Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
DAARU SALAAM 🇵🇸 avatar
DAARU SALAAM 🇵🇸
DAARU SALAAM 🇵🇸 avatar
DAARU SALAAM 🇵🇸
19.04.202520:16
💥 Faayidaawwan Salawaata Nabiyyii keenyarratti buusuun qabu

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ ﷺ قَالَ : "مَنْ صَلَّى عَلَيَّ وَاحِدَةً صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ عَشْرًا ".رواه أبي داود

“Namni Salaata tokko narratti buuse Rabbiin Salaata kudha isarratti buusa”

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ : قَالَ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ : "لَا تَجْعَلُوا بُيُوتَكُمْ قُبُورًا، وَلَا تَجْعَلُوا قَبْرِي عِيدًا، وَصَلُّوا عَلَيَّ ؛ فَإِنَّ صَلَاتَكُمْ تَبْلُغُنِي حَيْثُ كُنْتُمْ" رواه أبي داود

“Mana keessan qabrii hin godhiinaa¹, qabrii koo Iidii hin godhiinaa² salaata narratti buusaa salaatni keessan eessattuu yoo gootan na qaqqaba”

 عن حُسَيْنِ بْنِ عَلِيِّ  رضي الله عنه قَالَ : قَالَ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ : " الْبَخِيلُ الَّذِي مَنْ ذُكِرْتُ عِنْدَهُ فَلَمْ يُصَلِّ عَلَيَّ ". رواه الترمذي

“Don'a jechuun nama ani isa bukkeetti caqasamee salaata narratti hin buusnedha”

عَنْ عَبْدِ اللَّهِ  رضي الله عنه قَالَ : قَالَ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ : " إِنَّ لِلَّهِ مَلَائِكَةً سَيَّاحِينَ فِي الْأَرْضِ يُبَلِّغُونِي مِنْ أُمَّتِيَ السَّلَامَ ".رواه النسائي

“Rabbi malaa'ikoora oliif gadi dacheerraa deemanii salaamtaa ummata koo naan gahan qaba”

 أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ ﷺ قَالَ : " مَا مِنْ أَحَدٍ يُسَلِّمُ عَلَيَّ إِلَّا رَدَّ اللَّهُ عَلَيَّ رُوحِي حَتَّى أَرُدَّ عَلَيْهِ السَّلَامَ ".رواه أبي داود

“Namni kamuu yoo narratti salaama qara'e Rabbiin Ruhii koo naa deebisee akkan deebbii isaa deebisu na taasisa”

🔖 Keesumaa ​guyyaa Jumu'aa Nabi Muhammad ﷺ irratti Salawaata buusuu heddummeessuun baay'ee barbaachisaadha

عَنْ أَوْسِ بْنِ أَوْسٍ رضي الله عنه  قَالَ : قَالَ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ : " إِنَّ مِنْ أَفْضَلِ أَيَّامِكُمْ يَوْمَ الْجُمُعَةِ : فِيهِ خُلِقَ آدَمُ، وَفِيهِ قُبِضَ، وَفِيهِ النَّفْخَةُ، وَفِيهِ الصَّعْقَةُ ؛ فَأَكْثِرُوا عَلَيَّ مِنَ الصَّلَاةِ فِيهِ ؛ فَإِنَّ صَلَاتَكُمْ مَعْرُوضَةٌ عَلَيَّ ".رواه أبي داود

«Irra caalaan guyyaan aduun keessatti baate guyya jum'aati, guyyan jum'aa guyyaa Abbaan kenya Aadam uumame, guyya inni itti du'e, guyyaa xurumbaan itti afuufamu , guyyaa xumurri adunyaa itti taatu dha, guyyaa jum'aa salaata narratti buusaa salawaatni keessan narra fidamti" jedhe.

قال الله تبارك وتعالى

(إِنَّ ٱللَّهَ وَمَلَٰٓئِكَتَهُۥ يُصَلُّونَ عَلَى ٱلنَّبِىِّۚ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ صَلُّوا۟ عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا۟ تَسْلِيمًا)

“Dhugumatti, Rabbiifi mala'ikonni Isaas nabiyyii irratti salaata³ buusu Yaa warra amantan! (isinis) salaata isa irratti buusaa; nageenyas buusinsa buusaa”

———————————
¹. Mana keessanitti ibaadaa(sunnaa salaataa, qur'aanaa qara'uu..) godhaa akka bakka qabrii ibaadaatii ala hin godhiinaa.
². Qabrii koo akka Iidaa bakka itti wal geesan hin godhiinaa ykn salaata narratti buusuuf jecha akka Iidaa wal hin gahiinaa bakkuma jirtanitti narratti buusaa.
³. Allah ykn Rabbi Salaata buuse jechuun 'faaruun isa faarse' jechuudha, Malaa'ikonni Salaata Buusan jechuun 'istigfaara (araarama) namaaf kadhatan' jechuu yoo ta'u dhalli namaa salawaata buuse jechuun immoo 'du'aa godheef ykn Rabbiin kadhateef' jechuudha.

✍ Abu Asiyah Abdallah

🗓️ ٠٧ / ذي القعدة / ١٤٤٢ هـ

© @ifaislaamaa 👁‍🗨 Join Godhaa.

https://t.me/DAARU_SALAAM/974
11.04.202515:00
Faasiqa jechuun maali? Muslimni faasiqa ni ja'amaa?

Faasiqa jechuun ajaja Rabbi dhiisuudha, waan Rabbiin haraama godhe hojjatuu fii irra turuudha. Badii dirree baafachuu, kijibuunis keeysa jira.

Ulamaaii faasiqa bakka lamatti qoodan:

1. Faasiqummaa guddoo. Tuni Faasiqa guututti Islaamummaa keeysaa bahe ykn durumaanuu Islaamummaa ala jiruun ja'an.

2. Faasiqummaa xiqqoon ammoo nama muslimaa ka ajaja Rabbii keeysa bahe. Ammoo Islaamummaa keeysaa hin baane gama tokkoon amantii Islaamaatirraa waan itti amanuu fii itti hojjatu qaba, gama tokkoon badii Rabbii fii Ergamaan Isaa sallallaahu aleeyhi wasallam dhorgan dalaga ykn ajaja shari'aa khallafa.

Ragaan nama muslimaa faasiqa tahuu isaa agarsiisu hedduu sanirraa:

Rabbiin ol tahe akki je'e:

﴿يا أَيُّهَا الَّذينَ آمَنوا إِن جاءَكُم فاسِقٌ بِنَبَإٍ فَتَبَيَّنوا ﴾

"Yaa warra amantan yoo namni faasiqaa tokko oduu isinitti fide dura adda baafadhaa." Al-Hujuraat: 6

Muffasiroonni sababaa aayaanni tun buuteef hoggaa ibsan, "Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Waliid bin uqbaa gosa banii al musxaliqitti akka qabeenya zakaa irraa fidu ergeen. Waliid ummanni banii musxaliq isa afaan dhufaa jiranii dhageenyaan na ajjeesuuf deeman jechuu sodaate. Karaa Madiinaa deebi'eeti ummanni banii musxaliq qabeenya na kennuu didanii na ajjeesuuf deeman jechuu himate. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam ni dallane. Warri banii musxaliq nama dhufee qabeenya isaanirraa fuudhu dhabnaan ifiif Madiinaa fidanii dhufan. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam hoggaa isaan gaafate nuti nama tokkolleen nutti hin dhufne ja'an. Rabbiin aayaata buusee oduun faasiqaa hoggaa isinitti dhufte dura adda baafadhaa" suuraa hujuraat buuse.

Sheek Useeymiin Tafsiir Aayaata tanaa jalatti faasiqummaa fakkeenyaan hoggaa ibsu akki je'e, "namni areeda haadu yoo oduu takka nutti fidee irraahis hin fudhannu, isas hin kijibsiisnu addaan baafachuu qabna. Namni areeda haadu faasiqa. Maaliif faasiqa yoo jette inni waan shari'aan dhorgiterra turaadha, faallaa ajaja Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam dalagaa jira. Kanaaf yoo areeda haadaan tokko oduu fide faasiqummaa isa wajji jirtuuf oduu isaa hin fudhannu, haqummaa inni qabaachuun maluuf isa hin kijibsiisnu"

Hadiisarraa ragaan Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akki je'e:

سِبَابُ المُسْلِمِ فُسُوقٌ،

"Muslima arrabsuun faasiqummaadha (ajaja Rabbirraa bahuudha)"

Bukhaarii: 48, Muslim: 64
Tanaafu muslimni obboleeysa isaa arrabsu faasiqa malee amantii Islaamaa keeysaa hin baane.

Sheekul Islaam ibnu teeymiyyaan akki ja'u:

إنَّ الفِسْقَ يكونُ تارةً بتَرْكِ الفرائض، وتارةً بفِعلِ المحَرَّماتِ
"Faasiqummaan hoggaa garii waan shari'aan dirqama goote dhiisuun taha, hoggaa garii waan shari'aan haraam goote dalaguun faasiqa taha"

Namni ajaja Rabbii faalleeysuun irra turu hundi faasiqa. Akkasumaa wajji muslima.

Wanni beekkamuu qabuu faasiqa jechuun nama Islaamummaa keeysaa bahe jechuu miti hoggaa hunda. Muslimni ajaja Rabbii faalleeysu, ka cubbuu sanirra turu faasiqa ja'ama. Namni muslimaa hundi isaan yaamuu fii gorsuu qaba malee faasiqummaa isaanirratti isaan faarsuu fii jajjabeeysuu hin qabu. Kheeysattu ustaazaa fii sheekkootiin faasiqoota faarsuu fii dhaaduun isaanuma sanuu faasiqootaan baasuun ulfaataa akka tahu godha.

Namni sheeka ammas hoggaa waan takka dubbatu osoo ragaa qabaate bareeda. "Nama muslimaatin faasiqa jechuun abadan hin taatu! Haraama. Nama laa ilaaha illallaah ja'uun faasiqa hin ja'an" jechuun labsuun faasiqootaaf tumsuu taati. Waan feetan godhaa faasiqootaa miti isin akka jechuuti.

Namni dabalataan kana hubachuu feetan
https://dorar.net/aqeeda/2651

@Jafarbayan

https://t.me/DAARU_SALAAM/969
28.03.202515:36
𝐀𝐬𝐬𝐚𝐥𝐚𝐚𝐦𝐮 𝐀𝐥𝐚𝐲𝐢𝐤𝐮𝐦 𝐖𝐨𝐫𝐚𝐡𝐦𝐚𝐭𝐮𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡𝐢 𝐖𝐨𝐛𝐚𝐫𝐚𝐤𝐚𝐚𝐭𝐮𝐡𝐮𝐮


Barruu Gabaabduu Kan Barnoota Seera Iidaa Jettu Kana Instant View Kan Jettu Tuquudhaan Dubbisaa.!

Erga Dubbistanii Xumurtanii Namoota Birootiif Dabarsaa Share Taasisaa Dubbisnaan Ofirraa Dabarsaa Jzk. 🥰🥰🥰

https://telegra.ph/%D8%A3%D8%AD%D9%83%D8%A7%D9%85-%D8%A7%D9%84%D8%B9%D9%8A%D8%AF-%D9%88%D8%A2%D8%AF%D8%A7%D8%A8%D9%87-03-28
15.03.202519:03
Seenaa Nabi Muhammad Sallallaahu Alayihi Wossallam



Qopheessaan: Sheikh Muusaa Bin Raashid
𝐁𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚𝐧: Jaafar Bayaan
𝐒𝐢𝐳𝐞 1.6 𝐌𝐁 𝐏𝐃𝐅
𝐏𝐚𝐠𝐞: 171


Kitaabolee biroo Argachuuf 👇👇

@Rafiiqul_Islaam_Library
11.03.202505:21
🔈 «Barakaa Qur'aanaa L-1


🕌 Masgiida alHakam Aradaa Shaashamannee

🗓 ٩/ رمضان /١٤٤٦ هـ
Itti fufa
12.04.202505:32
#ALLAAHAAN_EENYU_YOO_SIIN_JEDHAN?


https://t.me/Rafiiqul_Islaam

🛑 1, Allaahaan Isa Dhugaan Gabbaramuudha, Jiraataa Isa Ta'eedha.

[Aal-e-Imran 3:2]

ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلۡحَيُّ ٱلۡقَيُّومُ

Rabbiin Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru [Inni] jiraataa, waan hundaan dhaabbataadha.

🛑 2, Allaahaan Uumaa Waa Hunda Uumeedha.

[Az-Zumar 39:62]

ٱللَّهُ خَٰلِقُ كُلِّ شَيۡءࣲۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءࣲ وَكِيلࣱ

Rabbiin uumaa waan hundaati Inni waan hunda irrattis tiksaadha.


🛑 3, Allaahaan Uumaa Samii fi Dachiiti.

[Al-Baqarah 2:117]

بَدِيعُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ وَإِذَا قَضَىٰٓ أَمۡرࣰا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ

(Inni) argamsiisaa samiifi dachiitiYeroo dhimma wahii murteesses, wanti Inni isaan jedhu argamii qofa; yeroma san argama.

🛑 4, Allaahaan Kam Samii fi Dachii Akkasuma Waan Ishee Keessaas Qindiidhaan Argamsiiseedha.

[Ash-Shura 42:11]

فَاطِرُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ جَعَلَ لَكُم مِّنۡ أَنفُسِكُمۡ أَزۡوَٰجࣰا وَمِنَ ٱلۡأَنۡعَٰمِ أَزۡوَٰجࣰا يَذۡرَؤُكُمۡ فِيهِۚ لَيۡسَ كَمِثۡلِهِۦ شَيۡءࣱۖ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡبَصِيرُ

(Inni) uumaa samiifi dachiiti Lubbuu keessan irraa qindiiwwan (haadholee manaa) isiniif godhe; beyladoota irraas cimdii (kormaafi dhalaa isiniif taasise) Bifa kanaan isin baay’isa Fakkaataan Isaa (Allaah) hin jiru Inni dhaga’aa, argaadha.

🛑 5, Allaahaan Uumaa Hundaq Guyyoota [6] Keessatti Argamsiiseedha.

[Al-A'raf 7:54]

إِنَّ رَبَّكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامࣲ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ يُغۡشِي ٱلَّيۡلَ ٱلنَّهَارَ يَطۡلُبُهُۥ حَثِيثࣰا وَٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَ وَٱلنُّجُومَ مُسَخَّرَٰتِۭ بِأَمۡرِهِۦٓۗ أَلَا لَهُ ٱلۡخَلۡقُ وَٱلۡأَمۡرُۗ تَبَارَكَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ

Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha Haala ariitiidhaan isa barbaada ta'een halkaniin guyyaa haguuga Aduu, ji’aafi urjiiwwanis kan ajaja Isaatiin laaffifaman ta'anii (isaan uume)Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan Isaati Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e toltuun isaa baay’ate.

🛑 6, Allaahaan Kan Ilma Namaa Jalqaba Biyyee Irraa Uumee Ergasii Bishaan Irraa Jiraqchiseedha.

[As-Sajdah 32:7]

ٱلَّذِيٓ أَحۡسَنَ كُلَّ شَيۡءٍ خَلَقَهُۥۖ وَبَدَأَ خَلۡقَ ٱلۡإِنسَٰنِ مِن طِينࣲ

(Inni) isa waan uume hunda miidhagseefi uumama namaa dhoqqee irraa jalqabeedha.

[Al-Mu'minun 23:12 - 14]

وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِن سُلَٰلَةࣲ مِّن طِينࣲ

Dhugumatti, Nuti ilma namaa qulqulluu (cunfaa) dhoqqee irraa ta'e irraa uumne.


ثُمَّ جَعَلۡنَٰهُ نُطۡفَةࣰ فِي قَرَارࣲ مَّكِينࣲ

Sana booda coba bishaan saalaa kan iddoo tasgabbaa’aa, mijaa'aa (gadaamessa) keessatti isa taasifne.


ثُمَّ خَلَقۡنَا ٱلنُّطۡفَةَ عَلَقَةࣰ فَخَلَقۡنَا ٱلۡعَلَقَةَ مُضۡغَةࣰ فَخَلَقۡنَا ٱلۡمُضۡغَةَ عِظَٰمࣰا فَكَسَوۡنَا ٱلۡعِظَٰمَ لَحۡمࣰا ثُمَّ أَنشَأۡنَٰهُ خَلۡقًا ءَاخَرَۚ فَتَبَارَكَ ٱللَّهُ أَحۡسَنُ ٱلۡخَٰلِقِينَ

Sana booda bishaan saalaa dhiiga ititaa taasifne; ergasii dhiiga ititaa muraa foonii taasifne; ergasii foonittii (sana) lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uffifne; sana booda uumama biraa (daa’ima) isa goone Rabbiin irra tolchaa uumtotaa ta’e qulqullaa’e!


🛑 7, Allaahaan Isa Nyaachisu Ofii Isaatii Kan Hin Nyaanne.

[Al-An'am 6:14]

قُلۡ أَغَيۡرَ ٱللَّهِ أَتَّخِذُ وَلِيࣰّا فَاطِرِ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَهُوَ يُطۡعِمُ وَلَا يُطۡعَمُۗ قُلۡ إِنِّيٓ أُمِرۡتُ أَنۡ أَكُونَ أَوَّلَ مَنۡ أَسۡلَمَۖ وَلَا تَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ

"Sila Rabbii uumaa samiifi dachii, inni kan nyaachisu hin nyaanne ta'een alan gabbaramaa tolfadhaa?" jedhi"Ani jalqaba nama Rabbiif bulee ta'uuttin ajajame Mushrikoota irraas hin ta'in (jedhameera)" jedhi

[Ash-Shu'ara' 26:79]

وَٱلَّذِي هُوَ يُطۡعِمُنِي وَيَسۡقِينِ

Inni Isa na nyaachisuufi na obaasuudha.

🛑 8, Allaahaan Kan Hin Dhalleefii Kan Hin Dhalanneedha.

[Al-Ikhlas 112:1 - 4]

قُلۡ هُوَ ٱللَّهُ أَحَدٌ

Jedhi: "Inni Allaah (gabbaramaa dhugaa) tokkicha.


ٱللَّهُ ٱلصَّمَدُ

Allaahn hirkoo waa hundaati.


لَمۡ يَلِدۡ وَلَمۡ يُولَدۡ

Hin dhalle hin dhalannes.


https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1734
06.04.202512:35
Ibaadaan Akka Qeebalamtuuf Du'aayii Gochuu

🕌 Masjiida Fath
Magaala Shashamanne

⏰ Shawwaala 8 1446h

==========🌴🌴🌴========
Ni fayyada jattee yoo yaadde obboleeyyan kheetiif share godhi yaada yoo qabaatte comment nuuf godhi Rabbiin warra kheyrii dalagee namas itti qajeelchu nu haa godhu Aamiin.
28.03.202502:00
Guyyaa Jumu'aatti seennee jirra. Nabiyyii keenya (saw) irratti salawaata (rahmata) buusuun bu'aa maalii qaba?

قال الله تعالى👇
إِنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ ۚ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا

Rabbiin ol ta'e ni jedhe:
Dhugumatti, Rabbiifi maleykonni Isaa Nabiyyii irratti rahmata buusu. Yaa warra amantan! isinis rahmata isa irratti buusaa; nageenyas buusuus buusaa. (Ahzab :56)

وفي الحديث👇
أَكثِروا الصَّلاةَ عليَّ يومَ الجمعةِ وليلةَ الجمعةِ فمن صلَّى عليَّ صلاةً صلَّى اللَّهُ عليْهِ عشرًا،

Guyyaa Jum'aafi halkan Jum'aa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Nama rahmata tokko narratti buuse Rabbiin rahmata kudhan irratti buusa. Rasuul (SAW)

( وعن أوس بن أوس رضي الله عنه قال : قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : { من أفضل أيامكم يوم الجمعة : فيه خلق آدم ، وفيه قبض ، وفيه النفخة ، وفيه الصعقة ، فأكثروا علي من الصلاة فيه فإن صلاتكم معروضة علي ، قالوا : يا رسول الله وكيف تعرض عليك صلاتنا وقد أرمت ؟ يعني وقد بليت ، فقال : إن الله عز وجل حرم على الأرض أن تأكل أجساد الأنبياء } رواه الخمسة إلا الترمذي )

Aws bin Aws irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabii (saw) ni jedhan: "Caalaan guyyootii keessanii guyyaa Jum'aati. Aadam isa keessa uumame. Isuma keessa du'e. Xurumbaan qiyaamaas isa keessa. Dhumaatiin isuma keessa. Isa keessa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Salawaanni keessan narra ni fidama. 'Yaa Ergamaa akkamitti salawaanni keenya sirra fidama sihii tortoree jiruu?' Jedhaniin. "Rabbiin guddatee ol ta'e qaama nabiyyootaa nyaachuu dachii irratti haraama godhe" jedhan. Tirmiziin qofti hafee Khamsaatu gabaasan.

اللهم صل وسلم وبارك على محمد وعلى آله وصحبه ومن سار على دربه واقتفى اثره،

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1697
19.03.202516:46
🔈 «Barakaa Qur'aanaa»

♻️Kutaa 3ffaa

🗓 ١٩/ رمضان /١٤٤٦ هـ
12.03.202515:02
🔈 «Barakaa Qur'aanaa»

♻️Kutaa 2ffaa

🗓 ١١/ رمضان /١٤٤٦ هـ
Itti fufa
06.03.202510:04
WANTOONNI AFUR QANANII IRRAAHI



Sa’ad Ibni Abii Waqqaas Irraa odeeffammee Rabbi Irraa haa jaalatuu Rasuulli Rabbi Sallallaahu Aleeyhi Wasallam akkana ja’e “ Wantoonni Afur Qananii Irraahi” Hadiisa Kana Ibnu Hibbaan fii Ahmad Gabaasanii Imaamu Albaaniin Sahiiha ja’een, Rabbiin Isaan Hundarraa haa jaaaltuu.

Wantoonni Afuran Qananii jiruu duniyaa tana Irraa Tahan akka Armaan Gadiiti……

1: Jaartii Gaarii
2: Mana Bal’aa
3: Ollaa Gaarii
4: Yaabbii Gaarii

• Jaartiin gaariin raahaa qalbiiti, jaartii gaarii arkanaann jiruun Addunyaa tun gammachuudha, yoo ati aarte si tasgabbeessite, yoo ati mukooyte si tabachiisti, yoo ati beelooyte si nyaachisti, yoo ati dheebootte si obaasti, yoo ati gammadde si wajjiin gammaddi, yoo ati dallante si tasgabbeessitee aara sirraa baasti. Kana Qofaa mitii gaa jaartiin gaariin walumaa galatti Jannata adunyaati jechuun ni Dandahama.

2: manni bal’aan keessummaa sirraa gammachiisa, ilmaan keetu keessa fiigee rahaa itti godha, keessummatu Dhufee haara itti baafata, rakkataatu dhufee irraa faxaree quufa. Walumaa galatti manni bal’aan Qananii jiruu Addunyaa tanarraa isa tokko

3: Ollaan gaariin Ollaa rabbi sodaatu, Ollaa haqa Warra Ollaa isaa kabaju, kan yeroo dhukkubsatan Nama gaafatu, kan akka mana isaatti manaa fii qe’ee siif tiiysu, kan rakkattu waan harkaa Qabu siif kennee rakkoo si baasu, kan hamtuurraa si dhoorkee toltutti si ajaju. Ollaa Gaarii qabaachuun qananii jiruu Addunyaa Irraahi.

4: Yaabbii Gaarii / Mijjooytuu, Yaabbiin gaariin tan ta’aba malee bakka ati barbaadde si geeysitu, tan karaa sitti dheerate siif gabaabsitee Firaa fii aanaa kee wajjiin wal si qunnamsiistu, tan haara si baafachuusti, tan safara dheerate sirraa gabaabsitu.

• Yaa Rabbii keenya wantoota Afuran asii olitti Dabarsine kana hunda nuuf Kennuu, Addunyaa fii Aakhirattiis jiruu gaariin Nu qananiisi.

Barreeffama kana dubbisaatii Share Waliif Godhaa

By: Ibsaa Dhugaa

https://t.me/DAARU_SALAAM/948
12.04.202505:32
وَلَمۡ يَكُن لَّهُۥ كُفُوًا أَحَدُۢ

Hiriyaan tokkoos isaaf hin taane.”

🛑 9, Allaahaan Isa Duraatis Isa Boodaatis.

[Al-Hadid 57:3]

هُوَ ٱلۡأَوَّلُ وَٱلۡأٓخِرُ وَٱلظَّٰهِرُ وَٱلۡبَاطِنُۖ وَهُوَ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمٌ

Inni duruma jira; kan boodaatis; mul’ataadha; dhokataas (argaa dha); Inni waan hunda beekaadha.

🛑 10, Allaahaan Kan Hin Duune Kan Hin Rafne Kan Mugaatiinis Isa Hin Qabneedha.

[Al-Baqarah 2:255]

ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلۡحَيُّ ٱلۡقَيُّومُۚ لَا تَأۡخُذُهُۥ سِنَةࣱ وَلَا نَوۡمࣱۚ لَّهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۗ مَن ذَا ٱلَّذِي يَشۡفَعُ عِندَهُۥٓ إِلَّا بِإِذۡنِهِۦۚ يَعۡلَمُ مَا بَيۡنَ أَيۡدِيهِمۡ وَمَا خَلۡفَهُمۡۖ وَلَا يُحِيطُونَ بِشَيۡءࣲ مِّنۡ عِلۡمِهِۦٓ إِلَّا بِمَا شَآءَۚ وَسِعَ كُرۡسِيُّهُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَۖ وَلَا يَئُودُهُۥ حِفۡظُهُمَاۚ وَهُوَ ٱلۡعَلِيُّ ٱلۡعَظِيمُ

Rabbiin Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru; (Inni) jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadha Mugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabatu Wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan Isaati Inni hayyama Isaatiin ala Isa biratti araarsu eenyuma? Waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniis ni beeka Beekumsa Isaa irraas waan Inni fedhetti malee hin marsanu Kursiin Isaa samiifi dachii irra bal’ateeraIsaan lamaan tiksuun Isa hin dadhabsiisu Innis ol ta’aa, guddaadha.

[Al-Furqan 25:58]

وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱلۡحَيِّ ٱلَّذِي لَا يَمُوتُ وَسَبِّحۡ بِحَمۡدِهِۦۚ وَكَفَىٰ بِهِۦ بِذُنُوبِ عِبَادِهِۦ خَبِيرًا

Jiraataa Isa hin duune irratti hirkadhu Faarsuu Isaa waliin Isa qulqulleessi Badii gabroota Isaa iccitii beekuu keessatti Isumatu ga’aadha.


🛑 11, Allaahaan Beekaa Waa Hundaati.

[Al-Hashr 59:22 - 24]

هُوَ ٱللَّهُ ٱلَّذِي لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ عَٰلِمُ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِۖ هُوَ ٱلرَّحۡمَٰنُ ٱلرَّحِيمُ

Inni Allaahn Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre(Inni) Beekaa fagoofi dhihooti Inni akkaan rahmataa godhaa akkaan mararfataadha.


هُوَ ٱللَّهُ ٱلَّذِي لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلۡمَلِكُ ٱلۡقُدُّوسُ ٱلسَّلَٰمُ ٱلۡمُؤۡمِنُ ٱلۡمُهَيۡمِنُ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡجَبَّارُ ٱلۡمُتَكَبِّرُۚ سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يُشۡرِكُونَ

Inni Allaahii Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre, mootii, hir'ina irraa qulqulluu, abbaa nagayaa, nageenya arjoomaa, Qeexaa, injifataa, guddaa (ol ta'aa), boonaadha Waan isaan qindeessan hunda irraa Rabbiin qulqullaa'e.


هُوَ ٱللَّهُ ٱلۡخَٰلِقُ ٱلۡبَارِئُ ٱلۡمُصَوِّرُۖ لَهُ ٱلۡأَسۡمَآءُ ٱلۡحُسۡنَىٰۚ يُسَبِّحُ لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ

Inni Rabbii Uumaa (waan hundaa), (waan hin jirre) Argamsiisaa, bocaa ta'eedha Isaaf maqoolee gaggaarii ta'antu jira Wantoonni samiifi dachii keessaa Isa qulqulleessu (faarsu)Inni Injifataa ogeessa.


🛑 12, Allaahaan Kan Nam Tokkollee Biyya Lafaa Kana Irratti Arguu Hin Dandeenyeedha.

[Al-An'am 6:102 - 103]

ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمۡۖ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ خَٰلِقُ كُلِّ شَيۡءࣲ فَٱعۡبُدُوهُۚ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءࣲ وَكِيلࣱ 

Kan akkana hojjate kun Rabbii keessani Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru(Inni) uumaa waan hundaatii, Isa (qofa) gabbaraaInnis waan hunda tiksaadha.


لَّا تُدۡرِكُهُ ٱلۡأَبۡصَٰرُ وَهُوَ يُدۡرِكُ ٱلۡأَبۡصَٰرَۖ وَهُوَ ٱللَّطِيفُ ٱلۡخَبِيرُ 

)Addunyaatti) agartuun Isa hin agartu Inni immoo agartuu hunda ni arga Inni mararfataa, beekaadha.

✅ Allaahaa Jechuun Isa Kanaadha.

📶 Obboleessa Kiyya Qaalii Obboleettii Kiyya Qaalii Namni Waan Uumamteef Beektu Hubannoodhaan Dubbisi Si Fayyadaa Erga Dubbistee Xumurtee Share Godhuu Hin Dagatinii.

Haa Xiqqaattuu Haa Guddatuu Waan Ergaa Islaamaa Dubbatu Dubbisii San Booda Hiriyoota Keessaniif Facaasaa Jzk 🥰🥰

✍✍ @Rafiqul_Islaam

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1735
29.03.202519:49
🔖 Allahu Akbar الله أكبر jecha waan hundaaf qorichaa fi furtuu ta'e dha.

عن أبي هريرة رضي الله عنه

قال رسول الله ﷺ ”... ولا كَبَّرَ مُكَبِّرٌ قطُّ إلَّا بُشِّرَ ، قيل : بالجنةِ ؟ قال : نَعَمْ“ السلسلة الصحيحة (1621)

“Namni Takbiiraa (Allah Akbar) jedhu hin jiru yoo gammachiifame malee 'Jannataanii?' jedhamee gaafatamnaan Eeyyee jedhan ﷺ."

🛰 @ifaislaamaa
25.03.202502:21
Nuti akka Itiyoopiyaatti Aalimaa fi Muftiin guddaan qabnu Dr. Jeylaan khadiir Gammadaati. Even, Ardiin Afrikaa Biyya 56 ol qabdu fatwaa isaa caqasti. Kanaaf fatwaa yeroo Ammaa zakaa ilaalchisee Kennamaa jirtu dhiisnee tan isaanii hordafuu qabna. Akka doktorri ja'anitti,

1. Zakaan Fixrii midhaan irraa saa'ii/suguda takkaatu kennama. Saa'iin/sugudni 1 muddii 4 wajji walqixa. Hisaaba kana gara safara Ammayyaatti yoo deebisnu
Qamadii = 2.5 Kg
Garbuu = 2.5 Kg
Xaafii = 2.5 Kg
Daqiiqaa = 2.5 kg
Ruuza = 2.6 kg
Boqqolloo = 2.5 kg

2. Zakaa Maallaqaa baasuuf maallaqa zahaba fi fiddaa (Gold and silver) gara maallaqa Itiyoopiyaa tti deebisuu qabna. Yeroo Ammaa silver kiiloograam 1 maallaqa Itiyoopiyaa tti birrii 80-135 jidduu jira.

Kanaaf 80x595 = 47,600 taha.
Kana jachuun yeroo Ammaa lammii Itiyoopiyaa tokkoof zakaan birrii 47,600 irraa eegalti. Kanarraa Kan baafamu %2.5 yoo tahu maallaqa Itiyoopiyaa tti birrii 1190 taha.

Barreessaan: Hamza Abdulhakim.

Dabalataan fatwaan isaan kennan kan dhuunfaa isaanii osoo hin taane kan mana marii ulamoota Itoophiyaati. Kun immoo madda tokko irraa Fatwaa fudhataa akka deemnuuf nu gargaara.

Gaalii Abbaa Boor

https://t.me/DAARU_SALAAM/962
17.03.202504:47
MUNAAFIQUMMAAN BAKKA LAMATTI QOODAMTI



Rabbiin keenya Subhaanahuu Wata’aalaa Qur’aana isaa Keesatti Suuraalee hedduu fii Aayatoota hedduu keessatti waa’ee Munaafiqummaa dubbata.

Munaafiqummaan Bakka Gurguddoo Lamatti Qoodamti.

1: Munaafiqummaa Yaadaa ykn ilaalchaa
2: Munaafiqummaa Gochaa Ykn Dalagaa

• Munaafiqummaan Yaadaa : osoo Dhugaan keessa keetiin Rabbitti hin amanin gubbaa keetiin islaama fakkaattee keessa keetiin ammoo islaamummaa jibbuu fii Islaamummaa qabaachuu Dhabuudha.

• Munaafiqummaan Gochaa : Dilii gurguddoo keessaa isiin takka, fakkeenyi isii akka kijibuu fii nama ganuuti.

• Rasuulli Keenya Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Hadiisa isaanii qulqulluu keessatti mallattoon munaafiqaa Sadii jechuun Nuuf himanii jiran. Isaaniis

1: Yeroo Haasawu Kijibuu
2: Yeroo Ballama Seene Diiguu
3: Yeroo Amaname Nama Ganuu

• Nama mallattoolee tana Qabu yoo agartan irraa fagaadhaa.

• Yaa Rabbii Nifaaqaa fii Munaafiqummaa jalaa najaa nu baasi, Warra akkasii nurraa fageessi, nutiis nifaaqummaa irraa nu qulqulleessi.

Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.

By: Ibsaa Dhugaa

https://t.me/ibsaadhuga

https://t.me/DAARU_SALAAM
14.02.202511:49
ALLAAH EESSA JIRAA?


KUTAA 3FFAA


My Channel Join: @Rafiiqul_Islaam

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: ((لَمَّا قَضَى اللَّهُ الْخَلْقَ كَتَبَ فِي كِتَابِهِ، فَهْوَ عِنْدَهُ فَوْقَ الْعَرْشِ إِنَّ رَحْمَتِي غَلَبَتْ غَضَبِي)). رواه البخاري.)

Abii Hureyraa irraa odeeffamee (R.D.A) nijedhe: Ergamaan Rabbii (S.A.W) jedhan.  (Rabbiin uumaa yeroo geessetti kitaaba isaa keessatti barreesse. Kitaabni isa bira Arshiin gubbaa jira. Tolli (Rahmanni) tiyya dallansuu tiyya hinjifatte jechuu.) Hadiisa kan gabaase (Imaamu Bukhaarii).

Hadiisa kana irratti akkuma ifu Ergamaan Rabbii (S.A.W) kitaabni Rabbiin bira Arshiin gubbaa jiraatuu nuuf ibsan. Rabbiin Arshi gubbaa akka jiru kana irraa hubanna.

عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ عَمْرِو بْنِ الْعَاصِ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَآلِهِ وَسَلَّمَ قَالَ: «الرَّاحِمُونَ يَرْحَمُهُمُ الرَّحْمَنُ، ارْحَمُوا مَنْ فِي الْأَرْضِ يَرْحَمْكُمْ مَنْ فِي السَّمَاءِ» رواه الترمذي

Abdillaah Bin Amri Bin Al-Aas irraa odeeffamee (R.D.A) Ergamaan Rabbii (S.A.W) jedhan: Tola ooltotaaf (Rahmaan) tola oola. Nama dachii keessaatiif tola oolaa (Rahmata godhaa) Namni Samii keessa jiru (Rahmata) tola isiniif oolaa, jedhan.  Hadiisa kan gabaase ( At-Tirmuzii).

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَآلِهِ وَسَلَّمَ قَالَ: «وَالَّذِي نَفْسِي بِيَدِهِ مَا مِنْ رَجُلٍ يَدْعُو امْرَأَتَهُ إِلَى فِرَاشِهِ فَتَأْبَى عَلَيْهِ إِلَّا كَانَ الَّذِي فِي السَّمَاءِ سَاخِطًا عَلَيْهَا حَتَّى يَرْضَى عنها: رواه مسلم.)

Abii Hureyraa irraa odeeffamee (R.D.A) nijedhe: Nabiyyiin (S.A.W) jedhan.  Isaa lubbuun tiyya harka isaa jirtuun kakadhe! Gurbaa tokko irraa waa hin taane kan intala isaa gara Firaasha (siree) isaatitti yaamee isheen isa diddu, hamma inni ishee irraa jaalatutti Isaan (Rabbiin) samii keessa jiru ishetti dallanuu irraa. Jedhan. Hadiisa kan gabaase (Imaamu Muslim).

Hadiisa kana irraa wanni nuuf galu keessaa! 1ffaa Jaartiin yeroo jaarsi fedhiidhaaf ishee yaame dhaquu akka qabduudha. Yoo rakkoo beekamaa qabaatte malee. fakkeenyaaf” Soomni dirqamaa irra jiraatuu fi laguu ji'aa qabaachuu akkasuma wantoota kana fakkaatan.

Yoo kun irra jiraate, dilii hin qabdu. 2ffaan wanni irraa nuuf galu, Rabbiin akka Samii keessa jirutu nuuf ifa. Samii keessa jira jechuun immoo Arshiin ala jira jechuudhaa miti. Jecha Afaan Arabaa keessatti Samii jechuun cufa waan nama gubbaa jiruuti.

عَنْ مُعَاوِيَةَ بْنِ الْحَكَمِ السُّلَمِيِّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ "قَالَ: لَطَمْتُ جَارِيَةً لِي فَأَخْبَرتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فَعَظَّمَ ذَلِكَ عَلَيَّ، قَلَتْ يَا رَسُولَ اللَّهِ أَفَلَا أَعْتِقُهَا؟ قَالَ: «بَلَى ائْتِنِي بِهَا»، قَالَ: فَجِئْتُ بِهَا رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فَقَالَ لَهَا: «أَيْنَ اللَّهُ»؟ قَالَتْ: فِي السَّمَاءِ قَالَ: «فَمَنْ أَنَا»؟ قَالَتْ: أَنْتَ رَسُولُ اللَّهِ، قَالَ: «اعْتِقْهَا فَإِنَّهَا مُؤْمِنَةٌ». رواه مسلم.

Mu'aawiyaa Bin Al-Hakam As-Sulamiyyii irraa odeeffamee (R.D.A) nijedhe: Gabrittii tiyya takka  kabalee! Ergamaa Rabbiititti (S.A.W) odeesse. Isa sana (kabaluu) narratti guddise. Yaa Ergamaa Rabbii ishee haa bilisoomsuu jedheen? Eeyyee ishee natti fidi jedhe. Ishee ergamaa Rabbiitittiin dhufe. Ishee dhaan jedhe. (Allaah) eessa jira? Samii keessa jira jetteen, Ani hoo eenyu jedheen? Ati ergamaa Rabbiiti jetteen" ishee bilisoomsi isheen Mu'umina jedheen. Hadiisa kan gabaase (Imaamu Muslim).

Hadiisa kana irraas wanni nuuf galu Ergamaan Rabbii (S.A.W) micayyoo tana Rabbi eessa jira jennaan? Samii gubbaa jira jetteen. Osoo isheen kan dogongortu tahee! Silaa yeroma san lakki micayyoo dogongortee jirta jedhaniin. Garuu isheen Rabbiin Samii gubbaa jira jennaan" akka ishee Mu’umina taate ragaa bahaniif.( Hadiisa heddutu akka Rabbiin Arshi gubbaa jiru nuuf dubbata.

Kutàa 1ffaa 👇👇👇👇


https://t.me/Rafiiqul_Islaam/865

Kutaa 2ffaa 👇👇👇👇


https://t.me/Rafiiqul_Islaam/873

Kutaa 3ffaa 👇👇👇👇


https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1425
11.04.202515:00
Ayyaana faasikaa kabajuun muslimaaf hin hayyamamu.

Maali faasikaan? Ayyaana faasikaa kana afaan oromootin kiristaanaa du'aa ka'insa Waaqayyooti jechuun hiikan. Guyyaa sadiif du'eeti eegasii gooftaan ilmaan namaa hunda uume yasuus kiristoos ifiif du'a san keeysa ke'ee waaqummaa isaatti deebi'e.

Muslimni maal amana?

Iisaa ilma Maryam ykn yasuus ilma namaa fii Nabiyyii Rabbiiti nageenyi irratti haa jiraatu. Inni ani Rabbis hin jenne, ani gooftaa alama uumee na gabbaraas hin jenne, hin fannifamne, hin ajjeefamne, Rabbiin warra isa ajjeesuuf yaalii godhan jalaa isa fuudhe.

Akkamitti Muslima Rabbii tokkotti amanu taatee Rabbiitu du'ee ke'ee gammachuu wajjiin share goota?

Ammoo zamana kana amantii namooma ykn humanity ja'amtuutu jira. Amantiin namoomaa tuni wanni isiin barsiistu fii amantu amantiin hundi waluma qixa, hundi namummaan malee amantiin adda bahuu hin qabu. Amantiin adda bahuu hin qabu jechuun amantiin ayyaana adda addaa hin qabu, hunda wajji kabajna, hunda wajjiin gaddina. Gaafa gooftaan fannifame wajji gaddina, gaafa ke'e ja'an wajji gammanna.

Jaahiliyyaa zamana kanaati. Namooma hoggaa ja'an akka itti bareedu, humanity hoggaa ja'an akka nama hundaaf gaarii tahuu qabnu akka waan lallabamuuti. Sanirraa gaafa gooftaan alaamaa du'ee ke'e ja'an wajjiin ayyaaneefachuu dabalata.

Jecha babbareedaa namoonni hedduun beekkumsaan ykn wallaalaan ittin dagaman keeysaa tokko namooma ykn humanity waan ja'amu kana. Amantii if dandeeysa ta faallaa Islaamaa jirtu keeysaa takka namooma ja'amti. Amantii Islaamaa waan dhorgitu hunda namoomaaf jettee goota. Biyya faranjii keeysatti warri namoomaa warra ilmi namaa waan fedhe haa godhu mirga qaba ja'u. Dhalaan qaama isiirratti mirga qabdi zinaa abbaa feetee wajji gootee, ilmoo garaa sa'aa fedhetti baafti. Saala isaatis namni akka fedhetti jijjiruu dandaha. Kuni hundi namooma amantii ja'amtuun leellifama.

Faasikaa kiristaana wajji kabajuun haraama! Yoo wajji kabajuun namooma ja'ame namoomnis jallinaa fii haraama ja'amuu qaba!

@Jafarbayan

https://t.me/DAARU_SALAAM/969
29.03.202519:15
اَلسَلامُ عَلَيْكُم وَرَحْمَةُ اَللهِ وَبَرَكاتُهُ‎


عيدكم مبارك..

كل عام وأنتم بخير، تقبل الله طاعتكم، وأعاد عليكم العيد بالخير واليمن والبركات.

أسأل الله أن يجعل أيامكم أفراحًا، وأن يرزقكم السعادة والرضا.

@DAARU_SALAAM
23.03.202512:09
Assalaamu Alayikum Worahmatullaahi Wobarakaatuhuu

BARNOOTA WANTOOTA SOOMANA NAMAA BALLEESSAN KANA SHARE WOLIIF TAASISAA JZK 🥰🥰🥰

Instant View Kan Jedhu tuquudhaan Ilaalaa 👇👇

https://telegra.ph/WANTOOTA-SOOMANA-NAMAA-NAMA-JALAA-BALLEESSA-03-23
𝐍𝐀𝐌𝐎𝐎𝐓𝐀 𝐁𝐀𝐑𝐀𝐂𝐇𝐔𝐔 𝐁𝐀𝐑𝐁𝐀𝐀𝐃𝐔𝐔𝐅

𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐀𝐦𝐚𝐧𝐭𝐢𝐢 𝐖𝐨𝐥 𝐁𝐢𝐫𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐅𝐞𝐝𝐡𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐮𝐮𝐟 𝐉𝐨𝐢𝐧 𝐆𝐨𝐝𝐡𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚.

𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐀𝐦𝐚𝐧𝐭𝐢𝐢 𝐊𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐮𝐮⁉️

𝐀𝐝𝐬: 👇👇
https://t.me/+HzNEski01TRkN2Jk
https://t.me/+0puaGJwLzLgyY2U8

𝐇𝐨𝐩𝐞 𝐏𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐢𝐨𝐧: 👇👇
https://t.me/+5fiU8FAl8ihmZjE0
11.03.202511:57
Erga dubbistanii xumurtanii booda, ergaa tana ofirra dabarsii namaa qoodi. Jzk ❣️

Nama eenyummaa Ergamaa keenya hin beekne biraan gahi...

Nabi Muhammadiin ﷺ Ergamoota biraa irraa maaltu adda isaan taasisa ?

1. RABBIIN Nabiyyii Aadam irraa jalqabee jiran hunda yoo Nabi Muhammad [S.A.W] yeroo isaanii keessatti ergaman itti amanuu fi isa hordofuu waadaa seensise.

2. RABBIIN guddaan badii isaanii isa duraa fi isa boodaas dhiiseefii jira, kunis Nabi Muhammadiif qofa ture.

3. RABBIIN umrii Nabi Muhammadiin kakatee jira. Beekaa ummata kanaa jedhamee kan beekkamu, '' Abdallaah Ibnu Abbaas '' akki jedhe; "RABBII jireenya nama tokkootiinuu hin kakanne yoo jireenya Nabi Muhammadiin taate malee." Ragaa kanaatiifis jecha Qur'aanaa suuraatu Al-Hijr suuraa 15 aayaa 72 irra jiru dhiheeffate: {(Yaa Muhammad!) Jireenya keetti kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u.} [Qur'aana 15:72]

4. Mu'jizaan ykn raajiin Nabiyyoota biroo yeroo isaaniitiin qofa daangeffama yoo ta'u kan Ergamaa RABBII Muhammad immoo hanga guyyaa Qiyaamaatti dhaabbataa dha. Inni Qur'aana kabajamaa dha!

5. Ergamtoonni biroo gara ummata ofii qofatti kan ergaman yoo ta'u isaan garuu jinnii dabalatee addunyaa guutuuf ergaman.

6. RABBIIN Nabiyyoota hunda Maqaa isaaniitiin kan waame yoo ta'u Ergamaa RABBII garuu kabaja isaaniif maqaa osoo hin ta'in " Yaa ayyuhannabiyyu " fa'a jechuun yaama.

7. Kennaa Nabiyyoota kaaniif hin kennane isaaniif kennee jira. kanneen akka boojuu fudhachuu, adeemsa ji'aa tokkootitti diinni isa sodaachuu, dacheen marti ummata isaatiif xahaaraa fi masjiida ta'uun, addunyaa guutuuf ergamuu.

8. RABBIIN Ummata isaa caaltuu ummatoota hundaa godhuu.

9. Guyyaa Qiyaamaa dursa nama dacheen irraa banamtu ta'uu.

10. Nabiyyoonni hundu guyyaa Qiyaamaa alaabaa isaanii jala hiriiruu.

11. Nama dura balbala Jannataa rukutanii galan ta'uu.

12. Shafa'aan guddoon guyyaa Qiyaamaa kan isaanii ta'uu ...

Faaruun kan RABBII Ummata Nabiyyii kanaa nu taasiseeti, ummata isaa ta'uun immoo carroomuu dha.


𝑸𝒐𝒑𝒉𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂𝒏: Ifaa Dhugaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1528
12.02.202507:49
Ustaaz Abu Aasiyaa


باب تفسير التوحيد وشهادة أن لا إله إلا الله

Kutaa 6ffaa

https://t.me/DAARU_SALAAM/920

PDF isaa 👇
https://t.me/DAARU_SALAAM/598
Shown 1 - 24 of 164
Log in to unlock more functionality.