Kutaa 10ffaa
Kan ajjeesu musilimtoota moo kiristaanota?
➡️Akka macaafani barsiisutti loluu malee walii galanii jiraatun hin danda'amu.
Seera Keessa Deebii : 7 :1-2
1. Waaqayyo gooftaan kee biyya ati itti galtee qabachuuf jirtutti yommuu si geessu, biyyicha keessaa Heetota, Girgaashota, Amoorota, Kana'aanota, Pheriizota, Hiiwota, Yibusoota saba si caalaa baay'atanii fi jajjabaatan, saba baay'ee kana torban si duraa oofee in baasa.
2. Waaqayyo gooftaan kee harka kee keessa isaan yommuu buusu, atis isaan yommuu rukuttu, hunduma isaanii ajjeesi malee, isaanii wajjin kakuutti hin galin, oo'as isaan hin argisiisin!
➡️Saamichaa fi namoota booji'utti ajajuu
Seera Lakkoobsaa : 21 :24
24. Namoonni Israa'el garuu billaadhaan isa ajjeesanii lafa isaa immoo laga Aarnonii hamma laga Yaaboqitti, hamma daarii Amoonotaatti in qabatan; daarii Amoonotaa lixuun garuu jabaa ture.
Seera Keessa Deebii : 2 :33-36
33. Waaqayyo gooftaan keenya immoo isa dabarsee nutti in kenne; nuyis isa, ijoollee isaa, namoota isaa hundumaas in rukunne.
34. Nuyi yeroo sanatti .mandaroota isaa hundumaa in qabanne; mandaroota sana dhiira, dubartii, ijoollees raawwannee in balleessine; waan tokkos hin hambifne.
35. Wanti nuyi o?i keenyaaf fudhanne horii qe’ee ? waan mandaroota sana keessaa boojine duwwaa dha.
36. Mandara Aro’er isa qarqara dachaa Aarnon, mandara dachaa sana keessa jiruu jalqabee hamma Giil’aaditti mandarri tokko illee dallaan isaa dheeratee nutti cimee kan hafe hin jiru; Waaqayyo gooftaan keenya hunduma isaanii dabarsee nutti in kenne.
Saamu’el Isa Lammaffaa : 12 :28-29
28. Ani mandarattii qabadhee, ittiin maqaa akka hin godhannetti, amma ati loltoota warra hafan walitti qabi, mandarattiitti marsiitii ishee qabadhu!" jedhee itti in hime.
29. Kana irratti Daawit loltoota hundumaa walitti qabatee, mandara Raabaatti duulee rukutee ishee in qabate.
➡️Namoota kuma digdama(20,000) booji'aman
Seenaa Baraa Isa Dura : 18 :4
4. konkolaattota isaa kuma tokko, abbootii fardeenii isaa kuma torbaa fi loltoota warra lafoo kuma digdama in booji'e; fardeen konkolaattota harkisan dhibba tokko duwwaa hambisee, fardeen warra hafan hundumaa morgaa kukkutee in naafise.
➡️Namoota kuma dhibbaa (100,000) ol booji'amuu
Seenaa Baraa Isa Dura : 5 :21
21. Isaan Hagaarota irraa gaalota kuma shantama, hoolota kumaatama dhibba lamaa fi kuma shantama, harroota kuma lama akkasumas immoo namoota kumaatama dhibba tokko booji'anii in adeeman.
➡️Hoolota kuma dhibba jahaa (600,000) ol booji'uu
Seera Lakkoobsaa : 31 :32
32. Wanti warri loltootaa saaman utuu itti hin dabalamin, kan isaan booji'an hoolaan kumaatama dhibba ja'aa fi torbaatamii shan,
➡️Nama kuma digdama (20,000) booji'aman
Saamu’el Isa Lammaffaa : 8 :4
4. konkolaattota isaa kuma tokko, abbootii fardeenii isaa kuma torbaa fi loltoota warra lafoo kuma digdama in booji'e; fardeen konkolaattota harkisan dhibba tokko duwwaa hambisee, fardeen warra kaan hundumaa morgaa kukkutee in naafise.
➡️Namoota kuma kudhan (10,000) booji'uu
Moototaa Isa Lammaffaa : 24 :14
14. Akkasumas guutummaa Yerusaalem keessaa, gurguddoota biyyaa, loltoota jajjaboo, namoota hojii harkaa beekanii fi namoota sibiila tuman hundumaa walumatti namoota kuma kudhan booji'ee fudhatee in sokke; biyya sana keessatti namoota baay'ee hiyyeeyyii ta'an malee, kan hafe hin turre.
➡️Namoota kuma dhibba lamaa (200,000) ol booji'uu
Seenaa Baraa Isa Lammaffaa : 28 :8
8. Yommus Israa'eloonni dubartoota, ilmaanii fi intaloota Yihudoota sanyii isaanii, walumatti nama kumaatama dhibba lama in booji'an; akkasumas mi'a baay'ee saamanii fudhatanii Samaariyaatti in deebi'an.
➡️Namoota kuma Afurtamii lama (42,000) ol booji'amuu
Izraa : 2 :64
64. Lakkoobsi warra biyya itti booji'amanii deebi'anii guutummaatti kuma afurtamii lamaa fi dhibba sadii fi jaatama.
➡️Dawud nama kuma Afurtama (40,000) ol ajjeese