Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Musaab Naasir Official avatar
Musaab Naasir Official
Musaab Naasir Official avatar
Musaab Naasir Official
23.04.202511:33
Baga gammaddan!

Sagantaa beeksisaa
eegallee jirra. Beeksisa
Keessan nu biraan gahaa.

Beeksisa kanneen akka
⟹Chaanaalii telegram
⟹Chaanaalii you tube
⟹Account tiktok
⟹Page facebook
⟹Group telegram
⟹Eebba garaa garaa
⟹Mana hojii
➲Beeksisa dhuunfaa
Kanneen barbaaddan
Karaa ⧴ @MusaabNaasir ⇇
Na Quunnamaa.

Kaffaltii muraasaan isiniif
Beeksifna.
Выдалена19.04.202511:34
16.04.202518:09
Dhukkubsataa:

hello Akkam jirta doctor nagumaa ?


Doctor:
naga kootii maal isin gargaaru ?

Dhukkubsataa:
dhukkubsataa yaalaa sammu lakkofsaa jaha keessa jiru baheeramo jira ?


Doctor:
sammuun isaatti waan deebiyeef fayyudhaan baheeraa maalif barbaadde fira isaatii ati ?


Dhukkubsataa:
lakki innillee anuma bahuuf dhiisukoo mirkaneefachuufi malee💀 @musaab_naasir



Join me for more


⟱⟱⟱ ⟱⟱⟱
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟰⟰⟰ ⟰⟰⟰
15.04.202515:14
Goota keenyaa dhugaa
Aarsaa nuuf taatani
Tokkummaa eegdanii
Boollallee seentani

Bara lubbuun baatee
Diinni si arrabsuu
Isin garuu dhugaaf
Aarsaa lubbuu labsu

Goota keenya durii
Isin ammas Goota
Seenaa irbuu shinnigaa
Yaadadhaa dhalootaa

An eenyuyyuun jedhu
Hin qooduu gargari
Jarri tokkummaadhaa
Boolla bu'an barii

Seenaa goota keenyaa
Mee yaadadha firaa
Kan Seenaan hin beekne
Badee hafaa jiraa

Maaloo iyyaafadhaa
Seenaa nutin beekne
Akka jijjiiramee
Dhalootaaf hin teenye

Barree kaahuu qabna
Dhaloota nuu boodaaf
Seenaa gootaa hatee
Kan kooti bar jedhaa

Adaraa oromoo
Seenaan bar worqiidha
Bareesitee kahuun
Dirqama keetidha

Baga itti geessan
Guyyaa irbuu shinnigaa
Tokkummaa qabaachuun
Arras ni miidhagaa

✍️Musaab Naasir

Join me for more


⟱⟱⟱ ⟱⟱⟱
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟰⟰⟰ ⟰⟰⟰
13.04.202522:13
Daqiiqaa ati aartu hundatti gammachuu sekondii
jaatamaa dhabaa jirta.

—Ralph Waldo Emerson

Join me for more


⟱⟱⟱ ⟱⟱⟱
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟰⟰⟰ ⟰⟰⟰
04.04.202522:41
Mukti guutee jiraa
garuu ija dhabee
Namni guutee jiraa
Garuu firan dhabee

➪@Musaab_Naasir🌟
➪@Musaab_Naasir🌟
Выдалена09.04.202506:52
Welcome to the IBM Quantitative Trading Platform

Quickly earn the difference through quantitative trading on the platform

The most secure quantitative trading platform in 2025
☄️
Note: The stored value amount initiates the corresponding version and receives a percentage of the current version.For example, with a storage value of 60USDT activated VIP-2 version, the single quantization return is 60×20.41%%=12.2USDT

The platform takes 2% of the quantified revenue as operating costs.

Official Registration:https://2025ibm.com/#/register?ref=467773
19.04.202510:35
Dhagaa diinni natti darbatuun
Mana ijaarradheen garaa guba.

Kanaafuu kanneen dhagaa darb
attan ofiifuu itti fayyadamaa.

Ani dubbii keessaniif Bakkan qabu. Kaayyoon koo kaayyoodha.

Join me for more


⟱⟱⟱ ⟱⟱⟱
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟰⟰⟰ ⟰⟰⟰
15.04.202519:03
Huccuu bifa Adii
Namuu ni Jaallataa
Garuu bitee galee
Hin qabu uffataa

Uffatee yoo deemee
Daddafee xurataa
Kanaaf lafa Kaa'ee
Uffata ciccitaa 😂


Join me for more


⟱⟱⟱ ⟱⟱⟱
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟰⟰⟰ ⟰⟰⟰
15.04.202514:24
Dubbii Qola dhabee
Bakkeen walfakkaataa
Xiqqaaf guddaan qabuu
Namuu ni dubbataa

Ilma namaa kanaa
Jinnii qabee laataa
Eessa akka jirru
Beekuutu furmaataa


Join me for more


⟱⟱⟱ ⟱⟱⟱
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟰⟰⟰ ⟰⟰⟰
Выдалена17.04.202511:37
13.04.202508:51
Please ummata kiyya
Arra mee share gochuun
9K Na seensisaa maaloo.

Wolaloo fi liinkii koo
@Musaab_Naasir
👆👆👆
04.04.202517:53
Lubbuun jiraachuudhaa
Arra nyaachuu qabdaa
Akkanumaan teessee
Jiraachuu barbaaddaa
Yoo Hojjatte Nyaattaa
Yaada Haaraa Qabdaa

➪@Musaab_Naasir🌟
➪@Musaab_Naasir🌟
30.03.202511:59
Asalam Aalaykum
Yaa ummata keenyaa
Kan narraa jirtan
Dhiyoo fi fageenyaa

Hojii ji'aa Soomaa
Waa xiqqoo dhageenyaa
Isa Fagoo mitii
Kunoo bara Keenyaa

Yaa Rabbi Yaa Uumaa
Waanan si kadhadhee
Kayrii ji'a Soomaa
Irraa Waa baradhee

Namni hin qabnen jiru
Hundumtuu dureessaa
Nama manaan baanee
Masjiidatti Geessaa

Salaatan qadeessuu
Jamiidha jabeessaa
Hajab baatii Milkii
Nama gammachiisaa

Rakkataa Gargaaraa
Fuudhee Mana geessaa
Uffisee nyaachisee
Qalbii gammachiisaa

Kunoo Arra Dhumee
Nama Gaddisiisaa
Ayyaana Jedheetu
Namni Nyaatee ciisaa

Kaan huccuu bitatee
Viidiyoo Agarsiisaa
Koo Kanarraa Addaa
Yoom na dubbachiisaa

Nyaachuuf ol fudhadheen
Haadha Koo Yaadadhaa
Kanani Jiraadhuu
Maatiirraa Fagoodhaa

Abbaa kiyya jedhaa
Guyyaan iidaa Ga'ee
Dirree Iida Deemuuf
Nan dhabe Naanna'ee

Iidni dhufee darbee
Boru waan biraadhaa
Lubbuudhaan jiraachuun
Kee kennaa Addaadhaa

Maatiin firaaf Aaliin
Bakka hunda jirtanii
Eid_mubaarak jedhee
Baga itti geessanii

➪@Musaab_Naasir🌟
➪@Musaab_Naasir🌟
16.04.202520:43
Wolaloowwan addaa
Dubbistee bohaaruu
Amma ni barbaaddaa?
Dafii Join godhii
Ammuma maal eegdaa
⟱⟱⟱⟱
💊@wiirtuuwolaloo
💊@wiirtuuwolaloo
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍    ❤   🗨️       ♂️
ˡⁱᵏᵉ  ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ
Выдалена17.04.202511:37
15.04.202516:39
Barattoonni kutaa 9-12 jirtan
Qofti chaanaalii kanaa Gadii
Hordofaa.
⟱ ⟱ ⟱
⟹(BARNOOTA)
⟰ ⟰ ⟰
15.04.202514:18
𝐇𝐢𝐧 dagadhu♻️

Nama yeroo rakkoo
Nabira dhaabbatee
Nama gaafa rakkoo
darbatee Nagatee

akkan rakkadhuuf
sababa kan ta'ee
Tasa hin dagadhu
yoomillee yoo ta'ee


Join me for more


⟱⟱⟱ ⟱⟱⟱
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟰⟰⟰ ⟰⟰⟰
08.04.202519:37
Wolaloo Haadhaa

Osoo nyaachuu feetuu
Qoonqoo gogduu teessee
Osoo fira qabduu
Diinni sitti marsee

Dhala Kan keef jettee
Boruudhaaf olkeessee
Rakkinaaf gadadoon
Mana keetti dheessee

Hallayyaa fi tabba
Hunda lafaa baatee
Dhala Kan keef jettee
Waan baayyee itaatee

Mana namaa keessa
Dalagduu itaatee
Mucaa kee qomatti
Qoraan dugdat baattee

Kanuma keessaanuu
Hamtuun si qalattee
Haanoleef calanqootti
Waan ati itaateee

Gaafa harma muraa
Osoo hundin dhumnee
Haayyoleen oromoo
Kuftee osoon hafnee

Rakkoo gamaaf gamasii
Hundumaa dabartee
Baga nagaan geessee
Ilmaan kee agartee

Waanuma hundaafuu
Yaadachuun gaariidhaa
Waan ta'e hundarraa
Barnoota argadhaa

➪@Musaab_Naasir🌟
➪@Musaab_Naasir🌟
04.04.202517:47
➽𝐆𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐘𝐚𝐚𝐝𝐮𝐮
➽ 𝐆𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐗𝐢𝐧𝐱𝐚𝐥𝐭𝐮𝐮
➽ 𝐆𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐮𝐮
➽ 𝐆𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐞𝐞𝐠𝐚𝐥𝐭𝐮𝐮
➽ 𝐆𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐇𝐨𝐣𝐣𝐚𝐭𝐞 𝐍𝐲𝐚𝐚𝐭𝐮𝐮
➽ 𝐆𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐀𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐟𝐚𝐭𝐮𝐮
➽ 𝐆𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐁𝐨𝐪𝐪𝐨𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐭𝐮𝐮


𝐊𝐮𝐧 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐮 𝐀𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚𝐚
𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐬𝐚 𝐃𝐚𝐫𝐛𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐝𝐡𝐚

𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟𝐮𝐮 𝐉𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢 𝐀𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚𝐚
𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐝𝐚𝐫𝐛𝐚𝐦𝐮 𝐪𝐚𝐛𝐮𝐮
𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐝𝐚𝐫𝐛𝐚𝐦𝐞𝐞
𝐀𝐫𝐫𝐚 𝐠𝐚𝐥𝐟𝐢𝐢 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐚.

➪@Musaab_Naasir🌟
➪@Musaab_Naasir🌟
Выдалена09.04.202506:52
30.03.202511:52
Wolaloo Ëid_Äl_fixir

Baga nagaan geessan
Iida Namni hundaa
Hayyaanni milkiidhaa
Hawwii nama hundaa

Haalli Ayyaanaadhaa
Waanuma baramee
Rakkataa gargaaraa
Kennaaf foon qalamee

Osoo kaan rakkatuu
Wanta hundaa dhabuu
Hollaa kees yaadadhuu
Kan bulullee agabuu

Garuu kanaa mitii
Kan na dhibutu jiraa
Hoolaallee bitachuuf
kudhan shan galeeraa

Lukkuu yoon qaladhee
Hiyyeessan jedhamaa
Namarraa Adda baheen
Qofaatti Waamamaa

Maal ha qaladhuree
Anootii dureessaa
Gaafa ollaan dhufan
Maaliinan geggeessaa

Arra baankii deemeen
Birrii liqeefadhaa
Tujjaararraa deemeen
Kum_dhibba fudhadhaa

Kanaaf bituun qabaa
Sangaa bifti diimaa
Isa yoon qaladhee
Sooressaan jedhamaa

Jechuu osoon taanee
Hunduu gaaf ayyaanaa
Hanga ofirkaa qabdu
Qopheessi yaa namaa

Qarshii liqeefattuu
Ayyaanni ni darbaa
Waan kaffaltu dhabuun
Maaliif teessa gaabbaa

Jireenyi ulfaatee
Ta'ee akka tabbaa
Kaan dhalachuu isaa
Ammallee ni gaabbaa

Woyyoo biyya lafaa
Nama Ajaa'ibaa
Kaan Qaama hir'atee
Uumame Ajabaa

Waa'een uumamaa kun
Dubbachuuf na dhibaa
Baga itti geessan
Iida Ajaa'ibaa

➪@Musaab_Naasir🌟
➪@Musaab_Naasir🌟
16.04.202518:37
An gaafan taa'ee laaluu
Waan deemaa jirun argee
Mee xiqqoo daabbadhu
Jedheetan qabe fiigee

Innis dideetu deemee
Hin millanne gonkumaa
Kaayyoo akka qabuu
Natti hime dhugumaa

Akka hedduu qabuu
Hirriyoota Fiiganii
Keesumaa keessattu
Hirriyyaa ishe xiqqoonii

Akka iyyuu dorgomtuu
Fiigdu maraatoonii
Kan caalu akkan jirree
Kan hirriyootni isaanii

Garuu dhalli namaa
Akkammoon arginee
Akka yeroon fiiguu
Akka homaan beeknee

Yeroon keenya dhumee
Maaliif hin hubannee
Hojiif dubbii gaariin
Maaf wolin kabajnee

✍️Musaab Naasir

Join me for more


⟱⟱⟱ ⟱⟱⟱
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟰⟰⟰ ⟰⟰⟰
15.04.202516:27
Tokkummaa dhamtanii
Nutti laattan Nagaa
Seenaan ni dubbataa
Gaafa irbuu shinnigaa

Maatii fi biyyatti
Hindhaammanne nagaa
Tokko taanee baanee
Hin taanu Alagaa

Amantaan hin baanuu
Yoomiyyuu gargarii
Jettanii dhumtanii
guyyaa tokko marrii

Amantaan filannoo
Oromummaan dhiigaa
Bakkattii nu fixaa
Nu hin taanuu alagaa

Jettanii ciramtan
Osoo deemtan nagaa
Oromummaa malee
Hin filannu dhangaa

Jedhanii tiksanii
Nuuf taa'anii ragaa
Baga nagaan geessan
Guyyaa irbuu shinnigaa

✍️Musaab Naasir

Join me for more


⟱⟱⟱ ⟱⟱⟱
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟹@Musaab_Naasir ⟸
⟰⟰⟰ ⟰⟰⟰
Выдалена17.04.202511:37
15.04.202507:55
Barattoonni kutaa 9-12 jirtan
Qofti chaanaalii kanaa Gadii
Hordofaa.
⟱ ⟱ ⟱
⟹(BARNOOTA)
⟰ ⟰ ⟰
Выдалена09.04.202506:52
07.04.202519:38
Add's

Barattoota qofaaf
Chaanaalii telegram kanaa
Gadii Fayyadamaa.

QOPHII QORMAATA KUTAA
Выдалена09.04.202506:52
02.04.202521:37
Diraamaa miidhagaa afaan oromoo daawwattoota hedduu horatan kana Beettuu?

Diraamaa Hirkoo fi Abshaaloo hordoftoota baayyee horatanii jiru. Maarree telegram kanneen irraa Argachuu ni dandeessu.
Выдалена09.04.202506:52
30.03.202508:20
Live stream kottaa☪️
Inshaallaah sa'aatii
8:50 tti. Eid_mubaarak

▶️⏺️◀️☪️☪️☪️ ▶️⏺️◀️
Паказана 1 - 24 з 94
Увайдзіце, каб разблакаваць больш функцый.