Saayikooloojiin amala namaa bakka gurguddaa sadiitti qoodee kaa'a!
1. #Passive_person
Namni kun yeroo hundaa
moo'amaadha, waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf
ta'u adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha. Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa. Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha.
2. #Aggressive_person ⛤⛤⛤⛤⛤
Namni akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baay'isa, yaada nama biraa hin qooddatu, ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffatee.
Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu. Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu. ★★★Hiriyaa akkasii sirraa haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa.⛤⛤⛤hanga ati sagalee qabdu qofa si kabajaa ★★Irraa isin haa baraaruu!!!!!!!
3. #Assertive_person !
Nama sammuu banaa qabu (open minded person), yaada nama biraa
giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf ta'u adda baasee keessaa
gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka. Namni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa
qophaa'aadha. Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata.
Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasa'aan isaa ogummaan kan guutameedha. Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra
hojiidhaan agarsiisuu filata. Namni sirriin isa kana.
By piroofeeseer Miratu Shanqoo
#Dhaamsa_Hayyuu
"Namaa Dinqisifadhu "professor miratuu shanqoo🙏