
Україна Online: Новини | Політика

Телеграмна служба новин - Україна

Резидент

Мир сегодня с "Юрий Подоляка"

Труха⚡️Україна

Николаевский Ванёк

Лачен пише

Реальний Київ | Украина

Реальна Війна

Україна Online: Новини | Політика

Телеграмна служба новин - Україна

Резидент

Мир сегодня с "Юрий Подоляка"

Труха⚡️Україна

Николаевский Ванёк

Лачен пише

Реальний Київ | Украина

Реальна Війна

Україна Online: Новини | Політика

Телеграмна служба новин - Україна

Резидент

Khaalid Abdoo
TGlist rating
0
0
TypePublic
Verification
Not verifiedTrust
Not trustedLocation
LanguageOther
Channel creation dateMar 29, 2024
Added to TGlist
Nov 11, 2024Records
20.04.202523:59
7KSubscribers24.02.202523:59
100Citation index25.01.202522:39
59Average views per post18.02.202522:39
59Average views per ad post18.02.202522:39
1.69%ER25.01.202522:39
0.87%ERRReposted from:
RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩

20.04.202512:11
“ Yesus Kiristos gara samii ul-fuudhamuu”.
“Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta’e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta’in; akka ati jaallatte haa ta’u! jedhe. “Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul’ate. Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ta’e”.”
[Luqaas 22:42-44]
“Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan imimmaaniin, kadhataa fi waammata gara isa du'a isa oolchuu danda'uutti dhi'eesse; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, kadhanni isaa in dhaga'ameef.”
— Ibr. 5:7
Yesus Kiristos osoo akka Kiristiyaanonni jedhan; cubbuu isaaniitiif du’uu fi fannoo irratti fannifamuuf dhufee maaliif du’a jibba ?. Ammas erga kaayyoon dhufeef kana ta’ee, maaliif du’uu dhabuu Rabbii isaa kadhata ?
“Gara sa’aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan “Elii, Elii lamaa sabaktanii?” jedhee waammate; kunis, “Waaqayyo ko, Waaqayyo koo maaliif na dhuufte?” jechuutti in hiikama.”
[Maatewos 27:46]
[Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kafaran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga guyyaa qiyaamaatti warra kafaran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gudduu keessanitti nan murteessa.”]
(Qur’aana Suuratu Aal- Imraan 3:55)
Hubachiisa dabalataa kan Yesus Kiristos fannifamuu dhabuu isaa nuu mirkaneessan;
❖ Du’uu isaa kan dubbate Maatewoosii fi Luqaasiidha. Luqaas immoo ofii isaatiyyuu barataa isaa hin turre, maatewos immoo du’a isaatii fi rarraafama isaa hin argine, barattoota kaanneen wajjiin baqatee ture, wanti amantaan tokko irratti ijaaramu immoo ragaa qabatamaadha. Yoo raga qabatamaa hin qabaatin ni darbama.
❖ Maatewosii fi Luqaas, akka kitaabban seenaa Kiristiyaanaa jedhutti; Wangeelota isaanii yemmuu barreessan Wangeela Maarqos waan of harkaa qabaniif Wangeela isaa kana irraas immoo yaada hedduu irraa akka fudhatanii fi koppii godhatantu dubbatama. Sababni isaas Wangeelli jalqaba barreeffame Wangeela Maarqosidha. Innis immoo ofii isaatiyyuu barataa Yesus hin turre.
❖ Macaafni Maatewos afaan ibraayistiin barreesse waan du’a Yesusi fi rarraafama isaas hin dubbatu, kan afaan Girikii immoo kan inni barreesse miti, nama biraatu hiike, namni hiikes hin beekamu.
❖ Barattoonni Yesus tokkoo iyyuu kan Yesus bira dhaabbate hin jiru, hundinuu ni baqatan. [Maarqos 14:50], [Yohannis 16:32] irra ilaalaa.
❖ Namoonni isa qabuuf dhufan ni gaggaban, yeroon sun immoo yeroo inni gama samiitti ol-fuudhameedha. [Yohannis 18:6]
❖ Macaafni Kakuu Moofaan waa’ee du’a isaa rarraafamuu isaa hin dubbatu.
❖ Namni rarraafamu abaaramaadha. [Ergaa Gara warra Galaatiyaa 3:13]
Walumaagalatti fannifamuu isaa Qur’aanni Kabajamaan ifaan ifatti mormee jira. Macaafni Qulqulluun amma harka Kiristiyaanotaa jirus kanuma gargaara malee hin faallessu nama hubateef.
Yihuudicha Yesusin gane nama “-” jedhamu Rabbiin bifaa fi
haasawaan akka Yesus Kiristos wajjiin wal-fakkaatu taasisee Israa’eloonni Namticha ganaa kana fannisuun ajjeesuu isaanii Wangeelli Barnaabaas addeessee jira.
[Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes.
Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.] (Qur’aana 4:157)
بَل رَّفَعَهُ اللَّهُ إِلَيْهِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا
[Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiin injifataa, ogeessa ta’e.] (Qur’aana 4:158)
Kanaafuu nu Muslimtoonni woggaa woggaan akka Yesus Kiristos hin ajjeefamin, hin fannifamin ragaa bahaa jiraannaa. Xumurameera.
Amantaa Lamaan Irraa
by: @Khaalid_Abdoo
https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1792
Log in to unlock more functionality.