Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
GINGILCHAA DHUGAA avatar
GINGILCHAA DHUGAA
GINGILCHAA DHUGAA avatar
GINGILCHAA DHUGAA
05.05.202518:44
#ZINAA YKN #EJJA YKN #SAGAAGALUMMAA
JECHUUN MAALIIDHA? #SHERA GODHAA

Yeroo baay’ee kiristaanonni hiika sagaagalummaa kana wollaaluu irraa kan ka'e dubartii tokkoo ol fuudhuun sagaagalummaadha jedhanii dubbatu kun immoo waan ragaa tokko itti hin qabneedha.

Mee hiika zinaa ykn ejja ykn sagaagalummaadha haa ilaallu.
Zinaa (sagaagalummaa) jechuun nama tokko waliin osoo seeran wal hin fuudhin wal qunnamti saala waliin raawwachuu jechuudha.
#Ykn Ejjummaa jechuun kakuu gaa'ela ofii cabsanii kan biraa wajjiin ciisuu jechuudha.
#aYkn Hariiroo wal qunnamtii saalaa namoota gaa'ela hin qabne lamaan jiddutti raawwatamu. Akkasumas Namoonni gaa'ela keessa jiran michuu gaa'ela nama biroo wajjiin cuusutuu Ejja ykn zinaa ykn sagaagalummaa jedhama.

Zinaa ykn ejja (sagaagalummaa) bakka lamatti qoonne ilaalu dandeenya.

Tokko dubartii fi dhiirri hin heerumne/ hin fuune wal jiddutti wal qunnamtii saalaa raawwatamuu fi

Lammaffan immoo dubartiin heerumte fi dhiirri fuudhe jiddutti wal qunnamti saala seeran ala raawwatamu yookiin lamaan keessaa tokko kan hin fuune/heerumne kan fuudhe/heerumte waliin sagaagallummaa raawwatamuudha.

Dubbiin ifaadha jedheetiin yaada.
Kanaafuu sagaagalummaa jechuun dubartii tokkoo ol fuudhuu osoo hin taane qunnamtii saalaa namoota gaa'ela hin qabne lamaan jiddutti raawwatamudha.

Sagaagalummaan akka amantii kamiituu jibbamaadha.
Rabbiin Qur'aana isaa kabajamaa keessatti akkana jechuudhaan dubbata.

"Sagaagalummaattis hin dhihaatinaaDhugumatti, inni (hojii) fokkataafi karaa hamaa ta’ee jira".Suuraa Isra'a 17:32

“Ammas isaan (Gabroonni Ar-Rahmaan) Rabbiin wajjiin waan biraa hin gabbarre (hin kadhanne), kan lubbuu Rabbiin ajjeesuu haraama godhe haqaan alatti hin ajjeefnee fi hin sagaagalleedha (zinaa hin raawwannedha). Namni hojii gadhee kanniin raawwate, adabbi ni qunnama. Guyyaa Qiyaamaa adabbiin [Jahannam] dachaa isaaf taasifama. Isa keessatti salphifamaa ta’ee yeroo hundaa jiraata. Nama tawbatee, amanee fi dalagaa gaarii hojjate malee. Isaan san Rabbiin hamtuu isaanii gaaritti jijjiraaf. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’ee jira.” Suuratul Furqaan 25:68-70

Macaafa kiristaanontaa keesaattis sagaagalummaa raawwachuu mitii hawwinaanuu akka waan raawwateetti ilaallama. Akkana jedha macaafnis
Maatewos : 5 :27-30
27. Yesus, "'Hin ejjin' jedhamee akka himame dhageessaniittu.
28. Ani garuu isinittan hima, namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.
29. Iji kee mirgaa cubbuu yoo si hojjechiise, isa of keessaa baasii gati; guutummaan dhagna keetii qililleetti darbatamuu mannaa, bu'aa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayya.
30. Harki kee mirgaa cubbuu yoo si hojjechiise, isa of irraa murii gati; guutummaan dhagna keetii qilillee dhaquu mannaa, bu'aa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu sii wayya" jedhe.

Kanaaf fuudhaafi heeruma keessatti hamma rabbiin siif heyyame nikaahan ykn seera gaa'elaa guutanii fuudhuun sagaagalummaa hin jedhamu.

Yeroo baay’ee kiristaanonni nabi muhammad saw maaf 9 fuudhan ykn isin maaf 4 fuutu jechuudhan gaafii kaasu. Gabaabumatti deebiin rabbitu nuuf heyyame karaa seera Amantiin heyyamuun.

Nabi muhammadiif saw eessatti heyyamameef?

يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ إِنَّا أَحْلَلْنَا لَكَ أَزْوَاجَكَ اللَّاتِي آتَيْتَ أُجُورَهُنَّ وَمَا مَلَكَتْ يَمِينُكَ مِمَّا أَفَاءَ اللَّهُ عَلَيْكَ وَبَنَاتِ عَمِّكَ وَبَنَاتِ عَمَّاتِكَ وَبَنَاتِ خَالِكَ وَبَنَاتِ خَالَاتِكَ اللَّاتِي هَاجَرْنَ مَعَكَ وَامْرَأَةً مُّؤْمِنَةً إِن وَهَبَتْ نَفْسَهَا لِلنَّبِيِّ إِنْ أَرَادَ النَّبِيُّ أَن يَسْتَنكِحَهَا خَالِصَةً لَّكَ مِن دُونِ الْمُؤْمِنِينَ ۗ قَدْ عَلِمْنَا مَا فَرَضْنَا عَلَيْهِمْ فِي أَزْوَاجِهِمْ وَمَا مَلَكَتْ أَيْمَانُهُمْ لِكَيْلَا يَكُونَ عَلَيْكَ حَرَجٌ ۗ وَكَانَ اللَّهُ غَفُورًا رَّحِيمًا

"Yaa nabiyyichaa! Nuti niitiwwan kee isaan ‘Mahrii’ isaaniif kennite, (boojuu irraa) waan Rabbiin sitti deebise irraa warra harki kee horatte, shamarran abbeeraa (wasiila) keetii, shamarran adaadota keetii, shamarran eessumman keetiifi shamarran haboo (obboleettii haadha) keetiis isaan si waliin godaanan, dubartii mu’uminaas yoo isheen nabiyyichaaf of kennitee yoo
04.05.202517:50
Karaa birootiin Ingiliz keessa Dubartoota Miiliyoona 4 kan Lafatti Hafan yoo ta’u , Jarman keessatti immoo Dubartoota miliyoona 5 Kan Abba manaa argachuu hin dandeenye ta’anii lafatti hafu. Akkasuma Rusiyaan immoo Dubartoota miiliyoona 9 kanneen Abbaa manaa eessumaa arganna jedhan addunyaaf gumaachiteerti. Haala kanaan itti fufna yoo jenne Addunyaa mara irra Hanqina Dhiiraa hangam akka jiru kan beekuu danda’u Rabbii tokkicha qofa jechuu dha.
===========================================
②. Dhiirti Hundi Takkaa Ol Akka Hin Fuune Godhuun Hojii Irra Ooluu hin danda’u.

Olitti akkuma ilaalle Dhiirti hundii dubartii takka qofa haa fuutu seera jedhu yoo baafnee Hojii irra oolchine Ameerikatti Qofa Dubartoota Miiliyoona 30 kannen gaa’ela malee lafatti hafaniitu Uumama. Dubartoota Ingilizi fi Ruusiyaa kan olitti ilaalle yoo itti daballe immoo lakkofsi eessa akka ga’u xiinxalaa.
Mee Obboleeytii. tiyya yookiin Keessan Dubartoota dhiirsa argachuu hin danda’in miliyoona 30 keessaa tokko akka taatetti haa yaadnu. Dubartoota kanneen keessaa Carraa Dubartoonni Fedhii saala Faallaa(dhiiraa) qabaachuu danda’anii haa ilaallu.
Gabaabumatti carraa lama qofa kan qaban yoo ta’u :-
1ffaa:-Dhiira isa haadha manaa takka qabutti heerumuudhaan niitii lammaffaa ta’anii jirachuu yoo ta’u. Carraan hafe, 2ffaan Immoo <> yookiin <> [Sagaggaaltuu] tahuu dha.
Yoomiyyuu taanaan Dubartiin Fayyaaleessa taatee fi Amala gaarii qabdu kamiyyuu Niitii jalqaba ta’uu barbaaddi jedhamee yaadama.
Dhugumatti Dubartoonni Baay’een Dhiirsi isaanii Dubartii Biroo akka irratti fuudhu hin jaalatan. Haa ta’uu malee garuu Amantiin islaamaa Haalli jiru dirqisiisaa yoo ta’ee fii Dubartoonni Akka <> ta’uu irraa haala sodaatamu keessatti Badii Guddaa hambisuudhaaf Dubartoonni mu’uminaa Miidhaa Dhunfaa xiqqoo akka baadhatan Waan taasisuufi Amantiin islaamaa tokkoo ol fuudhuu kan hayyameef.
========================================
③. Qabeenya Ummataa Ta’uurra Dhiirsa Fuudhee Jirutti Heerumuutu irra Caala.

Biyyoota Warra lixaa kessatti Gaa’elaan ala sagaggaaluun kan baramee fi waanta salphaa dha. Haa ta’uu malee garuu Dubartoonni jireenya akkanaa keessa jiraatan yeroo hunda Jiruu Salphinaa fi jireenya wabii hin qabne akka jiraatan beekkamaa dha.
Wanti Nama Ajaa’ibsiisu garuu Biyyoonni lixaa Dubartiin Kabajaan ishee eegameefii Wabii Haadha manummaa argattee Akka Haadha manaa lammaffaatti Jiraachuun Dubartoota kanneenii kan isaaniif hin liqimfamne ta’uu isaaniiti. Kun immoo kan nu argisiisu Hawaasni kun hangam takka mirga dubartii dhiibuun mirga dubartii kabajuu akka akka itti fakkaate dha.
Eegaa Walumaa galatti yoo ilaalle Sababoota Amma tarreessine kanatti Dabalatee sababni Islaamummaan Haadha manaa takkaa ol fuudhuu hayyameef Baay’een jiraatuyyu Akka ijootti garuu Kabajaa Dubartii Jiraachisuuf jecha.

Macaafni kiristaanotaa hoo maal jedha isa jedhuuf kutaa itti aanutti isiniif fida inshaa allah 🙏

https://t.me/Gingilchaadhugaa
03.05.202515:29
𝗶𝗹𝗺𝗶 𝗡𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗪𝗮𝗮 𝗦𝗵𝗮𝗻 𝗝𝗮𝗮𝗹𝗮𝘁𝗲𝗲 𝗪𝗮𝗮 𝗦𝗵𝗮𝗻 𝗜𝗿𝗿𝗮𝗻𝗮𝗳𝗮𝘁𝗲
●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●

𝟏: 𝐃𝐮𝐧𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐚𝐭𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐀𝐚𝐤𝐡𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚𝐧𝐟𝐚𝐭𝐚𝐧
𝟐: 𝐐𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐚𝐭𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐐𝐨𝐫𝐦𝐚𝐚𝐭𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚𝐧𝐟𝐚𝐭𝐚𝐧
𝟑: 𝐮𝐮𝐦𝐚𝐦𝐚 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐚𝐭𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐊𝐚𝐧 𝐮𝐮𝐦𝐞 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚𝐧𝐟𝐚𝐭𝐚𝐧
𝟒: 𝐅𝐨𝐨𝐪𝐢𝐢 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐚𝐭𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐐𝐚𝐛𝐫𝐢𝐢 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚𝐧𝐟𝐚𝐭𝐚𝐧
𝟓: 𝐃𝐢𝐥𝐢𝐢 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐚𝐭𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐓𝐨𝐨𝐰𝐛𝐚𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚𝐧𝐟𝐚𝐭𝐚𝐧

• 𝐖𝐚𝐚 𝐒𝐡𝐚𝐧 𝐆𝐚𝐦𝐚 𝐖𝐚𝐚 𝐒𝐡𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐆𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚

𝟏: 𝐈𝐣𝐣𝐢 𝐆𝐚𝐦𝐚 𝐙𝐢𝐧𝐚𝐚
𝟐: 𝐁𝐨𝐥𝐨𝐥𝐥𝐢 𝐆𝐚𝐦𝐚 𝐒𝐡𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚
𝟑: 𝐖𝐚𝐚 𝐗𝐢𝐪𝐪𝐨𝐨𝐧 𝐐𝐮𝐮𝐟𝐮𝐮𝐧 𝐆𝐚𝐦𝐚 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐚𝐥𝐚𝐚
𝟒: 𝐈𝐦𝐚𝐥𝐭𝐮𝐮 𝐃𝐞𝐞𝐦𝐮𝐮𝐧 𝐆𝐚𝐦𝐚 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐤𝐮𝐦𝐬𝐚𝐚
𝟓: 𝐌𝐨𝐫𝐦𝐢𝐢 𝐇𝐞𝐝𝐝𝐮𝐦𝐦𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐆𝐚𝐦𝐚 𝐖𝐚𝐥-𝐃𝐡𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢

🦋𝐖𝐚𝐚 𝐒𝐡𝐚𝐧🦋


𝟏: 𝐃𝐚𝐚𝐧𝐠𝐚𝐚 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐊𝐞𝐞𝐭𝐢𝐢 𝐄𝐞𝐠𝐠𝐚𝐝𝐡𝐮
𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚𝐧 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢 𝐆𝐚𝐛𝐛𝐚𝐫𝐮 𝐓𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚.

𝟐: 𝐖𝐚𝐚𝐧 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢𝐧 𝐒𝐢𝐢𝐟 𝐐𝐨𝐨𝐝𝐞 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐚𝐝𝐡𝐮
𝐈𝐫𝐫𝐚 𝐃𝐮𝐫𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐍𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐓𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚.

𝟑: 𝐎𝐥𝐥𝐚𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐭𝐢𝐢𝐟 𝐓𝐨𝐥𝐚 𝐨𝐨𝐥𝐢
𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐃𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐢𝐢𝐦𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐮 𝐌𝐮’𝐮𝐦𝐢𝐧𝐚 𝐓𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚.

𝟒: 𝐖𝐚𝐚𝐧 𝐋𝐮𝐛𝐛𝐮𝐮 𝐭𝐞𝐞𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐭𝐭𝐮 𝐧𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢𝐬 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐝𝐡𝐮 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐚𝐣𝐚𝐣𝐚 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐆𝐨𝐝𝐡𝐞 𝐓𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚.

𝟓: 𝐇𝐞𝐝𝐝𝐮𝐮 𝐊𝐨𝐟𝐥𝐚 𝐇𝐢𝐧 𝐁𝐚𝐚𝐲𝐲𝐢𝐬𝐢𝐧,
𝐊𝐨𝐟𝐥𝐚 𝐁𝐚𝐚𝐲𝐲𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐐𝐚𝐥𝐛𝐢𝐢 𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐀𝐣𝐣𝐞𝐞𝐟𝐭𝐢.

• 𝐘𝐚𝐚 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐤𝐮𝐦𝐬𝐚 𝐃𝐢𝐢𝐧 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦 𝐍𝐮 𝐁𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚𝐬𝐢
★★★☆☆☆★★★🕋🕌🌏🤍🦋


https://t.me/islammummaa
Reposted from:
Abdulfattah Kadiir avatar
Abdulfattah Kadiir
25.04.202510:51
𝐃𝐡𝐮𝐠𝐮𝐦𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐧𝐢 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐉𝐞𝐜𝐡𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢?

Kitaabni tokko jecha waaqaati jedhamuudhaaf ulaagaale inni guttachu qabu hedduutu jira Kannen keessas

1, Jechonni faallaan keessa dhabamuu
2, Jechonni waaqaaf hin malle keessa dhabamuu
3, Jechonni nama keessa dhabamu utuma jecha tokkollee ta'e.

𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐧𝐢 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐔𝐥𝐚𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐎𝐥𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐈𝐛𝐬𝐚𝐦𝐞 𝐐𝐚𝐛𝐚

[1] Keyyattota Macaafa Qulqullu Keessaa Wal Fallessan

“Yabbinni gaanichaas hamma bal'ina harkaa ti; hidhiin isaa inni akka hidhii shiiniitti garagalee hojjetame daraaraa habaaboo in fakkaata; gaanichi liitrii afurtamii afur baata.”
— 1Mot. 7:26

“Yabbinni gaanichaa hamma bal'ina harkaatti, hidhiin isaa inni akka hidhii shiiniitti garagalee hojjetame daraaraa habaaboo fakkaata; gaanichi liitrii kuma jaatamii ja'a nyaata.”
— 2Sen. 4:5

𝐆𝐚𝐚𝐟𝐟𝐢𝐢: 𝐋𝐢𝐢𝐭𝐢𝐫𝐢𝐢 𝐀𝐟𝐮𝐫𝐭𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐀𝐟𝐮𝐫𝐢 (44)𝐦𝐨𝐨? 𝐋𝐢𝐢𝐭𝐢𝐫𝐢𝐢 𝐊𝐮𝐦𝐚 𝐉𝐚𝐚𝐭𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐉𝐚'𝐚𝐚 (66,000)

[2] “Solomoon gola fardeen warri konkolaattota isaa harkisan itti galan kuma afurtama, abboota fardeenii immoo kuma kudha lama qaba ture.”
— 1Mot. 4:26

Fi

“Solomoon kutaawwan manaa fardeen itti galanii fi kutaawwan manaa konkolaattonni keessa kaa'aman kuma afur qaba ture; abboonni fardeenii isaa kuma kudha lama turan; inni isaan kana keessaa gar tokko mandaroota konkolaattonni keessa kaa'aman keessa in kaa'e, gara kaan immoo of bira Yerusaalem mandara mootii keessa in kaa'e.”
— 2Sen. 9:25

Gaaffi Kuma Afurtama (40,000)Moo? Kuma Afuri (4000)

[3] “Ahaaziyaan mootii yommuu ta'e nama waggaa digdamii lamaa ture; inni waggaa tokko Yerusaalem keessa taa'ee mo'e; haati isaa Ataaliyaa intala Ahaab Omrii mootii Israa'el turte.”
— 2Mot. 8:26

“Ahaaziyaan mootii yommuu ta'e nama waggaa digdamii lamaa ture; inni waggaa tokko Yerusaalem keessa taa'ee mo'e; haati isaa Ataaliyaan intala Ahaab Omrii ti.”
— 2Sen. 22:2

Kamtu Sirriidha 42? moo 22?

[4] “Toorri hidda dhaloota Yesus Kristos sanyii Daawit, sanyii Abrahaam isa kana.”
— Mat. 1:1

“Abrahaam Yisihaqin dhalche; Yisihaq Yaaqoobin dhalche; Yaaqoob Yihudaa fi obboloota Yihudaa dhalche.”
— Mat. 1:2

Fi

(Luq 3:23-38

“Yesus hojii isaa yommuu jalqabe, dhalatee akka waggaa soddomaa ti; hidda dhaloota isaa yeroo lakkaa'anis ilma Yoseef jedhaniin; Yoseef ilma Elii,”
— Luq. 3:23

• . Keyyattonni kunnin waa'e hidda dhaloota iyesus kiristoos
dubbatu garu lamaan isanii𝐬 maqaadhan, lakkofsaanis wal hin
fakkatan hiddi dhaloota isa kamiijenne fudhanna? Iyesus yoo
waaqa ta'e akkamitti hidda dhaloota qabaate?

[5] “Kana irratti mootichi, "Wanta gaarii ta'ee isinitti mul'atu nan godha" isaaniin jedhe; yommus mootichi karra bukkee in dhaabate, loltoonni immoo dhibba dhibbaan, kuma kumaan lolaaf in ba'an.”
— 2Sam. 18:4
FI

“Namoonni Sooriyaa warri Damaasqoo keessa jiraatan Hadaad-Ezer mootii Zobaa gargaaruudhaaf in dhufan; Daawit immoo isaan keessaa namoota kuma digdamii lama rukutee in ajjeese.”
— 1Sen. 18:5

Isa kamtu dhugaadha? 700 moo 1700

Fak. 7
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹³ isheen qabdee, isa in dhungatti, ija-jabinaanis isatti dubbattee,


¹⁷ siree kootti qumbii, sabiriidhaa fi qarafaa firfirseera;
¹⁸ kottu hamma lafti bari'utti jaalala keenya iddoodhaan in ga'annaa👈, halkan guutuus itti gammadaa in bullaa;

Me ilaala waqaayyo dubbi akkasi akkanatti dubbata gaafa jeersi ko hin jirre kottu jette nama waamati🤔

Amma kun dubbi Waaqayyoti?
Dubba waaqa osoo hin taane dubbi nama waa qanfatu hu miti!!

Wed. 7
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
³ handhuurri kee qadaada isa yeroo hundumaa daadhii waynii baatu in fakkaata; gudeedi kee tuullaa qamadii isa daraaraan itti naanna'ee jiru in fakkaata;
⁴ harmi kee lachanuu ilmoolee kuruphee, warra lakkuu dhalatan in fakkaata;https://t.me/KaraandhugaaIslaamummaaqofa
20.04.202519:27
“ Yesus Kiristos gara samii ul-fuudhamuu”.



“Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta’e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta’in; akka ati jaallatte haa ta’u! jedhe. “Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul’ate. Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ta’e”.”
[Luqaas 22:42-44]

“Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan imimmaaniin, kadhataa fi waammata gara isa du'a isa oolchuu danda'uutti dhi'eesse; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, kadhanni isaa in dhaga'ameef.”
— Ibr. 5:7

Yesus Kiristos osoo akka Kiristiyaanonni jedhan; cubbuu isaaniitiif du’uu fi fannoo irratti fannifamuuf dhufee maaliif du’a jibba ?. Ammas erga kaayyoon dhufeef kana ta’ee, maaliif du’uu dhabuu Rabbii isaa kadhata ?
“Gara sa’aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan “Elii, Elii lamaa sabaktanii?” jedhee waammate; kunis, “Waaqayyo ko, Waaqayyo koo maaliif na dhuufte?” jechuutti in hiikama.”
[Maatewos 27:46]

[Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kafaran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga guyyaa qiyaamaatti warra kafaran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gudduu keessanitti nan murteessa.”]
(Qur’aana Suuratu Aal- Imraan 3:55)

Hubachiisa dabalataa kan Yesus Kiristos fannifamuu dhabuu isaa nuu mirkaneessan;

❖ Du’uu isaa kan dubbate Maatewoosii fi Luqaasiidha. Luqaas immoo ofii isaatiyyuu barataa isaa hin turre, maatewos immoo du’a isaatii fi rarraafama isaa hin argine, barattoota kaanneen wajjiin baqatee ture, wanti amantaan tokko irratti ijaaramu immoo ragaa qabatamaadha. Yoo raga qabatamaa hin qabaatin ni darbama.

❖ Maatewosii fi Luqaas, akka kitaabban seenaa Kiristiyaanaa jedhutti; Wangeelota isaanii yemmuu barreessan Wangeela Maarqos waan of harkaa qabaniif Wangeela isaa kana irraas immoo yaada hedduu irraa akka fudhatanii fi koppii godhatantu dubbatama. Sababni isaas Wangeelli jalqaba barreeffame Wangeela Maarqosidha. Innis immoo ofii isaatiyyuu barataa Yesus hin turre.

❖ Macaafni Maatewos afaan ibraayistiin barreesse waan du’a Yesusi fi rarraafama isaas hin dubbatu, kan afaan Girikii immoo kan inni barreesse miti, nama biraatu hiike, namni hiikes hin beekamu.

❖ Barattoonni Yesus tokkoo iyyuu kan Yesus bira dhaabbate hin jiru, hundinuu ni baqatan. [Maarqos 14:50], [Yohannis 16:32] irra ilaalaa.

❖ Namoonni isa qabuuf dhufan ni gaggaban, yeroon sun immoo yeroo inni gama samiitti ol-fuudhameedha. [Yohannis 18:6]

❖ Macaafni Kakuu Moofaan waa’ee du’a isaa rarraafamuu isaa hin dubbatu.

❖ Namni rarraafamu abaaramaadha. [Ergaa Gara warra Galaatiyaa 3:13]

Walumaagalatti fannifamuu isaa Qur’aanni Kabajamaan ifaan ifatti mormee jira. Macaafni Qulqulluun amma harka Kiristiyaanotaa jirus kanuma gargaara malee hin faallessu nama hubateef.
Yihuudicha Yesusin gane nama “-” jedhamu Rabbiin bifaa fi
haasawaan akka Yesus Kiristos wajjiin wal-fakkaatu taasisee Israa’eloonni Namticha ganaa kana fannisuun ajjeesuu isaanii Wangeelli Barnaabaas addeessee jira.


[Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes.

Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.] (Qur’aana 4:157)

بَل رَّفَعَهُ اللَّهُ إِلَيْهِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا

[Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiin injifataa, ogeessa ta’e.] (Qur’aana 4:158)

Kanaafuu nu Muslimtoonni woggaa woggaan akka Yesus Kiristos hin ajjeefamin, hin fannifamin ragaa bahaa jiraannaa. Xumurameera.

Amantaa Lamaan Irraa

by: @Khaalid_Abdoo

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1792
16.04.202513:51
Part 3
Alaabaa islaamaa baatee
Hogganummaadhaan duulee
Jogola na’iim keessa
Reeffa yahuudaa tuulee

Woraanni yahuudootaa
Hireen mootii Marhabuu
Keeybar irratti taate
Muslimaan morma dhabuu

Duree ta'ee filamee
Gara yamaniis dhaqee
Goota islaama taasise
Saba karaarraa maqe

"Na booda hin jiruuf malee
Ergamaan akka kootii
Silaa siqofa beeki
Kan malu bakka kootii"

Jedhanii kan leellisan
Ergamaan Rabbii guddaa
Abul Hasan gooticha
Moo’ataa lola hundaa

Nama osoo lubbuun jiruu
Jennataaf kaadhimame
Seenaa Aliyyii silas
Hin dhumatu himamee..

.... itti fufa....
05.05.202518:44
nabiyyiinis ishee fuuchuu fedhe, mu’uminoota biraatiif odoo hin ta’in si qofaaf qulqulluu taatee (isaan #fuuchuu) #halaal_siif_goonee_jirra Isaan (mu’uminoota) irratti niitii isaaniitiifi waan harki isaanii horatte keessatti wanta isaan irratti dirqama goone dhugumatti beeknee jirra Akka rakkoon si irratti hin taaneef (kana goone)Rabbiinis araaramaa, rahmata godhaa ta’eera." Suuraa Ahazab 33:50

Musilimtootaaf eessatti heyyamameef?

وَإِنْ خِفْتُمْ أَلَّا تُقْسِطُوا فِي الْيَتَامَىٰ فَانكِحُوا مَا طَابَ لَكُم مِّنَ النِّسَاءِ مَثْنَىٰ وَثُلَاثَ وَرُبَاعَ ۖ فَإِنْ خِفْتُمْ أَلَّا تَعْدِلُوا فَوَاحِدَةً أَوْ مَا مَلَكَتْ أَيْمَانُكُمْ ۚ ذَٰلِكَ أَدْنَىٰ أَلَّا تَعُولُوا

"Yoo yatiimota (fuuchuu) keessatti wal hin qixxeessinuu sodaattan, dubartoota irraa isaan isinitti bareedan lama, sadi yookiin afur fuudhaaYoo wal hin qixxeessinuu sodaattan immoo tokkittii (fuudhaa); yookiin waan (gabrittii) harki keessan horatte (fuudhaa)Haqa dabsuu dhabuuf Kanatu irra dhihoodha." Suuraa Nisaa’i 4:3

Afur fuudhuun filannoodha malee dirqamaa miti namni waan kam keesaattuu wol qixxeessu danda'a jedhe hamma 4 fuudhuu filannoo qaba yoo wal qixxeessuu hin dandeenyee tokko qofatuu isaaf heyyamama. Seerri kun Isilaamummaa keessaa qofatti argama.
Garuu amantiilee biroo keessatti hangana fuudha jedhamee kan ifatti lafa kaahame hin jiru

Gabaabumatti hamma rabbiin siif heyyame seera amantii guuttee fuunaan rakkoo tokko hin qabu sagaagalummaa hin jedhamu.

Kiristaanonni barnoota gaarii argattu jedheetiin yaada fudhachuu baattanis gaafii keessaniif deebii gahaa argattaniittu jedheetin yaada.

Warroonni shera gochuun na gargaaraa jirtan jzk galatoomaa rabbiif jechan isin jaalladha. @highlight

https://t.me/Gingilchaadhugaa
04.05.202517:50
Akkumaan jalqaba irratti Ibse Kitaabni Amantii kan jecha “Tokko Qofa Fuudhaa” jedhu of keessaa Qabu Qur’aana Qofa.

(فَانْكِحُوا مَا طَابَ لَكُمْ مِنَ النِّسَاءِ مَثْنَىٰ وَثُلَاثَ وَرُبَاعَ ۖ فَإِنْ خِفْتُمْ أَلَّا تَعْدِلُوا فَوَاحِدَةً)
[سورة النساء 3]
«Dubartoota irraa isaan isinitti bareedan lama, sadi yookiin Afur fuudhaa. Yoo wal hin Qixxeessinuu sodaattan immoo #tokkitti Qofa Fuudhaa.» {Suuratu Al-Nisaa’ 4:3)

Bu’iinsa Qur’aanaatiin dura Seera amantii kamiiniyyuu Baay’ina niitii irratti daandaan kaa’ame hin ture. Namoitni Baay’een Niitii Baay’ee fuudhuu turan. Keessayyu Dhiirti tokko tokko Dubartoota Dhibbootaan lakkaawaman fuudhuu turan.Amantiin Islaamaa garuu Baay’ina haadha manaa Habga Afuriitti jechuun daangaa kaa’eef. Dhiirti Muslimaa sirritti Osoo Gidduu Haadha manaa wal hin caalchisin Bulchuu kan danda’u yoo ta’e lama, sadi yookiin Afur fuudhuu ni danda’a.
Achuma Suuraa Nisaa’i 4:129 irratti Qur’aanni akkana jedha:-

(وَلَنْ تَسْتَطِيعُوا أَنْ تَعْدِلُوا بَيْنَ النِّسَاءِ وَلَوْ حَرَصْتُمْ)
[سورة النساء 129]
«Odoo bololtanillee gidduu dubartootaa wal qixxeessuu hin dandeessan.» {Suuraa Nisaa’i 4:129)
Kanaafuu Amantii islaamaa keessatti Dubartii tokkoo ol fuudhuun Hayyama addaa (Exceptional Permission) ti malee Akka namootni muslima hin taanee baay’een yaadan Seera yookiin Ajaja miti.
Bal’inaan yoo ilaalle Amantii Islaamaa keessatti Seerri Hayyamaa fii dhoorgaa Shani isaaniis:-
1. Fardii→Dirqama
2. Mustahab→Jaalatamaa yookiin kan jajjabeeffamu.
3. Mubah→Kan hayyamamu.
4. Makruuh→Jibbamaa yookiin kan hin jajjabeeffamne.
5. Haraam→Dhoorkamaa yookiin gonkumaa kan hin hayyamamne.

Haadha manaa tokkoo ol fuudhuun seera Sadaffaa Yookiin Mubaah yookiin Kan hayyamamu seera jedhu keessatti kan Ramadamu yoo ta’u, Dhiirti muslimaa kan Haadha manaa tokkoo ol qabu ,dhiira muslimaa kan biraa kan haadha manaa Takka qofa qabu irra sababa caaluun tokko illee hin argannu. Sababni isaaa haadha manaa takkaa ol fuudhuun gara seera isa lammaffaa yookiin kan jajjabeeffamu seera jedhu keessa seenee illee waan hin arganneefi dha.
===========================================
Dubartoonni Uumamaan Dhiira Caalaa Umrii Dheertuu ni Jiraatu.
Dhiiraa fi Dubartiin Uumamaan Baay’ina Wal fakkaataan dhalatu.Garuu Baay’inni Dubartoota Yeroo Daa’imummaa du’anii kan Dhiira yeroo daa’imummaa du’aniitiin yoo wal madaalchifne Xiqqa ta’eeti arganna. Sababni isaas Daa’imman Dubartootaa Dandeettiin Dhukkuba of irraa ittisuu isaanii kan daa’imman dhiiraa ni caalu waan ta’eef kuniis baay’inaa dhuura caalanii akka argaman isaan taasisa. Dabalataaniis Addunyaan teenya Sababoota balaa Uumamaa fii Nam Tolchee dhaan akkasuma Waraanaan kan Marfamtee dha. Kana irraa kan ka’e Waraanaanis ta’ee sababoota balaa gara garaatiin Baay’inni dhiiroota Du’anii Dubartootaa wajjiin yoo wal bira qabne Baay’ee guddaa ta’ee arganna.
===========================================
4. Sababa Hindii fi biyyoota Ollaa ishee tokko tokkotti Lakkoofsi Dhiiraa Baay’ateef.

Biyyoota Addunyaa kanneen lakkoofsi Dhiiraa kan dubaraa caalee argamu keessaa Hindii fi Biyyootni ollaa ishee kessatti lakkaawamu. Kuniis kan ta’e Daa’imman dubaraa lakkoofsaan baay’ee ta’e Heyyama haadhaatiin ajjeefamanii fi Ulfa baasuun(female foeticide & infanticide) waan aadaa ta’uu irraa kan ka’ee dha. Aadaan Kun akka dhaabbatu yoo taasifame garuu Akkuma biyyoota biroo Hindittis lakkoofsi dhiiraa ni xiqqaata ture.
===========================================
①.Addunyaa Keenya Kana irratti Baay’inni Dubartootaa kan dhiiraa Caalaa dha.

Biyya Ameerikaatti Lakkoofsa Dubartii miliyoona 7.8 ‘n kan dhiiraa caala. Magaalaa Niworkii keessatti qofa Dubartoota miiliyoona 1 tu dhiira caalee argama. Baay’ina ummataa kan Niworkii keessa dhiirootni tokko sadaffaan(⅓) Kannen sala wal fakkaataa ta’anii(Gays) ta’anii wal fuudhanii dha.
Ameerikatti immoo luuxii(Homosexual) miliyoona 25 ni argamu. kana jechuun Baay’ina walii galaa dhiiroota Ameerikaa keessaa miiliyoona 25 Kan ta’an Haadha manaa fuudhuu kan barbaadne yookiin kan hin dandeenyee dha.
𝑫𝒉𝒖𝒈𝒂𝒂𝒏 𝒅𝒉𝒂𝒍𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂𝒇 𝒊𝒔𝒊𝒍𝒂𝒂𝒎𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂𝒏 𝑨𝒅𝒅𝒖𝒏𝒚𝒂𝒂𝒇 𝒔𝒉𝒂𝒉𝒂𝒂𝒅𝒂𝒂𝒏 𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒇𝒖𝒖𝒇𝒂 𝒔𝒊𝒍𝒍𝒂𝒂𝒔𝒆𝒆𝒏𝒊 𝒏𝒊 𝒌𝒖𝒇𝒂 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒔𝒖𝒎𝒂 𝒃𝒐𝒐𝒉𝒊𝒄𝒉𝒊𝒊 𝒈𝒂𝒓𝒆𝒆 𝒌𝒂𝒔𝒂𝒂𝒓𝒂𝒂 𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒇𝒖𝒖𝒇𝒂...😂😂😂😂

🦋 @Caayaadiinaalislaam
23.04.202518:01
𝐀𝐬𝐬𝐚𝐥𝐚𝐚𝐦𝐮 𝐀𝐥𝐚𝐲𝐢𝐤𝐮𝐦 𝐖𝐨𝐫𝐚𝐡𝐦𝐚𝐭𝐮𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡𝐢 𝐖𝐨𝐛𝐚𝐫𝐚𝐤𝐚𝐚𝐭𝐮𝐡𝐮𝐮

#Lubbuu_Ajjeesuufii_Balleessuu_Amantii_Kamtu_Ajajaa?

Akkuma Beekamu Kiristaanonni Yeroo Hedduu #Islaamummaan_Ajjeechaa_Ajaja Jedhanii Dubbatuu Haa Ta'uu Malee Mee Ragaadhaan Haa Ilaallu. 👉 Dubbisuudhaaf #Instant_View Kan Jedhu Tuquudhaan Dubbisaa. Sana booda Kottaa Dubbadhaa.

Hiriyoota Keessaniif Share Godhaa Jzk. 🥰🥰


https://telegra.ph/LUBBUU-AJJEESUU-FI-BALLEESSUU-AMANTII-KAMTU-AJAJAA-04-22
"Yesuus Kiristoos Gara Samii Ol Fuudhamuu" 👇👇👇👇

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1791
08.03.202520:01
5 - Nama biyya jiru tahuu qaba

Namni imaltuu jiru soomanuun isarratti dirqamaamiti l.

Namni imaltuurra jiru haala 3 qaba

- Yoo imaltuu keessatti Soomanni irra jabaatuu baate haa soomanuu
Sanabaan
1Rasuulatti hidhatuudha
2-Dadafanii if qulqulleesuufi
3-Soomanni imaltuu keessatti waajabaa miti.
- Yoo Soomanuun xiqqo irra jabaate furuutu irra caalaaf soomanuun isarratti jibbaadha.
- Nama Soomanuun isaratti haalaan jabaatu soomanuun isarratti haraami.

Ragaan jecha kanaa hadiisa

672- وَعَنْ جَابِرِ بْنِ عَبْدِاللَّهِ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا: أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ ﷺ خَرَجَ عَامَ الْفَتْحِ إِلَى مَكَّةَ فِي رَمَضَانَ، فَصَامَ حَتَّى بَلَغَ كُرَاعَ الْغَمِيمِ، فَصَامَ النَّاسُ، ثُمَّ دَعَا بِقَدَحٍ مِنْ مَاءٍ فَرَفَعَهُ حَتَّى نَظَرَ النَّاسُ إِلَيْهِ، ثُمَّ شَرِبَ، فَقِيلَ لَهُ بَعْدَ ذَلِكَ: إِنَّ بَعْضَ النَّاسِ قَدْ صَامَ، قَالَ: أُولَئِكَ الْعُصَاةُ، أُولَئِكَ الْعُصَاةُ.
وَفِي لَفْظٍ: فَقِيلَ لَهُ: إِنَّ النَّاسَ قَدْ شَقَّ عَلَيْهِمُ الصِّيَامُ، وَإِنَّمَا يَنْظُرُونَ فِيمَا فَعَلْتَ، فَدَعَا بِقَدَحٍ مِنْ مَاءٍ بَعْدَ الْعَصْرِ فَشَرِبَ. رَوَاهُ مُسْلِمٌ.

Jaabir irraa odeey famee (Ra)
Ergamaan Rabbii ﷺ
Ji’a (baatii) Ramadaanaa keeysa nibahe gara makkaa Amata baniinsa makkaa nisoomane hanga iddoo kuraa al ghamiim gahanitti, Ummaniniis nisoomanan eeganaa weelkaa bishaanii niyaame olfuudhe hanga ummanni laalanitti nidhuge
Eeganaa isaan ja’ame gariin ummataa soomanan
jarri san dilaawoodha .

Hadiisa biraa keyssatti.
Yaa Ergamaa Rabbii ﷺ ummanni dheebotee Soommanni itti jabaate ja’aniin waan ati gootu eegu jiran weelkaa bishaanii naafidaa ja’eeti akkasitti Ergamaan Rabbii ﷺ bishaan fuudhee dhuge yeroon san asrii booda ture
(Hadiisa kana muslimiitu gabaase)

3 - Nama aaqila tahuudha kamaraataa hintahin.

4 - Dhiiyni heeydii takkaawuu nifaasii irraacituudha.



5 - Niyyachuudha

Niyyaa jechuun akka afaan arabbaatti hamiluudha.
Akka shari’aa islaamaatti rabbittiin dhiyaadha jettee qalbitti niyyatuudha

@dubartiimuslimaa
05.05.202511:06
.
1.Giidewon Niitii Baa’ee fuudhe:-
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
«Giidewon ilmi Yo’aas inni Yiruub-Ba’aal jedhame deebi’ee mana isaatti galee taa’e. Inni dubartoota baay’ee fuudhee, ilmaan torbaatama in godhate.»(Macaafa Abboota firdii 8:29-30)
.
2.Daawit Niitii Baay’ee fuudhe:-
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
«Daawit Yerusaalemittis immoo niitota baay’ee in fuudhe, ilmaanii fi intaloota baay’ee in godhate.»(Macaafa seenaa baraa isa duraa 14:3)
.
«Daawitii fi namoonni isaa tokkon tokkon isaanii maatii isaanii wajjin Gaat keessa Akiish bira in jiraatan; Daawit haadha manaa isaa lamaan, Ahiino’aam ishee Yizre’elii fuudhee fi Abigaayil Qarmelosittii ishee Naabaal irraa du’e fudhatee in dhaqe.»(macaafa saamu’el isa duraa 27:3)
.
«Daawit mandara Kebroon dhiisee Yerusaalemitti erga galee booddee, achitti saajjatootaa fi dubartoota dabalee in fuudhe; dabalees ilmaanii fi intaloota in godhate.»(macaafa saamu’el isa lammaffaa 5:13)
.
3.Esaawuun Niitii baay’ee qaba:-
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
«Kana booddees Esaawuun gara Ishmaa’el ilma Abrahaam dhaqee, intala isaa ishee “Mahilaat” jedhamtu obboleettii Nabaayoot, dubartoota dur qabu irratti dabalee in fuudhe.»(Seera uumaa 28:9)
.
4.Yaaqoobis niitii baay’ee qaba:-
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••
«Ergasii Yaaqoob ilmaan isaa fi dubartoota isaa gaala irra kaa’atee in ka’e;»(Seera uumaa 31:17)
.
5.Shaharaayaam niitii baay’ee qaba:-
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••
«Shaharaayaam dubartoota isaa Hushiimii fi Ba’araa erga baasee booddee biyya Mo’aabitti ilmaan in godhate.»(macaafa seenaa baraa isa duraa 8:8)
.
6.Belshaazaar Niitii baay’ee qaba:-
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••
«Belshaazaar daadhicha waynii dhugee erga itti ho’ee, qodaa warqee fi meetii isa abbaan isaa Nebukadnezaar mana qulqullummaa Yerusaalem keessaa baasee ture akka fidaniif in abboome; kunis mootichi ofii isaa, gurguddoonni isaa, dubartoonni isaa, saajjatoonni isaas qodaa sanatti akka dhuganiif ture.»(macaafa daani’el Raajichaa 5:2)
……………………………………………
Lakkii isaan (jarri armaan olitti tarreeffaman kunniin) ofuma isaaniitiif kana raawwatan malee Waaqayyoon hin hayyamneefii; kan jedhamu yoo ta’e, qabxiiwwan armaan gadii kanneen beekuun barbaachisaa dha:-
.
1ffaa:-Macaafa Qulqulluu keessatti waaqayyoon iddoo tokko irrattillee ‘Niitii/haadha manaa takka qofa fuudhaa.’ Jedhee hin daangeessine.
.
2ffaa:- Ammallee iddoo tokko irratillee ‘Niitii/haadha manaa takkaa ol hin fuudhinaa.’ Jedher hin dhoorgine.
.
3ffaa:- Inumayyuu waaqayyoon namni niitii takkaa ol fuudhe akkamiin kunuunsuu akka qabu ni barsiisa. Kana jechuun immoo karaa biraatiin niitii takkaa ol fuudhuu ni hayyama jechuu dha.
.
Macaafni qulqulluun akkana jedha:-
.
«Namni tokko haadha manaa lama qabaatee, ishee tokko jaallatee, ishee kaan immoo yoo jaallachuu dhabaate, lachuun isaanii, isheen inni jaallatu, isheen inni hin jaallannes ijoollee godhataniifii, ilmi inni angafni immoo kan ishee inni hin jaallannee yoo ta’e, namichi sun gaafa ilmaan isaatiif dhaala hiru, angafummaa ilma isaa isa kan haadha manaa isaa ishee inni hin jaallanne sanaa ilma isaa isa kan ishee jaallatutti hin dabarsin!, Inni ilma isa kan ishee hin jaallannee sanaaf qabeenya isaa hundumaa keessaa harka lama kennuudhaan angafummaa isaa haa beeksisuuf! Inni humna isaa isa jalqabaa waan ta’eef angafummaan kan isaa haa ta’u!»(Seera keessa deebii 21:15-17)

Kiristaanonni yeroo baay’ee niitii tokkoo ol fuudhuun akka sagaagalummaatti ilaalu. Dursa sagaagalummaa jechuun maal jechuudha? Isa jedhuuf inshaa allah mataa duree itti aanuun isinii dhufa!!!

Kanaafuu firoota keenya kanneen kiristiyaanootaa, muslimootaa fii amantii islaamaatti quba laachuu keessaniin dura, amantii keessan baradhaa, macaafni keessan maal akka barsiisu hubadhaan isiniin jedha. Hanga barreeffama biraatiin walitti deebinutti hundi keessanuu nagayaan naaf barreeffama kanaas #share gochuu hin dagatinaa.

@highlight
https://t.me/Gingilchaadhugaa
04.05.202517:50
AMANTIIN ISLAAMAA NIITII TAKKAA OL FUUDHUU MAALIF HAYYAMA? #SHERA GODHAA

1. Hiika:- Jalqaba Akka walii galaatti sirna fuudhaa fi heerumaa kana bakka lamatti qoodna.

A.Sirna Dhiirsi tokko Niitii Tokkoo ol Fuudhuun (Polygamy) Sirna gaa’elaa kan haadha manaa takkaa ol qabaachuun itti danda’amuu fii
B. Sirna Dubartiin takka Dhiirsa tokkoo ol Qabaachuuti.

Amantiin Islaamaa dhiiraaf daangaa wajjiin dubartii tokkoo ol fuudhuu kan hayyamu yoo ta’u, Dubartiin takka garii Gaa’elas ta’ee, hariiroon kana fakkaatu Gonkumaa kan hin hayyamamnee dha. Gara Gaaficha isa ijoo yoo deebinu, Islaamummaan maaliif takkaa ol fuudhuu dhiiraaf hayyame? kan jedhu haa ilaallu:-
===========================================
2. Jechi «Tokko Qofa Fuudhaa» jedhu Barreeffamee kan Argamu Qur’aana Keessatti Qofa dha.
A. Amantiileen Addunyaa irra jiran kamiyyuu Waa’ee gaa’ilaa ilaalchisee daandaan isaan lafa kaayan hin jiru. Walumaa galatti Kitaabni Amantii Kamiyyuu Gaaroomina Gaa’elaa Ibsuu bira kan dabre Dhiirsi tokko dubartii tokko qofa fuudhuu qaba yookiin Baay’ee haa fuudhu jedhee daangaa lafa hin keenye. Macaafa Qulqulluu, Veedas, Raamaayaan, Gita(Kitaaboota Amantii Hinduuti) fi akkasuma Talmuud(Kitaaba Yahuudotaa) fi kannen biroos daangaa lafa hin keenye. Jecha birootiin Namni Hordofaa Amantii kaneenii ta’e kamiyyuu Niitii hanga Barbaade yoo fuudhe daangaan isa dhoorku hin jiru ture.
Yeroo Dheertuu booda garuu Aadaa fii dhiibbaa alaa tokko tokko irraa kan ka’e Luuboonni hinduu fi kiristiyaanaa niitii tokko caalaa fuudhuu dhoorkan malee macaafoota Qulqulluu miti.

B. Kiristiyaanoonni Durii Niitii Hanga Barbaadan fuudhuu turan.

፡Sababni isaas Macaafa Qulqullus Ta’ee kitaaboonni qulqulluun biroo dhimma kana irratti daangaan isaan kaa’an waan hin turiniif. Waggoota dhibba muraasaan dura garuu Manni Amantii kiristiyaanaa Dhiiroota kiristiyaanaatiif Seera niitii tokkoo ol fuudhuu dhoorku baafte.

C. Gara Yahuudootaa Yoo Dhufnu, Bara 950–1030 kan jiraate Raabii Gershom hanga seera Mana Amantii yahuudaa kan niitii takkaa ol fuudhuu dhoorku hin baasinitti Aadaan Dhiiri tokko dubartii hanga barbaade fuudhuu kun itti fufee ture.
Macaafni Qulqulluun Abrahaam Haadha manaa Sadi(3), akkasuma Solomon immoo haadha manaa 700 qabaachuu turan jedha. Ispeeni fi Poorchugaalitti akkasuma Yahuudoonni biyyoota muslimaa keessa jiraatanis Hanga Bara 1990tti Raabinet Israa’eeli Seera isaan dhoorku baasutti Niitii tokkoo ol fuuchuu turan.
==========================================
Yaadachiisa:-

Hordoftoonni Amantii Hinduu Dubartii Tokoo Ol Fuudhuudhaan Muslimoota ni Caalu. Gabaasni Koree «Iddoo Dubartii Amantii Islaamaa keessatti» jedhamuu kan bara 1975 tti maxxanfamee fuula 66-67 irratti akka ibsetti yeroo bara 1951-1961 gidduu jiru keessatti paarsentii namoota niitii tokkoo ol fuudhanii dhibba keessaa yoo kaa’an Dhiirti muslimaa 4.31% Haadha manaa Tokkoo Ol kan Fuudhan ta’uun kan mirkanaa’e yoo ta’u, Hundoonni immoo 5.06% kan ta’an haadha manaa tokkoo ol fuudhanii argamaniiru.
Seerri Hindii kan yeroo Ammaa jiru garuu Haadha manaa Tokkoo ol fuudhuu kan hayyamu dhiura muslimootaa qofaaf yoo ta’u, Dhiirsi Muslima hin taane kamiyyuu kana hojjetee yoo argame seeraan ala jedha. Haa ta’uu malee garuu Seeraan ala ta’uun Dhiirti hinduu dhiira muslimaa caalaa tokkoo ol fuudhuu irraa isaan hin daangeessine.
Hanga yeroo dhihootti jechuunis hanga bara 1954 tii hanga seerri gaa’eela hinduu haaroofni bahutti/tumamutti Haadha manaa tokkoo ol fuudhuun hawaasa hinduu keessatti gocha bilisummaadhaan raawwatamuu dha. Gabaabumatti wanti kana irraa hubannu Dhiirootni hinduu Haadha manaa tokkoo ol akka hin fuune kan dhoorke kitaaba amantii isaanii osoo hin taane seera addunyaa tanaa yookiin seera mootummaa ta’uu isaati.
Eegaa amma Amantiileen Addunyaa kana irra jiran gurguddoon Haadha manaa tokkoo ol fuudhuu akka hin dhoorkin erga hubannee, amma immoo Sababa Amantiin Islaamaa Haadha manaa tokkoo ol fuudhuu Daangaa kaa’uu wajjiin itti hayyameef haa ilaallu.
===========================================

Advertisement

3. Qur’aanni Haadha manaa tokkoo ol fuudhuu Daangaa wajjiin Hayyama.
30.04.202515:06
Gaafilee Kudha afur (14) Kiristaanota irraa deebisaa barbaada.

[1] – Yesus Kiristos osoo mataan isaa RABBIIN ta'ee (Wangeela Maarqoos 15:34) irratti, maaliif “Elo'ii, Elo'ii lamaa sabaktanii?” jedhee RABBIIN waammate?

“Elo'ii, Elo'ii lamaa sabaktanii?” jechuun Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?” jechuu dha.

[2] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN (Wangeela Yohaannis 8:28) irratti, maaliif “ani isa abbaan na barsiise akkan dubbadhu malee, ofiin homaa akka ani hin hojjennes in hubattu. ” jedhe?

[3] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Yohannis 14:28) irratti, maaliif “abbaan na caala'o. ” jedhe?
[4] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Luqaas 23:46) irratti, maaliif Yesus sagalee guddaadhaan iyyee, "Yaa abbaa ko, hafuura koo harka keettan kennadha!" jedhe?

[5] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Maarqos 10:18) irratti, "Maaliif gaarii naan jettan? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru jedhee dubbataa?

[6] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Yohannis 20:17) irratti, maaliif "Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, 'Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessanitti ol nan ba'a' jedhiin jedhee dubbatee?

[7] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, maaliif akka (Wangeela Maatewos 17:24-27) irratti, dubbatamee jiru qaraxa yookaan gibira kafale? RABBIIN gibira ni kafalaa?

[8] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Maatewos 8:24) irratti, akkamitti hirribni isa qabee rafuu danda'e? Osoo macaafa Faarfannaa 121:4 irratti, RABBIIN hin rafu jedhuu.

[9] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Luqaas 23:34) irratti, maaliif akkana jedhe; "Yaa abbaa, waan godhan hin beekani'o cubbuu isaanii isaaniif dhiisi!" jedhe?

[10] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, akkamitti (Wangeela Yohannis 17:3) irratti, Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti jedhee dubbachuu danda'e?

[11] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, akkamitti (Hojii Ergamoota 2:22) irratti, "Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, Waaqayyo harka Yesus nama Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin fudhatamaa isa godhe jedhamee dubbatame?

[12] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, akkami (Wangeela Luqaas 2:21) irratti, Yesus dhalate gaafa guyyaa 8tii ni kittaanate ykn dhagna qabate jechuun gabaafama? Dhugummatti gochi kun RABBIIN ni malaa?

[13] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, akkamitti (Wangeela Yohannis 18:22) irratti, eegdota keessaa tokkon kabalamuun isaa gabaafame? RABBIIN akkamitti namaan kabalama?

[14] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, akkamitti (Wangeela Luqaas 11:37-38) irratti nyaata nyaatuf beela'e osoo harka hin dhiqatin nyaate jedha? RABBIIN akkamiiti beela'e nyaata nyaata? Yesus erga nyaata nyaate booda mana fincaanii akka seenu shakkii hin qabu, Waaqayotu mana fincaanii seene jennaaree ?

Hubadhaa!!
Namoonni nuti Kiristaana ofiin jedhu kunniin yeroo gaafilee akkanaa dhiheessaniif “Inni foon uffata biyyaa lafa dhufe, kun amala namummaa isaati” jedhu.

Yaadni Kiristaanootaa kun yaada sobaa fi dogoggoora ta'uu isa Kitaabummaan isaan yeroo yeroon jijjiiran kana keessatti ni hubbana.

𝗙𝗼𝗼𝗻 𝘂𝗳𝗳𝗮𝘁𝗲 jechuun; immoo Uumama lubbuu qabu jechuu dha. Kan foon uffate Uumamtoota malee Uuma (RABBII) miti.
(Seeraa Uumama 6:17) irratti, yemmuu bishaan isaan ittiin badan ykn balleeffaman bara Nohitti ga’e, akkana jechuun Waaqayyoon dubbate;

“Kunoo, ani uumama foon uffate, uumama lubbuu qabu hundumaas bantii waaqaa jalaa balleessuudhaaf bishaan badiisaa lafa irratti nan fida; wanti lafa irra jiraatu hundinuus in dhuma. ”
(Uumama 6:17; 7:15,22)

~ Isa kanarraa waan hubbannu kan foon uffate Uumamadha malee Uumaa miti. Kanaafuu; Yesus Uumamadha malee Uumaa miti. Foon Uffate jechuun immoo Uumama lubbuu qabu jechuu dha.

Barruu tana walii qoodaa keeyrii tana facaasaa. Jzk ❤

Qopheessaan: Ifaa Dhugaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1849
Reposted from:
Abdulfattah Kadiir avatar
Abdulfattah Kadiir
22.04.202520:04
✅ #Cubbuu jechuun Waan Rabbiin itti ajaje raawwachuu dhiisuu fi Waan inni irraa dhorke ammoo raawwachuu dha.

↪ Erga kana ta'ee namni kamiyyuu yakka mataa isaa malee kan nama biraatti hin gaafatamu.

↪ Cubbuu warri kiristiyaanaa Yesustu nuuf baate jedhan sun hoo maalidha?

▶ #Cubbuu isaan jedhan kun Kan #Abbaan #keenya #Aadamii fi #hawwaan ajaja Rabbii diiganii Muka jannata keessaa sana nyaatanidha.

↪ Egaa akka isaan jedhanitti Cubbuu isaan dhaalle jedhan sana kan baadhatef #Yesuusi dha.

🎤↪ Jalqaba #Cubbuun dhaalamu hin jiru #Cubbuun #gosaan ykn sanyiin darbu hin jiru.

#Cubbuun #dhukkuba #Sukkaaraa; #Saayinesii yookan HIV miti kan abbaa irra ilmatti yookan gosaan daddarbu. Cubbuun adda.

🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀

▶Kana irratti Qur'aanni akkana jedha.
تِلۡكَ أُمَّةٞ قَدۡ خَلَتۡۖ لَهَا مَا كَسَبَتۡ وَلَكُم مَّا كَسَبۡتُمۡۖ وَلَا تُسۡ‍َٔلُونَ عَمَّا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
"Dhugumatti isheen sun ummata dabarte Isheedhaaf mindaa waan #oomishteetu jira; Isiniifis mindaa waan #oomishtaniitu jira. Isinis waan isaan hojjataa turan irraa #hin_gaafatamtanu." Al baqarah: 134)

مَّنِ ٱهۡتَدَىٰ فَإِنَّمَا يَهۡتَدِي لِنَفۡسِهِۦۖ وَمَن ضَلَّ فَإِنَّمَا يَضِلُّ عَلَيۡهَاۚ وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٞ وِزۡرَ أُخۡرَىٰۗ وَمَا كُنَّا مُعَذِّبِينَ حَتَّىٰ نَبۡعَثَ رَسُولٗا
"Namni qajeele, kan inni qajeelu matuma ofiitiif qofa. Namni jallates, kan inni jallatu ofuma irratti Lubbuun ba’aa baadhattu kamilleen ba’aa lubbuu biraa #hin_baadhattu. Hanga ergamaa erginutti kan adabnus hin taane." ( Al Israa: 15)

وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٞ وِزۡرَ أُخۡرَىٰۚ وَإِن تَدۡعُ مُثۡقَلَةٌ إِلَىٰ حِمۡلِهَا لَا يُحۡمَلۡ مِنۡهُ شَيۡءٞ وَلَوۡ كَانَ ذَا قُرۡبَىٰٓۗ إِنَّمَا تُنذِرُ ٱلَّذِينَ يَخۡشَوۡنَ رَبَّهُم بِٱلۡغَيۡبِ وَأَقَامُواْ ٱلصَّلَوٰةَۚ وَمَن تَزَكَّىٰ فَإِنَّمَا يَتَزَكَّىٰ لِنَفۡسِهِۦۚ وَإِلَى ٱللَّهِ ٱلۡمَصِيرُ
"(Lubbuun) badii hojjattu (tokkos) #badii lubbuu #biraa_hin_baadhattu (Lubbuun) ba’aan (badiin) itti ulfaate tokkos akka ba’aa ishee namni biraa irraa baadhatu yoo gaafattes, odoma fira ishee ta’eellee ishee irraa homaayyuu hin baadhatamuKan ati akeekkachiiftu isaan Rabbii isaanii fagootti sodaatanii, Salaatas gadi dhaabaniidha. Namni (badii irraa) of qulqulleesse, kan inni of qulqulleessu matuma isaatiifi Deebi’iinsi garuma Rabbiiti". (Al Faazir: 18)

🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀

▶ Haaluma wal fakkaatuun macaafnis cubbuu nama tokkootti namni tokko akka hin gaafatamne yeroo ibsu akkana jedha.

"Lubbuun isa cubbuu hojjetuu haa du'u! Ilmi yakka abbaa hin baatin! Abbaanis yakka ilmaa hin baatin! Qajeelinni nama qajeelaa isumaaf haa lakkaa'amu! Jal'inni nama jal'aas isuma irraa haa barbaadamu!"
(Macaafa Hisqi'el Raajichaa 18: 20)

"Garuu namni ija waynii dhangaggaa'aa nyaate hundinuu, ilkaanumti ofii isaatii in hadooda; #namni #yakke hundinuu #yakkuma_ofii_isaatiitiif_in_du'a."
(Macaafa Ermiyaas Raajichaa 31:30)

"Namni #adduma $addaan #cubbuu #ofii #isaatiif haa #ajjeefamu malee, #abboonni #ilmaan isaaniif #hin #ajjeefamin, #ilmaanis #abboota isaaniif #hin #ajjeefamin! "
(Seera Keessa Deebii 24:16)

🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
▶↪ # Yesus ofii isaatii #Cubbuu keessaniin duutu jedhee ifatti isaanitti himeera.

"Ammas Yesus, " #Ani #nan #adeema, isin ana #barbaaduuf #jirtu; iddoo ani #dhaqus dhufuu #hin #dandeessan, kanaaf #cubbuu #keessaniin in #duutu" jedhee isaanitti dubbate."
(Yohannis 8:21)

🎤🎤🎤🎤🎤🎤🎤

▶Egaa hordoftoota keenya amantaa kiristiyaanaa Cubbuu keenya #Yesus nuuf baadhate jettanii of hin gowwoomsiinaatii lubbuu keessan gara ifa islaamummaatti baasaa jechuun waamicha keenya.

↪ Macaafni cubbuun akka hin dhaalamne dubbata.
↪ Macaafni namni yakka dalage hundinu yakka isaatti haa gaafatamu jedha.
↪ Macaafni Yesus cubbuu keessan fudhattanii duutu jedhee akka dubbate ibsa.

✅Kanaafuu sin maaliif lubbuu keessanis hawaasa keessanis gowwomsitu?

https://t.me/Dandihaqaa
Telegram kana Deema hordofahttps://t.me/KaraandhugaaIslaamummaaqofa
20.04.202512:11
“ Yesus Kiristos gara samii ul-fuudhamuu”.



“Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta’e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta’in; akka ati jaallatte haa ta’u! jedhe. “Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul’ate. Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ta’e”.”
[Luqaas 22:42-44]

“Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan imimmaaniin, kadhataa fi waammata gara isa du'a isa oolchuu danda'uutti dhi'eesse; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, kadhanni isaa in dhaga'ameef.”
— Ibr. 5:7

Yesus Kiristos osoo akka Kiristiyaanonni jedhan; cubbuu isaaniitiif du’uu fi fannoo irratti fannifamuuf dhufee maaliif du’a jibba ?. Ammas erga kaayyoon dhufeef kana ta’ee, maaliif du’uu dhabuu Rabbii isaa kadhata ?
“Gara sa’aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan “Elii, Elii lamaa sabaktanii?” jedhee waammate; kunis, “Waaqayyo ko, Waaqayyo koo maaliif na dhuufte?” jechuutti in hiikama.”
[Maatewos 27:46]

[Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kafaran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga guyyaa qiyaamaatti warra kafaran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gudduu keessanitti nan murteessa.”]
(Qur’aana Suuratu Aal- Imraan 3:55)

Hubachiisa dabalataa kan Yesus Kiristos fannifamuu dhabuu isaa nuu mirkaneessan;

❖ Du’uu isaa kan dubbate Maatewoosii fi Luqaasiidha. Luqaas immoo ofii isaatiyyuu barataa isaa hin turre, maatewos immoo du’a isaatii fi rarraafama isaa hin argine, barattoota kaanneen wajjiin baqatee ture, wanti amantaan tokko irratti ijaaramu immoo ragaa qabatamaadha. Yoo raga qabatamaa hin qabaatin ni darbama.

❖ Maatewosii fi Luqaas, akka kitaabban seenaa Kiristiyaanaa jedhutti; Wangeelota isaanii yemmuu barreessan Wangeela Maarqos waan of harkaa qabaniif Wangeela isaa kana irraas immoo yaada hedduu irraa akka fudhatanii fi koppii godhatantu dubbatama. Sababni isaas Wangeelli jalqaba barreeffame Wangeela Maarqosidha. Innis immoo ofii isaatiyyuu barataa Yesus hin turre.

❖ Macaafni Maatewos afaan ibraayistiin barreesse waan du’a Yesusi fi rarraafama isaas hin dubbatu, kan afaan Girikii immoo kan inni barreesse miti, nama biraatu hiike, namni hiikes hin beekamu.

❖ Barattoonni Yesus tokkoo iyyuu kan Yesus bira dhaabbate hin jiru, hundinuu ni baqatan. [Maarqos 14:50], [Yohannis 16:32] irra ilaalaa.

❖ Namoonni isa qabuuf dhufan ni gaggaban, yeroon sun immoo yeroo inni gama samiitti ol-fuudhameedha. [Yohannis 18:6]

❖ Macaafni Kakuu Moofaan waa’ee du’a isaa rarraafamuu isaa hin dubbatu.

❖ Namni rarraafamu abaaramaadha. [Ergaa Gara warra Galaatiyaa 3:13]

Walumaagalatti fannifamuu isaa Qur’aanni Kabajamaan ifaan ifatti mormee jira. Macaafni Qulqulluun amma harka Kiristiyaanotaa jirus kanuma gargaara malee hin faallessu nama hubateef.
Yihuudicha Yesusin gane nama “-” jedhamu Rabbiin bifaa fi
haasawaan akka Yesus Kiristos wajjiin wal-fakkaatu taasisee Israa’eloonni Namticha ganaa kana fannisuun ajjeesuu isaanii Wangeelli Barnaabaas addeessee jira.


[Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes.

Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.] (Qur’aana 4:157)

بَل رَّفَعَهُ اللَّهُ إِلَيْهِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا

[Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiin injifataa, ogeessa ta’e.] (Qur’aana 4:158)

Kanaafuu nu Muslimtoonni woggaa woggaan akka Yesus Kiristos hin ajjeefamin, hin fannifamin ragaa bahaa jiraannaa. Xumurameera.

Amantaa Lamaan Irraa

by: @Khaalid_Abdoo

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1792
08.03.202520:01
Ramadan 🌜8🌛



Mallattoo Nama Dhugaan Sooma Qabuu Irraa:-Soomni Gaachana Isaaf Ta'ee Jecha Fokkuu Hin Dubbatu, Haasa'a Faaydaa Hin Qabne Hin Haasa'u, Nama Hin Arrabsu, Inumaa Yoo Namni Isa Arrabsee "Ani Sooma Qaba Jedhee Deebisaaf!"


"الصِّيَامُ جُنَّةٌ، فَإِذَا كَانَ يَوْمُ صَوْمِ أَحَدِكُمْ فَلاَ يَرْفُثْ وَلاَ يَصْخَبْ، فَإِنِ امْرُؤٌ شَاتَمَهُ أَوْ قَاتَلَهُ، فَلْيَقُلْ: إِنِّي صَائِمٌ"

"Soomni Gaachana (Ibidda irraa ittisa). Yoo tokkoon keessan soome, jecha fokkuu hin dubbatin, hin lallabin. Namni isa arrabsu ykn isaan lolu, ‘Ani soomaa qaba’ haa jedhuun."

[Bukhari 1904 fi Muslim 1151]


📚 Qur'aana Dubbisaa.
📿 Zikrii Heddummeessaa.
🤲 Istighfaaratti jabaadha.

🌟 Ramadaana keessan Ramadaana Rahmataa, Magfiraa fi Jannataan argattan isinii haa ta'u! 🌟
✨Jazaakumullaahu Khayran! ✨


#Al_Hudaa
05.05.202511:06
NIITII/HAADHA MANAA BAAY’EE FUUDHUU!
{Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa Laata?}
/\/\/\/\/\/\/\/\_
Maqaa Rabbii Akkaan mararfataa, Akkaan Rahmata Godhaa ta’eetiin.
Yeroo baay’ee firoota keenya kan kiristiyaanaa biraa gaafiiwwan deddeebi’anii dhaga’aman keessaa takka; ‘Amantiin islaamaa niitii/haadha manaa takkaa ol fuudhuu maalif hayyamti?’ Kan jedhuu dha. Dhugaa dubbachuudhaaf firoonni keenya kun Kitaaba amantii isaanii waan hin dubbisiniif malee, kitaabni isaaniis niitii takkaa ol fuudhuu iddoo tokko irratti illee hin mormu.

Amantiin kiritiyaanaa hoo maal barsiisa qabxii jedhu haa ilaallu. Hanga Xumuraatti obsaan erga dubbiftan booda, namoota birootiif #Share godhuu hin dagatinaa.

________
↪Macaafni Qulqulluun warra kiristiyaanootaa Waa’ee nabiyyootaa fi namoota gaggaarii Niitii tokkoo ol fudhanii yoo dubbatu karaa lamaan lafa kaa’e.
✔Lakkoofsaan kan ibsamee fi
✔Lakkoofsaan kan hin ibsamin.
———————————————
A.☞Lakkoofsaan Kanneen Ibsaman.
******
Kana jechuun namoota niitii tokkoo ol fuudhan Baay’ina niitii isan fuudhanii lakkoofsaan kan kaa’u jechuu dha. Haala kanaanis akka armaan gadii kanaan ilaaluu dandeenya:-
.
1.Elqaanaan Niitii Lama Qaba.
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
«Elqaanaan dubartoota lama qaba ture; maqaan ishee tokkoo “Haannaa”, kan ishee kaanii immoo “Phiniinaa dha”; Phiniinaan ijoollee qabdi, Haannaan garuu hin qabdu turte.»(Macaafa saamu’el isa duraa 1:2)
.
2.Yo’aas Niitii Lama Qaba:-
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
«Yoyaadaan dubartoota lama isa in fuusise; Yo’aas isaan irraa ilmaanii fi intaloota baay’ee in hore.»(Macaafa seenaa baraa isa lammaffaa 24:3)
.
3.Ashuur Niitii Lama qaba:-
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
«Ashuur abbaan biyya Teqo’aa dubartoota lama qaba ture; isaanis “Helaa fi Na’araa” jedhamu.»(Macaafa seenaa baraa isa duraa 4:5)
.
4.Laamek Niitii Lama qaba:-
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
«Laamek dubartoota lama fuudhe; maqaan ishee tokkoo Aadaa, maqaan ishee kaanii immoo Xiilaa ture.»(Seera Uumaa 4:19)
.
5.Abrahaam Niitii sadi qaba:-
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
«Saaraayi haati manaa Abraam hojjettuu ishee Aggaar ishee nama biyya Gibxii sana fidde, akka haadha manaatti Abraam abbaa manaa isheetiif in laatte; kunis Abraam biyya Kana’aan keessa waggaa kudhaniif erga jiraatee booddee ta’e.»(Seera Uumaa 16:3)
.
«Abrahaam haadha manaa kan biraa fuudhe; maqaan ishees “Qexuuraa” jedhama ture.»(Seera Uumaa 25:1)
.
6.Abiiyaan Niitii 14 Qaba:-
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
«Abiiyaan garuu isa durii caalaa in jabaate; inni niitota kudha afur fuudhee, ilmaan digdamii lamaa fi intaloota kudha ja’a in godhate.»(Macaafa seenaa baraa isa lammaffaa 13:21)
.
7.Rehoobiyaam niitota 18 fi Sajjatoota 60 qaba:-
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
«Rehobiyaam niitota isaa warra kaan hundumaa fi saajjatoota isaa caalaa haadha manaa isaa Ma’akaa intala Abiishaalom in jaallate; inni walumatti niitota kudha saddeetii fi saajjatoota jaatama qaba ture; ilmaan isaa digdamii saddeet intaloonni isaa immoo jaatama turan.»(Macaafa seenaa baraa isa lammaffaa 11:21)
.
8.Solomoon Niitii 700 Jajjatoota 300 Qaba:-
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
«Solomoon durboota moototaa dhibba torba in fuudhe; saajjatoota immoo dhibba sadii qaba ture; dubartoonni isaa kunis yaada isaa karaa irraa in jal’isan.»(Macaafa moototaa isa duraa 11:3)
————————————————-
.
B.☞Lakkoofsaan kan hin ibsamin.
********
Kana irratti immoo kan kaa’u baay’ina niitiiwwan isaanii lakkoofsaan osoo hin taane, Maqaa danoomaatiin kan ibsuu dha. Fakkeenyaaf, ‘Niitii baay’ee, Niitiiwwan,…’ jechoota jedhaman fayyadamuudhaan kan ibsu yoo ta’u kan jalqabaa irraa wanti adda isa taasisu, baay’inni isaanii lakkoofsaan ibsamuu dhabuu irraa kan ka’e, baay’inni isaanii isa lakkoofsaan ibsame irra caaluu kan malu ta’uu isaati. Mee warreen kanneenis akka armaan gadii kanatti haa ilaallu:-
28.04.202519:54
QUR'ANA

Namni hundinuu guyyaa qiyaama wal dheeysa nama qur'ana haffaze malee.
Haadha abbaa isaa barbaade koofiyaa dahabaa uffisa.

Qur,anatti cinqamtee barachun yooniif nama birattillee sadarkaa siifin kennine rabbiin biratti sadarkaan kee tikfamaadha.

Qur"anni jannata qofa si naqee si jalaa hin hafuu .jannata kessatti sadarkaa tee ol fuudha hanga dhumaa ayaata ati qaraatutti.

Qur'anni cinqii duniyaa tana sirraa hiika. qalbii tee addaan facaate wali si qabeeti,rakkoo si jabaatte cufa siif laaffisa.

Ibnul qudaaman akkana jedha.
"Guyyaa 40 ol Osoo ati qur'ana hin fixne sirra dabruun ni jibbama"

Qurxubinis akkana jedha.
Guyyaa 40tti qur"ana fixuun nama iimanni saa dadhabaa taheedha jedha.

Yaa Rabbi nama kitaaba keeti wajjin addaan hin baane nu godhi.

Obboleetti tiyya kabajamtuu fi qaalii/obboleessa kiyya kabajamaa fi qaalii/ Qur'anaa Qara'i, guyyaanitti. wirdii godhadhuu of barsiisi.

RABBIIN warra qur'aanaa irraa nuhaa taasisuu!
Reposted from:
Abdulfattah Kadiir avatar
Abdulfattah Kadiir
22.04.202517:12
𝗤𝗼𝗿𝗺𝗮𝗮𝘁𝗮 𝗤𝘂𝗿'𝗮𝗮𝗻𝗮

Qur'aanni iddoowwan (boqonnaawwan) hedduu irratti ilmaan Namaa hunda akkana jechuun qormaata:

[قُل لَّئِنِ اجْتَمَعَتِ الْإِنسُ وَالْجِنُّ عَلَىٰ أَن يَأْتُوا بِمِثْلِ هَٰذَا الْقُرْآنِ لَا يَأْتُونَ بِمِثْلِهِ وَلَوْ كَانَ بَعْضُهُمْ لِبَعْضٍ ظَهِيرًا ]

(Jedhi: “odoo ilmi namaatiifi jinnoonnis fakkaataa Qur’aana kanaatiin dhufuu irratti walitti qabamanii, odoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniis fakkaataa isaatiin hin dhufan.”) [Qur'aana 17:88]

[وَإِن كُنتُمْ فِي رَيْبٍ مِّمَّا نَزَّلْنَا عَلَىٰ عَبْدِنَا فَأْتُوا بِسُورَةٍ مِّن مِّثْلِهِ وَادْعُوا شُهَدَاءَكُم مِّن دُونِ اللَّهِ إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ]

(Yoo waan Nuti gabricha keenya irratti buufne (Qur’aana) irraa mamii keessa taataniif, yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, suuraa akka isaa [tokko] fidaatii ragoota (gargaartotaafi deeggartoota) keessan kan Rabbiin ala jiranis waamadhaa.) [Qur'aana 2:23]

[وَمَا كَانَ هَٰذَا الْقُرْآنُ أَن يُفْتَرَىٰ مِن دُونِ اللَّهِ وَلَٰكِن تَصْدِيقَ الَّذِي بَيْنَ يَدَيْهِ وَتَفْصِيلَ الْكِتَابِ لَا رَيْبَ فِيهِ مِن رَّبِّ الْعَالَمِينَ * أَمْ يَقُولُونَ افْتَرَاهُ ۖ قُلْ فَأْتُوا بِسُورَةٍ مِّثْلِهِ وَادْعُوا مَنِ اسْتَطَعْتُم مِّن دُونِ اللَّهِ إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ]

(Qur’aanni kun Rabbii gaditti sobaan kan uumamu hin taaneGaruu dhugoomsaa (kitaabota) isa dura turaniitiifi addeessaa (seeraati) Gooftaa aalama hundaa irraa ta’uu isaa mamiin tokkos isa keessa hin jiru. Moo sila isaan “isatu (Muhammadtu) of irraa isa uume” jedhu? “Oggas suuraa tokko kan isa fakkaattu fidaaYoo kan dhugaa dubbattan taatan, Rabbii gaditti nama dandeessan (gargaarsaaf) waamadhaa” jedhi.) [Qur'aana 10:37-38]

[أَمْ يَقُولُونَ افْتَرَاهُ ۖ قُلْ فَأْتُوا بِعَشْرِ سُوَرٍ مِّثْلِهِ مُفْتَرَيَاتٍ وَادْعُوا مَنِ اسْتَطَعْتُم مِّن دُونِ اللَّهِ إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ]

(“Inumaayyuu isatu (Qur’aana) of biraa uume” jedhuu? “yoo kan dhugaa dubbattan taatan Rabbiin ala waan dandeessan waamadhaatii, suuraa kudhan kan (isin biraa) uumamtuu taate kan isa fakkaattu fidaa” jedhiin.) [Qur'aana 11:13]

[أَمْ يَقُولُونَ تَقَوَّلَهُ ۚ بَل لَّا يُؤْمِنُونَ * فَلْيَأْتُوا بِحَدِيثٍ مِّثْلِهِ إِن كَانُوا صَادِقِينَ ]

(Sila isatu isa (Qur’aana) uume jedhu moo?” lakkii, isaanumatu hin amanne. Yoo kan dhugaa dubbatan ta’aniif haasaa fakkaataa isaatiin haa dhufanu.) [Qur'aana 52:33-34]

Qormaata fi affeerraan Qur'aanni dhiheesse hanga har'aattis bakkuma isaa jira. Hanga har'aattis addunyaan irra gabaabdu suuraa Qur'aanaa tokko dhiheessuu hin dandeenye, amma boodas ilmaan Namaa addunyaa irra jiran biliyoona 8 oli fi jinnoonnis osoo wal gargaaranii fakkaataa Qur’aanaa kana fiduu tasumaa hin danda’an.

𝗤𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮;
© Ifaa Dhugaa

https://t.me/KaraandhugaaIslaamummaaqofa
𝐊𝐢𝐭𝐚𝐚𝐛𝐨𝐭𝐚 𝐏𝐝𝐟 𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐮𝐮 𝐧𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐮𝐮⁉️

📚📚📚📚📚📚📚
𝐊𝐢𝐭𝐚𝐚𝐛𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐅𝐞𝐝𝐡𝐢𝐢 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐍𝐢 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐮𝐮⁉️

𝐊𝐢𝐭𝐚𝐚𝐛𝐨𝐭𝐚 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐮𝐮 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐮𝐮⁉️

𝐀𝐝𝐬: 👇
https://t.me/+zOTmz0fXj3pkMTk0
https://t.me/+HzNEski01TRkN2Jk
08.03.202520:01
Nama danda’u tahuu


Fkn- Dhukkubsataa fii Nama imaltuurrajiru

Ragaan jecha khanaa Qur’anarraahi.

فَمَن كَانَ مِنكُم مَّرِيضًا أَوْ عَلَىٰ سَفَرٍۢ فَعِدَّةٌ مِّنْ أَيَّامٍ أُخَرَ ۚ


Namani isinirraa dhukkubsataa tahe yookaa imalarra jiraate hanga fure san lakkaawee soomanuudha qaba.

Dhukkubsattee furuu ykn soommanuu keessatti qabxiilee 3 jira.

1 - Yoo Somanni xiqqo ka’irratti jabaatu tahe.

Fkn - dhukkuba akka diifafa, arabbusa, ceekuu, nashaaxa dhabuu yootahe dirqama somanuqaba.

2 - Soomanni ka’isa dararu tahuudha.
Fknf- dhebuu hamtuu , beela hamtuu, laagaan hedduu goggoguu,dhukkuba kalee yoo qabaatee , (furuunsaa dirqama / somanuun iarratti haraami).

3 - Nama xiqqo dhukkubu kayoosomane Sommanuun isaa miidhaa irra hin
-finne.(Haasomanu)

4 - Yoo Dhukkubsatanii fayyuun irraahin kajeelamne tahe.

Fkn - Jaarsa guddaa - Dullacha/Dullattii tahan Guyyaa 30man san furaniiti miskina nyaachisan.
Namni soomana hin-dan deenye guyyatti cinaa sugudaa nyaa chisa nyaata biiti nyaatu
Namni luuysisuu fi tagaraa qabdu yoo lubbuu isiirratti sodaatte furteeti qadaa kafalti

Ragaan jacha Rabbii ol aanaati.

29 من قوله: ( وَعَلَى الَّذِينَ يُطِيقُونَهُ فِدْيَةٌ طَعَامُ مِسْكِينٍ..)


Warra soomanni dirqama irratti tahee soomanuu hin dandeenye fkn manguddoo isaankun miskiina nyaachisuu qaban

5 - Nama biyya jiru tahuu qaba

Namni imaltuu jiru soomanuun isarratti dirqamaamiti l.

Itti fufa......
@@dubartiimuslimaa
Shown 1 - 24 of 197
Log in to unlock more functionality.