Amaloota hiriyaa sobaa 10!
***
1 Yeroo waa sirraa barbaadan qofa sitti haasawu,gaafa ati barbaaddu hin argaman gaafa ofiif si barbaadu malee!
2. Gaarummaa kee akka gowwummatti ilaalanii sitti fayyadamuu barbaadu,gaafa waan barbaadan sirraa dhaban, siin oodu,si cufu,amala sitti jijjiiratu!
3. Milkaa'ina keetitti hin gammadan,akka ati isaan dursitee milkooftu hin fedhan, ykn milkaa'ina isaanii sitti odeessanii akka sitti dhaga'amu godhan
4.Yeroo hunda gad si qabu, bifa keetiin,amala kee qeequ,filannoo kee akka jibbitu si godhu,walumaa galatti akka gad aantummaan sitti dhagahamtu si godhu
Isaan malee ati akka faayidaa hin qabne akka sitti fakkaatu si godha!
5.Yeroo siif hin kennan, sin dhageeffatan,rakkoo isaanii akka dhageeffattu barbaadu,yeroo hunda Negative dha! Of jaalatu, amala isaanii hin beektu,ni jijjiiramu ,yeroo hunda sababa baayyisu,gaafa ati barbaaddu!
Icitii kee sirraa baasanii tan isaanii immoo siif hin himan.
6. Si to'atuu barbaadu, waan uffachuu qabduu,nyaachuu qabduu, eenyuu waliin akka dubbachuu fi deemuu hin qabne sitti himu,yoo nama tokko jibban atis akka isaanitti nama san akka jibbitu barbaadan!
7.Akka ofiif fedhanitti si jijjiiruu barbaadu, fedhinnaa kee fi wanta jaalattu akka jibbitee kan isaan jaalatan san jalqabdu si godhan!
Karaa gaarii fi wanta si fayyadu akka hordoftu hin godhan,kararraa si maqsu!
8.Jibbaa fi oduu sobaa facaasu waa'ee nama biraa..
Kana jechuun sirrattis akkanuma duuba kee deemanii haasawuu jechuudha!
Isa ati iccitiidhaan itti himte,si duuba deebi'anii odeessu!!
Dafanii sitti mufatu, dafanii sitti hin araaraman!
9.Yeroo hunda sin dorgomu,yoo ati wanta haarawa takka goote isaaniis ni godhu, yoo sin dorgomuu hin dandeenye wanta san akka jibbitu si godhu!
10.Siif waa baayyee akka ta'an,tola akka oolan sitti himu ykn si duuba odeessu!
🧭➪ @SAFFISA_JIREENYAA🧭