Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Daandii Milkii(Jennataa) avatar

Daandii Milkii(Jennataa)

Chaanaaliin kun kan barsiisu Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabuun madaaluudha (Comparative religions). Dubbisi, xiinxali, gulaali, madaali, filadhu, hordofi, nama itti affeeri.
Yaadaaf @Saahibu28
TGlist rating
0
0
TypePublic
Verification
Not verified
Trust
Not trusted
Location
LanguageOther
Channel creation dateMay 06, 2020
Added to TGlist
Oct 16, 2024
Linked chat

Records

26.01.202516:58
9.2KSubscribers
31.10.202423:59
650Citation index
31.10.202423:59
740Average views per post
31.10.202423:59
740Average views per ad post
28.10.202423:59
11.48%ER
31.10.202423:59
8.39%ERR
Subscribers
Citation index
Avg views per post
Avg views per ad post
ER
ERR
NOV '24DEC '24JAN '25FEB '25MAR '25APR '25

Popular posts Daandii Milkii(Jennataa)

04.04.202503:04
𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐈𝐬𝐫𝐚𝐚'𝐢𝐥𝐢𝐢𝐟 𝐐𝐨𝐟𝐚 𝐄𝐫𝐠𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐑𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚.

【𝑹𝒂𝒇𝒊𝒊𝒒𝒖𝒍 𝑰𝒔𝒍𝒂𝒂𝒎 رفيق الإسلام】

𝐇𝐮𝐛𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐚: 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐣𝐞𝐭𝐭𝐚𝐧 𝐢𝐬𝐢𝐧𝐢𝐬 𝐨𝐟 𝐀𝐦𝐦𝐚𝐲𝐲𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐧𝐢 𝐀𝐧𝐢 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢𝐝𝐞 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐬 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐚 [𝐇𝐀𝐇] 𝐇𝐢𝐢𝐤𝐚 𝐀𝐦𝐦𝐚𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐚. 🙈🙈


【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 2:5】
👌Maatewos 2:5 (HAH)  Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; “Beetlihem Yihuudaatti dhalata; kunis dubbii raajichi, “ ‘Yaa Beetlihem ishee biyya Yihuudaa, ati gonkumaa bulchitoota Yihuudaatii gad miti; bulchaan saba koo Israaʼelin tiksu si keessaa ni baʼaatii’ jedhee barreesse sanaa dha.”

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 10:5-6】
👌 Maatewos 10:5 (HAH)  Yesuusis warra kudha lamaan kanneen erge; akkanas jedhee isaan ajaje; “Gara Namoota Ormaa hin dhaqinaa; magaalaawwan Samaariyaa tokko illee hin seeninaa.

👌 Maatewos 10:6 (HAH)  Qooda kanaa gara hoolota mana Israaʼel kanneen badan sanaa dhaqaa.

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 15:24】
👌 Maatewos 15:24 (HAH)  Inni immoo, “Ani hoolota mana Israaʼel kanneen badan sana qofaafan ergame” jedhee deebise.

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 19:28】
👌 Maatewos 19:28 (HAH)  Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa haaraa keessatti, yeroo Ilmi Namaa teessoo isaa ulfina qabeessa sana irra taaʼutti, isin warri na duukaa buutanis akkasuma teessoowwan kudha lama irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtu.

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐌𝐚𝐚𝐫𝐪𝐨𝐨𝐬 12:29】
👌 Maarqos 12:29 (HAH)  Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ajajni ajajawwan hunda caalu isa kana; ‘Yaa Israaʼel dhagaʼi! Waaqayyo Gooftaan keenya Gooftaa tokkicha.

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 1:32】
👌 Luqaas 1:32 (HAH)  Innis guddaa ni taʼa; Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Waaqni Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawit ni kennaaf;

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 1:54】
👌Luqaas 1:54 (HAH)  Inni araara qabeessa taʼuu isaa yaadachaa garbicha isaa Israaʼelin gargaareera;

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 2:25】
👌 Luqaas 2:25 (HAH)  Kunoo, namichi qajeelaan Waaqa sodaatu kan maqaan isaa Simiʼoon jedhamu tokko Yerusaalem keessa ture. Innis jajjabeeffama Israaʼel eeggachaa ture; Hafuurri Qulqulluunis isa irra ture.

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 17:6】
👌 Yohannis 17:6 (HAH)  “Ani namoota ati addunyaa keessaa naa kennitetti maqaa kee beeksiseera. Isaan kan kee turan; ati isaan naa kennite; isaanis dubbii kee eeganiiru.

【𝐖𝐨𝐧𝐠𝐞𝐞𝐥𝐚 𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 17:9】
👌Yohannis 17:9 (HAH)  Ani isaaniif nan kadhadha. Warri ati naa kennite waan kan kee taʼaniif isaaniifin kadhadha malee addunyaaf hin kadhadhu.

【𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐄𝐫𝐠𝐚𝐦𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 5:31】
👌 Hojii 5:31 (HAH)  Waaqni akka inni Israaʼeliif qalbii jijjiirrachuu fi dhiifama cubbuu kennuuf jedhee bulchaa fi Fayyisaa godhee mirga ofiitti ol ol isa qabe.

【𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐄𝐫𝐠𝐚𝐦𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 13:23】
👌 Hojii 13:23 (HAH)  “Waaqnis akkuma abdachiise sana, sanyii nama kanaa keessaa Yesuus fayyisaa saba Israaʼeliif fide.

✍✍ @Rafiqul_Islaam

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1720
29.03.202519:52
🔖 Allahu Akbar الله أكبر jecha waan hundaaf qorichaa fi furtuu ta'e dha.

عن أبي هريرة رضي الله عنه

قال رسول الله ﷺ ”... ولا كَبَّرَ مُكَبِّرٌ قطُّ إلَّا بُشِّرَ ، قيل : بالجنةِ ؟ قال : نَعَمْ“ السلسلة الصحيحة (1621)

“Namni Takbiiraa (Allah Akbar) jedhu hin jiru yoo gammachiifame malee 'Jannataanii?' jedhamee gaafatamnaan Eeyyee jedhan ﷺ."

🛰 @ifaislaamaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1704
12.04.202514:28
#ALLAAHAAN_EENYU_YOO_SIIN_JEDHAN?


https://t.me/Rafiiqul_Islaam

🛑 1, Allaahaan Isa Dhugaan Gabbaramuudha, Jiraataa Isa Ta'eedha.

[Aal-e-Imran 3:2]

ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلۡحَيُّ ٱلۡقَيُّومُ

Rabbiin Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru [Inni] jiraataa, waan hundaan dhaabbataadha.

🛑 2, Allaahaan Uumaa Waa Hunda Uumeedha.

[Az-Zumar 39:62]

ٱللَّهُ خَٰلِقُ كُلِّ شَيۡءࣲۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءࣲ وَكِيلࣱ

Rabbiin uumaa waan hundaati Inni waan hunda irrattis tiksaadha.


🛑 3, Allaahaan Uumaa Samii fi Dachiiti.

[Al-Baqarah 2:117]

بَدِيعُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ وَإِذَا قَضَىٰٓ أَمۡرࣰا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ

(Inni) argamsiisaa samiifi dachiitiYeroo dhimma wahii murteesses, wanti Inni isaan jedhu argamii qofa; yeroma san argama.

🛑 4, Allaahaan Kam Samii fi Dachii Akkasuma Waan Ishee Keessaas Qindiidhaan Argamsiiseedha.

[Ash-Shura 42:11]

فَاطِرُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ جَعَلَ لَكُم مِّنۡ أَنفُسِكُمۡ أَزۡوَٰجࣰا وَمِنَ ٱلۡأَنۡعَٰمِ أَزۡوَٰجࣰا يَذۡرَؤُكُمۡ فِيهِۚ لَيۡسَ كَمِثۡلِهِۦ شَيۡءࣱۖ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡبَصِيرُ

(Inni) uumaa samiifi dachiiti Lubbuu keessan irraa qindiiwwan (haadholee manaa) isiniif godhe; beyladoota irraas cimdii (kormaafi dhalaa isiniif taasise) Bifa kanaan isin baay’isa Fakkaataan Isaa (Allaah) hin jiru Inni dhaga’aa, argaadha.

🛑 5, Allaahaan Uumaa Hundaq Guyyoota [6] Keessatti Argamsiiseedha.

[Al-A'raf 7:54]

إِنَّ رَبَّكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامࣲ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ يُغۡشِي ٱلَّيۡلَ ٱلنَّهَارَ يَطۡلُبُهُۥ حَثِيثࣰا وَٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَ وَٱلنُّجُومَ مُسَخَّرَٰتِۭ بِأَمۡرِهِۦٓۗ أَلَا لَهُ ٱلۡخَلۡقُ وَٱلۡأَمۡرُۗ تَبَارَكَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ

Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha Haala ariitiidhaan isa barbaada ta'een halkaniin guyyaa haguuga Aduu, ji’aafi urjiiwwanis kan ajaja Isaatiin laaffifaman ta'anii (isaan uume)Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan Isaati Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e toltuun isaa baay’ate.

🛑 6, Allaahaan Kan Ilma Namaa Jalqaba Biyyee Irraa Uumee Ergasii Bishaan Irraa Jiraqchiseedha.

[As-Sajdah 32:7]

ٱلَّذِيٓ أَحۡسَنَ كُلَّ شَيۡءٍ خَلَقَهُۥۖ وَبَدَأَ خَلۡقَ ٱلۡإِنسَٰنِ مِن طِينࣲ

(Inni) isa waan uume hunda miidhagseefi uumama namaa dhoqqee irraa jalqabeedha.

[Al-Mu'minun 23:12 - 14]

وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِن سُلَٰلَةࣲ مِّن طِينࣲ

Dhugumatti, Nuti ilma namaa qulqulluu (cunfaa) dhoqqee irraa ta'e irraa uumne.


ثُمَّ جَعَلۡنَٰهُ نُطۡفَةࣰ فِي قَرَارࣲ مَّكِينࣲ

Sana booda coba bishaan saalaa kan iddoo tasgabbaa’aa, mijaa'aa (gadaamessa) keessatti isa taasifne.


ثُمَّ خَلَقۡنَا ٱلنُّطۡفَةَ عَلَقَةࣰ فَخَلَقۡنَا ٱلۡعَلَقَةَ مُضۡغَةࣰ فَخَلَقۡنَا ٱلۡمُضۡغَةَ عِظَٰمࣰا فَكَسَوۡنَا ٱلۡعِظَٰمَ لَحۡمࣰا ثُمَّ أَنشَأۡنَٰهُ خَلۡقًا ءَاخَرَۚ فَتَبَارَكَ ٱللَّهُ أَحۡسَنُ ٱلۡخَٰلِقِينَ

Sana booda bishaan saalaa dhiiga ititaa taasifne; ergasii dhiiga ititaa muraa foonii taasifne; ergasii foonittii (sana) lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uffifne; sana booda uumama biraa (daa’ima) isa goone Rabbiin irra tolchaa uumtotaa ta’e qulqullaa’e!


🛑 7, Allaahaan Isa Nyaachisu Ofii Isaatii Kan Hin Nyaanne.

[Al-An'am 6:14]

قُلۡ أَغَيۡرَ ٱللَّهِ أَتَّخِذُ وَلِيࣰّا فَاطِرِ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَهُوَ يُطۡعِمُ وَلَا يُطۡعَمُۗ قُلۡ إِنِّيٓ أُمِرۡتُ أَنۡ أَكُونَ أَوَّلَ مَنۡ أَسۡلَمَۖ وَلَا تَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ

"Sila Rabbii uumaa samiifi dachii, inni kan nyaachisu hin nyaanne ta'een alan gabbaramaa tolfadhaa?" jedhi"Ani jalqaba nama Rabbiif bulee ta'uuttin ajajame Mushrikoota irraas hin ta'in (jedhameera)" jedhi

[Ash-Shu'ara' 26:79]

وَٱلَّذِي هُوَ يُطۡعِمُنِي وَيَسۡقِينِ

Inni Isa na nyaachisuufi na obaasuudha.

🛑 8, Allaahaan Kan Hin Dhalleefii Kan Hin Dhalanneedha.

[Al-Ikhlas 112:1 - 4]

قُلۡ هُوَ ٱللَّهُ أَحَدٌ

Jedhi: "Inni Allaah (gabbaramaa dhugaa) tokkicha.


ٱللَّهُ ٱلصَّمَدُ

Allaahn hirkoo waa hundaati.


لَمۡ يَلِدۡ وَلَمۡ يُولَدۡ

Hin dhalle hin dhalannes.


https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1734
02.04.202502:08
Gaaffii 1ffaa

Waaqayyoon dhala nama  fayyisuuf ofii isaaf dhufe moo Ilma isaa tokkicha erge ? 

Akka Ortoodoksiin amanatanitti Waaqayyoon foon namaa uffatee (nama of fakkeessee) addunyaa baraaruuf gara biyya lafa   dhufe.
Garuu Macaafni Qulqulluun, Wangeela Yohannis 3:16 irratti akkas jedha:  ˝Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa   hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate."
Dabalataan Yohannis 1ffaa 4:9 irratti akkas jedhe:   “Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf,  tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge.”

Kana irratti Gaaffii nuti qabnu:
Akkuma isin  Kiristaanonni  jettan Waaqayyo foon uffatee addunyaa  baraaruuf gara biyya lafa dhufe moo ? Akkama macaafni jedhutti  ilma isaa tokkicha  biyya lafaaf erge ?   Akka isaan lamanuu tokko hin jenneef, inni  erge (Waaqaa) fi inni ergame(ilmi)  qaama garaa garaa lama ta'uun ifaadha.  Kana males ragaan baay'een kan Waaqayyoon ilma isaa erge jedhu Macaafa keessa jira. Yohannis 1ffaa 4:14 ilaali.

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28
12.04.202514:28
وَلَمۡ يَكُن لَّهُۥ كُفُوًا أَحَدُۢ

Hiriyaan tokkoos isaaf hin taane.”

🛑 9, Allaahaan Isa Duraatis Isa Boodaatis.

[Al-Hadid 57:3]

هُوَ ٱلۡأَوَّلُ وَٱلۡأٓخِرُ وَٱلظَّٰهِرُ وَٱلۡبَاطِنُۖ وَهُوَ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمٌ

Inni duruma jira; kan boodaatis; mul’ataadha; dhokataas (argaa dha); Inni waan hunda beekaadha.

🛑 10, Allaahaan Kan Hin Duune Kan Hin Rafne Kan Mugaatiinis Isa Hin Qabneedha.

[Al-Baqarah 2:255]

ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلۡحَيُّ ٱلۡقَيُّومُۚ لَا تَأۡخُذُهُۥ سِنَةࣱ وَلَا نَوۡمࣱۚ لَّهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۗ مَن ذَا ٱلَّذِي يَشۡفَعُ عِندَهُۥٓ إِلَّا بِإِذۡنِهِۦۚ يَعۡلَمُ مَا بَيۡنَ أَيۡدِيهِمۡ وَمَا خَلۡفَهُمۡۖ وَلَا يُحِيطُونَ بِشَيۡءࣲ مِّنۡ عِلۡمِهِۦٓ إِلَّا بِمَا شَآءَۚ وَسِعَ كُرۡسِيُّهُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَۖ وَلَا يَئُودُهُۥ حِفۡظُهُمَاۚ وَهُوَ ٱلۡعَلِيُّ ٱلۡعَظِيمُ

Rabbiin Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru; (Inni) jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadha Mugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabatu Wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan Isaati Inni hayyama Isaatiin ala Isa biratti araarsu eenyuma? Waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniis ni beeka Beekumsa Isaa irraas waan Inni fedhetti malee hin marsanu Kursiin Isaa samiifi dachii irra bal’ateeraIsaan lamaan tiksuun Isa hin dadhabsiisu Innis ol ta’aa, guddaadha.

[Al-Furqan 25:58]

وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱلۡحَيِّ ٱلَّذِي لَا يَمُوتُ وَسَبِّحۡ بِحَمۡدِهِۦۚ وَكَفَىٰ بِهِۦ بِذُنُوبِ عِبَادِهِۦ خَبِيرًا

Jiraataa Isa hin duune irratti hirkadhu Faarsuu Isaa waliin Isa qulqulleessi Badii gabroota Isaa iccitii beekuu keessatti Isumatu ga’aadha.


🛑 11, Allaahaan Beekaa Waa Hundaati.

[Al-Hashr 59:22 - 24]

هُوَ ٱللَّهُ ٱلَّذِي لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ عَٰلِمُ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِۖ هُوَ ٱلرَّحۡمَٰنُ ٱلرَّحِيمُ

Inni Allaahn Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre(Inni) Beekaa fagoofi dhihooti Inni akkaan rahmataa godhaa akkaan mararfataadha.


هُوَ ٱللَّهُ ٱلَّذِي لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلۡمَلِكُ ٱلۡقُدُّوسُ ٱلسَّلَٰمُ ٱلۡمُؤۡمِنُ ٱلۡمُهَيۡمِنُ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡجَبَّارُ ٱلۡمُتَكَبِّرُۚ سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يُشۡرِكُونَ

Inni Allaahii Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre, mootii, hir'ina irraa qulqulluu, abbaa nagayaa, nageenya arjoomaa, Qeexaa, injifataa, guddaa (ol ta'aa), boonaadha Waan isaan qindeessan hunda irraa Rabbiin qulqullaa'e.


هُوَ ٱللَّهُ ٱلۡخَٰلِقُ ٱلۡبَارِئُ ٱلۡمُصَوِّرُۖ لَهُ ٱلۡأَسۡمَآءُ ٱلۡحُسۡنَىٰۚ يُسَبِّحُ لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ

Inni Rabbii Uumaa (waan hundaa), (waan hin jirre) Argamsiisaa, bocaa ta'eedha Isaaf maqoolee gaggaarii ta'antu jira Wantoonni samiifi dachii keessaa Isa qulqulleessu (faarsu)Inni Injifataa ogeessa.


🛑 12, Allaahaan Kan Nam Tokkollee Biyya Lafaa Kana Irratti Arguu Hin Dandeenyeedha.

[Al-An'am 6:102 - 103]

ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمۡۖ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ خَٰلِقُ كُلِّ شَيۡءࣲ فَٱعۡبُدُوهُۚ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءࣲ وَكِيلࣱ 

Kan akkana hojjate kun Rabbii keessani Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru(Inni) uumaa waan hundaatii, Isa (qofa) gabbaraaInnis waan hunda tiksaadha.


لَّا تُدۡرِكُهُ ٱلۡأَبۡصَٰرُ وَهُوَ يُدۡرِكُ ٱلۡأَبۡصَٰرَۖ وَهُوَ ٱللَّطِيفُ ٱلۡخَبِيرُ 

)Addunyaatti) agartuun Isa hin agartu Inni immoo agartuu hunda ni arga Inni mararfataa, beekaadha.

✅ Allaahaa Jechuun Isa Kanaadha.

📶 Obboleessa Kiyya Qaalii Obboleettii Kiyya Qaalii Namni Waan Uumamteef Beektu Hubannoodhaan Dubbisi Si Fayyadaa Erga Dubbistee Xumurtee Share Godhuu Hin Dagatinii.

Haa Xiqqaattuu Haa Guddatuu Waan Ergaa Islaamaa Dubbatu Dubbisii San Booda Hiriyoota Keessaniif Facaasaa Jzk 🥰🥰

✍✍ @Rafiqul_Islaam

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1735
Gaaffiiwwan 100 bifa kanaan qopheessinee edit muraasa qofatu nu hafa. Bifa PDF tiin isiniif maxxansinu moo tokko tokkoon akkanatti isiniif maxxansuu filattu ?

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28
اَلسَلامُ عَلَيْكُم وَرَحْمَةُ اَللهِ وَبَرَكاتُهُ‎


عيدكم مبارك..

كل عام وأنتم بخير، تقبل الله طاعتكم، وأعاد عليكم العيد بالخير واليمن والبركات.

أسأل الله أن يجعل أيامكم أفراحًا، وأن يرزقكم السعادة والرضا.

🎯 @Rafiiqul_Islaam
Log in to unlock more functionality.