Kutaa 8ffaa
Kan ajjeesu musilimtoota moo kiristaanota?
➡️Dubartoota fi Ijoollee ajjeesutti Ajaja kirstaanummaan
Seera Lakkoobsaa : 31 :17-18
17. Amma ijoollee keessaa dhiira kan ta'e ajjeesaa! Dubartoota warra dhiiraa wajjin ciisanii beekan hundumaas ajjeesaa!
18. Durboota dhiiraa wajjin ciisanii hin beekne hundumaa garuu ofii keessaniif hambifadhaa!
➡️Macaafni qulqulluun Dubartoota ulfaa garaa ishee dhoosutti, namoota billaan rukututti/ajjeesutti Daa'imman darbatanii cabsutti ajaja.
Hose’a Raajichaa : 13 :16
16. "Samaariyaan Waaqayyo ishee irratti waan kaateef, yakka isheef adaba fudhachuun in ta'aaf; namoonni ishee billaadhaan in kukkufu, mucooliin isaanii humnaan daddarbatamanii in cabu; dubartoonni isaanii warri ulfis garaan isaanii in tatarsaafama" jedhe.
➡️Masaraa ibiddaan gubuu, Dargaggoota billaan Ajjeesanii fixuu, Daa'imman buburuqsuu/caccabsuu fi dubartoota ulfaa garaa baqaqsutti ajaja.
Moototaa Isa Lammaffaa : 8 :12
12. Yommus Hazaa'el, "Yaa gooftaa ko maaliif boossa?" jedhe; inni immoo, "Wanta hamaa ati Israa'eloota irratti hojjechuuf jirtu waanan beekuufan boo'a; masaraa isaaniitti ibidda in naqxa, dargaggoota isaanii billaadhaan in fixxa, mucoolii isaanii lafatti in bubburuqsita, dubartoota isaanii warra ulfas garaa in tatarsaafta" jedheen.
🤦♂️Ijoollee fi dubartiin maaliif macaafa keessatti akkas jibbaman laata?
Yoo badii qabaatan gorsuun ykn waan biraan sirreessuun hin danda'amuu?
Kitaabni sagalee waaqayyooti jedhamu ammuma seera dhala namaatiin baheyyuu mirga namaa hin eeguu?
Kun gocha badii balleessuu mitii?
Isin kiristaanonni macaafa bifa kanaan dhala namaa lafa irraa duguugutti ajaju qabattanii musilimtoota fi amantii isilaamaa qeequuf yoo yaaltan hin saalfattanii?
Seera Keessa Deebii : 20 :13-17
13. Waaqayyo gooftaan kee mandaricha harka kee keessa yeroo buusutti, achi keessaa dhiira kan ta'e hundumaa billaadhaan rukuti!
14. Dubartoota, ijoollee, horii qe'ee, wanta mandara sana keessa jiru hundumaa, wanta booji'amu guutummaatti ofii keetiif qabadhu! Diina kee irraa wanta booji'ame isa Waaqayyo gooftaan kee siif kennes nyaadhu!
15. Mandaroota si irraa fagoo warra kan saba sitti dhi'oo jiran kanaa hin ta'in hundumaas akkasuma godhi!
16. Haa ta'u iyyuu malee, mandaroota saba warra kanaa warra Waaqayyo gooftaan kee dhaala siif kennu keessatti, wanta lubbuu qabu tokko illee fayyaatti hin hambisin!
17. Warra Heetotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa fi Yibusootaa immoo akkuma Waaqayyo gooftaan kee si abboometti raawwadhuu isaan balleessi!
➡️keeyyata biraa keessatti nama hunda billaan ajjeesuu fi booji'uu dubbata.
Saamu’el Isa Duraa : 15 :3-9
3. Egaa ati dhaqiitii, Amaaleqoota dhiiraa jalqabdee hamma dubartiitti, ijoolleedhaa hamma mucoolii harma hodhaniitti, akkanumas qotiyyoowwanii hamma hoolotaatti, gaalotaa hamma harrootaatti ajjeesii fixi! Isaaniifis hin oo'in!" jedhe.
4. Yommus Saa'ol Xilaa'iimitti namoota walitti waamsisee, isaan keessaa lafoo kumaatama dhibba lama, warra Yihudaa keessaa immoo namoota kuma kudhan in lakkaa'ate.
5. Saa'ol achumaan gara mandara Amaaleq dhaqee, dachaa keessa riphee in eeggatte.
6. Warra Qenootaatiin garuu, "Isin yommuu sabni Israa'el biyya Gibxii ba'anitti wanta gaarii gootaniifii waan turtaniif, ani Amaaleqoota yeroon balleessu isaanii wajjin akkan isin hin balleessinetti isaan gidduudhaa ba'aatii adeemaa!" jedhe; kanaaf warri Qenootaa Amaaleqootattii gargar in ba'an.
7. Saa'ol Hawiilaadhaa jalqabee hamma Shuur isa fuullee Gibxitti argamutti Amaaleqoota in rukute.
8. Agaagin mootii Amaaleqootaas fayyaatti booji'ee, namoota hundumaas billaadhaan in fixe.
9. Saa'olii fi namoonni isaa Agaagin mooticha in mararsiifatan; karra bushaayee, karra sa'aa, horii dilbii coccoomoo fi ilmoolee keessaa warra gaggaarii hundumaa ajjeesanii fixuu hin barbaanne; warra waa'ee hin baafnee fi warra tuffataman hundumaa garuu raawwatanii in balleessan.