🙏Imaltuu karaa.........💠
ASOOSAMA GABAABAA
✍Barr. Dabalaa Ittaanaa
Kutaa 8ffaa
Dursa kutaa 1ffaa Haga 7ffaatti profile koo jalaa dubbisi!
Dubbisa gaarii!
Ho'inni qaama koo daran dabalee obsa na dhorkeera maalif teessa kun yoo si baate gaabbiidhan quba ykn hidhii kee ciniina hafuu keeti kanaaf Amma faladhu kan naan jedhe sammuu koo ta'uu hin oollee. Anis dideen miira koo to'achuu yaale.
Murtii murteessuun dura itti yaadanii xiinxaluun baay'ee barbaachisaadha. Sababni isaa erga murteessiteen booda gaabbuu irra murtiin dura xiinxaluun dubbiii filannoo gaariidha. Anis kanaafin miiraa koo to'achuuf murteesse "Ariifattuun Waraabessaa sangaa gaanfa ciniinti" Akka jedhan sana hin taaneef jedheeni.
Beekumsi Waadaa Ajab nama jechisiisa. Akkataan dubbanna ishee beekumsaan kan guuteedha. Ammallee imaltuu taanee imalaatuma jirra.... Sirboonni Konkolaataa keessa gurra irraa nu iyyuu hin dhaabne. Imaltoonni kaan nii qaamu kaan nii odeessu.
Waada si baruu kootti hedduu gammadeera dhugaa dubbachuuf Ijoollee shamarrani akkasitti jajabaatan argee hin beeku. Keessattu bu'aa ba'ii, rakkoof jireenya hamtuu akkasii keessa dabartee sadarkaa har'aa gahuun kee hedduu akkan si ajaabsiifadhu na godheera. Kanaaf ani sirraa waan baay'ee baradheera. Kutannoof murannoon kee baay'ee kan nama barsiisuudha.
Waadaa ani jireenya koo keessatti hiriyaan baay'ee na miidheera. Hiriyoonni koo mana barnoota dhiisani #suusii gara garaaf garba ta'aanii jiraatu. Anis gara isaani deeme suusii keessa waggaa lamaaf dhuunfatameen ture. Dhugaa dubbachuuf dirreen isaan keessa jiran dirree abdi kutannaa ture. Anas achii kan na baase akka carraa kitaabaa Miiltoo jedhamu kan Eebbisaa Baayyisaan barreeffame dubbiseen achumaan Seenaan koo jijjiirame. Hiriyoota koo achitti dhiiseen hiriyaa haaraa Kitaaba miiltoo waliin deemuun eegale....
Achii irraa kaase kitaaba garaa garaa dubbisuun eegale.. Beekumsa guddaa timaama hin qabne argachuun eegale. Suusii dubbisuunis qabamuun koo hin oollee. Qarshii Ani qabu illee hunda isaatin Kitaaba bitachuun eegalen jedheeni. Isheenis deebiste nama Kitaaba dubbisu akka ati taate akkata dubbannaa kee irraa xiinxaleen ture naan jette. Anis ajaabsiifadheen xiqqoo ergan seeqee namni kitaaba dubbisu nii beekama jechuudha jedheen gaafadhe?
Eeyye anis kitaabota dubbisuu baay'ee waaniin jaalladhuf amala dubbistoota hin wallalu naan jette anis tole galatoomi jedheen deebiseef. Yaanni koo muuziqaa faana godaane. Akkas jedheen waa'ee jaalala ishee of keessatti hasaase.....
Sirni argansuu koo dha'annaa dibbee ittiin siif weeddisan sanaf waan "Riitimii" taphatan fakkatu. Qor qalbiin koo yeroo si dagachuu dadhabnii Waa'ee kee qaama koo keessa yeroo tamsaasan Jaalalli kee daran yeroo miira koo ho'isan nattis tole yeroon calleensa yaadaan gara keetti gulufu calleensa yaadaan dhidhimee yeroon fajajee hafutu natti heddumate Jaalala keen weeraramuun koo amma isa dhugaa ta'ee natti dhagahame. Ufff Gaafan jedhuun maal taate Abdi naan jechuu isheen dhagaheen naheen....... itti fufa....
Share➩ @burqaa_walaloo1
Share➩ @burqaa_walaloo1