Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩 avatar
RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩
RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩 avatar
RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩
05.05.202516:33
Erga Islaamummaa fudhatee takkaa hin teenye!!!!

Daa'ii seenaa guddaa qabu.
____
Maqaan Guutuun: Tashitee Roobee Anootaa jedhama. oromiyaa keessaa kutaa Arsiitti dhalate. Injiinariingiidhaan Univarsiitii Arba mincii irraa Eebbifame. Hordofaa Amantaa kiristaanaa ture. Erga Univarsiitii irraa Eebbifameen booda hojjata mootummaa ta'ee qacaramee magaalaa #Asallaatti hojjachaa ture. Odomaa hojirra jiru qu'annoo amantii eegale. Sababbiin gara amantii Islaamaa fudhachutti isa geesse, Aayata Qur’aana suuraa Maa'idaa akka ta'e natti himee ture.

وَإِذْ قَالَ ٱللَّهُ يَٰعِيسَى ٱبْنَ مَرْيَمَ ءَأَنتَ قُلْتَ لِلنَّاسِ ٱتَّخِذُونِى وَأُمِّىَ إِلَٰهَيْنِ مِن دُونِ ٱللَّهِۖ قَالَ سُبْحَٰنَكَ مَا يَكُونُ لِىٓ أَنْ أَقُولَ مَا لَيْسَ لِى بِحَقٍّۚ إِن كُنتُ قُلْتُهُۥ فَقَدْ عَلِمْتَهُۥۚ تَعْلَمُ مَا فِى نَفْسِى وَلَآ أَعْلَمُ مَا فِى نَفْسِكَۚ إِنَّكَ أَنتَ عَلَّٰمُ ٱلْغُيُوبِ

Yeroo Rabbiin "Yaa Iisaa Ilma Maryam! sila situ namootaan anaafi haadha kiyya Rabbii gaditti gabbaramaa lama taasifadhaa jedhee?" jedhu [yaadadhu]. [Inni] ni jedhe: "Ati qulqulloofte! Ani waan dhugaa naaf hin taane jechuun anaaf hin ta'u. Yoo ani isa jedheera ta'eef, ati dhugumatti isa barteetta. Waan lubbuu kiyya keessaa ni beekta. Ani waan nafsii kee keessaa hin beeku. Dhugumatti, ati akkaan beekaa waan fagooti.[Suuraa Al-Maa'idaa 5:116]

Erga gara Islaamummaatti dhufee waggoota 25 ol laakkofsiisee jira. Erga Islaamummaa fudhateen booda kitaabbilee Afaan Amaariffaa fi Ingiliiffaatiin barreeffaman hedduu dubbisee ture. Tafsiira Qur’aanas akkasuma. Kitaabota biroos hedduu dubbisuudhaan, beekumsa amanta erga horateen booda, hojii mootummaa guutuun guututti keessaa bahuudhaan, gara Da'awaatti deebi'e, hojii waamicha gara Islaamummaatti taasisuu eegale. Biyya keessaa fi alattis sochii da'awaatiin baay’ee beekamoodha. Yeroo biyya Qaxar turettis Daa'ii Afrikaa jedhamuudhaan Comparative Religions irra hojjachaa ture. Afrikaanota irraa namoonni kumaatamaan lakka'amanis harka isaa irratti shahaadaa qabataniiru. Dhaabbata Hudaa Asooseeshiinii jedhamu irratti Daarekteera ta'uun tajaajila kenneera.

Dandeettii Afaanota Sadii dubbachuu irratti haalan cimaadha. Kitaabotas Afaan gara garaa sadiin barreesseera.

#Afaan Engiliffaa, Afaan Oromiffaa fi Afaan Amaatiffaatiinis kitaabota hedduu barreesseera. Kitaabota isaa keessaa muraasni;
Afaan Ingiliiffaatiin kan barreeffaman keessaa muraasni;
1. Muhammad [SAW] in the Bible and
2. The Great Advice

Afaan Oromiffaatiin

1. Nabi Muhammad Macaafa qulqulluu keessatti
2. Argannoowwan saayinsii Qur'aana keessatti
3. Rabbiin dhugaa Eenyu?
4. Hangafa hangaftootaa
5. Ergaan tokko qofa
6. Islaamummaan filannoo keenya
7. Gorsa Hangafa ol aanaa kanneen jedhamaniidhaa!


Biyya keenya keessatti namoonni harka isaa irratti shahaadaa qabatan namoota 7000 oli. Kanneen kitaaba dubbisuu qofan amanan baay'inni isaanii hin beekamu. Daa'iin kun: maqaan isaan erga Islaamummaa fudhatanii booda ittiin beekamaan: maqaa; #Umar Arsii jedhamuun beekamu. Kitaaba maqaa umar Arsii jechuun barreessanis ni jira. Daa'iin kun dhaabbata: "Bilal Memorial Association" kan Comparative Religions irratti hojjatus akka biyyoolessaatti hundeessaniiru. Gaheen hojii isaanii dhaabbata kana keessattis Daarekteera. Hojiin Daa'ii kanaa: Daa'ii beekamaa Addunyaa kan ta'an, Yuusuf Estese wajjiin walfakkaata. Innis kiristaanummaa irraa dhufee daa'ii addunyaa ta'uudhaan, da'awaa irratti argama.

Daa'ii kana [Umar Arsii] namoota meeqatu beeka? Eenyutu wajjiin jira? Maal keessa akka jiruu fi dhaabbata inni sochoosu kana namoota meeqatu beeka? Garuu Daa'ii akkanaa kanaan wajjiin walbaraa. Seenaan yoomiyyuu taanaan isa hin dagatu. Ammas sagantaa Da'awaa gaggeessuu fi kitaaba barreessuu irratti argama. Barnootaanis kaadhimanaa PHD ti. Rabbiin umrii isaanii keessa barakaa haa kaa'u. Aamiin

. Barreessee kan dhiheesse: Xaahir Galatoo ti.

https://t.me/Seyiful_Islam/2021
04.05.202514:16
Dargaggoonni muslimaa Itiyoophiyaa diinii islaamaa, ummataafi biyya isaaniitiif gumaacha guddaa akka taasisaniif gaheen Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Itiyoophiyaa baay'ee murteessadha.

Hoji gaggeessaa waajira Perezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Ustaz Abubeker Ahmad

© Amar Temam

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1863?single
02.05.202507:19
#Hawaariyaatni yesuus fi #yesuus #muslima turan.

وَإِذۡ أَوۡحَيۡتُ إِلَى ٱلۡحَوَارِيِّـۧنَ أَنۡ ءَامِنُواْ بِي وَبِرَسُولِي قَالُوٓاْ ءَامَنَّا وَٱشۡهَدۡ بِأَنَّنَا مُسۡلِمُونَ
Yeroo ani gara hawaariyyootaa "Anaafi ergamaa kiyyatti amanaa" jechuu beeksisee isaanis "Nuti amanne; akka nuti Muslimoota taane ragaa ba’i" jedhan [yaadadhu] [Al maa'idaah 5:111]

إِنَّ ٱللَّهَ رَبِّي وَرَبُّكُمۡ فَٱعۡبُدُوهُۚ هَٰذَا صِرَٰطٞ مُّسۡتَقِيمٞ
Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan; kanaafuu Isa gabbaraa. Kun karaa qajeelaadha.” [Al imraan 3:52]

۞فَلَمَّآ أَحَسَّ عِيسَىٰ مِنۡهُمُ ٱلۡكُفۡرَ قَالَ مَنۡ أَنصَارِيٓ إِلَى ٱللَّهِۖ قَالَ ٱلۡحَوَارِيُّونَ نَحۡنُ أَنصَارُ ٱللَّهِ ءَامَنَّا بِٱللَّهِ وَٱشۡهَدۡ بِأَنَّا مُسۡلِمُونَ

Iisaan yeroma kufrii isaan irraa hubatu “namni [waamicha ani] gara Rabbiitti godhu keessatti na tumsu eenyu?” jedhe. Hawaariyyoonnis “nutu tumsitoota Rabbiiti. Rabbitti amanneerra. Akka nuti Muslimoota taanes ragaa nuuf ba’i” jedhan.
[Al imraan 3:52]

Warri kiristaanaa gaafiin kun isaaniif dhukkuba sammuu itti taati yeroo gaafannu sababni isaatiis deebii fi ragaa hin qaban.

#Gaaffii yeroo hunda gaafannu kan hanga ammaatti deebii fi ragaa itti dhaban.

Kutaa 1⃣ffaa
1 Amantaa kiristaanaa Eenyutu Hundeesse??
2 Nabiyyii kamtu Amantaa kiristaanaa Barsiise
3 Amantiin kiristaanaa Amantii Dhigaa tahuu isii Ragaan keessan maali??

👆👆 gaafiilee kana nuuf deebisaa ykn Keessaa Baqadhaa yaa lammiiwwan keenya.

Nuti ragaa fi dhugaa waan qabnuuf isin waamna.
Amantaan dhugaa takkuma qofa. Surah Al-Imraan 3:19 Irratti Rabbiina Akkana jedha. "Amantiin Rabbi biratti jaalatamtuu taate #Amantii_Islaamaa qofa" jedha.

Akkasumattille Surah Al-Imraan 3:85 irratti; Rabbii akkana jedha. "Namni Amantii Islaamaatiin ala Amantii biroo Barbaadu isarraa hin qeebalamtu Innis Guyyaa qiyaamaa warra Kasaaran irraahi jedha"

Kanaafuu Amantii Islaamaatiin ala amantiin kamiyyu tan sobaa akka tahe hubanna.

Namni Amantii islaamaa ala Amantaa biroo osoo hordofuu du'e guyyaa qiyaamaa Akkana jedha.

👇👇
Suraah Al-Hijir 15:2 "Isaan kafaran guyyaa qiyaamaa odoo musliimota ta'anii hedduu hawwu" jedha.

Kanaafuu guyyaa qiyaamaa hawwuun bu'aa tokkollee hin qabu osoo carraa qabduu, osoo addunyaarra jirtuu, osoo lubbuun si keessa jirtuu gara amantaa muslimaatti koottu guyyaan har'a yeroonis amma.

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1856
Guyyaa har'aa balaan ibiddaa gaarreen Yarusaalam irratti mudate weerartuu Israa'el n muddama keessa galchuun miidhaa olaanaa qaqqabsiisaa kan jiru yoo ta'u, balaan ibiddaa kun humna Israa'el ol ta'uu isaatiin waamicha gargaarsaa biyyoota michuu isheetiif taasistee jirti.

- Jechoota Gaggaarii.


.... Itti finiinsi

هكذا تتحرق دولة اليهود عليهم لعنة الله
الحمد لله

كم أحرقوا من جسد الأطفال
اللهم أحرقهم وزد عليهم عذابا فوق العذاب

Lubbuu meeqaaf meeqa galaafatan, guban. Wallah ibiddi kun itti hanqata.

Obboleeyyan keenya warri Filisxeen haali isaanii baay'ee nama dhukkubsa❗️

Allah warra hafeef obsa warra du'eef jannata itti itti arjoomu.

Namarratti miti beeylada irratti cubbuu hin raawwatamne muslimoota irratti rawataa jiru.

🤲 Rabbi ibidda kana akka hin dhaabbanne haa godhu saffisaaf qilleensaas haa kennuuf.
29.04.202521:53
Ustaaz Awwol Qaasim Congragulation Kuni Jalqabaa Inshaa Allaah Rabbi Isin Haa Tiksuu Jajjabaadhaa.

Dhaabbanni Rahmaa kan magaalaa finfinneetti argamu, sirna gaggeessaa obboleessa keenyaatiin wal qabatee namoota 18tiif beekamtii kennee jira, Isaan keessaa tokko GAREE SHAHAADAA yoo ta'u, Anaafi waahiloota koofis waraqaa kabajaa fii galateeffannaa kennee jira.
Galatoomaa jennaan.

🎯 @Rafiiqul_Islaam
Maashaa Allaah!
Sheekhni keenya Dr Jeylan Kadir itti aanaa prezdaantii waldaa ulama’oota Afrika tahuun filataman

Konfiraansiin Ulamaa’ota Afrikaa guyyoota lamaaf Senegaal magaalaa Dakaar keessatti gaggeeffame irratti hayyoonni Afriikaa adda duree ta’an akkasumas hayyoota Itoophiyaa irraa dhufan dabalatee irratti hirmaatan Dr. Jeylan Khader Pireezidaantii Itti Aanaa Mana Maree Ulamaa’ota Afrika ta’uun filatamaniiru.

ሙፍቲ ዶ/ር ጄይላን ኸድር የአፍሪካ ኡለሞች ማህበር ም/ፕሬዝዳንት ሁነው ተመረጡ ‼️

የኢትዮጲያ ጨምሮ የአፍሪካ ታላላቅ ኡለሞች የተሳተፉበት በሴኔጋል ዳካር ከተማ ለሁለት ቀን የተካሄደው የአፍሪካ ኡለማዎች ጉባኤ ዶ/ር ጄይላን ኸድርን የኡለማ ምክር ቤቱ ም/ፕሬዝዳንት አድርጎ መርጧቸዋል ‼️
Erga Islaamummaa Fudhatee Takkaa Gadi Hin Teenyee 👇👇

https://t.me/Seyiful_Islam/2020
04.05.202506:08
#Amanuun_isinitti_ulfaatus dhageeffatuun isinitti hin ulfaatinii mee #ima_dhageefadhaa. Godina #Booranaa Aanaa #Meeggaa, Ganda #Hodhodhii_Samarootti seenaan garaa nama nyaatu kun ta'e.

Namni Miseensa dhaabbataa Yoona-Yaanaa ta'uun ergaa Rabbiitii fi ergamaa isaa Addunyaan gahuu barbaaddan (#miseensummaan #irra_xinnaan waan woggaa #birrii_365 irraa eegaluun) hirmaachuu dandeessu. 👇
Laakkofsa akkaawontii:-
Baankii Hijraa
1008113240001
Baankii Raammis
1010000061101
Baankii Daldalaa
1000668868723
#Yona_Yana Unity Development charity Organization.
Odeefannoo dabalataatiif laakkofsa bilbilaa:-
0913514314
0977717071

Cufa nama yaada kana dubbisee sagalee tana #dhageeffatee akkasuma saahiba isaatiif #sheer_taasisee Rabbiin qubsuma isaa Firdoosiin haa taasisuu.

Liinkii garee Telegram Yoona-Yaanaa 👇👇👇
https://t.me/+Qz_FvuM7ZOdmOTVk
02.05.202507:11
↪️Nabi Muusa/muuse(as)

وَقَالَ مُوسَىٰ يَٰقَوْمِ إِن كُنتُمْ ءَامَنتُم بِٱللَّهِ فَعَلَيْهِ تَوَكَّلُوٓاْ إِن كُنتُم مُّسْلِمِينَ
"Muusanis Ni jedhe yaa ummata kiyyaa yoo Kan rabbitti amantan taatan isuma irratti irkadha; yoo #musilimoota taatan". Al-Qur'an 10:84


↪️Nabi Iisaa/yesuus (as)

فَلَمَّا أَحَسَّ عِيسَىٰ مِنْهُمُ الْكُفْرَ قَالَ مَنْ أَنصَارِي إِلَى اللَّهِ ۖ قَالَ الْحَوَارِيُّونَ نَحْنُ أَنصَارُ اللَّهِ آمَنَّا بِاللَّهِ وَاشْهَدْ بِأَنَّا مُسْلِمُونَ
"Iisaan yeroma kufrii isaan irraa beeke namni gara rabbiitti naa tumsu eenyu? Jedhe hawaariyyoonnis nutu tumsitoota rabbiiti rabbitti amannee jirra. Akka nuti #musilimoota taanes ragaa nuuf bahi jedhan".

↪️Ammoo caalaan uumamtoota jaalaleen haqaa nabi Muhammad/Isa Nabi Iisaan/ yesuus isiniif dhufa nuun jedhe (saw)

إِنَّمَآ أُمِرْتُ أَنْ أَعْبُدَ رَبَّ هَٰذِهِ ٱلْبَلْدَةِ ٱلَّذِى حَرَّمَهَا وَلَهُۥ كُلُّ شَىْءٍۢ ۖ وَأُمِرْتُ أَنْ أَكُونَ مِنَ ٱلْمُسْلِمِينَ
"Kan Ani ajajame gooftaa biyyattii kanaa Kan ishee kabaje gabbaaruu qofa. Wanti hundinuu Kan isaati; #musilimoota irraa ta'uttis ajajame".

إِنَّ الدِّينَ عِندَ اللَّهِ الْإِسْلَامُ
"Amantiin rabbiin biratti qeebalamtu/fudhatamtu #isilaamummaa qofaadha.
Suuraa 3:19

Kanaaf kiristaanooche Isilaamummaa malee galti hin jirtu dafaati of dhaqqaba.Rabbiin qalbii dhugaa agartu hunda keenyaayyuu haa kennuu.

Kanaaf dubbiin kiristaanonni Isilaamummaan jaarraa 7ffa as eegale jedhu dubbii sobaafi hundee hin qabne ta'uu arginee jirra.

Barruu Kana Dubbisaa Share Woliif Godhaa Keessattuu Kiristaana Biraan Nuuf Ga'aa.

Worri Kiristaanota Yoo Nama Waa Hubachuu Barbaaddan Taatan Kottaa Marii Taasisaa.

Hojii Keessan Ilaalaa Waan hin Beekne dubbattuu gaafa namni deebii isiniif deebise ni haqxuu 😁😁 Nama waa deddeebise ristrict gootuu😁😁 maal jechuudhaa?

Channel Kana Join Godhaa👇👇

@Gingilchaadhugaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1855
30.04.202513:42
📖 Tafsiira Qur'aanaa
💥Suuratul Al'Qalam Haayata(41~52)

•┈┈┈┈•✿❁✿•┈┈┈┈•
🎙الشيخ عبد الكريم أحمد حفظه الله ورعاه

🎙SHEIKH ABDULKARIIM AHMAD - HAFIZAHULLAAH


#Quran_Tafseer_Afaan_Oromoo
👇𝗝𝗼𝗶𝗻👇

https://youtube.com/@abu_muhammad.?si=fMQCsRfhWLdyuzNj


https://t.me/sheyk_abdulkarim/944
29.04.202513:56
#Waaqayyo_abbaa_kattaa_jabaati

Rabbiin hirkoo waan hundumaati. Wanti hundinuu gara isaatti baqata.


#Farfannaa:- 18:30
"የአምላኬ መንገድ ፍጹም ነው፥
የእግዚአብሔር ቃል የነጠረ ነው፥
በእርሱ ለሚታመኑት ሁሉ ጋሻ ነው።
"Waaqayyo kun karaan isaa mudaa hin qabu, dubbiin isaa dhugaa ta'uu isaa amansiiseera; Waaqayyo warra isatti kooluu galan hundumaaf gaachana."

#Farfannaa:- 18:31
"ከእግዚአብሔር በቀር አምላክ ማን ነው?
ከአምላካችን በቀር አምላክ ማን ነው?
"Goofticha malee Waaqayyo eenyu ree? Waaqayyo keenya malees kattaa jabaan eenyu ree?"

وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱللَّهِۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ وَكِيلࣰا
Allaah irratti hirkadhu; hirkoo ta’uufis Rabbumatu ga’a. [Al-Ahzab 33:3]

Gaaffiin asitti nu qabnu:-
1🖍. "Karaan Rabbii mudaa hin qabu" jedha. Karaan ilma namaa mudaa akka qabu hin ibsuu?
2🖍. Yesuus ilma namaa erga ta'ee, karaan Yesuus mudaa akka hin dhabne namatti hin ibsuu?
3🖍. Dubbiin Waaqayyoo hundi erga dhugaa ta'ee, kiristaanotni fi pirootestanotni maaliif Rabbiitti hin amanne?
4🖍. Rabbii dubbiin isaa dhugaa ta'e, dhiisanii maaliif Yesuusitti amanu?
5🖍. Rabbiin gaachana uumama hundaati. Yesuus hoo gaachana?
6🖍. Keyyata biraa keessatti Yesuus ofiifuu gaachana barbaaduuf Rabbiin waammataa ture. Kana hoo ilaalaniiruu?
7🖍. Yesuus ayhuudotaa jalaa of baaseera? Eenyuuuf gaachana ta'e?
8🖍. Rabbiin malee, ''Gooftaan biraa hin jiru'' jedha. Jarri pheenxee fi Kiristaana maaliif Yesuusiin "Gooftaadha" jedhu?
9🖍. Yaadni akkasumas barnootni isaanii fi macaafni isaanii gargar akka ta'an hin ibsuu?
10🖍. ''Rabbiin malee kattaan jabaan hin jiru'' jedha. Yesuusiif iyyuu kattaa kan ta'e Rabbi. Mee kana eessatti mormu?

Hub:- akka macaafaatti; ''kattaa'' jedhuun, hirkoo, bakka wanti hundinuu itti baqatu jechuudha. Kun:- Rabbii isa waan Hundumaa uumeef malee, waan biraatiif hin malu. Dandeettii hirkoo waan hundumaa ta'uu kan danda'u tasuma hin jiru.

رَّبُّ ٱلۡمَشۡرِقِ وَٱلۡمَغۡرِبِ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَٱتَّخِذۡهُ وَكِيلࣰا
(Inni) Gooftaa bahaafi dhihaati. Isa malee gabbaramaan dhugaa hin jiru; hirkoo isa taasifadhu. [Al-Muzzammil 73:9]


https://t.me/Know_to_Islamic
Gaaffii Ajaa'ibaa

ሁሱም ተጠየቀ ዘርህ ምንድነው ተብሎ

Osoo Si Ta'ee Maal Deebistaa?

Video Dhaggeeffadhaa

Alhamdulillaah Kan Islaamummaa Nuuf Kennitee

🎯 @Rafiiqul_Islaam
Geerarsa Gaafa Aduwaatii?

Xiqqoosii Seeqadhaa 😁😁😁

🎯 @Rafiiqul_Islaam
03.05.202509:33
Qarqaarsa dhaabanni #Yoona_Yaanaa uffata biyya #Keeniyaa fi eddoole gara garaa irraa dhufe #muraasa qofa qabatuun raabse.

Namni Miseensa dhaabbataa Yoona-Yaanaa ta'uun ergaa Rabbiitii fi ergamaa isaa Addunyaan gahuu barbaaddan (#miseensummaan #irra_xinnaan waan woggaa #birrii_365 irraa eegaluun) hirmaachuu dandeessu. 👇
Laakkofsa akkaawontii:-
Baankii Hijraa
1008113240001
Baankii Raammis
1010000061101
Baankii Daldalaa
1000668868723
#Yona_Yana Unity Development charity Organization.
Odeefannoo dabalataatiif laakkofsa bilbilaa:-
0913514314
0977717071

Cufa nama yaada kana dubbisee sagalee tana #dhageeffatee akkasuma saahiba isaatiif #sheer_taasisee Rabbiin qubsuma isaa Firdoosiin haa taasisuu.

Liinkii garee Telegram Yoona-Yaanaa 👇👇👇
https://t.me/+Qz_FvuM7ZOdmOTVk
02.05.202507:11
Islaamummaan Jaarraa 7ffaa Keeessatti Muhammad Ani Ergamaadha/ Raajiidha Ofiin Jechuudhaan, Kan Eegaleedha Yaada Jedhuuf Deebii...

Islaama jechuun maali?

Islam jechuun;- Rabbiif bitamuu ykn ammoo, Rabbiif gadi of qabuudha. Hundeen jecha Islaama jedhuu; jecha hundeen isaa Silm fi Salaam jedhamurraa dagaage. Kana jechuun  immoo Nagaya jechuudha. Islaama jechuun Nagaya, Afaan Hibruutti immoo shalom jedhama. Nagaya jechuudha.

-Maqaan Islaamaa jedhu kan addunyaa maraati.  Islaamummaan maqaa gosa namootaa ykn nama dhuunfaatiin kan moggaafame miti, akkuma amantiin Yihudootaa gosa yahuudaa, Kiristaanummaan Kiristoosiin, Budiizmiin immoo budha jedhamuun moggaafame. 

-Islaamummaan maqaa ilmi namaa filate osoo hin taane, Rabbiin biraa kan dabarfame ture.  Islaamummaan amantii addunyaati malee kan bahaa ykn dhihaa miti. 

Islaamummaan akkaataa jireenyaa guutuu ta’eedha, guutummaatti Rabbiif bitamuu kan agarsiisudha.

#Rabbiif bitamuun karaa milkaa'inaati. Koottaatii Rabbiif ajajamaa, ergamaa isaatiifis ajajamaa, Amantaa dhugaas Islaamummaa qabadhaa...

Akkasuma dubbiin Isilaamummaan erga jaarra 7ffaati eegalte yaanni jedhu yaada ragaa tokko itti hin qabneedha.

Yaada kiristaanonni ittiin sammuu musilimtoota xaxuuf jecha fayyadamaniidha.

Isilaamummaan osoo ilmi namaa hin uumamin dura amantii jirtuudha kan ilmi namaa irratti uumameedha.
Ragaan Qur’aana kabajamaadha.

Suuraa ruum 30:30

فَأَقِمْ وَجْهَكَ لِلدِّينِ حَنِيفًا ۚ فِطْرَتَ اللَّهِ الَّتِي فَطَرَ النَّاسَ عَلَيْهَا ۚ لَا تَبْدِيلَ لِخَلْقِ اللَّهِ ۚ ذَٰلِكَ الدِّينُ الْقَيِّمُ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ

(Yaa Muhammad!) karaa haqaatti dabuun fuula kee diiniif sirreessi Uumaa (Isilaamummaan) Rabbii ishee inni irratti nama uumes (qabadhaa) Uumaa Rabbii jijjiiruun hin jiru Santu amantii qajeelaadha Garuu irra hedduun namootaa hin beekanu.

Akkasuma Isilaamummaan amantii nabiyyonni hundi irratti jiraachaa turaniidha Aadam irraa kaasee hanga har'aatti jechuudha.
Ragaan Qur’aana kabajamaadha.

Amantiin teenya tokkoo isheenis #Isilaamummaadha.

إِنَّ الدِّينَ عِندَ اللَّهِ الْإِسْلَامُ
"Amantiin rabbiin biratti qeebalamtu/fudhatamtu #isilaamummaa qofaadha. Suuraa 3:19

↪️Nabi Nuuh(as)

فَإِن تَوَلَّيْتُمْ فَمَا سَأَلْتُكُم مِّنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَى ٱللَّهِ ۖ وَأُمِرْتُ أَنْ أَكُونَ مِنَ ٱلْمُسْلِمِينَ
"Yoo gara galtan mindaa homaatuu isin hin gaafadhu. Mindaan kiyyaa rabbi irraatti malee hin taane. Ani #musilimtoota irraa ta'uttiin ajajame" Al-Qur'an 10:72

↪️Nabi Ibrahim/Abrahaam (as)

إِذْ يَرْفَعُ إِنَّكَ أَنتَ التَّوَّابُ الرَّحِيمُ
"Yeroo ibraahimii fi ismaa'iil yaa rabbi ati dhagahaadha beekaadha nurraa qeebali jedhaa bu'uura manaa(ka'abaa) ol fuudhan ummataaf himi."Gooftaa keenya nu lamaanuu siif ajajamtoota(#musilimtoota) nu taasisi. Sanyii keenya irraas ummata siif ajajamtoota (#musilimtoota) taasisi....". Al-Qur'an 2:127-128

↪️Nabi Yaaqub (as)

وَوَصَّى بِهَا إِبْرَاهِيمُ بَنِيهِ وَيَعْقُوبُ يَا بَنِيَّ إِنَّ اللَّهَ اصْطَفَى لَكُمُ الدِّينَ فَلا تَمُوتُنَّ إِلَّا وَأَنْتُمْ مُسْلِمُونَ
"Ibrahiim ilmaan isaatiif ishee Isilaamaa dhaamee ture yaa'aquubis sanuma dhaame yaa ilmaan kiyyaa! Dhugumatti rabbiin amantii isiniif filatee jiraa #musilimoota  taatan malee hin du'inaa". Al-Qur'an 2:132

↪️Nabi yuusuf/Yooseef(as)

أَنتَ وَلِيِّي فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ ۖ تَوَفَّنِي مُسْلِمًا وَأَلْحِقْنِي بِالصَّالِحِينَ
"Ati duniyaa fi Aakirattis gargaaraa kiyyaa #musiliima taasisi na ajjeesi warraa gaggaarittis na qaqqaabsiisi". Al-Qur'an 12:101

↪️Nabi suleeymaan/salamoon (as)

إنه من سليمان وإنه بسم الله الرحمن الرحيم ألا تعلوا علي وأتوني مسلمين
"Dhugumatti inni suleeymaan irraayyi.innis (qabiyyeen isaa) maqaa rabbii akkaan mararfataa akkaan rahamata godhaa ta'eetiin."narratti hin booninaa #musilimtoota ta'aatii natti kootta jedha". Al-Qur'an 27:30-31

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1854
30.04.202512:09
Gaafilee Kudha afur (14) Kiristaanota irraa deebisaa barbaada.

[1] – Yesus Kiristos osoo mataan isaa RABBIIN ta'ee (Wangeela Maarqoos 15:34) irratti, maaliif “Elo'ii, Elo'ii lamaa sabaktanii?” jedhee RABBIIN waammate?

“Elo'ii, Elo'ii lamaa sabaktanii?” jechuun Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?” jechuu dha.

[2] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN (Wangeela Yohaannis 8:28) irratti, maaliif “ani isa abbaan na barsiise akkan dubbadhu malee, ofiin homaa akka ani hin hojjennes in hubattu. ” jedhe?

[3] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Yohannis 14:28) irratti, maaliif “abbaan na caala'o. ” jedhe?
[4] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Luqaas 23:46) irratti, maaliif Yesus sagalee guddaadhaan iyyee, "Yaa abbaa ko, hafuura koo harka keettan kennadha!" jedhe?

[5] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Maarqos 10:18) irratti, "Maaliif gaarii naan jettan? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru jedhee dubbataa?

[6] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Yohannis 20:17) irratti, maaliif "Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, 'Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessanitti ol nan ba'a' jedhiin jedhee dubbatee?

[7] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, maaliif akka (Wangeela Maatewos 17:24-27) irratti, dubbatamee jiru qaraxa yookaan gibira kafale? RABBIIN gibira ni kafalaa?

[8] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Maatewos 8:24) irratti, akkamitti hirribni isa qabee rafuu danda'e? Osoo macaafa Faarfannaa 121:4 irratti, RABBIIN hin rafu jedhuu.

[9] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, (Wangeela Luqaas 23:34) irratti, maaliif akkana jedhe; "Yaa abbaa, waan godhan hin beekani'o cubbuu isaanii isaaniif dhiisi!" jedhe?

[10] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, akkamitti (Wangeela Yohannis 17:3) irratti, Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti jedhee dubbachuu danda'e?

[11] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, akkamitti (Hojii Ergamoota 2:22) irratti, "Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, Waaqayyo harka Yesus nama Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin fudhatamaa isa godhe jedhamee dubbatame?

[12] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, akkami (Wangeela Luqaas 2:21) irratti, Yesus dhalate gaafa guyyaa 8tii ni kittaanate ykn dhagna qabate jechuun gabaafama? Dhugummatti gochi kun RABBIIN ni malaa?

[13] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, akkamitti (Wangeela Yohannis 18:22) irratti, eegdota keessaa tokkon kabalamuun isaa gabaafame? RABBIIN akkamitti namaan kabalama?

[14] – Yesus Kiristos osoo RABBIIN ta'ee, akkamitti (Wangeela Luqaas 11:37-38) irratti nyaata nyaatuf beela'e osoo harka hin dhiqatin nyaate jedha? RABBIIN akkamiiti beela'e nyaata nyaata? Yesus erga nyaata nyaate booda mana fincaanii akka seenu shakkii hin qabu, Waaqayotu mana fincaanii seene jennaaree ?

Hubadhaa!!
Namoonni nuti Kiristaana ofiin jedhu kunniin yeroo gaafilee akkanaa dhiheessaniif “Inni foon uffata biyyaa lafa dhufe, kun amala namummaa isaati” jedhu.

Yaadni Kiristaanootaa kun yaada sobaa fi dogoggoora ta'uu isa Kitaabummaan isaan yeroo yeroon jijjiiran kana keessatti ni hubbana.

𝗙𝗼𝗼𝗻 𝘂𝗳𝗳𝗮𝘁𝗲 jechuun; immoo Uumama lubbuu qabu jechuu dha. Kan foon uffate Uumamtoota malee Uuma (RABBII) miti.
(Seeraa Uumama 6:17) irratti, yemmuu bishaan isaan ittiin badan ykn balleeffaman bara Nohitti ga’e, akkana jechuun Waaqayyoon dubbate;

“Kunoo, ani uumama foon uffate, uumama lubbuu qabu hundumaas bantii waaqaa jalaa balleessuudhaaf bishaan badiisaa lafa irratti nan fida; wanti lafa irra jiraatu hundinuus in dhuma. ”
(Uumama 6:17; 7:15,22)

~ Isa kanarraa waan hubbannu kan foon uffate Uumamadha malee Uumaa miti. Kanaafuu; Yesus Uumamadha malee Uumaa miti. Foon Uffate jechuun immoo Uumama lubbuu qabu jechuu dha.

Barruu tana walii qoodaa keeyrii tana facaasaa. Jzk ❤

Qopheessaan: Ifaa Dhugaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1849
Qabxii Lama Fayyadamtanii Haasawuu Ni Dandeessuu.


Video Kana Dhaggeeffadhaa.

Ustaaz Xaahir Galatoo

🎯 @Rafiiqul_Islaam
28.04.202512:10
Waldaa Apolojistii Islaamaa Wahiid

Waldaan keenya Wahiid Apolojistii  Islaamaa kan jedhamu:- Waldaa  hojiilee hedduu hojjachaa jiru dha.
Fknf
፨ Yaada ijoo Amantii Islaamaa Muslimootaafi warra Muslimoota hin ta'iniif karaa gara garaatiin akka dhaqqabu gochuu,


፨ Leenjii muuxannoo Da'iwaa(دعوة)

፨Warroonni muslima hin ta'in  waa'ee Islaamaa gaaffiiwwan isaan qaban kan itti dhiiheeffataniifi deebii quubsaa ta'e kennuu,

፨Leenjii Amantiilee walbira qabanii ilaaluu kennuu,

፨Sallameewwan haaraa fudhachuun barumsa Islaamaa kennuu,

፨Sallamteewwaan mana isaanii irraa ari'amaniif bakka boqonnaa qopheessee simachuu,

፨ Sallamteewwan mana isaanii irraa ari'aman erga simatee booda fedhii isaanii (Mana, nyaata, tiraanispoortii) isaaniif guutuufi isaan hordofuu,

፨Sallamteewwaniif bakka boqonnaa, bakka amantii isaanii itti barataniifi gamoo hoggansaaf ta'u ijaaruu,

፨ Kitaabban dhaamsa Islaamaa calanqisiisan Barreessuufi maxxansuu.

Warreeen miseensa dhaabbata kanaa ta'uufi yaadaan, humnaan,  maallaqaan gargaaran ni galmeessina. Ulaagaaleen miseensa ta'uu:-
1ffaa Muslima ta'uu
2ffaa Ikhlaasa
3ffaa kutannoo
4ffaa Amanamummaa
5ffaa Muslima kaka'umsa Diiniifi sheenaa (gaabbii) dhiibba humna kufffaaraa qabuufi qabu qofadha.


Warreen sallamteewwan baasii ji'aa dhaabbataadhaan deeggaruu (gargaaruu) barbaaddaniifi obboleewwaan Odeeffannoo dabalataa barbaaddan Admiinota kana jalatti ibsaman telegraama irratti dubbisaa.
1. Abu Nu'aim:- https://t.me/arhmanu
2. Zahraa፦ https://t.me/Zhara_mustefa
3. Husayn፦ https://t.me/Hussu707
4. Hawi፦ https://t.me/hawin922
5. Abdu፦ https://t.me/Abi_Abik
6. Jamutti፦ https://t.me/Jemuti12
7. Ibnu Rashaad፦ https://t.me/IbunReshed
8.Inat፦ https://t.me/enattenat
9. Ismiz፦ https://t.me/Esmitiz_hubi
10. Maryam፦ https://t.me/J_y_A_M
11. Ustaz Aburumaisa፦ https://t.me/aburumaisa037
12. Shushu፦ https://t.me/umusara45
13. Faysal፦ https://t.me/feyselsan
14. Fati፦ https://t.me/Feti_12
15. Mukammil፦ https://t.me/Mukamil_Hussan
16. Asiya፦ https://t.me/Ccccftb3
Appooloojistii Islaamaa wahiid irraa.
04.05.202515:00
#𝑵𝒂𝒃𝒊𝒊_𝑴𝒖𝒉𝒂𝒎𝒎𝒂𝒅ﷺ 𝑬𝒆𝒏𝒚𝒖 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏? - 𝑾𝒂𝒍 𝒉𝒂𝒂 𝒀𝒂𝒂𝒅𝒂𝒄𝒉𝒊𝒊𝒇𝒏𝒖𝒖 𝑫𝒖𝒃𝒃𝒊𝒔𝒕𝒖 𝒎𝒂𝒍𝒆𝒆 𝒉𝒊𝒏 𝒃𝒂𝒉𝒊𝒏،،،،،،🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸

1. 𝑴𝒖𝒉𝒂𝒎𝒎𝒂𝒅
2. 𝑨𝒃𝒅𝒖𝒍𝒍𝒂𝒉
3. 𝑨𝒃𝒅𝒖𝒍 𝑴𝒖𝒙𝒙𝒂𝒍𝒊𝒃
4. 𝑯𝒂𝒂𝒔𝒉𝒊𝒎
5. 𝑨𝒃𝒅𝒖 𝑴𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇
6. 𝑸𝒖𝒔𝒂𝒚
7. 𝑲𝒊𝒍𝒂𝒂𝒍𝒊𝒃
8. 𝑴𝒖𝒓𝒓𝒂𝒂𝒉
9. 𝑲𝒂'𝒂𝒃
10. 𝑳𝒖'𝒂𝒚
11. 𝑮𝒉𝒂𝒍𝒊𝒃
12. 𝑭𝒊𝒉𝒊𝒓
13. 𝑴𝒂𝒂𝒍𝒊𝒌
14. 𝑵𝒂𝒂𝒅𝒊𝒓
15. 𝑲𝒊𝒏𝒂𝒂𝒏
16. 𝑲𝒉𝒖𝒛𝒆𝒚𝒎𝒂𝒂
17. 𝑴𝒖𝒅𝒓𝒊𝒌𝒂𝒂𝒉
18. 𝑰𝒍𝒊𝒚𝒂𝒂𝒔
19. 𝑴𝒖𝒅𝒂𝒓
20. 𝑵𝒊𝒛𝒂𝒂𝒓
21. 𝑴𝒂'𝒂𝒅
22. 𝑨𝒅𝒏𝒂𝒂𝒏
23.  𝒋𝒆𝒄𝒉𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒇𝒖𝒇𝒂...

☆. 𝑯𝒂𝒂𝒕𝒊 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊ﷺ 𝑨𝒎𝒊𝒊𝒏𝒂𝒂 𝒃𝒊𝒏𝒕 𝒘𝒂𝒉𝒉𝒂𝒂𝒃 𝒊𝒃𝒏𝒖 𝒂𝒃𝒅𝒖 𝒎𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇 𝒊𝒃𝒏𝒖 𝒛𝒂𝒉𝒓𝒂𝒉

☆. 𝑯𝒐𝒋𝒊𝒊𝒏 𝒋𝒂𝒍𝒒𝒂𝒃𝒂𝒂 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊ﷺ𝒌𝒂𝒏 𝒅𝒖𝒓𝒂𝒂 𝒕𝒊𝒌𝒔𝒆𝒆 🐪🐐
𝑺𝒂𝒏 𝒃𝒐𝒐𝒅𝒂 𝒏𝒊 𝒅𝒂𝒍𝒅𝒂𝒍𝒖 𝑵𝒂𝒈𝒈𝒂𝒂𝒅𝒆𝒆 𝒕𝒖𝒓𝒂𝒏 𝑫𝒉𝒖𝒎𝒂𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 خاتم الانبياء والمرسلين 𝒆𝒓𝒈𝒂𝒎𝒂𝒂 𝒕𝒖𝒎𝒖𝒓𝒂𝒂 𝒕𝒂'𝒂𝒏 𝑵𝒂𝒃𝒊𝒚𝒚𝒊𝒊 𝒅𝒊𝒊𝒏 𝒊𝒔𝒍𝒂𝒂𝒎 𝒔𝒂𝒚𝒚𝒊𝒅𝒂 𝒅𝒖𝒓𝒂𝒂𝒇𝒊𝒊 𝒌𝒂𝒏 𝒃𝒐𝒐𝒅𝒂𝒂ﷺ

☆. #𝑵𝒂𝒃𝒊𝒊_𝑴𝒖𝒉𝒂𝒎𝒎𝒂𝒅ﷺ 𝒛𝒂𝒎𝒂𝒏𝒂🦣 𝒂𝒓𝒃𝒂𝒂 𝒋𝒆𝒅𝒉𝒂𝒎𝒖 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒅𝒉𝒂𝒍𝒂𝒕𝒂𝒏.  𝑨𝒌𝒌𝒂 𝒍𝒂𝒂𝒌𝒌𝒐𝒐𝒇𝒔𝒂 𝑨𝒘𝒓𝒐𝒐𝒑𝒑𝒂𝒂 𝒃𝒂𝒓𝒂 570 𝒕𝒕𝒊. 𝑩𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊 𝑹𝒂𝒃𝒊'𝒖𝒍 𝒂𝒘𝒘𝒂𝒍 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝒈𝒖𝒚𝒚𝒂𝒂 𝒘𝒊𝒙𝒂𝒕𝒂𝒂 𝒅𝒉𝒂𝒍𝒂𝒕𝒂𝒏. 𝑩𝒂𝒌𝒌𝒊 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏 𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒅𝒉𝒂𝒍𝒂𝒕𝒂𝒏 𝑴𝒂𝒌𝒌𝒂 𝑨𝒍 𝒎𝒖𝒌𝒂𝒓𝒓𝒂𝒎𝒂 𝒂𝒄𝒉𝒖𝒎𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒈𝒖𝒅𝒅𝒂𝒕𝒂𝒏 𝒉𝒂𝒏𝒈𝒂 𝒖𝒎𝒓𝒊𝒊𝒏 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊 53 𝒈𝒂𝒉𝒖𝒕𝒕𝒊

☆. 𝑺𝒂𝒏 𝒃𝒐𝒐𝒅𝒂ﷺ𝒏𝒊 𝒈𝒐𝒅𝒂𝒂𝒂𝒏 𝒉𝒊𝒋𝒓𝒂𝒂 𝒈𝒂𝒓𝒂 𝒎𝒂𝒅𝒊𝒊𝒏𝒂𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒉𝒂𝒏𝒈𝒂 𝒖𝒎𝒓𝒊𝒊 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊 63 𝒋𝒊𝒓𝒂𝒂𝒕𝒂𝒏 𝑴𝒂𝒅𝒊𝒊𝒏𝒂𝒂

💦𝑯𝒂𝒂𝒕𝒊 𝒎𝒂𝒏𝒂𝒂 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊 امهات المؤمنين رضي الله عنهما
1. 𝑲𝒂𝒅𝒊𝒊𝒋𝒂𝒂 𝒃𝒊𝒏𝒕 𝒌𝒖𝒘𝒆𝒆𝒚𝒍𝒊𝒅
2. 𝑺𝒐𝒘𝒅𝒂 𝒃𝒊𝒏𝒕 𝒛𝒂𝒎'𝒂𝒂
3. 𝑨𝒂𝒚𝒊𝒔𝒉𝒂𝒂 𝒃𝒊𝒏𝒕 𝑨𝒃𝒖𝒖 𝒃𝒂𝒌𝒓𝒊𝒊
4. 𝑯𝒂𝒇𝒔𝒂𝒂 𝒃𝒊𝒏𝒕 𝒖𝒎𝒂𝒓 𝒊𝒃𝒏𝒖 𝒌𝒉𝒂𝒙𝒙𝒂𝒂𝒃
5. 𝑼𝒎𝒎𝒖 𝒔𝒂𝒍𝒎𝒂𝒂
6. 𝑱𝒖𝒘𝒆𝒓𝒊𝒚𝒂 𝒃𝒊𝒏𝒕 𝒉𝒂𝒂𝒓𝒊𝒔
7. 𝑼𝒎𝒎𝒖 𝒉𝒂𝒃𝒊𝒊𝒃𝒂𝒂
8. 𝒁𝒆𝒚𝒏𝒂𝒃 𝒃𝒊𝒏𝒕 𝒋𝒂𝒉𝒔𝒉𝒊𝒊
9. 𝑺𝒂𝒇𝒚𝒂 𝒃𝒊𝒏𝒕 𝒉𝒚𝒂𝒂
10. 𝒁𝒆𝒚𝒏𝒂𝒃 𝒃𝒊𝒏𝒕 𝑲𝒖𝒛𝒆𝒆𝒚𝒎𝒂𝒂
11. 𝑴𝒆𝒚𝒎𝒖𝒖𝒏𝒂𝒂 𝒃𝒊𝒏𝒕 𝒉𝒂𝒂𝒓𝒊𝒔
12. 𝑴𝒂𝒂𝒓𝒊𝒚𝒂 𝒂𝒍 𝒒𝒂𝒃𝒙𝒊𝒚𝒚𝒊𝒊

     💦𝑰𝒍𝒎𝒂𝒂𝒏 𝒊𝒔𝒂𝒂  𝒌𝒂𝒏 𝒅𝒉𝒊𝒊𝒓𝒂𝒂 الابناء الذكور
1. 𝑸𝒂𝒂𝒔𝒊𝒎
2. 𝑨𝒃𝒅𝒂𝒍𝒍𝒂𝒉
3. 𝑰𝒃𝒓𝒂𝒂𝒉𝒊𝒎

              💦𝑲𝒂𝒏 𝒅𝒖𝒃𝒂𝒓𝒂𝒂💦

1. 𝒁𝒆𝒚𝒏𝒂𝒃𝒂
2. 𝑹𝒖𝒒𝒊𝒚𝒚𝒂𝒂
3. 𝑼𝒎𝒎𝒖 𝒌𝒖𝒍𝒔𝒖𝒎
4. 𝑭𝒂𝒂𝒙𝒊𝒎𝒂𝒂

☆. 𝑮𝒖𝒚𝒚𝒂𝒂𝒏 𝒅𝒖'𝒂 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊𝒕𝒊𝒔 𝒂𝒌𝒌𝒖𝒎𝒂 𝒅𝒉𝒂𝒍𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊 𝑹𝒂𝒃𝒊𝒊'𝒖𝒍 𝒂𝒘𝒘𝒂𝒍 12 𝒉𝒊𝒋𝒓𝒂𝒂 11𝒕𝒂'𝒆

☆.𝑺𝒆𝒆𝒏𝒂𝒂 𝑵𝒂𝒃𝒊𝒚𝒚𝒊𝒊 𝒌𝒆𝒆 𝒔𝒉𝒂𝒓𝒆 𝒈𝒐𝒅𝒉𝒂𝒂 𝒔𝒂𝒍𝒂𝒘𝒂𝒂𝒕𝒂 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒃𝒖𝒖𝒔𝒂𝒂ﷺ
       
        🥰🥰  𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂 𝒃𝒂𝒓𝒂𝒅𝒉𝒖 🥰🥰

☆.#𝑽𝒊𝒅𝒆𝒐_𝑺𝒆𝒆𝒏𝒂𝒂_𝑵𝒂𝒃𝒊_𝑴𝒖𝒉𝒂𝒎𝒎𝒂𝒅 𝒅𝒉𝒂𝒈𝒈𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖 𝑵𝒂𝒎𝒏𝒊 𝒃𝒂𝒓𝒃𝒃𝒂𝒂𝒅𝒂𝒏 𝑳𝒊𝒏𝒌 𝒌𝒂𝒏  𝒋𝒐𝒊𝒏 𝒈𝒐𝒄𝒉𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂 𝑺𝒆𝒆𝒏𝒂𝒂 𝒅𝒉𝒂𝒈𝒈𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒄𝒉𝒂 𝒃𝒂𝒓𝒂𝒌𝒂𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉𝒖𝒇𝒊𝒌𝒖𝒎

👇👇👇👇
https://t.me/Caayaadiinaalislaam
02.05.202520:32
𝐀𝐬𝐬𝐚𝐥𝐚𝐚𝐦𝐮 𝐀𝐥𝐚𝐲𝐢𝐤𝐮𝐦 𝐖𝐨𝐫𝐚𝐡𝐦𝐚𝐭𝐮𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡𝐢 𝐖𝐨𝐛𝐚𝐫𝐚𝐤𝐚𝐚𝐭𝐮𝐡𝐮𝐮

Group Kana Join Gochuudhaan Hiriyoota Keessan Add Nuuf Godhaa Jzk. 🥰🥰🥰

https://t.me/+Q71DwpWQs9k4Yjk0
01.05.202504:46
“Kunoo, inni Israa'elin eegu, matumaa hin mugu, hin rafus.”
— Far. 121:4

مزامير 121 : 4

لاَ يَنْعَسُ وَلاَ يَنَامُ حَافِظُ إِسْرَائِيلَ.


Waaqayyo Inni Israa'iliin Eegu Rafee Hafee❓😁😁😁

Yaa Rabbi Irraa Hin Dhaamsinii Akka Addunyaa Guutuu Qalbii Cabsite Ummata San Cabsii Nu Garsiisii

@Rafiiqul_Islaam
Ittiin Seeqadhaa 😁😁

Seequun Sunnaa Waan Ta'eef

🎯 @Rafiiqul_Islaam
Oduu Haaraa 😁😁😁

Hafuurri Korbeessa Reettii Maalii❓😆😆😆

Diraamaa Pheenxee Haaraa 😄😄😄

🎯 @Rafiiqul_Islaam
28.04.202510:56
Imala Da'iwaa #Marsaa_4ffaa wolii galaatti #guyyaa_shanii Godina Booranaa fi Daasinechi keessatti geggeeffame irraatti namni #3507_ol Islaamummaa fudhatan.

Marsaa 4ffaa guyyaa #1ffaa_212, #2ffaa_557, #3ffaa_142, guyyaa #4ffaa_96, guyyaa #5ffaa_2500 ol Wolumaa galatti Godina Booranaa fi Daasinechi keessatti #namni_3507 ol Islaamummaa fudhatanii jiruu. Alhamdulillah

Namni Miseensa dhaabbataa Yoona-Yaanaa ta'uun ergaa Rabbiitii fi ergamaa isaa Addunyaan gahuu barbaaddan (#miseensummaan #irra_xinnaan waan woggaa #birrii_365 irraa eegaluun) hirmaachuu dandeessu. 👇
Laakkofsa akkaawontii:-
Baankii Hijraa
1008113240001
Baankii Raammis
1010000061101
Baankii Daldalaa
1000668868723
#Yona_Yana Unity Development charity Organization.
Odeefannoo dabalataatiif laakkofsa bilbilaa:-
0913514314
0977717071

Cufa nama yaada kana dubbisee sagalee tana #dhageeffatee akkasuma saahiba isaatiif #sheer_taasisee Rabbiin qubsuma isaa Firdoosiin haa taasisuu.

Liinkii garee Telegram Yoona-Yaanaa 👇👇👇
https://t.me/+Qz_FvuM7ZOdmOTVk
显示 1 - 24 536
登录以解锁更多功能。