Реальна Війна

Лёха в Short’ах Long’ует

Україна Сейчас | УС: новини, політика

Мир сегодня с "Юрий Подоляка"

Труха⚡️Україна

Николаевский Ванёк

Лачен пише

Анатолий Шарий

Реальний Київ | Украина

Реальна Війна

Лёха в Short’ах Long’ует

Україна Сейчас | УС: новини, політика

Мир сегодня с "Юрий Подоляка"

Труха⚡️Україна

Николаевский Ванёк

Лачен пише

Анатолий Шарий

Реальний Київ | Украина

Реальна Війна

Лёха в Short’ах Long’ует

Україна Сейчас | УС: новини, політика

GAGGEESSUMMAA
Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://adsly.me/@gaggeessummaa
Website: gaggeessummaa.com
Buy ads: https://telega.io/c/Gaggeessummaa
Contact: @Getu_Abera

TGlist rating
0
0
TypePublic
Verification
Not verifiedTrust
Not trustedLocationЕфіопія
LanguageOther
Channel creation dateApr 22, 2025
Added to TGlist
Dec 09, 2024Linked chat

gaggeessummaa.com
2.7K
Records
26.01.202509:06
31.4KSubscribers28.02.202517:44
16400Citation index03.03.202500:58
2.4KAverage views per post03.03.202522:17
2.4KAverage views per ad post18.04.202515:14
7.20%ER03.03.202523:59
7.65%ERR

16.04.202515:12
🗣️ Dubbiilee Pro Mihratuu SHaanqoo keessaa Muraasa:
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Mul'ata malee Hin mul'atan - Mul'ata jechuun imala yaada sammuuti!
@Gaggeessummaa 💟

➺✔️ Of beekuuf murtoo Hin qabdu taanan yoo of beektes murtoo Hin murteessituu
➺✔️ Barachuun beeku Hin ibsu beekuun garuu barachuu Ibsa
➺✔️ Qabeenyi akka maleetti kufeef dagatame dhala namati
➺✔️ Namni lakkoofsa guutuuf dhalate Hin jiru lakkoofsaan guutuu ta'ee dhalata malee
Gonkumaa Hin arifatin
Gonkumaa Hin dhiphatin
Gonkumaa Abdii Hin kutin
Gonkumaa waan xiqqoon qabamtee karaatti Hin dhaabbatin
➺✔️ Yoo qophaa'aa taate guyyaan borii qabeenyaa Ati qooddachuuf eeggattudha
➺✔️ Jaarraan 21 ffaan jaarraa namoota tattaaffii fi tarkaaffiiti malee jaarraa tuffii miti
➺✔️ Addunyaan sammuu keefi jecha Ati waa'ee keef qabduu keessaa jirti
➺✔️ Yoo Amantee wanta ta'uu barbaadde ni taata jedhama barrisuu kan dandeessuu yoo hamma barrissuu dandeessuu amantee qofaadha
➺✔️ Of shakkiin inni namni biraan si shakkuu iyyuu si ga'a
➺✔️ Carraan amma qabduu kan guddinaati malee kan badiisaa miti
➺✔️ Dirree itti injifatamtee keessaatti lubbuun jiraachaa hafuu kee caalaa dirree itti injifate keessaatti duute awwaalamuu sif wayya
➺✔️ Meeshaa ammayya'aa caalaa sammuu injifannoo qabaadhuutti gara dirree seen I
➺✔️ Tulluun of beeke si duraa kufuu Hin jiru akkasumas tulluu Ati dhibdee siduraa kufuu didu Hin jiru
➺✔️ Sammuu hidhamaadhaan addunyaa hikamaa keessaa jiraachuu irraa qaamaan hidhamanii sammuu hiikamaa qabaachuutu wayya
➺✔️ Rakkinaa kalleessaa sirra ga'ee har'as rakkina jettee dubbatta taanaan har'as namatu sif Hin arginee malee rakkinaa isa kan kaleessaa caalu keessaa jirta
➺✔️ Gaggeessummaan Carraadha osoo Hin taanee itti gafaatammummaadha.
@Gaggeessummaa 💟

07.04.202512:04
JOOBIRA (2)
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
@Gaggeessummaa 💟
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Jireenya Joobiraa keessaa inni baayyee nama maalalchiisu kan biraa.... bara jireenya isaatii ilaalchiseeti. Barri jireenya Joobiraa waggaa yookiin ganna 70. Haa ta'uutii garuu waggaa hammanaa jiraachuuf obsaa fi murtoo sirrii beekuu qaba. Joobirri waggaa 30_40 yoo gahu baalleen koochoo isaa waan furdatuuf akka kanaan duraa balali'uun itti ulfaata. Sirriitti akka balali'uufis isa hin dandeessisu. Akkasuma afaan isaas dheerina umuriirraan kan ka'e in daba. Nyaata isaas salphaatti nyaachuuf baayyee isa rakkisa. Yeroo wanti akkasii isa mudatuttis, Murtoo lamaan keessaa na fayyada naaf ta'a na baasa isa jedhe filachuu qaba. Filannoon kunis yookiin of haaressuu yookiin immoo du'uu. Joobirri of haaressuuf murteesse, Joobira biroo irraa adda bahuun gara gaaraatti deemuun koochoo yookiin baallee isaa bubuqqisa. Baallee isaa of irraa bubuqqisuun qullaatti of hambisa. Afaan isaa sanas hin caccabsa. Yeroo kanatti egaa waan sooratus hin dhaba. Hamma guddatuufittis beelaa fi rakkina hunda danda'uun obsaan dabarsa. Dhumarrattis, afaan isaas ta'ee koochoon isaa guddachuu eegala. Haala kanaanis umurii isaa 30-40 haareeffata.
Baayyeen keenya mul'anni keenya, milkaa'ina argatee galma gaafa gahu, arguuf yaanna yookiin immoo hawwina, akkasumas abjoonna. Inni kunis gufannaa fi rakkina tokko malee akka nuuf ta'u barbaanna. Waan ta'eefis adeemsa keenya irratti wanti nu gufachiisu fi abdii nu kutachiisu akkasumas rakkoo fi qorumsa nu mudataniin yoosuma abdii kutachuun deemsa keenya yoo dhaabnu argina. Haa ta'uutii garuu amala keenya kana hamma hin sirreeffannetti abbaa abjuu fi mul'ata gurguddaa taana malee yoomiyyuu taanan galma keenyatti nu hin geessu.
Gufannaa malee milkaa'inni hin jiru inumaayyuu akkan amanutti gufannaan fi kufaatin hiriyyoota dhiyoo milkaa'inaati.
Amaloota Joobiraa baayyee nama dinqu keessaa inni kan biraa immoo Joobirri nyaata isa adamsee argate qofa nyaachuu isaati. Joobirri lafuma jirutti nyaanni akka isaaf dhufu hin fedhu yookiin immoo sinbirroonni biroo akka godhan bineensota du'an isa dhiyeenyatti argate hin sooratu. Kanarra ol fageenya jirurraa gadi bu'uun adamsee nyata qulqulluu fi isa haaraa ta'e qofa soorata. Obboleessaa atis yaa obboleettii koo! Lafa kanarratti siif ta'uu kan qabanii fi argachuufis wanti baayyee hawwitu baayyeetu jiru. Isaan kanneenis. Karaa qaxxaamuraa fi salphaa ta'een karaan itti argattu jiraachuu danda'a. Haa ta'uutii garuu itti dadhabdee, ifaajjee, tattaaffii keetin inni argatte qofti kan kee haa ta'u. Kanaan ala garuu hawwitee jarjartee inni ati argatte hundi keessa keetif nagaa akkasumas fayyaa siif kennuu dhiisuu danda'a.
Maatii Joobiraa
Joobirri isheen dhaltuun walitti dhufeenya Joobira kormaa waliin eegaluun dura qortee ilaalti. Joobirri kormaan Joobira dhaltuu waliin firoomuu yookiin hiriyyummaa ishee gaafa barbaadu, akasumaan akka salphaatti isheetti dhiyaachuu ykn firoomuu hin danda'u. Joobirri dhaltuun dandeettii joobira kormaa madaaluuf hin qorti. Akkaataan Joobirri kormaan Joobira ishee dhaltuun itti qoramus haala kanaani.
Jalqaba lameen isaaniyyuu gara lafaatti gadi bu'u. Sana booddee Joobirri dhaltuun muka kaasuun gara oliitti fagaattee ol balaliiti. Joobirra inni kormaanis duuka bu'uun gara oliitti ishee waliin balali'a. Isa dagachiisuunis mukicha isa lafaa fuutee balali'aanii turte gadi lakkisti. Inni kormaan sunis mukichi isheen gara lafaatti gadi lakkiste suni osoo lafa hin gahin ariifatee humnaaf dandeettii qabutti fayadamee mukichi osoo lafa hin xuqin qabee deebisee isheetti kenna. Itti fuftees ol fageenya dura turterraa dabaltee gara samiitti ol fagaattee mukicha gadi lakkisti. Gochi kunis sa'aatileef walitti fufuun irra deddeebitee akkasittiin Joobira kana qorti. Joobirri inni kormaanis muka yeroo kamittuu gadi lakkifamu kana osoo lafa hin gahin qilleensarratti qabuun deebisee isheetti kenna. Tasa mukicha qabuu dadhabee mukichi darbee lafatti kufe taanaan garuu dhumateef, inni abbaa ijoollee ishee ta'uu hin danda'u waan ta'eef hin ariiti.
@Gaggeessummaa 💟

09.04.202513:19
WANTOOTA SHAN GURGUDDOO KAN SAMMUU KEENYA MIIDHAN
1. Ciree soorachuu (nyaachuu) dhiisuu!
2. Nyaatuma argatte nyaachuu, gosa nyaataa filachuu dhiisuu, keessattuu nyaata sukkaarri itti baayyate nyaachuu
3. Hirriiba gahaa rafuu dhabuu
4. Boqonnaa gahaa dhabuu
5. Teknoolojii adda addaa kan akka mobaayilaa fi laptop fi kan kana fakkaatan yeroo dheeraaf osoo jidduun boqonnaa hin fudhannee yeroo dheeraaf fayyadamuu!
@Dhimma_Fayyaa

08.04.202512:06
JOOBIRA (3)
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Obboloota koo jireenya keessatti hiriyyaa gaa'eelaarraa kaasee sababa hojiitiif hiriyyoonni walitti dhufeenya waliin gootu baayyeedha. Nama baayyeenis wal barta. Waan xiqqoon kan amaname baayyeef muudama waan ta'eef dursa eenyumaan waliinuu walitti dhufeenya uumuun dura qorii ilaali sirritti. Hiriyyaa gaariin obboleessa obboleetirra caala sila ta'eef!
Joobirri takka Joobira tokkoof qofa. Joobirri tokkos Joobira takkaaf qofa. Hamma lubbuun jiranittis isaan lachanuu gara Joobira biroo hin deeman. Isaan lamaan gargar kan isaan baasu yoo jiraate du'a qofa. Jireenya isaanitis wal gargaaruun jiraatu. Joobirri dhaltuun yeroon isheen hanqaaquu buustu ykn hanqaaqxu yeroo gaheettis Inni kormaan muka baayyee ol dheeraa barbaaduun mana ijaaruufii eegala. Manni inni ijaaru kunis afaa wal irra tuulama 3 hamma 7tti qaba. Afaan inni jalqabaa muka yoo ta'u, sadarkaa lammaaffarratti immoo qoreetu irra afama. Itti fufees lafa adamooti gogaa bineensotaa argate irra afa. Xumurarrattis baalaa fi marga gara garaa irra afa. Joobirri isheen dhaltuunis hanqaaquu buusti. Isatti fufee anqaaquun tuni ho'a gahaa argattee caacutii akka yaasuuf ho'a kennuufiin gahee isaan lachuutiyyu. Wal jijjiiruun dabaree dabaree hanqaaquu tana hammachuun ho'a kennuufi. Gochi kunis hamma caacutiin yaatutti itti fufa. Caacuutiin erga yaateen booddees dabareedhaan ilmaan isaanii kana sooru.
Joobirri nyaata adamsee argate kana ijoollee isaatif fiduudhaan akkaataa nyaachuuf isaanitti toluun qopheessefi sooruun, akkasumas akkaataa itti balali'uu danda'an barsiisuun ijoollee isaatif aarsaa barbaachisu hunda kaffaluun jaalala isaa itti argisiisa. Cuuciin Joobiraa nyaanni maatii isaanitiin adamsamee qophaayee waan isaaniif dhufuuf, yeroo baayyee dafanii balali'uuf yaalii hin taasisan. Suuta suuta garuu maatiin isaanii nyaata ijoolllee isaanitiif fidan kana akka tanaan duraa osoo hin taane, ol fageessuun qilleensarratti rarraasuun ijoolleen isaanii utaaluun nyaata isaanii kana akka nyaatan godhu. Itti fuffuunis balali'uu akka danda'an godhu.
Ammas balali'uuf yaalii hin taasisan yoo ta'e, afaa tanaan dura mana isaanii keessa afan gogaa, baala fi marga afamee jiru jalaa kaasu. Kanaanis qoreen isaan waan waraantuf osoo hin jaalatin goojjoo sana keessaa bahuuf yaalii godhu, sana booda Joobirri baachuun gara oliitti qabee bararaan achiis akka itti balali'an shaakalchiisa. Tariitii humni isaan hanqatee kufuuf gaafa jedhan Joobirri jala seenuun utubaa, gargaaraa suuta suuta balali'uu isaan barsiisa. Nama hin raajuu hojiin uumaa keenyaa! Obboleessa koo.... obboleettii koo.... tarii hojjechuuf humnaaf gahumsa, dandeettii osoo qabduu maatii keetiin ykn warra si guddisanin kunuunsa argachuun ykn immoo hojiin qacaramtee namarrattis hirkataa taatee argamta ta'a.

27.03.202501:53
🗣️ Kitaaba "Yaadi Duroomi/Think and Grow Rich" jedhu irraa barnoota 10 " hojiilee Napoleon Hill addunyaa irratti beekamoo ta'an keessaa isa tokkodha.
1. Fedhii/Desire/: Napoleon Hill kitaaba isaa "Think & Grow Rich" jedhu keessatti wanti hundi fedhii irraa eegala. Jireenya kee keessatti akkamitti waan tokko akka barbaaddudha. Kana galmaan gahuu yoo dandeesse malee fedhii hin qabdu jechuudha. Garuu waan ati taatu suuraa dhugaa kan ta'e fedhii kee isa gubaadha, fedhiiiin kee garuu fedhii gubaa ta'uu qaba. Fedhii kee galmaan ga'uuf yeroo murteessite immoo Egaa, karaa tokkoon fedhiin sadarkaa yaadaafi gocha walitti hidhudha.
💡Yaada - Of kennuu (Fedhii) - Gocha
"Wanta sammuun ulfooftee amanuu dandeessu kamiyyuu sammuun galmaan gahuu danda'a."
2. Amantii/Faith/: Amantiin humna yaadaa fi miira keetii mul’isuu, wantoota abdatte jabeessitee qabachuudha. Amantiidhaan waan hin danda'amne uumuu dandeessa. Garuu yaadni gadhee aarii, jibba ykn hinaaffaa faayidaa qabnu kamiyyuu yoo amantii qabaanne ajjeesa. Kanaaf waan galmaan gahuu barbaaddu hunda irratti ilaalcha gaarii qabaachuu qabda. Yeroo ofii fi abjuu keetti amantu waanuma fedhe galmaan gahuu dandeessa.
3. Duub-deebii ofumaan kennuu/Auto suggestion/: Kun dandeettii sammuu kee fedhii kee isa gubaa jiru irratti xiyyeeffachuu keeti sammuu kee isa dammaqaa jalaa akka dhugaatti akka fudhatu gochuudha. Auto-suggestion yaada/mirkaneessuu ofii keetiin, ofiif kenniteedha. Kaayyoo fi hawwii kee barreessi yaada gaarii dhugaa jireenyaa ta'een irra deebi'i.
4. Beekumsa addaa/Specialized Knowledge/: Amma yaada = hawwii = gocha akka ta'e beekna. Ogummaa murtaa’e kaayyoo ijoo, daldala ykn hojii kee wajjin walqabatu horachuu hin dhiisin. Namoonni ga’umsa gadi aanaa qaban yeroo baay’ee erga mana barumsaa gadhiisanii booda barumsi akka xumurame amanu. Dhugaa dubbachuuf, barnoonni hundi beekumsa qabatamaa akkamitti akka argattu akka barattu si gargaaruuf kan yaadamanidha. Kaayyoo kee galmaan ga’uuf beekumsaa fi karoora hojii kee barachuu fi fooyyessuu qabda.
5. Yaada/Imagination/: "Wanta sammuun ulfooftee amanuu danda'u kamiyyuu sammuun galmaan gahuu danda'a." Humna of kakaasuu guddisuu qabda kana gochuuf karaan hundarra gaariin yaada (imagination) dha. Yaadni karoora kee irratti tarkaanfii fudhachuuf ifaafi of kakaasuu kenna.
6. Karoora qindaa’aa/Organized Planning/: Yeroo hundumaa milkaa’uuf karoora qindaa’aa akkamitti akka barbaachisu nan dubbadha. Kitaabni "Think & Grow Rich" jedhamu kaayyoo kee galmaan ga'uuf gurmaa'uu fi hojiiwwan kee karaa milkaa'inaaf nama geessuun karoorfachuu akka qabdu eereera.
7. Murtee/Decision/: Harkifachuun faallaa kutannoo waan ta’eef diina warra milkaa’ina hawwan hundaati.Namoonni milkaa’an hundi murtoo baay’ee dafanii godhu, garuu baay’ee suuta jedhanii jijjiiru. Akkasumas namoonni hin milkoofne hundi murtoo baay’ee suuta jedhanii murteessu, dafanii fi yeroo baay’ee jijjiiru. Karoora jireenya keetii kaasi, wantoota jireenya kee keessatti argaman galmaan ga’uuf wantoota irratti xiyyeeffachuu qabdu baafadhu. Kunis amala, barumsaa ykn dandeettii murtoo ta’uu danda’a. Namoota kaayyoon isaanii qofti siifi abjuu kee fooyyessuuf ta’e obsuu dhiisuuf daftee murteessuu dandeessa.
8. Itti cichuu/Persistence/: Ciminaan amaloota milkaaʼina argachuuf qabaachuu qabdu keessaa isa tokkodha. Kan hin milkoofne fi kan milkaa'e kan adda baasu kutaa amala nama tokkoo isa guddaadha. Kanaaf baay'een keenya milkaa'ina dura harka kennina. Garuu yeroo ciminaa fi murannoo barattu gara badhaasa injifannootti fuulduratti dhiibuu dandeessa.
9. Humna sammuu/Power of Master Mind/: Gareen ijoo jechuun garee namoota lamaa kan kaayyoo, karooraa fi abjuu isaanii galmaan ga’uuf wal deeggaraniidha.
10. Sammuu dammaqaa/Conscious Mind/: Kutaan sammuu dammaqaa keetii yaada fi hubannoo kee maalummaa isaanii osoo hin ilaalin fudhata fi kuusa. Yoo karaa sirrii deemne rakkoo keenya furuu danda'a. Sammuun kee humna ajaa'ibaa, dinqii fi humna guddaa addunyaan beektudha. Yaadii Duroomi/Think and Grow Rich Afaan Oromootii barabaada dubbisaa galatoomaa.
@Gaggeessummaa ✅
@Barruu_Beektotaa 📔

17.04.202522:08
ATI MAALIIF OF TUULTAA!
✉️ Yaa namakoo... Jireenyi yeroo tokko tokko fakkeessituudha. Jireenyatti hin hirkatin. Uumaakee qofaatti hirkadhu. Isa qofaattis amani. Of jajuun kees isaan haa tahu. Kattaa amansiisaan Uumaakee qofadha. Uumaa kee wajjin walii galtee yoo hinqabaanneefi uumaakee hin sodaanne afuurri kun hundumtuu sidhuunfata. Garuu dhuma irratti duwwaa tahuukee of argita.
waanti kun hundduumti issayyuu darbuuf jira! Wanti hin darbbiinne waaqayyon duwwaadha!
@Gaggeessummaa 💟
✍️ Maaliin boonaa jirta laata?
Maaliin warra yeroon yeroodhaaf bakkakee hanqisteen haamilee isaanii tuqaa jirta laata?
✍️ Fayyaadhaa?
Fayyaadhaan obboleessa/ttiikee isa fayyaa dhabe irratti of jajjee hin tuffatin gaafa Waaqni sirraa fudhatee isaanii gadi sigodhu hinbeektuu.
✍️ Humnaa?
Humna har'a qabduun isa haamilee dhabee humni isaa laaffatee jirurratti ol ol of hinqabin. Guyyaan laaffattee mataa ol qabachuu dadhabdutu jiraachuu malaa.
✍️ Beekamtiidhaa?
Beekamtiikeen ofin jajin guyyaan nama hundaan dagatamtee as jirtaankee wallaalamee rakkinaafi gadadootti kuftutu jiraa.
✍️ Beekumsaa?
Beekumsa keen of hin jajin! Guyyaa itti inni ati wallaalaadha jettee tuffatte dhufee sidarbutu jiraa. Akkasumas guyyaa itti beekumsikee nyaatallee siif fiduu dadhabutu jiraa.
✍️ Miidhaginaa?
Isaanis ofin jajin waan cheemikaala harki namaa uumeen yookiin asiidii wayiin akkasumallee dhukkubaan salphumatti sirraa godaanuudhaa.
✍️ Qabeenyaadhaa?
Qabeenyaan isa sii gadii irratti of jajaa jirtaa, tuffataa jirtaa? Lakki dhiisi sin fayyaduu. Nama siif wayya. Kunis yeroodhumaaf malee utuu dhukkubsattee ofiisaa lafaa sikaasuu hin danda'u. Egaa waan baay'een of jajjee namoota yeroon siigadi isaan goote tuffattee gitootakoo malee jechaa jirta ta'a. Kuni hundi garuu akkasumaaniifi kan darbu ta'uusaa yaadachuu dhabuukeefin siif gaddaa jira animmoo akka kootti.
✉️ Yaa namakoo... Jireenyi yeroo tokko tokko fakkeessituudha. Jireenyatti hin hirkatin. Uumaakee qofaatti hirkadhu. Isa qofaattis amani. Of jajuun kees isaan haa tahu. Kattaa amansiisaan Uumaakee qofadha. Uumaa kee wajjin walii galtee yoo hinqabaanneefi uumaakee hin sodaanne afuurri kun hundumtuu sidhuunfata. Garuu dhuma irratti duwwaa tahuukee of argita.
waanti kun hundduumti issayyuu darbuuf jira! Wanti hin darbbiinne waaqayyon duwwaadha!
@Gaggeessummaa 💟

20.04.202503:40
🎄🎄-----Baga Geessan!-------🎄🎄
Baga Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Gooftaa Yesuus Kiristoosin isin gahe, inni lubbuu keenya du'a bara baraa oolchuuf du’ee, du’aa ka’ee, jireenya haaraa labse!
Yesuus Kiristoos, Ilma Waaqayyoo, du’a hamaa fannoo irratti du’e, cubbuu namootaaf wareegame. Inni guyyoota sadii booda, akka raajonni duraan dubbatanitti, du’aa ka’e, du’a injifate. Du’aa ka’uun isaa, abdii jireenya bara baraa kan mirkaneessu ti. Du’aa ka’uun isaa agarsiisa humna Waaqayyoo ti. Guyyaa Har’aa yeroo ayyaana kana yaadannu gammachuun keenya Gooftaa du’aa ka’eef haa ta’u. Waan inni nuuf godhe yaadannee, gammachuun haa lallabnu. Cubbuu keenyaaf du’ee, abdii keenyaaf immoo du’aa ka’e! Ameen! 🙏
“Inni du’aa ka’eera! Akkuma dubbate sana!” — Maatewoos 28:6

06.04.202502:47
JOOBIRA (1)
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
@Gaggeessummaa 💟
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✍️ Addunyaa kanarra gosoota sinbirrootaa 10,000 ol ta'antu argama. Kanneen keessaas 60 kan gahan gosa joobiraati. Joobirri simbirroota samiirra balali'an keessaa adda isa ta'ee fi uumama dinqisiisaa ta'uu isaarraa kan ka'e, Baabiloonni hamma Gibxi duraanii.... Roomaanota durii, Aalbeeniyaa... Ikowadoor... Gibxi.. Meeksikoo... Naayijeeriyaa, Seerbiyaa, Kazakhstan hanga Mooldoovaatti biyyoonni jiran Alaabaa isaanii irratti aasxaa godhachuun Joobiratti dhimma bahaa turan! bahaas jiru. Kutaaleen Macaafa Qulqulluus iddoo gara garaatti Joobira fakkeenya gara garaa keessatti itti dhimma baheera.
Namni kutaa addunyaa kanaa hunda irra jirus waa'ee Joobiraa yoo yaadu, dandeettii gaggeessummaa, abdiidhaan kufaatii keessaa bahuu, jabeenya, moo'uu fi humna ta'uu godhatee itti fayyadama. Namni hubataan immoo dubbisuurra darbee irraa barata. Joobirri kan irraa barateef barumsa guddaa irraa barachuu danda'a. Egaa anis Waa'ee Joobiraa kan dubbisee fi dhagahe irraa gaggababsee isiniif qooduu jaaladheeraatii itti dhiyaadhaa...
Ilaalcha joobiraa, xiyyeeffannaa fi abdii kutachuu dhiisuu isaa!
Joobirri bineensota biroo fi nama irra caalaa dandeettii waan tokko arguu qaba. Dandeettiin waa arguu isaas kan namaarra dachaa 4 hamma 8 caala. Kana jechuun dandeettiin namni tokko tusseen, mixii fi ilbiisota xixiqqoo lafarra deeman ilaalee arguu fi Joobirri tokko gamoo abbaa darbii 10 irraa argu wal qixa jechuudha. Ariitiin balali'uu joobiraas akkaatuma gosa Joobiraatin garaagarummaa qaba. Joobirrri bifa warqee adamoodhaaf sa'aatitti km 240 balali'a. Kana waan ta'eef fageenya 5km irraa bineensa adamsuuf barbaadu argee jennaan adamsee qabachuuf duubatti hin jedhu. Gufuun, qorumsi akkasumas haalli rakkisaan kamiyyuu yoo isa mudatellee, kaayyoo isaa sanarraa wanti booddeetti isa deebisu homtuu hin jiru. Isa yaade sana adamsee hamma argatutti abdii hin kutatu. Tariitii Bineensi inni argee adamse osoo jalaa baheellee deebi'ee qabachuudhaf yaalii si'a 12 hanga 15tti irra deeddeebi'ee yaalii godha.
Obboleessa koo akka Joobiraatti ija keetin fageenya dheeraa ilaaluu dadhabdus garuu isa caalaa mul'ataa fi kaayyoo keetin boru arguu dandeessa. Kaayyoon jireenya keetii maali? galma kaayyoo keetii hoo bartee? Dammaqi. Mul'anni kee hammam fagaatus guyyaa guyyaan jireenya keerratti xiyyeeffadhu. Gonkuma hin dhiisin. Abdii osoo hin kutatin irra deeddeebi'ii yaali Guyyaa tokko moo'icha argattaati. Joobirri rakkoo gurguddaa jaallata. Rakkoo kanas dandeettii obsaan dabarsuu qaba. Sinbirroonni hunduu haala qilleensaa ulfaataa, bubbee, Roobaa fi bakakkaan yeroo isaan mudatutti, muka jala dhokatu yookiin immoo balali'uu dhaabu. Joobirri garuu akkas miti. Haala qilleensaa ulfaataa dhufu in jaallata, itti tola. Sababni isaa yeroo bubbeen hamaan yookiin ulfaataan dhufu! Dhiibbaan qilleensaa yookiin bubbeen bubbisu suni akka inni fagaatee gara oliitti balali'u taasisa. Yeroo kanas duumessaan ol ta'a. Inni kunimmoo koochoo isaatif boqonnaa kenna. Yookiin immoo koochoon isaa akka inni boqotuuf carraa laataafi jechuudha. Yeroo kanattis bokkaa roobu gubbaa gara gadiitti ilaala, rakkina sinbirrootaa fi allaattiiwwan gara garaa yaaddessu gubbaa gara gadiitti ilaala.
@Gaggeessummaa 💟

29.03.202503:01
🗣️ “Amantiin kee yaada kee ta’a.
Yaadni kee dubbii kee ta'a.
Dubbiin kee gocha kee ta'a.
Gochi kee amala kee ta'a.
Amalli kee gatii kee ta'a.
Duudhaaleen kee hiree kee ta'u.
Fuuldurri kee waan har’a hojjettu irratti hundaa’a."
(Mahatma Gandhi)
@Gaggeessummaa ✅
@Barruu_Beektotaa 📔
Yaadni kee dubbii kee ta'a.
Dubbiin kee gocha kee ta'a.
Gochi kee amala kee ta'a.
Amalli kee gatii kee ta'a.
Duudhaaleen kee hiree kee ta'u.
Fuuldurri kee waan har’a hojjettu irratti hundaa’a."
(Mahatma Gandhi)
@Gaggeessummaa ✅
@Barruu_Beektotaa 📔

02.04.202504:21
🗣️ 𝙰𝚍𝚍𝚞𝚗𝚢𝚊𝚊 𝚍𝚞'𝚊𝚊 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊𝚊 𝚊𝚍𝚍𝚞𝚗𝚢𝚊𝚊 𝚏𝚊𝚢𝚢𝚊𝚊𝚝𝚒𝚒𝚏 𝚋𝚊𝚛𝚋𝚊𝚊𝚍𝚊𝚖𝚎!!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✍️ Lammiin biyya Germany Albert Einstein formuloota hedduu qopheessee Addunyaa barnootaaf gumaachuun abbaa fiiziksii ( father of Physics) jedhamee waamama. Foormulaa Saffisa Ifaa ( Speed of light E= mc2) kan jedhu inni bara sana dhimma Saffisa ifaatiif kalaqe har'a kooriyaan , Ameerikaa miilla tokkoon ittiin dhaabaa jirtu kalaqa isaa jarraa sanaati. Yeroo ammaa kanas Formuloota isaa keessaa tokko inni kalaqee du'e har'a Ameerikaan fayyadamuuf jecha hayyoota hedduu itti bobbaastee argannoo isaa kana bira ga'uudhaaf, namtichi kun yeroo foormulaa kana argate yookiin kalaqe tarii sagalee dhageesiseera yoo ta'e argachuu dandeenya jechuun meeshaa sagalee namaa qilleensa keessa barbaadu hojjechuun sagalee nama du'aa barbaacha isaa irra jiru jedhama. Namni kun Addunyaa kanaaf argannoowwan adda addaa gumaachuu irra darbee , har'a illee biyya namni fayyaan keessa jiraatutti du'aan isaa faayidaa guddaa akka kennuuf kalaqaa fi baasii guddaan itti baafamee barbaadamaa jiru kun akka qorannoon mul'isutti Sammuu isaa kanatti harka dhibba keessaa harka Shan ( 5%) akka hin fayyadamnetu himama.
✉️ Dhaamsa
Jireenyi ati har'a jiraattu bor du'uuf utuu hin taane du'i ati bor duutu jireenya kee boriitiif haa ta'u! Gochootni kee hammeenya hedduun dubbatamuu irra gochi kee gaariin tokkittiin dhalootaa dhalootatti darbee akka jiraatuuf waan dhalootni ittiin si waamu gabatee siidaa seenaa bu'uureffadhuutii isa irratti katabadhu. Siidaan seenaa hin jigu jigee hin barbadaa'u; abbaan yoo du'e ilmaantu dhufee kunuunsee isa itti aanutti dabarsa malee. Kanaaf atis ammaa eegalii waan tokko bu'uressuun har'a qofaaf akka hin jiraanne murteessi!

05.04.202509:02
Qabxiilee Shan Mukaa'uu Fi Miira Yaadda'uu Ittisuuf Gargaaran
✍️ Kitaabni mata-duree 'The Anatomy of Melancholy' jedhuun bara 1621 barraa'e hanga har'aatti qabiyyee dhala namaa fayyadu qabatee jira. Kitaabni maloota ittiin dhibee sammuu fi mukaa'uu akka malee wal'aanuuf gargaaran irratti xiyyeeffachuun barreeffame 'The Anatomy of Melancholy' lammii Ingilizii Robert Burton jedhamuun barraa'e. Lubaa fi beekaa biyya Biriteen kan ture Burton, beekumsaa fi qaroomina fayyaa dhala namaa fi wal'aansaa akkasumas dawaa irratti bara falaasama Giriik durii ture irraa kaasee waan waggoota kuma lamaaf biyya lafaa kana irra ture walitti qindeessuun jaarraa 17ffaa keessa kitaaba kana qixeesse. Barreessaan kun ofii isaatiis rakkoo mukaa'uu fi miira gaddaa fi gadadoo yaada hammaataa keessa ture, mata duree kana irrattis beekumsa guddoo horateera.
Akkamiin miira mukaa'uu, gadadoo fi yaadda'uu of irraa qolachuun akka danda'amus kana irraa ka'ee kitaaba isaa keessatti qaaccesse. Qabxiilee kitaaba Burton keessatti eeraman keessaa isaan kamtu hanga har'aa dhala namaaf faayidaa kennaa jiru? Gaazexeessituu fi barreessituun biyya Iskootlaand Amy Liprot kitaaba kana irra deebiin haaressuun maxxansiteetti. Maloonni furmaataa mukaa'uu fi miira gadadoo ittiin qolachuun danda'amu kan kitaaba Burton keessatti bara 1960oota keessa eeraman kanneen hanga har'aatti fayyadaa jiran isaan kam fa'i?
Shanan Isaanii Kunooti:
1. Miira Ofii Hubatanii Of-bashannansisuu
kanneen miidhamaniif, mukaa'uun sababni ittiin mudate itti hin mul'atu, kana irraa kan ka'e miirri keenya immoo yeroo baay'ee walfakkaataa ta'a. Burton kitaaba isaa keessatti akka barreessetti rakkoon mukaa'uu fi gadduu melancholy jedhamu ''dhibee dhaalaan darbuudha' Har'as mukaa'uun dhalootaan akka dhufuu fi haala naannoo irraa kan mudatu ta'uun itti amanama. Kanaaf namoonni yeroo ammaa miira isaanii haaressuuf jalqaba kutaa qaama isaanii keessaa kamtu akka miidhame hubatanii irratti hojjetu.
2. Faayidaa Bishaan Qorraa
Burton kitaaba isaa keessatti bishaan yaa'u, kan uumamaa, keessatti qaama dhiqachuu fi keessa ciisuun hagam miira namaa akka haaressu eereera. Inumaa namni jireenya dheeraa jiraachuu fedhe bishaan qorraa keessa yaa ciisu jedha kitaabi Burton. Har'as beektonni nama rakkoon mukaa'uu harkaa qabuuf kanuma yeroo dhaaman argina. Yuuniversitii Portsmouth biyya UK keessatti argamutti Daarektara Qorannoo Laabraatoorii haala naannoo kan ta'an Dr Mike Tipton, ''Bishaan qorraa barannaan miirri mukaa'uu namarraa ka'a. Haala kanaan fiiziyooloojii fi seelii ofii wal'aanuun ni danda'ama. Wayita kana qaamni keenya miira mukaa'uu fi gadduu keessaa ba'a,'' jedhan.
3. Uumamatti Michoomuu.
Akka Burton kitaaba isaa keessatti barreessetti uumamatti michoomuun miira gaddaa fi gadadoo akkasumas mukaa'uu hamaa nama irraa kaasa. Pirofeesar Simon Hiscock Daarektara Iddoo Kunuunsa biqilootaa Okfoord kan UK keessatti argamuuti. Biqiloonni ilillii qaban hedduun rakkoo mukaa'uu, miira gaddaa fi dhiphachuu namarraa qolachuu danda'u jedhan. Burton kitaabasaa keessatti akka kaa'etti biqiloonni waan nyaatamaniif qofa nama hin quufsan, kan fooliifi qaqqabannaan isaanii dharraa nama baasu hedduudha jedhe. Har'as yaadi kun haalaan hojii irra oolaa jira. Yaadi wayita miirri mukaa'uu namatti dhagahamu uumamatti ba'anii qilleensa fudhachuu kitaaba Burton keessatti waggaa 400 dura eerame yeroo ammaa Jaarmiyaa Tajaajila Fayyaa Biriteeniin hojiirra oolaa jira.
4. Rakkoo Qooddachuun Rakkoo Salphisuu!
Karaan ittiin rakkoo nu irra tuulame salphisnu yaada keenya hiriyoota keenyaaf qooduudhaani, ofii keenyaaf qofa ofirratti feenee baannee deemuudhaan miti,'' jedhe Burton waggaa 400 dura. Namoonni jireenya kophaa fi dhuunfaa filatan kanneen rakkoo mukaa'uuf saaxilamaniidha.

03.04.202520:01
🗣️ "Qarshii Hamma Barbaadde Irratti Barreeffadhu!" Billionaire Bill Gate
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Guyyaa tokkodha gaazexeessituu tokkotu Duureessa Addunyaa kanaa kan ta'e Bill Gate waliin af-gaaffii (interview) gooti. Gaazexessitittiin gaaffii ishee keessatti, "dhoksaan fiixaan ba'insa keessanii maaliidhaa?" Jettee isa gaafatti.
Duuressi kunis gaazexeessituu kanatti check qullaa itti kennee, "qarshii hamma barbaadde irratti barreeffadhu" ittiin jedha. Isheenis, akka nama fedhii hin qabneetti check sana ofirraa dhiibaa, "lakki ani akkas jechuu barbaadeen miti, dhoksaan fixaan ba'insa keessanii maal akka ta'e isin gaafachuu barbaadeeni" jetti.
Bill Gate ammas irra deebiin check kana itti kennee, "qarshii hamma barbaadde irratti barreeffadhu" ittiin jedha. Isheen garuu ni didde. Duureessi addunyaa kun check kana itti argisiisaa, "dhoksaan fiixaan ba'insakoo carraa amma akkan siin si qaqqabee kana otuu of jalaa gubiin itti fayyadamuukoodha, dhoksaan milkaa'inakoo carraan argadhe hundaasaatti fayyadamuukoodha.
Otuu ati carraa amma siif kenname kanatti fayyadamte, silaa yoona kana gaazexeessituu duureetti addunyaa kanaa ta'uu dandeessa ture. Ani carraa laman siif kenne. Addunyaan kun carraa lama namaaf hin kennitu, carraa tokkittii si qaqqabeen itti fayyadamuun dhoksaa fiixaan ba'umsaati" ittiin jedhee
Bill Gate gaazexeessituu sanaaf carraa lama kennee ture isheen garuu itti hin fayyadamne. Otuu itti fayyadamtee silaa akkuma inni jedhe dureettii addunyaa kanaa taati ture. viv Tadele Fekadu TD
Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a Jijjiirama jireenya dinagdee keessatti wanti hundumtuu xiqqaa irraa jalqaba.
@Barruu_Beektotaa

17.04.202519:51
AKKAMITTI OF KABAJJA?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
(1) Kan si hin barbaanne barbaaduu dhiisi!
(2) Nama akka keetii Kadhachuu dhiisi!
(3) Waan barbaachisu caalaa dubbachuu dhiisi!
(4) Namoonni yeroo si hin kabajne hatattamaan isaan dura dhaabbadhu!
(5) Nyaata namoota biroo kan kee nyaatan caalaa hin nyaatin!
(6) Akkaataa namoota tokko tokko itti daawwattu hir'isi, keessumaa yoo isaan deebii hin kennine!
(7) Ofii kee irratti invast godhi. Of gammachiisi!
(8) Waa'ee namoota biroo oduu bashannansiisuu dhiisaa!
(9) Dubbachuu kee dura yaadi! Namoonni akkamitti akka siif iddoo guddaa kennan keessaa %80 waan afaan kee keessaa bahudha!
(10) Yeroo hunda waan gaarii fakkaadhu. Akkaataa itti dubbatamuu qabutti uffadhu!
(11) Nama galma ga’iinsa argatu ta’i. Kaayyoo kee irratti bobba'i!
(12) Yeroo kee kabaji!
(13) Hariiroo kabajaa fi gatii akka sitti hin dhagahamne keessa hin turiin. Achi irraa fagaadhaa!
(14) Maallaqa ofii keetii baasuu baradhu. Namoonni akkasitti baasii siif baasuu ni baratu!
(15) Yeroo tokko tokko hanqachuu!
(16) Fudhataa caalaa nama kennu ta’i!
(17) Bakka hin afeeramne hin deeminaa. Yeroo affeerramtan immoo simannaa keessan caalaa hin turinaa!
(18) Namoota haala isaaniif malutti sirriitti ilaali!
(19) Maallaqa si irraa qaban malee yaaliin bilbilaa lama gahaadha. Yoo gatii siif kennan battalumatti siif bilbila!
(20) Waan hojjettu irratti ga’aa ta’i!
Waan hunda caalu ta'i!
@Gaggeessummaa 💟

11.04.202521:13
The Best Mindset to Have!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
1. Saying “I don’t know” is a smart strategy, rather than saying what you are not sure of.
2. Realise that your actions have consequences.
3. Isolate yourself at times from everything but never from yourself. Ignoring reality won’t make them go away.
4. Don’t read success stories, you will only get messages. Read failure stories, you will get some ideas to become successful.
5. Don’t measure life in terms of money, measure in terms of freedom.
6. Set an intention to bring positive energy to everything you do.
7. No excuses for weakness please! Your excuses will escort you to the grave.
8. To protect your sanity, become selfish with your energy. Stop giving it to arguments on the internet.
9. Remember, 99% of your biggest worries will never come to you.

24.04.202503:07
📩 Kabaja ofii ishee fi eenyummaa isheef qabdurraa kan ka'e, yeroo hundumaa ogummaa gurguddoo 5 tti gargaaramti...👉Itti fufuun dubbisaa!
👉 👇👇👇
👉 ✨See More✨
See More ✨
👆👆👆👆
👉 👇👇👇
👉 ✨See More✨
See More ✨
👆👆👆👆
History of channel changes
Log in to unlock more functionality.