Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩 avatar
RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩
RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩 avatar
RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩
03.05.202509:33
Qarqaarsa dhaabanni #Yoona_Yaanaa uffata biyya #Keeniyaa fi eddoole gara garaa irraa dhufe #muraasa qofa qabatuun raabse.

Namni Miseensa dhaabbataa Yoona-Yaanaa ta'uun ergaa Rabbiitii fi ergamaa isaa Addunyaan gahuu barbaaddan (#miseensummaan #irra_xinnaan waan woggaa #birrii_365 irraa eegaluun) hirmaachuu dandeessu. 👇
Laakkofsa akkaawontii:-
Baankii Hijraa
1008113240001
Baankii Raammis
1010000061101
Baankii Daldalaa
1000668868723
#Yona_Yana Unity Development charity Organization.
Odeefannoo dabalataatiif laakkofsa bilbilaa:-
0913514314
0977717071

Cufa nama yaada kana dubbisee sagalee tana #dhageeffatee akkasuma saahiba isaatiif #sheer_taasisee Rabbiin qubsuma isaa Firdoosiin haa taasisuu.

Liinkii garee Telegram Yoona-Yaanaa 👇👇👇
https://t.me/+Qz_FvuM7ZOdmOTVk
02.05.202507:11
Islaamummaan Jaarraa 7ffaa Keeessatti Muhammad Ani Ergamaadha/ Raajiidha Ofiin Jechuudhaan, Kan Eegaleedha Yaada Jedhuuf Deebii...

Islaama jechuun maali?

Islam jechuun;- Rabbiif bitamuu ykn ammoo, Rabbiif gadi of qabuudha. Hundeen jecha Islaama jedhuu; jecha hundeen isaa Silm fi Salaam jedhamurraa dagaage. Kana jechuun  immoo Nagaya jechuudha. Islaama jechuun Nagaya, Afaan Hibruutti immoo shalom jedhama. Nagaya jechuudha.

-Maqaan Islaamaa jedhu kan addunyaa maraati.  Islaamummaan maqaa gosa namootaa ykn nama dhuunfaatiin kan moggaafame miti, akkuma amantiin Yihudootaa gosa yahuudaa, Kiristaanummaan Kiristoosiin, Budiizmiin immoo budha jedhamuun moggaafame. 

-Islaamummaan maqaa ilmi namaa filate osoo hin taane, Rabbiin biraa kan dabarfame ture.  Islaamummaan amantii addunyaati malee kan bahaa ykn dhihaa miti. 

Islaamummaan akkaataa jireenyaa guutuu ta’eedha, guutummaatti Rabbiif bitamuu kan agarsiisudha.

#Rabbiif bitamuun karaa milkaa'inaati. Koottaatii Rabbiif ajajamaa, ergamaa isaatiifis ajajamaa, Amantaa dhugaas Islaamummaa qabadhaa...

Akkasuma dubbiin Isilaamummaan erga jaarra 7ffaati eegalte yaanni jedhu yaada ragaa tokko itti hin qabneedha.

Yaada kiristaanonni ittiin sammuu musilimtoota xaxuuf jecha fayyadamaniidha.

Isilaamummaan osoo ilmi namaa hin uumamin dura amantii jirtuudha kan ilmi namaa irratti uumameedha.
Ragaan Qur’aana kabajamaadha.

Suuraa ruum 30:30

فَأَقِمْ وَجْهَكَ لِلدِّينِ حَنِيفًا ۚ فِطْرَتَ اللَّهِ الَّتِي فَطَرَ النَّاسَ عَلَيْهَا ۚ لَا تَبْدِيلَ لِخَلْقِ اللَّهِ ۚ ذَٰلِكَ الدِّينُ الْقَيِّمُ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ

(Yaa Muhammad!) karaa haqaatti dabuun fuula kee diiniif sirreessi Uumaa (Isilaamummaan) Rabbii ishee inni irratti nama uumes (qabadhaa) Uumaa Rabbii jijjiiruun hin jiru Santu amantii qajeelaadha Garuu irra hedduun namootaa hin beekanu.

Akkasuma Isilaamummaan amantii nabiyyonni hundi irratti jiraachaa turaniidha Aadam irraa kaasee hanga har'aatti jechuudha.
Ragaan Qur’aana kabajamaadha.

Amantiin teenya tokkoo isheenis #Isilaamummaadha.

إِنَّ الدِّينَ عِندَ اللَّهِ الْإِسْلَامُ
"Amantiin rabbiin biratti qeebalamtu/fudhatamtu #isilaamummaa qofaadha. Suuraa 3:19

↪️Nabi Nuuh(as)

فَإِن تَوَلَّيْتُمْ فَمَا سَأَلْتُكُم مِّنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَى ٱللَّهِ ۖ وَأُمِرْتُ أَنْ أَكُونَ مِنَ ٱلْمُسْلِمِينَ
"Yoo gara galtan mindaa homaatuu isin hin gaafadhu. Mindaan kiyyaa rabbi irraatti malee hin taane. Ani #musilimtoota irraa ta'uttiin ajajame" Al-Qur'an 10:72

↪️Nabi Ibrahim/Abrahaam (as)

إِذْ يَرْفَعُ إِنَّكَ أَنتَ التَّوَّابُ الرَّحِيمُ
"Yeroo ibraahimii fi ismaa'iil yaa rabbi ati dhagahaadha beekaadha nurraa qeebali jedhaa bu'uura manaa(ka'abaa) ol fuudhan ummataaf himi."Gooftaa keenya nu lamaanuu siif ajajamtoota(#musilimtoota) nu taasisi. Sanyii keenya irraas ummata siif ajajamtoota (#musilimtoota) taasisi....". Al-Qur'an 2:127-128

↪️Nabi Yaaqub (as)

وَوَصَّى بِهَا إِبْرَاهِيمُ بَنِيهِ وَيَعْقُوبُ يَا بَنِيَّ إِنَّ اللَّهَ اصْطَفَى لَكُمُ الدِّينَ فَلا تَمُوتُنَّ إِلَّا وَأَنْتُمْ مُسْلِمُونَ
"Ibrahiim ilmaan isaatiif ishee Isilaamaa dhaamee ture yaa'aquubis sanuma dhaame yaa ilmaan kiyyaa! Dhugumatti rabbiin amantii isiniif filatee jiraa #musilimoota  taatan malee hin du'inaa". Al-Qur'an 2:132

↪️Nabi yuusuf/Yooseef(as)

أَنتَ وَلِيِّي فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ ۖ تَوَفَّنِي مُسْلِمًا وَأَلْحِقْنِي بِالصَّالِحِينَ
"Ati duniyaa fi Aakirattis gargaaraa kiyyaa #musiliima taasisi na ajjeesi warraa gaggaarittis na qaqqaabsiisi". Al-Qur'an 12:101

↪️Nabi suleeymaan/salamoon (as)

إنه من سليمان وإنه بسم الله الرحمن الرحيم ألا تعلوا علي وأتوني مسلمين
"Dhugumatti inni suleeymaan irraayyi.innis (qabiyyeen isaa) maqaa rabbii akkaan mararfataa akkaan rahamata godhaa ta'eetiin."narratti hin booninaa #musilimtoota ta'aatii natti kootta jedha". Al-Qur'an 27:30-31

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1854
30.04.202512:09
Gaafilee Kudha afur (14) Kiristaanota irraa deebisaa barbaada.

[1] – Yesus Kiristos osoo mataan isaa RABBIIN ta'ee (Wangeela Maarqoos 15:34) irratti, maaliif “Elo'ii, Elo'ii lamaa sabaktanii?” jedhee RABBIIN waammate?

“Elo'ii, Elo'ii lamaa sabaktanii?” jechuun Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?” jechuu dha.

[2] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN (Wangeela Yohaannis 8:28) irratti, maaliif “ani isa abbaan na barsiise akkan dubbadhu malee, ofiin homaa akka ani hin hojjennes in hubattu. ” jedhe?

[3] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Yohannis 14:28) irratti, maaliif “abbaan na caala'o. ” jedhe?
[4] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Luqaas 23:46) irratti, maaliif Yesus sagalee guddaadhaan iyyee, "Yaa abbaa ko, hafuura koo harka keettan kennadha!" jedhe?

[5] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Maarqos 10:18) irratti, "Maaliif gaarii naan jettan? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru jedhee dubbataa?

[6] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Yohannis 20:17) irratti, maaliif "Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, 'Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessanitti ol nan ba'a' jedhiin jedhee dubbatee?

[7] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, maaliif akka (Wangeela Maatewos 17:24-27) irratti, dubbatamee jiru qaraxa yookaan gibira kafale? RABBIIN gibira ni kafalaa?

[8] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Maatewos 8:24) irratti, akkamitti hirribni isa qabee rafuu danda'e? Osoo macaafa Faarfannaa 121:4 irratti, RABBIIN hin rafu jedhuu.

[9] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Luqaas 23:34) irratti, maaliif akkana jedhe; "Yaa abbaa, waan godhan hin beekani'o cubbuu isaanii isaaniif dhiisi!" jedhe?

[10] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, akkamitti (Wangeela Yohannis 17:3) irratti, Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti jedhee dubbachuu danda'e?

[11] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, akkamitti (Hojii Ergamoota 2:22) irratti, "Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, Waaqayyo harka Yesus nama Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin fudhatamaa isa godhe jedhamee dubbatame?

[12] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, akkami (Wangeela Luqaas 2:21) irratti, Yesus dhalate gaafa guyyaa 8tii ni kittaanate ykn dhagna qabate jechuun gabaafama? Dhugummatti gochi kun RABBIIN ni malaa?

[13] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, akkamitti (Wangeela Yohannis 18:22) irratti, eegdota keessaa tokkon kabalamuun isaa gabaafame? RABBIIN akkamitti namaan kabalama?

[14] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, akkamitti (Wangeela Luqaas 11:37-38) irratti nyaata nyaatuf beela'e osoo harka hin dhiqatin nyaate jedha? RABBIIN akkamiiti beela'e nyaata nyaata? Yesus erga nyaata nyaate booda mana fincaanii akka seenu shakkii hin qabu, Waaqayotu mana fincaanii seene jennaaree ?

Hubadhaa!!
Namoonni nuti Kiristaana ofiin jedhu kunniin yeroo gaafilee akkanaa dhiheessaniif “Inni foon uffata biyyaa lafa dhufe, kun amala namummaa isaati” jedhu.

Yaadni Kiristaanootaa kun yaada sobaa fi dogoggoora ta'uu isa Kitaabummaan isaan yeroo yeroon jijjiiran kana keessatti ni hubbana.

𝗙𝗼𝗼𝗻 𝘂𝗳𝗳𝗮𝘁𝗲 jechuun; immoo Uumama lubbuu qabu jechuu dha. Kan foon uffate Uumamtoota malee Uuma (RABBII) miti.
(Seeraa Uumama 6:17) irratti, yemmuu bishaan isaan ittiin badan ykn balleeffaman bara Nohitti ga’e, akkana jechuun Waaqayyoon dubbate;

“Kunoo, ani uumama foon uffate, uumama lubbuu qabu hundumaas bantii waaqaa jalaa balleessuudhaaf bishaan badiisaa lafa irratti nan fida; wanti lafa irra jiraatu hundinuus in dhuma. ”
(Uumama 6:17; 7:15,22)

~ Isa kanarraa waan hubbannu kan foon uffate Uumamadha malee Uumaa miti. Kanaafuu; Yesus Uumamadha malee Uumaa miti. Foon Uffate jechuun immoo Uumama lubbuu qabu jechuu dha.

Barruu tana walii qoodaa keeyrii tana facaasaa. Jzk ❤

Qopheessaan: Ifaa Dhugaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1849
Qabxii Lama Fayyadamtanii Haasawuu Ni Dandeessuu.


Video Kana Dhaggeeffadhaa.

Ustaaz Xaahir Galatoo

🎯 @Rafiiqul_Islaam
28.04.202512:10
Waldaa Apolojistii Islaamaa Wahiid

Waldaan keenya Wahiid Apolojistii  Islaamaa kan jedhamu:- Waldaa  hojiilee hedduu hojjachaa jiru dha.
Fknf
፨ Yaada ijoo Amantii Islaamaa Muslimootaafi warra Muslimoota hin ta'iniif karaa gara garaatiin akka dhaqqabu gochuu,


፨ Leenjii muuxannoo Da'iwaa(دعوة)

፨Warroonni muslima hin ta'in  waa'ee Islaamaa gaaffiiwwan isaan qaban kan itti dhiiheeffataniifi deebii quubsaa ta'e kennuu,

፨Leenjii Amantiilee walbira qabanii ilaaluu kennuu,

፨Sallameewwan haaraa fudhachuun barumsa Islaamaa kennuu,

፨Sallamteewwaan mana isaanii irraa ari'amaniif bakka boqonnaa qopheessee simachuu,

፨ Sallamteewwan mana isaanii irraa ari'aman erga simatee booda fedhii isaanii (Mana, nyaata, tiraanispoortii) isaaniif guutuufi isaan hordofuu,

፨Sallamteewwaniif bakka boqonnaa, bakka amantii isaanii itti barataniifi gamoo hoggansaaf ta'u ijaaruu,

፨ Kitaabban dhaamsa Islaamaa calanqisiisan Barreessuufi maxxansuu.

Warreeen miseensa dhaabbata kanaa ta'uufi yaadaan, humnaan,  maallaqaan gargaaran ni galmeessina. Ulaagaaleen miseensa ta'uu:-
1ffaa Muslima ta'uu
2ffaa Ikhlaasa
3ffaa kutannoo
4ffaa Amanamummaa
5ffaa Muslima kaka'umsa Diiniifi sheenaa (gaabbii) dhiibba humna kufffaaraa qabuufi qabu qofadha.


Warreen sallamteewwan baasii ji'aa dhaabbataadhaan deeggaruu (gargaaruu) barbaaddaniifi obboleewwaan Odeeffannoo dabalataa barbaaddan Admiinota kana jalatti ibsaman telegraama irratti dubbisaa.
1. Abu Nu'aim:- https://t.me/arhmanu
2. Zahraa፦ https://t.me/Zhara_mustefa
3. Husayn፦ https://t.me/Hussu707
4. Hawi፦ https://t.me/hawin922
5. Abdu፦ https://t.me/Abi_Abik
6. Jamutti፦ https://t.me/Jemuti12
7. Ibnu Rashaad፦ https://t.me/IbunReshed
8.Inat፦ https://t.me/enattenat
9. Ismiz፦ https://t.me/Esmitiz_hubi
10. Maryam፦ https://t.me/J_y_A_M
11. Ustaz Aburumaisa፦ https://t.me/aburumaisa037
12. Shushu፦ https://t.me/umusara45
13. Faysal፦ https://t.me/feyselsan
14. Fati፦ https://t.me/Feti_12
15. Mukammil፦ https://t.me/Mukamil_Hussan
16. Asiya፦ https://t.me/Ccccftb3
Appooloojistii Islaamaa wahiid irraa.
27.04.202520:12
"Mata Duree" Yesuus Kiristoos Ilma Namaa Ta'uu Qabxiilee 47 Kana Dubbisaa Facaasaa Jzk. 🥰🥰

Qopheessaan:
® Rafiiqul Islaam

Wongeelota Afran Irraa Isaanis Mariwoos, Maarqoos, Luqaas fi Yohaannis Irraa Kan Fudhanneedhaa. [HAH]

🛑 1, Maatewos 8:20 (HAH) Yesuusis deebisee, “Waangoonni boolla qabu; simbirroonnis manʼee qabu; #Ilmi_Namaa garuu iddoo itti mataa isaa irkifatu illee hin qabu” jedhe.

🛑 2, Maatewos 9:6 (HAH) Ani garuu akka #Ilmi_Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada.” Kanaafuu inni namicha dhagni irratti duʼe sanaan, “Kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali” jedhe.

🛑 3, Maatewos 17:9 (HAH) Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Yesuus, “Hamma #Ilmi_Namaa warra duʼan keessaa kaafamutti waan argitan sana nama tokkotti illee hin himinaa” jedhee isaan seerrate.

🛑 4, Maatewos 17:22 (HAH) Yeroo isaan Galiilaatti walitti qabamanitti inni akkana isaaniin jedhe; “ #Ilmi_Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama.

🛑 5, Maatewos 26:2 (HAH) “Akkuma isin beektan Faasiikaaf guyyaa lamatu hafa; #Ilmi_Namaas fannifamuuf dabarfamee ni kennama.”

🛑 6, Maatewos 26:24 (HAH) Ilmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee #Ilma_Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.”

🛑 7, Maatewos 26:45 (HAH) Innis gara barattootaatti deebiʼee akkana jedheen; “Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Kunoo, saʼaatiin sun gaʼeera; #Ilmi_Namaas dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama.

🛑 8, Maatewos 26:64 (HAH) Yesuusis deebisee, “Atuu jetteerta. Ani garuu isinitti nan hima; isin siʼachi utuu #Ilmi_Namaa mirga isa Humna qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu” jedhe.

🛑 9, Maatewos 10:23 (HAH) Yommuu magaalaa tokko keessatti isin ariʼatanitti, gara magaalaa kaaniitti baqadhaa; ani dhuguma isinittin hima; hamma #Ilmi_Namaa dhufutti magaalaawwan Israaʼel hundumaa keessa naannoftanii waliin hin geessan.

🛑 10, Maatewos 11:19 (HAH) #Ilmi_Namaa nyaachaa, dhugaas dhufe; isaan immoo, ‘Kunoo albaadhessaa fi machaaʼaa, michuu qaraxxootaatii fi cubbamootaa’ jedhu. Ogummaan garuu hojii isheetiin mirkaneeffamti.”

🛑 11, Maatewos 12:8 (HAH) #Ilmi_Namaa Gooftaa Sanbataatii.”

🛑 12, Maatewos 13:41 (HAH) #Ilmi_Namaa ergamoota isaa ni erga; isaanis waan cubbuutti nama geessu hundaa fi warra waan hamaa hojjetan hunda mootummaa isaa keessaa baasanii walitti qabu.

🛑 13, Maatewos 16:27 (HAH) #Ilmi_Namaa ulfina Abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jiraatii; innis yeroo sana tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna.

🛑 14, Maatewos 16:28 (HAH) “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko hamma utuu #Ilmi_Namaa mootummaa isaatiin dhufuu arganitti duʼa hin dhandhaman.”

🛑 15, Maatewos 19:28 (HAH) Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa haaraa keessatti, yeroo #Ilmi_Namaa teessoo isaa ulfina qabeessa sana irra taaʼutti, isin warri na duukaa buutanis akkasuma teessoowwan kudha lama irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtu.

🛑 16, Maatewos 20:18 (HAH) “Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; #Ilmi_Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru;

MAARQOOS IRRAA

🛑 17, Maarqos 14:21 (HAH) Ilmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee #Ilma_Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.”

🛑 18, Maarqos 14:41 (HAH) Yeroo sadaffaas deebiʼee akkana jedheen; “Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Ni gaʼa! Saʼaatiin sun gaʼeera. Kunoo, #Ilmi
_Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama.

🛑 19, Maarqos 2:10 (HAH) Ani garuu akka #Ilmi_Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada.” Kanaafuu inni namicha sanaan,

🛑 20, Maarqos 2:28 (HAH) Kanaafuu #Ilmi_Namaa Sanbataaf illee Gooftaa dha.”

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1828
02.05.202520:32
𝐀𝐬𝐬𝐚𝐥𝐚𝐚𝐦𝐮 𝐀𝐥𝐚𝐲𝐢𝐤𝐮𝐦 𝐖𝐨𝐫𝐚𝐡𝐦𝐚𝐭𝐮𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡𝐢 𝐖𝐨𝐛𝐚𝐫𝐚𝐤𝐚𝐚𝐭𝐮𝐡𝐮𝐮

Group Kana Join Gochuudhaan Hiriyoota Keessan Add Nuuf Godhaa Jzk. 🥰🥰🥰

https://t.me/+Q71DwpWQs9k4Yjk0
01.05.202504:46
“Kunoo, inni Israa'elin eegu, matumaa hin mugu, hin rafus.”
— Far. 121:4

مزامير 121 : 4

لاَ يَنْعَسُ وَلاَ يَنَامُ حَافِظُ إِسْرَائِيلَ.


Waaqayyo Inni Israa'iliin Eegu Rafee Hafee❓😁😁😁

Yaa Rabbi Irraa Hin Dhaamsinii Akka Addunyaa Guutuu Qalbii Cabsite Ummata San Cabsii Nu Garsiisii

@Rafiiqul_Islaam
Ittiin Seeqadhaa 😁😁

Seequun Sunnaa Waan Ta'eef

🎯 @Rafiiqul_Islaam
Oduu Haaraa 😁😁😁

Hafuurri Korbeessa Reettii Maalii❓😆😆😆

Diraamaa Pheenxee Haaraa 😄😄😄

🎯 @Rafiiqul_Islaam
28.04.202510:56
Imala Da'iwaa #Marsaa_4ffaa wolii galaatti #guyyaa_shanii Godina Booranaa fi Daasinechi keessatti geggeeffame irraatti namni #3507_ol Islaamummaa fudhatan.

Marsaa 4ffaa guyyaa #1ffaa_212, #2ffaa_557, #3ffaa_142, guyyaa #4ffaa_96, guyyaa #5ffaa_2500 ol Wolumaa galatti Godina Booranaa fi Daasinechi keessatti #namni_3507 ol Islaamummaa fudhatanii jiruu. Alhamdulillah

Namni Miseensa dhaabbataa Yoona-Yaanaa ta'uun ergaa Rabbiitii fi ergamaa isaa Addunyaan gahuu barbaaddan (#miseensummaan #irra_xinnaan waan woggaa #birrii_365 irraa eegaluun) hirmaachuu dandeessu. 👇
Laakkofsa akkaawontii:-
Baankii Hijraa
1008113240001
Baankii Raammis
1010000061101
Baankii Daldalaa
1000668868723
#Yona_Yana Unity Development charity Organization.
Odeefannoo dabalataatiif laakkofsa bilbilaa:-
0913514314
0977717071

Cufa nama yaada kana dubbisee sagalee tana #dhageeffatee akkasuma saahiba isaatiif #sheer_taasisee Rabbiin qubsuma isaa Firdoosiin haa taasisuu.

Liinkii garee Telegram Yoona-Yaanaa 👇👇👇
https://t.me/+Qz_FvuM7ZOdmOTVk
27.04.202520:12
🛑 21, Maarqos 8:31 (HAH) Yesuusis akka #Ilmi_Namaa waan hedduun dhiphachuu qabu, akka maanguddootaan, luboota hangafootaa fi barsiistota seeraatiin tuffatamuu qabuu fi akka ajjeefamuu qabu, guyyaa sadii booddee immoo akka duʼaa kaʼu isaan barsiisuu jalqabe.

🛑 22, Maarqos 8:38 (HAH) Yoo namni kam iyyuu dhaloota ejjaa fi cubbamaa kana keessatti anaa fi dubbii kootti qaanaʼe, #Ilmi_Namaa yommuu ulfina Abbaa isaatiin ergamoota qulqulluu wajjin dhufutti isatti ni qaanaʼa.”

🛑 23, Maarqos 9:9 (HAH) Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Yesuus akka isaan hamma #Ilmi_Namaa warra duʼan keessaa kaʼutti waan argan sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje.

🛑 24, Maarqos 9:31 (HAH) sababiin isaas, “ #Ilmi_Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama. Isaanis isa ni ajjeesu; innis guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa” jedhee barattoota isaa barsiisaa ture.

🛑 25, Maarqos 10:33 (HAH) Akkanas jedhe; “Kunoo, nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; #Ilmi_Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru; akkasumas dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu;

🛑 26, Maarqos 10:45 (HAH) #Ilmi_Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”

LUQAAS IRRAA

🛑 27, Luqaas 7:34 (HAH) #Ilmi_Namaa nyaachaa, dhugaas dhufe; isin immoo, ‘Kunoo albaadhessaa fi machaaʼaa, michuu qaraxxootaatii fi cubbamootaa’ jettu.

🛑 28, Luqaas 9:22 (HAH) Innis, “ #Ilmi_Namaa waan hedduun dhiphachuu, maanguddootaan, luboota hangafootaa fi barsiistota seeraatiin tuffatamuu, ajjeefamuu fi guyyaa sadaffaatti immoo duʼaa kaʼuu qaba” jedhe.

🛑 29, Luqaas 9:44 (HAH) “Waan ani isinitti himuuf jiru of eeggannaadhaan dhaggeeffadhaa: #Ilmi_Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama.”

🛑 30, Luqaas 12:8 (HAH) “Ani isinittin hima; nama fuula namootaa duratti ifaan ifatti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, #Ilmi_Namaas fuula ergamoota Waaqaa duratti dhugaa ni baʼa.

🛑 31, Luqaas 12:40 (HAH) Isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; #Ilmi_Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.”

🛑 32, Luqaas 18:31 (HAH) Yesuus warra kudha lamaan kophaatti baasee akkana jedheen; “Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; wanni raajonni waaʼee #Ilma_Namaa barreessan hundinuus ni raawwatama.

🛑 33, Luqaas 19:10 (HAH) #Ilmi_Namaa isa bade barbaaduu fi fayyisuudhaaf dhufeetii.”


🛑 34, Luqaas 21:27 (HAH) Isaanis yeroo sana utuu #Ilmi_Namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessaan dhufuu ni argu.

🛑 35, Luqaas 22:69 (HAH) Garuu siʼachi #Ilmi_Namaa karaa mirga humna Waaqaatiin ni taaʼa.”

🛑 36, Luqaas 24:7 (HAH) ‘ #Ilmi_Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama; ni fannifama; guyyaa sadaffaatti immoo ni kaafama’ jedhee tureetii.”

YOHAANNIS IRRAA

🛑 37, Yohannis 1:51 (HAH) Innis itti dabalee, “Ani dhuguman, dhuguman isiniin jedha; samiin banamee utuu ergamoonni Waaqaa #Ilma_Namaa irra ol baʼanii gad buʼanuu ni argitu” jedheen.

🛑 38, Yohannis 3:14 (HAH) Akkuma Museen gammoojjii keessatti bofa fannisesana #Ilmi_Namaas fannifamuu qaba.

🛑 39, Yohannis 3:13 (HAH) #Ilma_Namaa isa samii irraa gad buʼe malee eenyu iyyuu samiitti ol hin baane.

🛑 40, Yohannis 5:27 (HAH) Sababii inni #Ilma_Namaa taʼeefis Abbaan akka inni murtii kennuuf taayitaa isaaf kenneera.

🛑 41, Yohannis 6:27 (HAH) Nyaata jireenya bara baraatiif taʼu kan #Ilmi_Namaa isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa. Waaqni Abbaan chaappaa isaa kan mirkaneessu Ilma irratti rukuteeraatii.”

🛑 42, Yohannis 6:53 (HAH) Yesuus immoo akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; isin foon #Ilma_Namaa nyaachuu baannaan, dhiiga isaas dhuguu baannaan ofii keessaniin jireenya hin qabdan.

🛑 43, Yohannis 6:62 (HAH) Yoos yoo utuu #Ilmi_Namaa iddoo dur turetti ol baʼuu argitan akkam taʼinna ree?

🛑 44, Yohannis 8:28 (HAH) Kanaafuu Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Yommuu #Ilma_Namaa ol fuutanitti akka ani isa taʼe, waanuma Abbaan na barsiisen dubbadha malee akka ani ofii kootiin homaa hin hojjennees ni beektu.

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1829
02.05.202507:19
#Hawaariyaatni yesuus fi #yesuus #muslima turan.

وَإِذۡ أَوۡحَيۡتُ إِلَى ٱلۡحَوَارِيِّـۧنَ أَنۡ ءَامِنُواْ بِي وَبِرَسُولِي قَالُوٓاْ ءَامَنَّا وَٱشۡهَدۡ بِأَنَّنَا مُسۡلِمُونَ
Yeroo ani gara hawaariyyootaa "Anaafi ergamaa kiyyatti amanaa" jechuu beeksisee isaanis "Nuti amanne; akka nuti Muslimoota taane ragaa ba’i" jedhan [yaadadhu] [Al maa'idaah 5:111]

إِنَّ ٱللَّهَ رَبِّي وَرَبُّكُمۡ فَٱعۡبُدُوهُۚ هَٰذَا صِرَٰطٞ مُّسۡتَقِيمٞ
Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan; kanaafuu Isa gabbaraa. Kun karaa qajeelaadha.” [Al imraan 3:52]

۞فَلَمَّآ أَحَسَّ عِيسَىٰ مِنۡهُمُ ٱلۡكُفۡرَ قَالَ مَنۡ أَنصَارِيٓ إِلَى ٱللَّهِۖ قَالَ ٱلۡحَوَارِيُّونَ نَحۡنُ أَنصَارُ ٱللَّهِ ءَامَنَّا بِٱللَّهِ وَٱشۡهَدۡ بِأَنَّا مُسۡلِمُونَ

Iisaan yeroma kufrii isaan irraa hubatu “namni [waamicha ani] gara Rabbiitti godhu keessatti na tumsu eenyu?” jedhe. Hawaariyyoonnis “nutu tumsitoota Rabbiiti. Rabbitti amanneerra. Akka nuti Muslimoota taanes ragaa nuuf ba’i” jedhan.
[Al imraan 3:52]

Warri kiristaanaa gaafiin kun isaaniif dhukkuba sammuu itti taati yeroo gaafannu sababni isaatiis deebii fi ragaa hin qaban.

#Gaaffii yeroo hunda gaafannu kan hanga ammaatti deebii fi ragaa itti dhaban.

Kutaa 1⃣ffaa
1 Amantaa kiristaanaa Eenyutu Hundeesse??
2 Nabiyyii kamtu Amantaa kiristaanaa Barsiise
3 Amantiin kiristaanaa Amantii Dhigaa tahuu isii Ragaan keessan maali??

👆👆 gaafiilee kana nuuf deebisaa ykn Keessaa Baqadhaa yaa lammiiwwan keenya.

Nuti ragaa fi dhugaa waan qabnuuf isin waamna.
Amantaan dhugaa takkuma qofa. Surah Al-Imraan 3:19 Irratti Rabbiina Akkana jedha. "Amantiin Rabbi biratti jaalatamtuu taate #Amantii_Islaamaa qofa" jedha.

Akkasumattille Surah Al-Imraan 3:85 irratti; Rabbii akkana jedha. "Namni Amantii Islaamaatiin ala Amantii biroo Barbaadu isarraa hin qeebalamtu Innis Guyyaa qiyaamaa warra Kasaaran irraahi jedha"

Kanaafuu Amantii Islaamaatiin ala amantiin kamiyyu tan sobaa akka tahe hubanna.

Namni Amantii islaamaa ala Amantaa biroo osoo hordofuu du'e guyyaa qiyaamaa Akkana jedha.

👇👇
Suraah Al-Hijir 15:2 "Isaan kafaran guyyaa qiyaamaa odoo musliimota ta'anii hedduu hawwu" jedha.

Kanaafuu guyyaa qiyaamaa hawwuun bu'aa tokkollee hin qabu osoo carraa qabduu, osoo addunyaarra jirtuu, osoo lubbuun si keessa jirtuu gara amantaa muslimaatti koottu guyyaan har'a yeroonis amma.

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1856
Guyyaa har'aa balaan ibiddaa gaarreen Yarusaalam irratti mudate weerartuu Israa'el n muddama keessa galchuun miidhaa olaanaa qaqqabsiisaa kan jiru yoo ta'u, balaan ibiddaa kun humna Israa'el ol ta'uu isaatiin waamicha gargaarsaa biyyoota michuu isheetiif taasistee jirti.

- Jechoota Gaggaarii.


.... Itti finiinsi

هكذا تتحرق دولة اليهود عليهم لعنة الله
الحمد لله

كم أحرقوا من جسد الأطفال
اللهم أحرقهم وزد عليهم عذابا فوق العذاب

Lubbuu meeqaaf meeqa galaafatan, guban. Wallah ibiddi kun itti hanqata.

Obboleeyyan keenya warri Filisxeen haali isaanii baay'ee nama dhukkubsa❗️

Allah warra hafeef obsa warra du'eef jannata itti itti arjoomu.

Namarratti miti beeylada irratti cubbuu hin raawwatamne muslimoota irratti rawataa jiru.

🤲 Rabbi ibidda kana akka hin dhaabbanne haa godhu saffisaaf qilleensaas haa kennuuf.
29.04.202521:53
Ustaaz Awwol Qaasim Congragulation Kuni Jalqabaa Inshaa Allaah Rabbi Isin Haa Tiksuu Jajjabaadhaa.

Dhaabbanni Rahmaa kan magaalaa finfinneetti argamu, sirna gaggeessaa obboleessa keenyaatiin wal qabatee namoota 18tiif beekamtii kennee jira, Isaan keessaa tokko GAREE SHAHAADAA yoo ta'u, Anaafi waahiloota koofis waraqaa kabajaa fii galateeffannaa kennee jira.
Galatoomaa jennaan.

🎯 @Rafiiqul_Islaam
Maashaa Allaah!
Sheekhni keenya Dr Jeylan Kadir itti aanaa prezdaantii waldaa ulama’oota Afrika tahuun filataman

Konfiraansiin Ulamaa’ota Afrikaa guyyoota lamaaf Senegaal magaalaa Dakaar keessatti gaggeeffame irratti hayyoonni Afriikaa adda duree ta’an akkasumas hayyoota Itoophiyaa irraa dhufan dabalatee irratti hirmaatan Dr. Jeylan Khader Pireezidaantii Itti Aanaa Mana Maree Ulamaa’ota Afrika ta’uun filatamaniiru.

ሙፍቲ ዶ/ር ጄይላን ኸድር የአፍሪካ ኡለሞች ማህበር ም/ፕሬዝዳንት ሁነው ተመረጡ ‼️

የኢትዮጲያ ጨምሮ የአፍሪካ ታላላቅ ኡለሞች የተሳተፉበት በሴኔጋል ዳካር ከተማ ለሁለት ቀን የተካሄደው የአፍሪካ ኡለማዎች ጉባኤ ዶ/ር ጄይላን ኸድርን የኡለማ ምክር ቤቱ ም/ፕሬዝዳንት አድርጎ መርጧቸዋል ‼️
28.04.202503:03
Seenaa Qur'aana Keessaa


Qopheessaan: Sheekh Jamaal Sheekh Muhammad
𝐒𝐢𝐳𝐞 3.8 𝐌𝐁 𝐏𝐃𝐅
𝐏𝐚𝐠𝐞: 40


Kitaabolee biroo Argachuuf 👇👇

@Rafiiqul_Islaam_Library
Gaafii fi deebii ajaa'ibaa waa'ee Yesus kana caqasaa mee.

®Ifaa Dhugaa

🎯 @Rafiiqul_Islaam
02.05.202507:11
↪️Nabi Muusa/muuse(as)

وَقَالَ مُوسَىٰ يَٰقَوْمِ إِن كُنتُمْ ءَامَنتُم بِٱللَّهِ فَعَلَيْهِ تَوَكَّلُوٓاْ إِن كُنتُم مُّسْلِمِينَ
"Muusanis Ni jedhe yaa ummata kiyyaa yoo Kan rabbitti amantan taatan isuma irratti irkadha; yoo #musilimoota taatan". Al-Qur'an 10:84


↪️Nabi Iisaa/yesuus (as)

فَلَمَّا أَحَسَّ عِيسَىٰ مِنْهُمُ الْكُفْرَ قَالَ مَنْ أَنصَارِي إِلَى اللَّهِ ۖ قَالَ الْحَوَارِيُّونَ نَحْنُ أَنصَارُ اللَّهِ آمَنَّا بِاللَّهِ وَاشْهَدْ بِأَنَّا مُسْلِمُونَ
"Iisaan yeroma kufrii isaan irraa beeke namni gara rabbiitti naa tumsu eenyu? Jedhe hawaariyyoonnis nutu tumsitoota rabbiiti rabbitti amannee jirra. Akka nuti #musilimoota taanes ragaa nuuf bahi jedhan".

↪️Ammoo caalaan uumamtoota jaalaleen haqaa nabi Muhammad/Isa Nabi Iisaan/ yesuus isiniif dhufa nuun jedhe (saw)

إِنَّمَآ أُمِرْتُ أَنْ أَعْبُدَ رَبَّ هَٰذِهِ ٱلْبَلْدَةِ ٱلَّذِى حَرَّمَهَا وَلَهُۥ كُلُّ شَىْءٍۢ ۖ وَأُمِرْتُ أَنْ أَكُونَ مِنَ ٱلْمُسْلِمِينَ
"Kan Ani ajajame gooftaa biyyattii kanaa Kan ishee kabaje gabbaaruu qofa. Wanti hundinuu Kan isaati; #musilimoota irraa ta'uttis ajajame".

إِنَّ الدِّينَ عِندَ اللَّهِ الْإِسْلَامُ
"Amantiin rabbiin biratti qeebalamtu/fudhatamtu #isilaamummaa qofaadha.
Suuraa 3:19

Kanaaf kiristaanooche Isilaamummaa malee galti hin jirtu dafaati of dhaqqaba.Rabbiin qalbii dhugaa agartu hunda keenyaayyuu haa kennuu.

Kanaaf dubbiin kiristaanonni Isilaamummaan jaarraa 7ffa as eegale jedhu dubbii sobaafi hundee hin qabne ta'uu arginee jirra.

Barruu Kana Dubbisaa Share Woliif Godhaa Keessattuu Kiristaana Biraan Nuuf Ga'aa.

Worri Kiristaanota Yoo Nama Waa Hubachuu Barbaaddan Taatan Kottaa Marii Taasisaa.

Hojii Keessan Ilaalaa Waan hin Beekne dubbattuu gaafa namni deebii isiniif deebise ni haqxuu 😁😁 Nama waa deddeebise ristrict gootuu😁😁 maal jechuudhaa?

Channel Kana Join Godhaa👇👇

@Gingilchaadhugaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1855
30.04.202513:42
📖 Tafsiira Qur'aanaa
💥Suuratul Al'Qalam Haayata(41~52)

•┈┈┈┈•✿❁✿•┈┈┈┈•
🎙الشيخ عبد الكريم أحمد حفظه الله ورعاه

🎙SHEIKH ABDULKARIIM AHMAD - HAFIZAHULLAAH


#Quran_Tafseer_Afaan_Oromoo
👇𝗝𝗼𝗶𝗻👇

https://youtube.com/@abu_muhammad.?si=fMQCsRfhWLdyuzNj


https://t.me/sheyk_abdulkarim/944
29.04.202513:56
#Waaqayyo_abbaa_kattaa_jabaati

Rabbiin hirkoo waan hundumaati. Wanti hundinuu gara isaatti baqata.


#Farfannaa:- 18:30
"የአምላኬ መንገድ ፍጹም ነው፥
የእግዚአብሔር ቃል የነጠረ ነው፥
በእርሱ ለሚታመኑት ሁሉ ጋሻ ነው።
"Waaqayyo kun karaan isaa mudaa hin qabu, dubbiin isaa dhugaa ta'uu isaa amansiiseera; Waaqayyo warra isatti kooluu galan hundumaaf gaachana."

#Farfannaa:- 18:31
"ከእግዚአብሔር በቀር አምላክ ማን ነው?
ከአምላካችን በቀር አምላክ ማን ነው?
"Goofticha malee Waaqayyo eenyu ree? Waaqayyo keenya malees kattaa jabaan eenyu ree?"

وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱللَّهِۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ وَكِيلࣰا
Allaah irratti hirkadhu; hirkoo ta’uufis Rabbumatu ga’a. [Al-Ahzab 33:3]

Gaaffiin asitti nu qabnu:-
1🖍. "Karaan Rabbii mudaa hin qabu" jedha. Karaan ilma namaa mudaa akka qabu hin ibsuu?
2🖍. Yesuus ilma namaa erga ta'ee, karaan Yesuus mudaa akka hin dhabne namatti hin ibsuu?
3🖍. Dubbiin Waaqayyoo hundi erga dhugaa ta'ee, kiristaanotni fi pirootestanotni maaliif Rabbiitti hin amanne?
4🖍. Rabbii dubbiin isaa dhugaa ta'e, dhiisanii maaliif Yesuusitti amanu?
5🖍. Rabbiin gaachana uumama hundaati. Yesuus hoo gaachana?
6🖍. Keyyata biraa keessatti Yesuus ofiifuu gaachana barbaaduuf Rabbiin waammataa ture. Kana hoo ilaalaniiruu?
7🖍. Yesuus ayhuudotaa jalaa of baaseera? Eenyuuuf gaachana ta'e?
8🖍. Rabbiin malee, ''Gooftaan biraa hin jiru'' jedha. Jarri pheenxee fi Kiristaana maaliif Yesuusiin "Gooftaadha" jedhu?
9🖍. Yaadni akkasumas barnootni isaanii fi macaafni isaanii gargar akka ta'an hin ibsuu?
10🖍. ''Rabbiin malee kattaan jabaan hin jiru'' jedha. Yesuusiif iyyuu kattaa kan ta'e Rabbi. Mee kana eessatti mormu?

Hub:- akka macaafaatti; ''kattaa'' jedhuun, hirkoo, bakka wanti hundinuu itti baqatu jechuudha. Kun:- Rabbii isa waan Hundumaa uumeef malee, waan biraatiif hin malu. Dandeettii hirkoo waan hundumaa ta'uu kan danda'u tasuma hin jiru.

رَّبُّ ٱلۡمَشۡرِقِ وَٱلۡمَغۡرِبِ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَٱتَّخِذۡهُ وَكِيلࣰا
(Inni) Gooftaa bahaafi dhihaati. Isa malee gabbaramaan dhugaa hin jiru; hirkoo isa taasifadhu. [Al-Muzzammil 73:9]


https://t.me/Know_to_Islamic
Gaaffii Ajaa'ibaa

ሁሱም ተጠየቀ ዘርህ ምንድነው ተብሎ

Osoo Si Ta'ee Maal Deebistaa?

Video Dhaggeeffadhaa

Alhamdulillaah Kan Islaamummaa Nuuf Kennitee

🎯 @Rafiiqul_Islaam
27.04.202520:12
🛑 45, Yohannis 12:34 (HAH) Tuunnis deebisee, “Akka Kiristoos bara baraan jiraatu nu Seera irraa dhageenyeerra; yoos ati akkamitti, ‘ #Ilmi_Namaa ol fuudhamuu qaba’ jetta? ‘Ilmi Namaa’ kunis eenyu?” jedheen.

🛑 46, Yohannis 12:23 (HAH) Yesuus immoo akkana jedhee isaaniif deebise; “Saʼaatiin #Ilmi_Namaa itti ulfina argatu gaʼeera.

🛑 47, Yohannis 6:27 (HAH) Nyaata jireenya bara baraatiif taʼu kan #Ilmi_Namaa isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa. Waaqni Abbaan chaappaa isaa kan mirkaneessu Ilma irratti rukuteeraatii.”

Qopheessaan:
® Rafiiqul Islaam

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1830
24.04.202509:09
#Namoonni_kuma_lamaa_ol (2000 ol) Islaamummaa fudhatan.
Kibba Itiyoophiyaa, Godina #Daasinechi, Ganda #Sallanyi keessatti guyyaa 15/08/2017 (23/04/2025) #Namoonni_kuma_lamaa ol (#2000 ol) Islaamummaa fudhatan.

Namni Miseensa dhaabbataa Yoona-Yaanaa ta'uun ergaa Rabbiitii fi ergamaa isaa Addunyaan gahuu barbaaddan (#miseensummaan #irra_xinnaan waan woggaa #birrii_365 irraa eegaluun) hirmaachuu dandeessu. 👇
Laakkofsa akkaawontii:-
Baankii Hijraa
1008113240001
Baankii Raammis
1010000061101
Baankii Daldalaa
1000668868723
#Yona_Yana Unity Development charity Organization.
Odeefannoo dabalataatiif laakkofsa bilbilaa:-
0913514314
0977717071

Cufa nama yaada kana dubbisee sagalee tana #dhageeffatee akkasuma saahiba isaatiif #sheer_taasisee Rabbiin qubsuma isaa Firdoosiin haa taasisuu.

Liinkii garee Telegram Yoona-Yaanaa 👇👇👇
https://t.me/+Qz_FvuM7ZOdmOTVk
Shown 1 - 24 of 530
Log in to unlock more functionality.