Qabxiilee Shan Mukaa'uu Fi Miira Yaadda'uu Ittisuuf Gargaaran
✍️ Kitaabni mata-duree 'The Anatomy of Melancholy' jedhuun bara 1621 barraa'e hanga har'aatti qabiyyee dhala namaa fayyadu qabatee jira. Kitaabni maloota ittiin dhibee sammuu fi mukaa'uu akka malee wal'aanuuf gargaaran irratti xiyyeeffachuun barreeffame 'The Anatomy of Melancholy' lammii Ingilizii Robert Burton jedhamuun barraa'e. Lubaa fi beekaa biyya Biriteen kan ture Burton, beekumsaa fi qaroomina fayyaa dhala namaa fi wal'aansaa akkasumas dawaa irratti bara falaasama Giriik durii ture irraa kaasee waan waggoota kuma lamaaf biyya lafaa kana irra ture walitti qindeessuun jaarraa 17ffaa keessa kitaaba kana qixeesse. Barreessaan kun ofii isaatiis rakkoo mukaa'uu fi miira gaddaa fi gadadoo yaada hammaataa keessa ture, mata duree kana irrattis beekumsa guddoo horateera.
Akkamiin miira mukaa'uu, gadadoo fi yaadda'uu of irraa qolachuun akka danda'amus kana irraa ka'ee kitaaba isaa keessatti qaaccesse. Qabxiilee kitaaba Burton keessatti eeraman keessaa isaan kamtu hanga har'aa dhala namaaf faayidaa kennaa jiru? Gaazexeessituu fi barreessituun biyya Iskootlaand Amy Liprot kitaaba kana irra deebiin haaressuun maxxansiteetti. Maloonni furmaataa mukaa'uu fi miira gadadoo ittiin qolachuun danda'amu kan kitaaba Burton keessatti bara 1960oota keessa eeraman kanneen hanga har'aatti fayyadaa jiran isaan kam fa'i?
Shanan Isaanii Kunooti:
1. Miira Ofii Hubatanii Of-bashannansisuu
kanneen miidhamaniif, mukaa'uun sababni ittiin mudate itti hin mul'atu, kana irraa kan ka'e miirri keenya immoo yeroo baay'ee walfakkaataa ta'a. Burton kitaaba isaa keessatti akka barreessetti rakkoon mukaa'uu fi gadduu melancholy jedhamu ''dhibee dhaalaan darbuudha' Har'as mukaa'uun dhalootaan akka dhufuu fi haala naannoo irraa kan mudatu ta'uun itti amanama. Kanaaf namoonni yeroo ammaa miira isaanii haaressuuf jalqaba kutaa qaama isaanii keessaa kamtu akka miidhame hubatanii irratti hojjetu.
2. Faayidaa Bishaan Qorraa
Burton kitaaba isaa keessatti bishaan yaa'u, kan uumamaa, keessatti qaama dhiqachuu fi keessa ciisuun hagam miira namaa akka haaressu eereera. Inumaa namni jireenya dheeraa jiraachuu fedhe bishaan qorraa keessa yaa ciisu jedha kitaabi Burton. Har'as beektonni nama rakkoon mukaa'uu harkaa qabuuf kanuma yeroo dhaaman argina. Yuuniversitii Portsmouth biyya UK keessatti argamutti Daarektara Qorannoo Laabraatoorii haala naannoo kan ta'an Dr Mike Tipton, ''Bishaan qorraa barannaan miirri mukaa'uu namarraa ka'a. Haala kanaan fiiziyooloojii fi seelii ofii wal'aanuun ni danda'ama. Wayita kana qaamni keenya miira mukaa'uu fi gadduu keessaa ba'a,'' jedhan.
3. Uumamatti Michoomuu.
Akka Burton kitaaba isaa keessatti barreessetti uumamatti michoomuun miira gaddaa fi gadadoo akkasumas mukaa'uu hamaa nama irraa kaasa. Pirofeesar Simon Hiscock Daarektara Iddoo Kunuunsa biqilootaa Okfoord kan UK keessatti argamuuti. Biqiloonni ilillii qaban hedduun rakkoo mukaa'uu, miira gaddaa fi dhiphachuu namarraa qolachuu danda'u jedhan. Burton kitaabasaa keessatti akka kaa'etti biqiloonni waan nyaatamaniif qofa nama hin quufsan, kan fooliifi qaqqabannaan isaanii dharraa nama baasu hedduudha jedhe. Har'as yaadi kun haalaan hojii irra oolaa jira. Yaadi wayita miirri mukaa'uu namatti dhagahamu uumamatti ba'anii qilleensa fudhachuu kitaaba Burton keessatti waggaa 400 dura eerame yeroo ammaa Jaarmiyaa Tajaajila Fayyaa Biriteeniin hojiirra oolaa jira.
4. Rakkoo Qooddachuun Rakkoo Salphisuu!
Karaan ittiin rakkoo nu irra tuulame salphisnu yaada keenya hiriyoota keenyaaf qooduudhaani, ofii keenyaaf qofa ofirratti feenee baannee deemuudhaan miti,'' jedhe Burton waggaa 400 dura. Namoonni jireenya kophaa fi dhuunfaa filatan kanneen rakkoo mukaa'uuf saaxilamaniidha.
@Gaggeessummaa ✅