu of jalaa gubiin itti fayyadamuukoodha, dhoksaan milkaa'inakoo carraan argadhe hundaasaatti fayyadamuukoodha.

Otuu ati carraa amma siif kenname kanatti fayyadamte, silaa yoona kana gaazexeessituu duureetti addunyaa kanaa ta'uu dandeessa ture. Ani carraa laman siif kenne. Addunyaan kun carraa lama namaaf hin kennitu, carraa tokkittii si qaqqabeen itti fayyadamuun dhoksaa fiixaan ba'umsaati" ittiin jedhee

Bill Gate gaazexeessituu sanaaf carraa lama kennee ture isheen garuu itti hin fayyadamne. Otuu itti fayyadamtee silaa akkuma inni jedhe dureettii addunyaa kanaa taati ture. viv Tadele Fekadu TD

Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a Jijjiirama jireenya dinagdee keessatti wanti hundumtuu xiqqaa irraa jalqaba.
@Fafirruu_ilallaah
@Fafirruu_ilallaah✅
Qottoo kee qaradhu!

Namicha muka muruuf hojiif qacarame tokkotu, akka qacarameen hojii guyyaa guutuutti muka muruun kaffaltiin isaa immoo baay'ina muka muruun ta'uusaa hojjechiisaa isaa waliin walif galuun guyyaa jalqabaa muka gudguddaa kudhan (10) muree kaffaltii isaas fudhatee gammadaa manatti gale. Guyyaa lammaffaa muka saddeet (8), muruun, guyyaa sadaffaatti, muka shan (5)guyyaa afuraffaffaatti muka afur (4) guyyaa shanaffaatti muka sadii (3) guyyaa ja'affaatti muka lama (qofa) muruun hedduu ofitti aaree, abdiisaa kutatee guyyaa ja'affaatti hojii isaa dhiisuuf murteessee nama isa qacaretti hima.

Namicha muka muru:- "Hojii kana borii kaasee
dhaabeera."

Hojjechiisaa:- "Maaliif dhaabda? Maal taate?"

Namicha muka muru:- "Humnan muka muruuf baasu kan guyyaa jalqabaa caalaa jabeessaa adeemus, lakkoobsi muka ani guyyaatti muruu hedduu gadi bu'aaf hir'ataa dhufe.

Hojjechiisaa:- "Yeroo muka murtee xumurtee galtutti qottoo kee qartee beektaa?

Namicha muka muru:- "Lakki"

Hojjechiisaa:- "Qottoo doomaan muruuf yaalaa maaf nama komattaree? Rakkoon kee isa ta'uu mala jedhaan"

Namicha Muka Muru:- " Tole" jedhee gaafa qottoo qarachuun muru muka hedduu mure jedhama.

Mee Seenaa kana irraa maal barattu??

@boqonna_sammuu
Waan takka yoo hin feene jijjiiri, jijjiiruu yoo hin dandeenye ilaalcha Waan saniif qabdu jijjiiri.
@Fafirruu_ilallaah
Jireenya Jiraattu Keessatti Wanti Hubachuu Qabdu Jira.📌
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
#1ffaa: Yeroo hundumaa abdii haaraa fi gammachuu addaatiin oolmaa kee gaggeeffachuu yaali! Gatii baasuu qabdus baasi! Namni abdii fi gammachuu qabu waan haaraa hojjechuuf cimina hunda caalu qaba.
#2ffaa: Haalota oolmaa kee keessatti si mudatan ilaaltee harka hin kennin! Abdii akka qabdu sammuu keetti himi!
#3ffaa: Nan kufe jettee abdii hin kutin! Kufuun dhuma jireenyaa miti.
#4ffaa: Ulfina argadhe jettee hin boonin! Ofiin boonuun galma jireenyaa miti.
#5ffaa: Kufaatiin isa ta'uuf (bira gahuuf) dhalatte osoo hin ta'in (bira hin gahin) hafuudha. Isa ta'uuf dhalatte ta'uuf immoo rakkina keessa darbuun dirqama. Rakkina hin sodaatin! Mee namoottan addunyaa beekamoo ta'an hunda isaanii qoradhu! Hundi isaanii rakkina hammana hin jedhamne keessa darbanii kan mul'ata argatan.

✍️ Rakkinni yaadni haaraan keessa keetii akka burqu godha! Eenyummaan kee rakkinaan yoo dabalame of argita. Ofitti akka deebitu si godha. Si malee namni si ta'uu danda'u akka hin jirre sitti hima. Namoonni baay'een yoo waa rakkatan waanuma akkasitti hafan of se'uudhaan milkaa'ina cina isaanii jirutti aggaamuu of dhoowwu. Lakki akkas miti eenyuyyuu rakkina baatee kan hafu hin jiru. Yeroodhaaf nutti fakkaata malee. Namni mul'ata qabu, fuuldura isaatti milkaa'ina ilaalu tokko rakkina keessa darbuun waanuma jiru.

@Fafirruu_ilallaah
.


• Nama dhugaa of biraa qabaachuun waan maallaqaan bitamuu hin dandeenyeedha🤍🌸.


.

@Fafirruu_ilallaah
𝗦𝗔𝗠𝗠𝗨𝗨𝗡 𝗖𝗜𝗠𝗔𝗔 𝗧𝗔'𝗨𝗙
-Yeroo kophaa kee jirtu hin sodaatin.
-Waan darbe irratti hin xiyyeeffatin.
-Addunyaan liqii sitti hin dhaga'amin.
_Bu'aa hatattamaa hin eegin.
_Balaa shallagame fudhachuu hin sodaatin.
_Kufaatii jalqabaa booda abdii hin kutatin.
_Itti gaafatamummaa irraattii hin qaanfatiin.
_Nama hunda gammachiisuuf hin yaadda'in.
_Milkaa'ina namoota birootti hin aarin.
_Namoonni kaan miira kee irratti dhiibbaa akka geessisan hin godhin
_Yeroo kee ofitti gaddun hin gubin.
_Wantoota to'achuu hin dandeenye irratti humna kee hin qisaasessin.
@Fafirruu_ilallaah

Records

20.04.202523:59
168Subscribers
08.04.202523:59
200Citation index
08.02.202523:59
24Average views per post
08.02.202523:59
28Average views per ad post
04.03.202514:35
50.00%ER
08.02.202523:59
16.55%ERR
Subscribers
Citation index
Avg views per post
Avg views per ad post
ER
ERR
MAR '25APR '25

Popular posts Fafirruu ilallaah

19.04.202514:54
Ibnul Qayyim Akkas jedhan!
Lubbuu tee dhugaa hadhooftuu irratti cichuu yoo hin barsiisin,dhara dubbachuu leenjitii beeki,qalbii tee jaalala Rabbii gonfachuu yoo hin barsiisin,jibba namaa muuxannoo godhattii beeki,arraba kee zikrii Rabbiitiin yoo hin sakaalin,hamii irratti bobba’ee jiraataa beeki”jedhan.

Eeeee
Namni hunduu oolmaa isaa fakkaata,inni sadaa Rabbii qalbii keessa kaahate,inni dhugaa liqimsuu leenjii godhate,inni badii ufiitiif dhiifama gaafatuuf mamii hin qabne,muuxanoon jiruu isaatiifi leenjiin isaa karaa sirriifi haqaa irra turee hubadhu.

Yoooo
Manni baldhaan sammuu keeti,qabeenyi guddaan qalbii teeti,tasgabbiifi jaalalli arraba kee keessa jiraa daawwadhu.

@Fafirruu_ilallaah
07.04.202505:46
Qottoo kee qaradhu!

Namicha muka muruuf hojiif qacarame tokkotu, akka qacarameen hojii guyyaa guutuutti muka muruun kaffaltiin isaa immoo baay'ina muka muruun ta'uusaa hojjechiisaa isaa waliin walif galuun guyyaa jalqabaa muka gudguddaa kudhan (10) muree kaffaltii isaas fudhatee gammadaa manatti gale. Guyyaa lammaffaa muka saddeet (8), muruun, guyyaa sadaffaatti, muka shan (5)guyyaa afuraffaffaatti muka afur (4) guyyaa shanaffaatti muka sadii (3) guyyaa ja'affaatti muka lama (qofa) muruun hedduu ofitti aaree, abdiisaa kutatee guyyaa ja'affaatti hojii isaa dhiisuuf murteessee nama isa qacaretti hima.

Namicha muka muru:- "Hojii kana borii kaasee
dhaabeera."

Hojjechiisaa:- "Maaliif dhaabda? Maal taate?"

Namicha muka muru:- "Humnan muka muruuf baasu kan guyyaa jalqabaa caalaa jabeessaa adeemus, lakkoobsi muka ani guyyaatti muruu hedduu gadi bu'aaf hir'ataa dhufe.

Hojjechiisaa:- "Yeroo muka murtee xumurtee galtutti qottoo kee qartee beektaa?

Namicha muka muru:- "Lakki"

Hojjechiisaa:- "Qottoo doomaan muruuf yaalaa maaf nama komattaree? Rakkoon kee isa ta'uu mala jedhaan"

Namicha Muka Muru:- " Tole" jedhee gaafa qottoo qarachuun muru muka hedduu mure jedhama.

Mee Seenaa kana irraa maal barattu??

@boqonna_sammuu
03.04.202521:16
Jireenya Jiraattu Keessatti Wanti Hubachuu Qabdu Jira.📌
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
#1ffaa: Yeroo hundumaa abdii haaraa fi gammachuu addaatiin oolmaa kee gaggeeffachuu yaali! Gatii baasuu qabdus baasi! Namni abdii fi gammachuu qabu waan haaraa hojjechuuf cimina hunda caalu qaba.
#2ffaa: Haalota oolmaa kee keessatti si mudatan ilaaltee harka hin kennin! Abdii akka qabdu sammuu keetti himi!
#3ffaa: Nan kufe jettee abdii hin kutin! Kufuun dhuma jireenyaa miti.
#4ffaa: Ulfina argadhe jettee hin boonin! Ofiin boonuun galma jireenyaa miti.
#5ffaa: Kufaatiin isa ta'uuf (bira gahuuf) dhalatte osoo hin ta'in (bira hin gahin) hafuudha. Isa ta'uuf dhalatte ta'uuf immoo rakkina keessa darbuun dirqama. Rakkina hin sodaatin! Mee namoottan addunyaa beekamoo ta'an hunda isaanii qoradhu! Hundi isaanii rakkina hammana hin jedhamne keessa darbanii kan mul'ata argatan.

✍️ Rakkinni yaadni haaraan keessa keetii akka burqu godha! Eenyummaan kee rakkinaan yoo dabalame of argita. Ofitti akka deebitu si godha. Si malee namni si ta'uu danda'u akka hin jirre sitti hima. Namoonni baay'een yoo waa rakkatan waanuma akkasitti hafan of se'uudhaan milkaa'ina cina isaanii jirutti aggaamuu of dhoowwu. Lakki akkas miti eenyuyyuu rakkina baatee kan hafu hin jiru. Yeroodhaaf nutti fakkaata malee. Namni mul'ata qabu, fuuldura isaatti milkaa'ina ilaalu tokko rakkina keessa darbuun waanuma jiru.

@Fafirruu_ilallaah
02.04.202506:53
𝗦𝗔𝗠𝗠𝗨𝗨𝗡 𝗖𝗜𝗠𝗔𝗔 𝗧𝗔'𝗨𝗙
-Yeroo kophaa kee jirtu hin sodaatin.
-Waan darbe irratti hin xiyyeeffatin.
-Addunyaan liqii sitti hin dhaga'amin.
_Bu'aa hatattamaa hin eegin.
_Balaa shallagame fudhachuu hin sodaatin.
_Kufaatii jalqabaa booda abdii hin kutatin.
_Itti gaafatamummaa irraattii hin qaanfatiin.
_Nama hunda gammachiisuuf hin yaadda'in.
_Milkaa'ina namoota birootti hin aarin.
_Namoonni kaan miira kee irratti dhiibbaa akka geessisan hin godhin
_Yeroo kee ofitti gaddun hin gubin.
_Wantoota to'achuu hin dandeenye irratti humna kee hin qisaasessin.
@Fafirruu_ilallaah
20.04.202519:48
➡️BEEKUMSA:
💌 Beekumsi humna siif kenna.
💌 Beekumsi qabaa barbaada.
💌 Beekumsi akkaataa qabataa wallaalan burqaa oftuulummaan irraa maddu ta'a.
•••
💡 Amalli gaariin kabaja siif kenna.
🥇 Amalli gaariin waan si hin madaalle si tuffachiisa.
🥈 Amalli gaariin gorsee si deebifata.
🥉 Amalli gaariin milkaa'ina biraan si gaha.
✉️ Amalli gaariin akka ati of sirreessitu sitti hima.
➡️ Amalli gaariin Obsa Qabaachuu si barsiisa!

🔵 Amala Gaarii
           ⇣
 🔵 Beekumsa
           ⇣
 🔵 Naamusa Gaarii
           ⇣
 🔵 Obsa
           ⇣
 🔵  Hubannaa
           ⇣
 🔵 Gaarummaa
           ⇣
 🔵 Dandeettii
          
@Fafirruu_ilallaah
19.04.202514:33
Bismillahi Arrahman Arrahiim
الحمدلله رب العالمين والصلاه والسلام على اشرف المرسلين سيدنا محمد وعلى آله وصحبه أجمعين

🍂Salaanni manjafiqada nama rabbitti amaneeti....
Namni makiinaa fudhatee imaltuu bahu tokko yoo waraqaa hayyamaa hin qabaatin....keellaa bahu hin danda'u..
🍂Keellaa #aakiraa taruufis salaata qabaatuun barbaachisaadha.
🍂Beeki....!
♡ Salaanni hirre si jalaa facaate walitti qabdee sii fiddi.
♡salaanni raahaa fi gammachuu jiruu duniyaati.
♡salaanni fayyaa tee sii tiisiti.
♡salaanni gara rabbiitti gabricha dhiheessiti.
♡Salaanni waan jalqaba guyyaa qiyaamaa irraa gaafatamnu.
♡Salaanni darajaa ol nama fuuti.
♡Salaanni qulqulleessituu qaamaa qalbiiti.
♡Salaanni ibsituu fuulaati.
♡salaanni nama dhoorgiti shiraa fi sharrii namatti yaaduu... hamtuu fi waan fofokkattuu dalagurraa.
♡salaanni Utubaa islaamummaati( ﷴﷺ)
🍂Gaaf tokko ergamaan rabbii salawaatu rabbii wa salaamuhuu aleyhi akkana jedhanii sahaabaa gaafatan:-
"mee naaf himaa osoo lagni bishaanii mana keessan dura yaa'ee guyyatti yeroo shan irraa dhiqattanii, xuriin namarratti ni hafaa? ! Jedhaniin....
"hin hafu" jedhan sahaabonni
ergamaan rabbiitis kuni fkn salaata shananiiti jedhaniin
🍂Akkuma yoo bishaan mana kee jala yaa'u guyyarraa shan dhiqattee xurii sirratti hin hafne... salaata shanan ati salaattuun ma'asiyaan tee dhiqamti jedha rasuulli rabbii ﷺ
🍂salaanni ma'siyaa kee siif dhiiyxi....
♡Namni salaata hin qabne fuulli isaa gurraacha'ee qalbiin isaa ajoofti.
♡Rizqii isaatu harkaa baraaxaya.
♡tasgabbii dhaba., jiruu gammachuu hin jiraatu

Salaanni teenna kana hunda nuuf tahaa jirtii garuu.....?!

share👇👇

@Fafirruu_ilallaah
19.04.202509:31
Jireenya namoota biroottii gonkumaa murteessuu hin dandeenyu. Sababiin isaas, tokkoon tokkoon namaa dhukkubbii fi rakkoo mataa isaa qofa beeka. Karaa sirrii irra akka jirtu sitti dhaga'amuun waan tokko, Garuu kan kee qofa sirrii akka ta'e yaaduun waan biraati.

                    #Pawlo_Colleho
19.04.202509:22
Hiriyaa isii muslimaa Islaamummaa irraa deebisuuf osoo jettuu ofii isiitiifuu namoota 1000 waliin Islaamummaa fudhatte
~~~
Dubartoonni muslimaa gabrummaa jala jiru jedhee waanin yaadaa tureef qorannoo isaan irratti ergan gaggeessaa turee boodan ofii koofiyyuu islamummaa fudhadhe, namoonni 1000 ol harka koo irratti Islaamummaa fudhataniiru, maatiin koo guutuunis amma muslima, mana jireenya kootis gara giddugala Islaamaatti jijjiireen yeroo ammaa muslimoonni kuma 50 ol keessatti barataa jiru.

''Islaamummaa holola oofamuun osoo hin taane dhugaa barbaaddee qorattu hubatta'' jetti Dubartiin jabduun kun.

Lammii Beeljiyeem kan taate shamarreen umrii 27 Veeroonikaa Kuuls/Veronique Cools waggoota 8 darban keessatti namoonni 1,000 ol gargaarsa Allahaatiin harka isii irratti Islaamummaa fudhataniiru.

Veeroonikaan sababa hijaabaafi kkf irraa ka'uun dubartoota muslimaa irratti dhiibbaan raawwataamaa jira, gabrummaa jala akka jiranittis yaadaa turte. Kanuma irraa ka'uun hiriyoota isii dubartoota muslimaa irratti qorannoo gaggeessuuf kaate. Kanumaanis waa'ee Islaamummaa qorataa erga turtee booda amantaan dhugaa Islaama ta'uu hubachuun Islaamummaa fudhatte, muslima taate.

Veeroonikaan kana qofaan hin dhaabbanne, mana jireenyaa isii gara wiirtuu Islaamaa kan Muslimoonni Beeljiyeem waa'ee amantii isaanii keessatti barataniitti jijjiirte. Itti fufuun maatii isii waa'ee Islaamummaa erga barsiiftee booda guutuun maatii isiis Islaamummaa fudhatan.

Giddugalichi yeroo ammaa miseensota 1,000 ol kan qabu yoo ta'u, irra caalaan isaanii ammoo dubartoota biyyattiiti. Haaluma walfakkaatuun ammoo giddugalli kun yeroo amama giddugala wiirtuu barnoota islaamaa kan muslimoonni kuma 50 ol ta'an itti tajaajilamaa jiraniidha.

Obboleettii koo Rabbiin si haa tiksu, duuniyaafi aakhiraa si haa milkeessu, kan akka keetiis nuuf haa baay'isu

© @Fafirruu_ilallaah
10.04.202507:09
@Fafirruu_ilallaah
10.04.202507:08
‎Amala Namaa Sadan
‎Saayikoloojiin Amala Namaa Bakka Gurguddaa Sadiitti Qoodee kaa’a

‎1. ✍️Nama Suutee (#Passive Person)
‎#Namni kun yeroo hundaa moo’amaadha,waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha.Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa. Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha.

‎2. ✍️Nama Ofittoo (#Aggressive Person)
‎#Namni akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baay’isa, yaada nama biraa qooddatu,ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffata.
‎ Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu.Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu. Hiriyaa akkasii sirraa
‎haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa.hanga ati sagalee qabdu qofa si kabajaa Irraa isin haa baraaruu!!!!!!!

‎3. ✍️Nama sammuu banaa qabu (#open minded person)
‎#Yaada nama biraa giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee keessaa gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka.Namni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa qophaa’aadha.
‎ Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata.Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasa’aan isaa ogummaan kan guutameedha.Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra hojiidhaan agarsiisuu filata. Namni sirriin isa kana.


‎#Yeroo Gaarii isiniif Hawwina!
10.04.202506:20
Gorsa jireenya Albert Einstein xalayaa mucaa isaatiif barreesseen, Eduard: “Jireenyi akka biskileetii oofuuti. Madaala kee eeggachuuf, deemsa kee itti fufi. ” ”

@Fafirruu_ilallaah
08.04.202520:09
AKKAMITTI OF KABAJJA?

(1) Kan si hin barbaanne barbaaduu dhiisi.

(2) Nama akka keetii Kadhachuu dhiisi.

(3) Waan barbaachisu caalaa dubbachuu dhiisi.

(4) Namoonni yeroo si hin kabajne hatattamaan isaan dura dhaabbadhu.

(5) Nyaata namoota biroo kan kee nyaatan caalaa hin nyaatin.

(6) Akkaataa namoota tokko tokko itti daawwattu hir'isi, keessumaa yoo isaan deebii hin kennine.

(7) Ofii kee irratti invast godhi. Of gammachiisi.

(8) Waa'ee namoota biroo oduu bashannansiisuu dhiisaa.

(9) Dubbachuu kee dura yaadi. Namoonni akkamitti akka siif iddoo guddaa kennan keessaa %80 waan afaan kee keessaa bahudha.

(10) Yeroo hunda waan gaarii fakkaadhu. Akkaataa itti dubbatamuu qabutti uffadhu.

(11) Nama galma ga’iinsa argatu ta’i. Kaayyoo kee irratti bobba'i.

(12) Yeroo kee kabaji.

(13) Hariiroo kabajaa fi gatii akka sitti hin dhagahamne keessa hin turiin. Achi irraa fagaadhaa.

(14) Maallaqa ofii keetii baasuu baradhu. Namoonni akkasitti baasii siif baasuu ni baratu.

(15) Yeroo tokko tokko hanqachuu.

(16) Fudhataa caalaa nama kennu ta’i.

(17) Bakka hin afeeramne hin deeminaa. Yeroo affeerramtan immoo simannaa keessan caalaa hin turinaa.

(18) Namoota haala isaaniif malutti sirriitti ilaali.

(19) Maallaqa si irraa qaban malee yaaliin bilbilaa lama gahaadha. Yoo gatii siif kennan battalumatti siif bilbila .

(20) Waan hojjettu irratti ga’aa ta’i. Waan hunda caalu ta'i.


@Fafirruu_ilallaah
07.04.202515:22
🗣️ "Qarshii Hamma Barbaadde Irratti Barreeffadhu!" Billionaire Bill Gate
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Guyyaa tokkodha gaazexeessituu tokkotu Duureessa Addunyaa kanaa kan ta'e Bill Gate waliin af-gaaffii (interview) gooti. Gaazexessitittiin gaaffii ishee keessatti, "dhoksaan fiixaan ba'insa keessanii maaliidhaa?" Jettee isa gaafatti.

Duuressi kunis gaazexeessituu kanatti check qullaa itti kennee, "qarshii hamma barbaadde irratti barreeffadhu" ittiin jedha. Isheenis, akka nama fedhii hin qabneetti check sana ofirraa dhiibaa, "lakki ani akkas jechuu barbaadeen miti,  dhoksaan fixaan ba'insa keessanii maal akka ta'e isin gaafachuu barbaadeeni" jetti.

Bill Gate ammas irra deebiin check kana itti kennee, "qarshii hamma barbaadde irratti barreeffadhu" ittiin jedha. Isheen garuu ni didde. Duureessi addunyaa kun check kana itti argisiisaa, "dhoksaan fiixaan ba'insakoo carraa amma akkan siin si qaqqabee kana otuu of jalaa gubiin itti fayyadamuukoodha, dhoksaan milkaa'inakoo carraan argadhe hundaasaatti fayyadamuukoodha.

Otuu ati carraa amma siif kenname kanatti fayyadamte, silaa yoona kana gaazexeessituu duureetti addunyaa kanaa ta'uu dandeessa ture. Ani carraa laman siif kenne. Addunyaan kun carraa lama namaaf hin kennitu, carraa tokkittii si qaqqabeen itti fayyadamuun dhoksaa fiixaan ba'umsaati" ittiin jedhee

Bill Gate gaazexeessituu sanaaf carraa lama kennee ture isheen garuu itti hin fayyadamne. Otuu itti fayyadamtee silaa akkuma inni jedhe dureettii addunyaa kanaa taati ture. viv Tadele Fekadu TD

Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a Jijjiirama jireenya dinagdee keessatti wanti hundumtuu xiqqaa irraa jalqaba.
@Fafirruu_ilallaah
@Fafirruu_ilallaah✅
03.04.202522:52
Waan takka yoo hin feene jijjiiri, jijjiiruu yoo hin dandeenye ilaalcha Waan saniif qabdu jijjiiri.
@Fafirruu_ilallaah
03.04.202509:51
.


• Nama dhugaa of biraa qabaachuun waan maallaqaan bitamuu hin dandeenyeedha🤍🌸.


.

@Fafirruu_ilallaah
Log in to unlock more functionality.