Hin Ajjeefnes Hin Fannifnes
An-Nisa' 4:157
وَقَوْلِهِمْ إِنَّا قَتَلْنَا ٱلْمَسِيحَ عِيسَى ٱبْنَ مَرْيَمَ رَسُولَ ٱللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمْۚ وَإِنَّ ٱلَّذِينَ ٱخْتَلَفُوا۟ فِيهِ لَفِى شَكٍّ مِّنْهُۚ مَا لَهُم بِهِۦ مِنْ عِلْمٍ إِلَّا ٱتِّبَاعَ ٱلظَّنِّۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينًۢا
«እኛ የአላህን መልክተኛ የመርየምን ልጅ አልመሲሕ ዒሳን ገደልን» በማለታቸውም (ረገምናቸው)፡፡ አልገደሉትም አልሰቀሉትምም፡፡ ግን ለእነሱ (የተገደለው ሰው በዒሳ) ተመሰለ፡፡ እነዚያም በእርሱ ነገር የተለያዩት ከእርሱ (መገደል) በመጠራጠር ውስጥ ናቸው፡፡ ጥርጣሬን ከመከተል በስተቀር በእርሱ ነገር ምንም ዕውቀት የላቸውም፡፡ በእርግጥም አልገደሉትም፡
Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre)Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnesDhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiruYaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qabanQabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.
Ragaa kanaa macaafa qulqulluu irraa
Wangeela yohaannis 7:32-34
"32 Fariisonni yommus isa namoonni waa'ee Yesus guunguman dhaga'an; luboonni warri angafoonni, Fariisonnis Yesusin qabsiisuudhaaf naa'ota isaanii isatti ergan, 33 Yesus yeroo sanatti, "Egaa ani yeroo gabaabduu duwwaadhaaf isin biran jira; kana booddee gara isa ana ergee nan dhaqa. 34 Isin ana barbaaduuf jirtu, garuu ana hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan" jedhe."
Yoo isa hin argatin yoo bakka inni jirus dhaquu hin danda'in eessaa fuudhanii fannisuu danda'an Kun gaaffii keenya kiristaanotaaf.
Ragaaleen armaan gadii immoo walitti bu'iinsaa Fi maraammartoo fannifamuu Yesuus gidduu jiru ilaalla
#1
👉Iyesuus wayta qabamu
✝️ Maatiwoos 26:47-50 irratti iyesuusiin yahuudichatu dhungatee Isa qabsiisee jedha.
✝️ Yohannis 18:3-9 irratti immoo iyesuus ofumaa itti gad bahee of qabsiisee jedha.
🤔Iyesuus ofii of qabsiisee moo yahuudichatu qabsiise Kan jedhu shakkii Isa duraati.
#2
👉Iyesuus wayta qabamu sana wayinicha fudhatee?
✝️Maatiwoos 27:34 irratti yesuus wayinicha fudhatee dhandhame jedha.
✝️Maarqoos 15:23 irratti yesuus wayinicha fudhachuu ni dide jedha.
#3
👉 Sa'aati fannoo iyesuus
✝️ Maarqoos 15:25 irratti Kan iyesuus itti fannifame sa'aa 3:00 jedha.
✝️ Yohannis 19:14 irratti immoo sa'aa 6:00
✝️ Maatiwoos 27:46 irratti sa'aa 9:00 jedha.
🤔Sa'aatii meeqatti akka fannifames shakkii keessa jiran.
#4
👉Du'ee ka'uu isaa keessatti
✝️ Maatiwoos 28:3-9 irratti malaa'ikicha tokkotu balbala awwaalicha dhagaa irraa taa'e iyesuus galiila deemeera jedheen.
✝️ Maarqoos 16:5-6 irratti dargaggeessa tokko awwalichaa keessatti gara mirgaatin argan.
✝️ Luuqas 24:3-5 irratti namoota lama awwaalicha keessatti bukkee isaanitti argan jedha.
✝️ Yohannis 20:11-18 irratti malakoota lama boolla keessatti argani.iyesuus achumatti boolla irratti argame.
🤔Dhagaha inni dura Maatiwoos fi Maarqoos keessatti malakaadha moo dargaggeessa?boolla keessa moo boollaan ala?Kan jedhuudha
🤔 Luqaas fi Yohannis keessatti immoo malakoota lama moo dargaggeessa lama Kan jedhuudha.
🤔 Maatiwoos fi Yohannis keessatti iyesuus galiila deeme moo achumatti mul'ate Kan jedhu keessatti shakkii keessa jiran.
#5
👉Yahuudichi yesuusiin dabarsee kenne
✝️ Maatiwoos 27:3-5 irratti Yahuudichi meeti 30 yesuusiin itti gurgurate Mana qulqullumma keessatti darbee ergasii of rarraase.
✝️H/Ergamtoota 1:5-18 irratti Yahuudichi meeticha lafaan bitatee ergasii mataadhan kufee tarsa'e mar'imaan isaa bakkee guute jedha.
🤔Yahuudichi akkamitti du'e? Meeticha maal godhe Kan jedhu shakkii ajaa'ibati.
Kanaafuu akkuma Qur'aanni jedhe gama fannifamuu Yesuus Kiristoos ilaalchisee shakkii malee beekumsi qabatamaa akka hinjirre ragaaleen kunneen nutti agarsiisa