Hafuura Qulqulluun akkamitti Gara kiristoos Fakkaachuutti Amantoota Geessu
Macaafni Qulqulluun akka jedhutti hafuurri qulqulluun akka amantoota wajjin, keessas jiraatu dha.” Inni isiniif dubbatu kun, hafuura dhugaati; biyyi lafaa waan isa hin argineef isa hin beekneefis, isa fudhachuu hin dand’u. Isin garuu , inni isinii wajjin waan turuuf ,isin keessas waan jiraatuuf isa beekuuf jirtu.”(Yoh 14:16-17). Egaan hafuurri qulqulluun haala kanaan gara Kiristoosi fakkaachuutti amantoota geessa.Akkasumas jabina hafuuraa illee dabaluudhaan kanneen guddina hafuuraa irratti dhiibbaa uuman mo’achuu akka danda’an godha. (Gal 5:17,Fil 2:13). Kana ta’ees osoo jiruu namani martinuu filannoo walaba ta’ee qaba.Kanaaf namni akka hafuurri qulqulluun jireenya isaa jijjiiru barbaadu fedha isaa hafuurichaf kennuu qaba ;dhiisuus danda’a.Amantoonni baay’een fedha isaanii hafuura qulqulluuf hin kennani guutummaa guututti jechuu dha. Kanaaf jijjiirama arguu hin dandaa’an.Macaafni Qulqulluun akkas jedha,” Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee , fedha foonii hin raawwatinaa!” ( Gal. 5:16).Hafuuraan geggeeffamuuf filannoo/ fedha qabnu isaaf dhiisuu nu barbaachisa.Yeroo kana egaa gara Kiristoos fakkaachuutti kan dhufamu. Karaa biraatiin immoo yemmuu amantoonni hafuura qulqulluuf ajajamuun fedha isaanii kennaniif,inni immoo jijjiirama daangaa hin qabne jireenya isaanii keessatti fiduun gara Kiristoos fakkaachuutti geessa. Yeroo namni tokko Waaqayyoof ajajamuuf murteessu, hafuurri qulqulluun in gargaara. Yeroo kana egaa warra biroof ifa ta’uun kan dandaa’amu (Mat 5:16). Amantoonni xuraa’ummaa biyya lafaa irraa qullaa’aniiru. Phaawuloos yemmuu barreessu, ” Obboloota warra gooftaadhaan jaallatamtanii, hafuuraan qulqulleeffamuudhaan, dhugichattis amanuudhaan akkafayyitaniif Waaqayyo warra jalqabaa godhee waan isin fo’ateef.” (2Tes. 2:13-14)
Hojii kana gochuu kan danda’u Waaqayyo qofa. Cubbamoota gara qulqullootaatti fiduun saba Waaqayyoo kan godhu saayinsii yookiinis Falaasamni kamiyyuu hin jiru. Egaan cubbamoota gara Kiristoos fakkeessuutti qulleessuu keessatti hafuurri qulqulluun waan baay’ee amantoota keessatti hojjeta. Fakkeenaaf:
1. Mallattoo ( Chaappaa) /Sealing/ gochuun : hafuurri qulqulluun laphee amantootaa keessa buufata, mallattoo ta’uun saba Waaqayyoo akka ta’an mirkaneessaaf ( 2Qor 1:21-22, Efe 1:13-14). Yeroo kana eegumsa amansiisaa ta’e amantootaaf godha.Abdii guyyaa isa dhumaa ykn du’aa ka’uu boodaa illee itti ibsa (Efe 4:30).
2. In cimsa;in jajjabeessas: hafuurri qulqulluun amantoota in jajjabeessa (Yoh 14:16, Efe 3:16) . Kakuu Moofaa keessatti hafuurri qulqulluun Siimsooniif humna ta’eera(Abo 14:5-6) irratti argina. Kakuu haaraa keessattis jajjabina hafuura amantootaa akka kennu ( Efe 3:16,20) irratti argina.Inumaayyuu hafuurri ququlluun hafuura humnaa ti ( 2Xim 1:7).
3. Akka Kadhannaa kadhataniif gargaara; ( Rome 8:26-27,1Qor 14:14-15).
4. Akka tajaajilaniiff dhugaa bahaniif kakaaasa; Hafuurri qulqulluun amantoota akka tajaajilanii fi Kiristoosiin dhugaa akka bahaniif kakaasa (Fil. 2:13).Kana malees akka dhuga baatota tahaniif humna kennaaf (Hoe 1:8). Ergamaan phaawuloos dubbii kana sirriitti hubatee , amantoonni akka isaaf kadhatan gaafata (Qol.4:3, Efe.6:1920). Amantoonnis tajaajilafis ta’e dhuga bahuuf osoo hin bobba’I dura kadhata akka barbaachisu hubanna.
5. Firii Hafuuraa akka qabaatan godha. Akka amantoonni firii hafuuraa qabaatan kan godhu hafuura qulqulluu dha .
Ija hojii hafuuraa kan jedhamaniis jaalala, gammachuu, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaa, of dhowwuudhas. (Gal 5:22-23).
Hafuurri qulqulluun amantoonni akka qorumsa hafuuraa mo’atan gargaara (Mat 26:40-41, 1Yoh 4:4, 5:18, 2Tes 3:3). Kana malees kennaawwan adda addaa amantootaaf kennuun akka wal tajaajilan godha (1Phex 4:10-11).
7. Namni hubate tokko Macaafa qulqulluu akka hubatuuf gargaara (Efe.3:16, 1Phex.2:2).