05.05.202511:12
🌸🌸بسم الله الرحيما الرحيم🌹🌹
Ukhtiyyee.....❤️🩹🥰
Akhiyyee....🤎
Na Dhagahi mee
❨MY QUEEN❩🤎
❮MY AKHI❯
Namoonni tokko tokko...bultiin naa dhufuu dide faa...jettanii warri yaaddoftan💦🙌I think👌
🌺Maaltu beeka🙂Hanga ammaatti kan turtaniif.......
💐Namni ta'e wahii....Halkan Leylii dhaabbatee.......Kan koo malee...kan nama biraa hin taasisin jedhee Du'aahii ....Isinitti kadhataa jira ta'a💦🙌
Kanaafuu isinilleen Du'aahiidhaan barbaadaa🙌
☑️Asitti kan jechuu barbaade.....Nama barbaaddan....Isa janaajjanaa jedhamu kanaan otoo hin taane😳😁
✅SALAATA Leyliitiin barbaadaa....
Yaa milkii warra salaata leyliitiin wal barbaaduu🥰❤️🩹
Anaa fi Isiinifillee Rabbiin Nama Ibaadaa isaa Qofarra jiraatu nu haa taasisu🤎🤲🤲🤲🤲
🌸Lafa nagaa oolaa🌹🌹
https://t.me/laailaaha_illalaah1

Reposted from:
Oduu Geda

27.04.202507:36
Finlaand walitti fufiinsaan waggoota saddeetiif 'biyya akka addunyaatti gammadduu taate' jedhamuun sadarkaa tokkoffaa qabatteerti.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/s05LSny
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/s05LSny
Reposted from:
Boqonnaa Sammuu💻🕋📡💿

24.04.202509:17
Haasaa Ogummaa
Abukaattoo tokkotu boolla bishaanii barsiisaatti gurgure.
Abukaattoon sun guyyaa xiqqoo duuba asi deebi'ee barsiisichaan, "obboleesso, ani boollichan sitti gurgure malee bishaanicha sitti hingurgurre. Bishaanicha fayyadamuu barbaadda taanaan maallaqa dabalataa naaf kaffaluu qabda," jedheen.
Barsiisichis seeqaa akkas jedheen: "Eeyyee. Anis gamakee dhufuufan ture. Bishaanicha keessaa waraabdee boolla duwwaa akka naharkaan geessuuf sitti himufan karaa irraa bu'ee dhufuf ture. Immoo, bishaanicha waraabdee boolla duwwaa isaa naharkaan hingeessu taanaan atuu bor irraa eegaltee kiraayii bishaanicha naaf kaffalta," jedheen.
Tibba kana abukaattichi na'ee faajja'e.
Barsiisichaanis, "anoo qoosaadhumaafan dubbadhe malee garaa kiyya irraa mitim barsiisa," jedheen.
Barsiisichis kolfaa, "namootni akka keetii nubiratti baratanii abukaattoo ta'u, beeki" jedheen, jedhama.
♤♤♤♡♡♡☆☆☆
Maddi, Maaraakii Wag
Join #here
@boqonna_sammuu

21.04.202515:20
Yoo Dandeesse Wantoota Torban Kana Guyyaa hunda Dalagi
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
1: Salaata Yeroon Salaati
2: Qur’aana Hanga Dabdeesse Guyyaarraa Qara’i
3: Zikrii Jabeessi : Rabbii Kee Yaadachuu Guddisi
4: Du’aa’ii Guyyaarraa Godhuun Hulaa Rabbii Dhadhahi
5: Warra Badii Hojjatu Irraa Fagaadhu
6: Sadaqaa Hanga Dandeesse Guyyaarraa Kennadhu
7: Nabiyyii Keenya Irratti Salawaata Buusuu fii Araarama Rabbirraa Barbaaduu Heddummeessi
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
• Yaa Rabbi Wantoota asii olitti dabarsine kana hunda dalaguu nuuf laaffisi.
• Erga dalagnee boodallee Yaa Rabbi Dalagaa keenya Gaggaarii Hunda Nurraa Qeebali

19.04.202514:54
Ibnul Qayyim Akkas jedhan!
Lubbuu tee dhugaa hadhooftuu irratti cichuu yoo hin barsiisin,dhara dubbachuu leenjitii beeki,qalbii tee jaalala Rabbii gonfachuu yoo hin barsiisin,jibba namaa muuxannoo godhattii beeki,arraba kee zikrii Rabbiitiin yoo hin sakaalin,hamii irratti bobba’ee jiraataa beeki”jedhan.
Eeeee
Namni hunduu oolmaa isaa fakkaata,inni sadaa Rabbii qalbii keessa kaahate,inni dhugaa liqimsuu leenjii godhate,inni badii ufiitiif dhiifama gaafatuuf mamii hin qabne,muuxanoon jiruu isaatiifi leenjiin isaa karaa sirriifi haqaa irra turee hubadhu.
Yoooo
Manni baldhaan sammuu keeti,qabeenyi guddaan qalbii teeti,tasgabbiifi jaalalli arraba kee keessa jiraa daawwadhu.
@Fafirruu_ilallaah

10.04.202507:09
@Fafirruu_ilallaah
04.05.202515:01
Madaa kee gara ogummaatti jijjiiri."
@laailaaha_illalaah1
@laailaaha_illalaah1
27.04.202505:59
🌹Bultii_Gaarii💍Ni Barbaaddaa🫵?...!
✍Yoo barbaadde..Imaamu.Ahmad ...Rabbiin isa haa mararfatuutii.....Yeroo ijoollee isaanii fuusisan....Gorsa isaan jaraaf kennan san....Anis siif🫵qooduuf deema..👇Anaa fi sillee waan ilaallatuuf....Gadi qabii dubbisi👌
👉Yaa ilma koo....!...Wantoota 10.n..kana..maatii keetif...gochuu yoo hin dandeenye....Bultii kee keessatti gammadaa ta'uu waan hin dandeenyef...Gorsa koo sirritti qabachuuf yaali....🫵
⓵ intalli dubaraa....mijuu(Tolaa)waan barbaadduuf....waan qabdu..otoo irraa hin qusatin....mijeessif....☑️
⓶Dubartiin...Jaalala kee Akka ibsituuf barbaaddi......Yeroo..argattetti....Ibsuufiidhaaf Gara duubaatti hin jedhin...☑️
⓷Dubartiin nama mataa jabaatu ni jibbiti:...Dadhaboota immoo ni jajjabeesu...ni dammaqsu....atimmoo iddoo barbaachisutti....Jabaa ta'i...Dammaqi...☑️
⓸Dubartiin....Haasaa Gaarii....Ibsa bareedaa...Uffata Gaarii....Ni jaallatu...Kanaaf kanniin qabaachuuf tattaafadhu....☑️
⓹Dubartiidhaaf manni ishee...Akka mana mootummaatti...Iddoo kabaja itti argattuudha....Akka waan giiftii wahiitti kabajni itti dhagahama...Dinqii kamiinuu...mana kana...Waan diigu hin uumin....Giiftummaa.dhaan..teessoo ishee irraa buusuf hin yaalin...kana yoo goote...Akka waan giiftummaa ishee...tuqxeetti laallama...Mootiidhaaf..mootummaa isaa tuquu irra badiin hamaan hin jiruuti....of Eeggannoo taasisi...☑️
⓺Dubartiin hammam yoo si jaalatte illee....Maatii ishee dhabuu hin barbaaddu....Ofii kee maatii ishee caalaa akka si jaalattu gochuuf hin yaalin...Kana gochuun tasuma waan hin bareennedha....Diinummaa sitti fiduu danda'a...☑️
⓻Dubartiin cinaa keetirraa uumamuu ishee hin dagatin....Uumamni ishee kun...Iccitii bareedinna ishee ta'uu beeki...Akkuma Balleessaa argituun...ni aarsa jettee...Qalbii🩶ishee hin cabsin💔of eegi....!....Qalbii ishee cabsuun hiikaadha....loluuf yoon yaale..Qalbii isheetu caba jettee...irra caalatti akka isheen karaarraa baddu hin taasisin....Nama Giddu galeessaa ta'iif🫵☑️
⓼Dubartiin yeroo tokko tokko..wantoota ati gootef...homaa itti fakkaachuu dhabuu danda'a....Yogguu Aartu waan gootefis waakkachuu dandeetti....Garuu...Akkana goote...jechuu qofaan wal hin dhabiniin....Amala kana silaa jaallatteefi......Kanneen si harkisan kan biroo qabaachuu ishee...hin dagatin....☑️
⓽Dubartiin dadhabina Qaamaa fi sirna Yaadaa...Dhiibbaan irra taa'uu danda'a...yeroo kana....Rabbiin Subhaanahuu wata'aalaa...Gabbartiiwwan dirqamaa....(Soomaa fi Salaata)irraa hanbiseeniira.....Yeroo kana...Mararfadhuun...Ajaja itti hin baay'isin🤍☑️
⓾Dubartiin Jaalala si bira jiru...boojii..jaalala keetii ta'uu hin dagatin...Boojituu kee..Haala Gaariin qabi...mararfadhuun....Dadhabbii isheetin(Dogongoroota dalagdu.)..irra darbiif....Gaarii🌹👉jireenya waliinii siif taatiiti🫵☑️
Obbolootaaf Qoodaa🌹🪐

24.04.202508:19
🔣Qaamni kee waan nyaattutti ni
madaqa.
🔣Sammuun kee waan ati
fayyadamtutti ni madaqa.
🔣Lubbuun kee waan jaallattutti
madaqti.
⚡️Har'a wanti of nyaachiftu boru
eenyu akka taatedha. @boqonna_sammuu
madaqa.
🔣Sammuun kee waan ati
fayyadamtutti ni madaqa.
🔣Lubbuun kee waan jaallattutti
madaqti.
⚡️Har'a wanti of nyaachiftu boru
eenyu akka taatedha. @boqonna_sammuu
Reposted from:
Jechoota Gaggaarii️️

21.04.202514:47
Lammiilee Ga*zzaaf sagalee ta'uun kan beekaman Pope Francis du'aan addunyaa kana irraa godaananii jiru.
Archbishop n Kaatolikii Firaansis Kuuz har’a umurii isaanii ganna 88tti du'aan addunyaa kanarraa godaananii kan jiran yoo ta'u Abunaa Firaansis ji’oota hedduudhaaf dhukkubaan rakkachaa erga turani, dhiheenya kana hamma tokko dhibee isaanii irraa dandamachaa jiraachuun isaanii dhaga'amee ture.
Kaleessa Ayyaana sababeeffachuun ibsa kennaa turaniin ummata Ga*zzaaf gadda onneerraa qaban ibsaa kan turan yoo ta'u, ajjee*chaan Ga*zzaatti raawwatamu hatattamaan akka dhaabbatu waamicha dhiyeessanii turan.
Pope Francis yeroo hedduu lammiilee qulqulluu Falasxiin dabalatee miidhamtoota addunyaa irratti argamaniif sagalee tahuu isaanii hordofuun Israa’el ilaalcha isaanii kanaan isaan balaaleffachaa turuun ishee ni beekama.
Abuna Firaansis Kuuz lammii Arjentiinaa yoo ta'an Benedikt 16ffaa booda Phaaphaasii jalqabaa ta'uun tajaajilaniiru.
Uummata cunqurfamaa Ga*zzaatiif sagalee isaan irra deddeebi'anii dhageessisaa turaniif galata qabu, Amantoota Kaatolikii hundaaf ammoo jajjabina hawwina.
- Jechoota Gaggaarii.

19.04.202514:33
Bismillahi Arrahman Arrahiim
الحمدلله رب العالمين والصلاه والسلام على اشرف المرسلين سيدنا محمد وعلى آله وصحبه أجمعين
🍂Salaanni manjafiqada nama rabbitti amaneeti....
Namni makiinaa fudhatee imaltuu bahu tokko yoo waraqaa hayyamaa hin qabaatin....keellaa bahu hin danda'u..
🍂Keellaa #aakiraa taruufis salaata qabaatuun barbaachisaadha.
🍂Beeki....!
♡ Salaanni hirre si jalaa facaate walitti qabdee sii fiddi.
♡salaanni raahaa fi gammachuu jiruu duniyaati.
♡salaanni fayyaa tee sii tiisiti.
♡salaanni gara rabbiitti gabricha dhiheessiti.
♡Salaanni waan jalqaba guyyaa qiyaamaa irraa gaafatamnu.
♡Salaanni darajaa ol nama fuuti.
♡Salaanni qulqulleessituu qaamaa qalbiiti.
♡Salaanni ibsituu fuulaati.
♡salaanni nama dhoorgiti shiraa fi sharrii namatti yaaduu... hamtuu fi waan fofokkattuu dalagurraa.
♡salaanni Utubaa islaamummaati( ﷴﷺ)
🍂Gaaf tokko ergamaan rabbii salawaatu rabbii wa salaamuhuu aleyhi akkana jedhanii sahaabaa gaafatan:-
"mee naaf himaa osoo lagni bishaanii mana keessan dura yaa'ee guyyatti yeroo shan irraa dhiqattanii, xuriin namarratti ni hafaa? ! Jedhaniin....
"hin hafu" jedhan sahaabonni
ergamaan rabbiitis kuni fkn salaata shananiiti jedhaniin
🍂Akkuma yoo bishaan mana kee jala yaa'u guyyarraa shan dhiqattee xurii sirratti hin hafne... salaata shanan ati salaattuun ma'asiyaan tee dhiqamti jedha rasuulli rabbii ﷺ
🍂salaanni ma'siyaa kee siif dhiiyxi....
♡Namni salaata hin qabne fuulli isaa gurraacha'ee qalbiin isaa ajoofti.
♡Rizqii isaatu harkaa baraaxaya.
♡tasgabbii dhaba., jiruu gammachuu hin jiraatu
Salaanni teenna kana hunda nuuf tahaa jirtii garuu.....?!
share👇👇

10.04.202507:08
Amala Namaa Sadan
Saayikoloojiin Amala Namaa Bakka Gurguddaa Sadiitti Qoodee kaa’a
1. ✍️Nama Suutee (#Passive Person)
#Namni kun yeroo hundaa moo’amaadha,waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha.Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa. Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha.
2. ✍️Nama Ofittoo (#Aggressive Person)
#Namni akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baay’isa, yaada nama biraa qooddatu,ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffata.
Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu.Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu. Hiriyaa akkasii sirraa
haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa.hanga ati sagalee qabdu qofa si kabajaa Irraa isin haa baraaruu!!!!!!!
3. ✍️Nama sammuu banaa qabu (#open minded person)
#Yaada nama biraa giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee keessaa gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka.Namni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa qophaa’aadha.
Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata.Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasa’aan isaa ogummaan kan guutameedha.Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra hojiidhaan agarsiisuu filata. Namni sirriin isa kana.
#Yeroo Gaarii isiniif Hawwina!

04.05.202515:00
Madaa kee gara ogummaatti jijjiiri."
@laailaha_illallaah
@laailaha_illallaah
26.04.202505:38
Haasaa Ogummaa Kan Hinsene Mekuria barreesse kana naraaje
Abukaattoo tokkotu boolla bishaanii barsiisaatti gurgure.
Abukaattoon sun guyyaa xiqqoo duuba asi deebi'ee barsiisichaan, "obboleesso, ani boollichan sitti gurgure malee bishaanicha sitti hingurgurre. Bishaanicha fayyadamuu barbaadda taanaan maallaqa dabalataa naaf kaffaluu qabda," jedheen.
Barsiisichis seeqaa akkas jedheen: "Eeyyee. Anis gamakee dhufuufan ture. Bishaanicha keessaa waraabdee boolla duwwaa akka naharkaan geessuuf sitti himufan karaa irraa bu'ee dhufuf ture. Immoo, bishaanicha waraabdee boolla duwwaa isaa naharkaan hingeessu taanaan atuu bor irraa eegaltee kiraayii bishaanicha naaf kaffalta," jedheen.
Tibba kana abukaattichi na'ee faajja'e.
Barsiisichaanis, "anoo qoosaadhumaafan dubbadhe malee garaa kiyya irraa mitim barsiisa," jedheen.
Barsiisichis kolfaa, "namootni akka keetii nubiratti baratanii abukaattoo ta'u, beeki" jedheen, jedhama.
♤♤♤♡♡♡☆☆☆. @laailaaha_illalaah1

22.04.202518:02
"Jaalalli dhugaa haala hin eegne keessatti mul’ata. Yeroo rakkinaa fi gammachuu wal bira dhaabbachuun, jireenya bareedduu ijaaruu danda’a. Namni si jaalatu yeroo hunda si bira ni jiraata!"
@Boqonna_sammuu qaabadhaa
@Boqonna_sammuu qaabadhaa
21.04.202514:28
Aja'iboota Onnee:
1. Onnee nama tokkoo guddinni ishii haga aboottee harkaa (fist) nama sanii geessi.
2. Onneen dubaraa kan dhiiraa caalaa daddaftee dha'atti, onneen dhiirotaa ammoo guddinaan xiqqoo kan dubartootaa ni caala.
3. Rukuttaan onnee kan eegalu micireen garaa haadhaa keessatti uumamtee torbee afuraffaatti (4ffaa) tti.
4. Onneen keenya giddu galeessaan daqiiqaatti al 72 dha'atti (nama waggaa 70 jiraate tokkoof osoo adda hin kutiin si'a biliyoona 2.6 ol dha'atti jechuudha).
5. Onneen giddu galeessaan guyyaatti dhiiga liitra 7,600 gara qaamaatti rabsiti.
6. Madda ka'umsa sochii kan mataashee waan qabduuf onneen qaama irraa addaan baatee rukuttaa ishii itti fufuu dandeessi; hanga oksiijiinii ga’aa dhabdee duututti jechuudha.
7. Onneen qaama hundumaatti naannoo seelii tiriiliyoona 75 ta’anitti dhiiga kan rabsu yeroo ta’u “koorni’aa ijaa” qofatu dhiiga hin argatu.

19.04.202509:31
Jireenya namoota biroottii gonkumaa murteessuu hin dandeenyu. Sababiin isaas, tokkoon tokkoon namaa dhukkubbii fi rakkoo mataa isaa qofa beeka. Karaa sirrii irra akka jirtu sitti dhaga'amuun waan tokko, Garuu kan kee qofa sirrii akka ta'e yaaduun waan biraati.
#Pawlo_Colleho
#Pawlo_Colleho
10.04.202506:20
Gorsa jireenya Albert Einstein xalayaa mucaa isaatiif barreesseen, Eduard: “Jireenyi akka biskileetii oofuuti. Madaala kee eeggachuuf, deemsa kee itti fufi. ” ”
@Fafirruu_ilallaah
@Fafirruu_ilallaah
04.05.202515:00
Madaa kee gara ogummaatti jijjiiri."
@laailaha_illallah
@laailaha_illallah
Reposted from:
Oduu Geda

25.04.202518:08
Jiraattonni aanaa Kiiramuu hidhattoota Faannoodhaan erga qe'ee isaanii irraa buqqa'anii bubbulaniiru. Uummanni aanichaa guutummaan qe'ee irraa buqqa'uu qofa osoo hin taane qabeenya isaas saamamaa har'a gahe.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/AdTlj0x

22.04.202514:00
Barsiisaa Yuuniversiitii kan ta'e Pirofeeserri beekamaan tokko qorannoo isaa dhiyoo kana gaggeesseen waan haaraa nama ajaa'ibu kana nuuf qabatee dhufe. Qorannoon isaa kunis qubee fi lakkoofsa fayyadamuun ture. Kaayyoon isaas furtuu milkaa'inaa barbaaduu ture.
Qubee Afaan Oromoo A-Z fudhadhaa! Kana booda akka armaan gadiitti gita qubee tarreeffattaniin lakkoofsa 1-26 tarreeffadhaa!
A-1 I-9 Q-17 Y-25
B-2 J-10 R-18 Z-26
C-3 K-11 S-19
D-4 L-12 T-20
E-5 M-13 U-21
F-6 N-14 V-22
G-7 O-15 W-23
H-8 P-16 X-24
Akka armaan olii kanatti erga tarreeffattanii booda Furtuu Milkaa'inaa 100% dhufuu kan nuuf danda'u barbaaduu eegale. Maaliidha laata 100% dhufuu kan danda'u? Waliin haa barbaannukaa pirofeesera faana taanee.
HARD WORK - Jabaatanii hojjechuu:
H+A+R+D+W+O+R+K
8+1+18+4+23+15+18+11=98%
KNOWLEDGE - Beekumsa:
K+N+O+W+L+E+D+G+E
11+14+15+23+125+4+7+5=96%
LOVE - Jaalala:
L+O+V+E
12+15+22+5=54%
LUCK - Carraa
L+U+C+K
12+21+3+11=47%
Jabaatanii hojjechuun, beekumsi, jaalalli, carraan, tokkoyyuu parsantii dhibba (100%) kan dhufe hin jiru.
Maaliidharee parsantii dhibba furtuu milkaa'inaa kan ta'u qarshiidhaa? mee waliin haa ilaallu.
MONEY - M+O+N+E+Y
13+15+14+5+25=72% qarshiis miti
LEADERSHIP - Gaggeessummaa dhaaree?
L+E+A+D+E+R+S+H+I+P
12+5+1+4+5+18+19+8+9+16 = 97% kanas miti!
ATTITUDE - Ilaalcha immoo ta'innaaree
A+T+T+I+T+U+D+E
1+20+20+9+20+21+4+5=100%👏👏👍
Furtuun milkaa'inaa 100% dhufuu kan danda'u ilaalcha keenya ta'uu isaa mirkaneesse.
Ofii keef, namootaaf, addunyaaf ilaalchi ati qabdu gammachuu siif kenna. Ilaalcha kee hanga hin jijjiirretti gammachuu fi milkaa'uu akka hin dandeenye mirkaneesse. Kanaaf Ilaalchi furtuu milkaa'inaa keeti jechuudha! Ajaa'ibaam!
Maddi:-Waan Dubbisnerraa Horaa Bulaa Deebanaa !!! @fafirruu_ilallaah

20.04.202519:48
➡️BEEKUMSA:
💌 Beekumsi humna siif kenna.
💌 Beekumsi qabaa barbaada.
💌 Beekumsi akkaataa qabataa wallaalan burqaa oftuulummaan irraa maddu ta'a.
•••
💡 Amalli gaariin kabaja siif kenna.
🥇 Amalli gaariin waan si hin madaalle si tuffachiisa.
🥈 Amalli gaariin gorsee si deebifata.
🥉 Amalli gaariin milkaa'ina biraan si gaha.
✉️ Amalli gaariin akka ati of sirreessitu sitti hima.
➡️ Amalli gaariin Obsa Qabaachuu si barsiisa!
🔵 Amala Gaarii
⇣
🔵 Beekumsa
⇣
🔵 Naamusa Gaarii
⇣
🔵 Obsa
⇣
🔵 Hubannaa
⇣
🔵 Gaarummaa
⇣
🔵 Dandeettii

19.04.202509:22
Hiriyaa isii muslimaa Islaamummaa irraa deebisuuf osoo jettuu ofii isiitiifuu namoota 1000 waliin Islaamummaa fudhatte
~~~
Dubartoonni muslimaa gabrummaa jala jiru jedhee waanin yaadaa tureef qorannoo isaan irratti ergan gaggeessaa turee boodan ofii koofiyyuu islamummaa fudhadhe, namoonni 1000 ol harka koo irratti Islaamummaa fudhataniiru, maatiin koo guutuunis amma muslima, mana jireenya kootis gara giddugala Islaamaatti jijjiireen yeroo ammaa muslimoonni kuma 50 ol keessatti barataa jiru.
''Islaamummaa holola oofamuun osoo hin taane dhugaa barbaaddee qorattu hubatta'' jetti Dubartiin jabduun kun.
Lammii Beeljiyeem kan taate shamarreen umrii 27 Veeroonikaa Kuuls/Veronique Cools waggoota 8 darban keessatti namoonni 1,000 ol gargaarsa Allahaatiin harka isii irratti Islaamummaa fudhataniiru.
Veeroonikaan sababa hijaabaafi kkf irraa ka'uun dubartoota muslimaa irratti dhiibbaan raawwataamaa jira, gabrummaa jala akka jiranittis yaadaa turte. Kanuma irraa ka'uun hiriyoota isii dubartoota muslimaa irratti qorannoo gaggeessuuf kaate. Kanumaanis waa'ee Islaamummaa qorataa erga turtee booda amantaan dhugaa Islaama ta'uu hubachuun Islaamummaa fudhatte, muslima taate.
Veeroonikaan kana qofaan hin dhaabbanne, mana jireenyaa isii gara wiirtuu Islaamaa kan Muslimoonni Beeljiyeem waa'ee amantii isaanii keessatti barataniitti jijjiirte. Itti fufuun maatii isii waa'ee Islaamummaa erga barsiiftee booda guutuun maatii isiis Islaamummaa fudhatan.
Giddugalichi yeroo ammaa miseensota 1,000 ol kan qabu yoo ta'u, irra caalaan isaanii ammoo dubartoota biyyattiiti. Haaluma walfakkaatuun ammoo giddugalli kun yeroo amama giddugala wiirtuu barnoota islaamaa kan muslimoonni kuma 50 ol ta'an itti tajaajilamaa jiraniidha.
Obboleettii koo Rabbiin si haa tiksu, duuniyaafi aakhiraa si haa milkeessu, kan akka keetiis nuuf haa baay'isu
© @Fafirruu_ilallaah

08.04.202520:09
AKKAMITTI OF KABAJJA?
(1) Kan si hin barbaanne barbaaduu dhiisi.
(2) Nama akka keetii Kadhachuu dhiisi.
(3) Waan barbaachisu caalaa dubbachuu dhiisi.
(4) Namoonni yeroo si hin kabajne hatattamaan isaan dura dhaabbadhu.
(5) Nyaata namoota biroo kan kee nyaatan caalaa hin nyaatin.
(6) Akkaataa namoota tokko tokko itti daawwattu hir'isi, keessumaa yoo isaan deebii hin kennine.
(7) Ofii kee irratti invast godhi. Of gammachiisi.
(8) Waa'ee namoota biroo oduu bashannansiisuu dhiisaa.
(9) Dubbachuu kee dura yaadi. Namoonni akkamitti akka siif iddoo guddaa kennan keessaa %80 waan afaan kee keessaa bahudha.
(10) Yeroo hunda waan gaarii fakkaadhu. Akkaataa itti dubbatamuu qabutti uffadhu.
(11) Nama galma ga’iinsa argatu ta’i. Kaayyoo kee irratti bobba'i.
(12) Yeroo kee kabaji.
(13) Hariiroo kabajaa fi gatii akka sitti hin dhagahamne keessa hin turiin. Achi irraa fagaadhaa.
(14) Maallaqa ofii keetii baasuu baradhu. Namoonni akkasitti baasii siif baasuu ni baratu.
(15) Yeroo tokko tokko hanqachuu.
(16) Fudhataa caalaa nama kennu ta’i.
(17) Bakka hin afeeramne hin deeminaa. Yeroo affeerramtan immoo simannaa keessan caalaa hin turinaa.
(18) Namoota haala isaaniif malutti sirriitti ilaali.
(19) Maallaqa si irraa qaban malee yaaliin bilbilaa lama gahaadha. Yoo gatii siif kennan battalumatti siif bilbila .
(20) Waan hojjettu irratti ga’aa ta’i. Waan hunda caalu ta'i.

Shown 1 - 24 of 46
Log in to unlock more functionality.