Yoo namaaf daangaa darbitee hedduu dhiphatte, yoo yaada namni alaa sii kennurra dhaabbattee murtii fudhatte,yoo jiruu tee nama biraa wajji waldirgomsiistee jiraachuu jalqabdeefi yoo namni hundi natti duulaa jira jettee ufitti murteessitee nama shakkuu jalqabde,bakki ati irraa kaatee geettu tokkollee hinjiruu gadi dhaabbadhu.
Eeee
Namni hundi dhimma ufiitiif raatahaa jiraa beeki, namni hundi dhimma ufiitiif si barbaadaa hubadhu namni hundi uf dursa malee si quba hinqabuu gadi taa'i.
ila.
Bilbila waggaa tokkoof sii bilbilame keessaa,nama meeqatu hujii sii arge jedhee sitti bilbile laali,nama meeqatu qarshii sii kenna jedhee sitti bilbile argi, nama meeqatu bilbilaan du'aa'ii sii godhe taajjabi, nama meeqatu karaa irra hinjirtuu taa'i jedhee si gorse xiinxalli,nama meeqatu hamiifi komii namaa sirraa dhoorge mee taajjabi,meeqatu manatti sitti dhufee si gorfate laali,nama meeqatu gurra kee sii tikse daawwadhu,nama namooma qabu qubaan lakkooftee argattaa,ka gorsaafi qorsa sii tahu xinnoodhaa cal jedhii hujii keetitti lixii kurraaza namaa dhiisii ol bahii aduu ufiifi namaafis iftu tahi.
Yaaaa
Namni jiruu kee sii jiraatu tokkollee hinjiruu beeki, waan ati irra jirturratti yaadni kennama malee,ufii yaada gaariifi hujii gaarii burqisiisee kan itti si affeeru hinjiruu dhiisi,ufumaa uf affeeltee nyaata ormaa tahuu irraa uf qusadhu.
Obbolaa
Namni gariin,kanuma namni dhalachuu isaatuu hin beeknetu namni maal naan jedha jedhee murtii sirrii hin taane fudhatee fiigaa taajjabi,gabaa isa bittu tokkollee osoo hin qabaatin,ufumaa gabaa uf taasisaa oolaa xiinxalli,dubbii qofaan akka waan hujiin dhiphateetti uf cinqee yeroon itti dhiphataa oolaa hubadhu.
Jaaloo
Ka bakka kee bu'u'ka akka kee tahu heddutu jiraa. ana malee lafti dukkana jechuu dhiisii,ifaa jireenyaa mataa keetiitiif duungoo naannoo kee sii ibsu qabsiifadhu.
Hey
Baatiin Ramadaanaa dhuftu tuni,kan karoora kee itti bocattu,kan kaayyoo kee itti murteeffattu,kan galma bira gahuuf deemtu itti murteeffattu,kan ijjannoo kee waggaa murtii irra geettu akka siif taatu torbee kana keessa itti qophaawii eeggadhu
Yooooo
Waggaa dhufu,barnootni kee,qabeenyi kee,jaalalli kee,ilmaan kee,maatiin keetiifi hubannaafi bilchini kee dhibbantaa hangamiin akka guddachuu qaban murteessi,murtii qofa osoo hin taane,humnaafi ga'uumsa kee wajji sakatta'ii hujitti galuu yaali.
Santu Seera!
Baatii Ramadaanaa ta Barakaa qabdu Rabbi nuu haa taasisu.
Ustaz Sufian Ousman ✍️
Join 👇
@MALKAA_MILKIII