Dhaamsa Wangeelaa- Maaloo kanatti aanee kan jiru dubbisi:
Uma 1:1 Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan Waaqaa fi lafa uume.
Roma 3:23 hundinuu yakkaniiru hulfinni Waaqayyoos isanitti hir’ateera”
Yohannis 8:34 Kana irratti Yesus, “dhuguma dhuguman isiiniin jedha namni cubbuu
hojjetu hundinuu garbicha cubbuuti.”
Waaqayyo nu uumee garuu nuyi isa hin beeknu sababaa uumama cubbummaa keenyaatiin
kan ka’e isa ittii adda baane. Jireenyi keenya Waaqayyoon malee kaayyoo fi hiika hin qabu.
Cubbuudhaaf gatiin (kan kaffalamuu qabu) du’a, du’a qaamaa fi du’a hafuuraa lachan. Du’a
hafuuraa jechuun Waaqayyotti gargar ba’uudha. Du’i qaamaa immoo dhagni namaa
tortoruudha. Nuti cubbuu keenyaan yoo duune, baraa hanga bara baraatti Waaqayyotti
garaa gara bane si’ool keessatti rawwaanna. Nuyi cubbuu keenyaattii akkamiin ofii keenya
fayyifnee gara Waaqayyootti deebi’uu dandeenyaa? Ofii keenya fayyisuu hin dandeenyu
sababni isaa namni cubbamaan ofii isaa fayyisuun isaaf kan danda’amu miti (akkuma namni
bishaaniin nyaatamaa jiru ofii isaa fayyisuu hin andeenye). Namoonni kan biroonnis nu
fayyisuu hin danda’anu, sababni isaa hunudumti keeyna cubbamoota (namni bishaniin
nyaatamaa jiru tokko kan bishaaniin nyaataamaa jiru nama kan biraa fayyisuu hin danda’au,
lachan jaraa gargaarsa barbaadu). Kan cubbbuu hin qabne namni garri biraan barbaadna
(kan bishaniin nyaatamaa hin jirre) cubbuu keenya irraa akka nu fayyisudhaaf. Nama cubbuu
hin qabne qofatu nu fayyisuu danda’a. Biyya lafaa cubbamaa kana keessaa akkamiin nama
cubbuu hin qabne argachuun danda’maa?
Roma 6:23 Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a; kennaan Waaqayyo inni Kiristos Yesus
Gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraati.
Yoh 3:16 “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa
jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa
qabaatuuf malee haa baduuf miti”
Mat 1:23 Kunoo, durbi ni ulfoofti ilmas ni deessi maqaa isaas ‘Amaanu’el’ jedhanii ni
moggaasu jedhe; “Amaanu’eel” jechuun “Waaqayyo nuu wajjin jira”
jechuudha.
Yoh 8:23 Inni immoo, “Isin kan godaa kanaati, ani immoo kan gubbaa sanaa ti; isin kan
biyya lafaa kanaati, ani garuu kan biyya lafaa kanaa miti.”
Mar 1:11 Sagaleen immoo, “Ati ilma koo isa jaallatamaadha; gammachuun koos sitti ni
raawwatama” jedhee waaqa irraa dubbate.
Yoh 8:36 Ilmichi yoo birmaduu isin baase, egaa isin warra birmaduu baataniidha.
Yoh 3:3 Yesus, “Dhuguma dhuguman sitti hima, eenyuu illee olii yoo dhalachuu
dhabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u.”
Yoh 1:12 “Hamma isa simataniif immoo iloollee Waaqayyoo akka ta’aniidhaaf aboo
isaaniif kenne isaanis warra maqaa isaatti amananii dha. Waaqayyo, kan nu uumee guddaas kan nu jaallatu, hiika isaa nuuf kenne. Jaalala isaa isa
guddaa irraa kan ka’es Ilma Isaa, Yesusiin, cubbuu keenyaaf akka du’uudhaaf nuuf erge.
Yesus cubbuu hin qabu sababni isaa inni biyya lafaa kana irraatii miti, lafa kana irra yommuu
tures gara cubbuutti kan geessu qorumsa dabiloos moo’ateera. Jireenyi isaa waaqa irratti
Waaqayyoon gammachiiseera. Yesus cubbuu keenya fuudhee cubbuu kenyaafis fannoo
irratti nuuf du’eera. Inni fayyisaa lubbuu keenyaati (Yesus nu fayyisuu ni danda’a sababni
isaa inni kan bishaaniin nyaataama jiru miti). Kaayyoon Yesus fannoo irratti du’uun isaas
gatii cubbuu keenyaa kaffaluudhaaf, kanaaf, cubbuu keenya nurraa calaasee, walitti
dhufeenya keenyaa Waaqayyoo wajjinii isa cabee ture deebisee haaromsa. Du’a
hafuuraattii (Waaqayyoon irraa garaa gara ba’u irraa) karaa humna Waaqayyootiin gara
jireenyaatii dhufna. Walitti dhufeenyi kun inni haaraan lammaffaa dhalachuu jedhama. Kun
gara kaayyoo uumamuu keenyaa fi jiraachuu keenyaatti nu haaromsa, akkasumas jiraachuu
keenyaaf kaayyoo fi hiika isa sirrii nuuf kenna.
Yoh 11:25 Yesus garuu, “Du’aa ka’uun, jireenyis ana; namni anatti yoo du’e iyyuu ni
jjirata”
Rom 6:9 Kiristoo’s warra du’an keessaa erga kaafame, deebi’ee akka hin duune, duunis
si’achi isa irratti gooftummaa akka hin qabaanne beekna.