Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
𝐑𝐈𝐈𝐇𝐔𝐋 𝐌𝐈𝐒𝐊𝐈 avatar
𝐑𝐈𝐈𝐇𝐔𝐋 𝐌𝐈𝐒𝐊𝐈
𝐑𝐈𝐈𝐇𝐔𝐋 𝐌𝐈𝐒𝐊𝐈 avatar
𝐑𝐈𝐈𝐇𝐔𝐋 𝐌𝐈𝐒𝐊𝐈
من ذاقها يجد حلاوتها....
▫️لاسيما في هذا الزمان الذي كثر فيه الغش والخيانة بين الناس.....حيث أصبح كثير من الإنسان محبته وقربه لغرض الدنيا فقط ، إذا وجد منك هو الخليل وصاحب الوحيد الذي لا تراه مثله وإذا فقد منك يكون عليك عدوا لدودا ....اللهم وفقنا خليلا صالحا ومصلحا... ........!!!!!
05.05.202511:12
بسم الله الرحمن الرحيم

السلام عليكم ورحمة الله وبركاته💫

6/11/1446Hijraa.

MATADUREEN FIQAHALMUYASSAR kutaa1 hanga 3 keessa waan jiru gabaabsamee...👌

👉fiqhii jechuun maali?
▫️fiqhii jechuun wantoota namni qalbii isaatti hidhatuudha... Akkasuma ragaalee qur'aanaafi hadiisa keessatti kaa'ame ahkaama murtii isaa beekuudha..

👉fiqhii akka lugaatti waa fahamuudha/ hubachuudha

👉Akka shari'aatti...Ahkaama shari'aadhaa wantoota namni qaamaan dalagan murtii isaa beekuudha..


👉kitaaba kana warroonni qopheessan filatamtoota ulamaa'ota gurguddoo ta'an isaannan ilmii hedduu qaban NUk BATUN MINAL ULAMA'A WARROOTA JEDHAMANIIDHA..

🌟fiqhii kana rabbiin faarsee jira....
▫️rabbiin warroota ilmiidhaan waa dalagan faarsee jira.

👉Ilmiin tuni tan nama hundarrati dirqama taatutu jira kan namni hundi isii beekuu qabu...

isiin suni....
👉Jalqabarratti Towhiida beekuu,Tokkochummaa rabbii keennaa beekuun namarratti dirqama ta'a
👉itti aansinee waa'ee salaataa ,soomaa,Hajjii,Zakaa ahkaama isaa wajjiin beekuun nama hundarratti dirqama ta'a

👉wantoota arkaana shanan ta'an beekuun..
👉Akkasuma arkaana jahan jiru kan waa'ee iimaanaa irratti dubbatamee jiru qalbii namaa keessatti namni beekuun dirqama ta'a

↪️Ilmiin guddoon rabbiin irratti xiyyeefatee qur'aana keessatti irraa dubbate..
↪️Ilmii towhiidaatii fi
↪️wantoota Ahkaamaati

👉KITAABUXXAHAARAA.....

↪️kitaabni kuni kitaaba waa'ee xahaaraadhaa uf jalatti hammatee jiruudha...

🌟Xahaaraan akka lugaatti qulqullaa'uudha.. akkasuma uf qulqulleessuudha namni tokko wanta fokkataa irraa.
🌟Akka isxilaahaatti/ akka warra fuqhaa'aatti
رفع الحدث ،وزوال الخبث

↪️Raf'ul hadas jechuun wanta dhoowwaa ta'e salaatarraa bishaan fayyadamuudhaan deemsisuudha.

↪️wazawaalul kabas jechuun Najisa deemsisuudhan wantoota sadan kanarraa
👉qaamarraa
👉uffatarraa
👉iddoo itti salaatan irraa

↪️Najisa wanta sadan kana irraa deemsisuun zawaalul kabas jedha.

▫️Ammas xahaaraan bantuu salaataati..
waan namni salaata ufii ittiin banatuudha.

↪️Irra jabaan shuruuxa salaata keessaa xahaaraadha.

👉Xahaaraan bakka lamatti qoodama.
▫️Xahaaraa ma'anawiyyaa fi
▫️Xahaaraa hissiyyaadha

↪️Xahaaraan ma'anawiyyaan xahaaraa qalbiiti... Qulqullinna argamu wantoota akka shirkii fi ma'asiyaa irraa

↪️xahaaraa hissiyyaan bakka lamatti qoodama
isaanis...
👉xahaaraa hadasaa fi
👉xahaaraa kabasaa jedhama

↪️xahaaraan hadasaa....isa qaama namaa irratti hallanyaa'uudha
fkn akka janaabaan namarraa argamuu fa'a..

↪️xahaaraan kabasaa najisa wanta biraa irraa qaama akkasuma uffata,bakka itti salaatan tuqe bakka najisni xuqe san irraa deemsisuudha.

🌟Hadasni bakka lamatti qoodama
👉Hadasul akbar
👉hadasul asgar jedhama

⪪️hadasul akbar waan qaama diqachuu dirqama namarratti godhuudha.
fkn..akka
▫️janaabaa
▫️heeydii
▫️nifaasii fa'aa

↪️Hadasul asgar jechuun kan yoo inni namarraa argame wudu'a namarratti dirqama godhuudha
fkn... akka
👉fincaan namarraa argamuu
👉sagaraa fi
👉hafuurri namarraa bahuu fa'a

↪️kabasni bakka sadi'tti( 3) qoodama.
1. kabasa dhiquudhaan namarraa deemutu jira...
fkn..mucaa dhiiraa daa'imaa kan nyaata hin gahinii...akkasuma najisa saree fa'a.

2.kabasa bishaan itti dhangalasuun namarraa deemutu jira..
fkn.. mucaa dhiiraa nyaata hin gahin yoo nama irratti fincaa'e bishaan qofa itti dhangalaasuudhaan xahaaraan suni argama.

3.kabasa haquun dirqama ta'utu jira...
fkn kophee kee jala qazarri/ wanti fokkataan yoo tuqee jiraate lafarra haayxa biyyeedhaan💫


MADDI BEEKUMSA KANAA GAREE SEENAAFI SEERA DUBARTOOTA ISLAAMAA IRRAAYI

QOPHEESSITUUN BARATTUU SAMIIRAA SA'ID HUSEEN GAREE SUMAYYAA IRRAA✨


https://t.me/RIIHIULMISK
21.04.202505:25
BISMILLAAHI RRAHMAANI RRAAHIM

👉GAAFI FI DEEBII JAMA'AA GAREE SEENA FI SEERA DUBBARTOOTA ISLAAMA
GAREE SAFIYYA QOFAF👌
🤏Barnoota umdatul ahkaam irra
Guyya 22/10/1446 Hijraa

👉Daqiiqan kenname 40

🤏Gaafilee armaan gadii haala gaafatamteen deebis .


1.Maqaan Sheeka kitaaba umdatul ahkaam nuuf barressani eenyudha ? Maqaa isaani guutu hanga abooti sadihitti barressi?eessatti dhalatan, Bara Kam dhalatan, Bara Kam gara Ganda aakira deemani, akkasumas wagga meeqa kan duniya tanarra turani? Tartiiba gaafatamten deebisi?

2.Hiikni UMDATUL AHKAAM jedhu maalidha?
3.Kitaabni umdatul ahkaam waahee maali irra nuuf dubbata ?
4.Wantoonni ittin ragaa godhatan AKKA IJOOTTI meeqa ? Isaanani sanis barressi ?
5.Sunnan hiika heddu qaba. Isa nuuf dubbatame (hiikame) saniin akka nuuf hikkame sanitti barressi ?
6.Sheekni kitaaba kana nuuf barressani hadiisa sahiiha kan tahe ___fi__keessa kan fudhatanidha.
7.Sheekni kitaaba kana nuuf barressani kitaaboota hanga meeqati kan isaan nuuf maxxansani ? Isaan kessa kan nuuf dubbatame barressi?
8.Seena worroota as dura seena hojjatni darban , seena ulama'oota baruun fayidalee inni qabu kessa sadihi barressi ?
9.Sheekni kitaaba kana nuuf barressani jalqaba eenyun irra baratan ?
10.Namni tokko hadiisa haffazeera kan jennuni nama hadiisa meeqa haffazeedha ?




Qophessitu:Bar.GSSDIGS. Zamzam jaruu


https://t.me/RIIHIULMISK
يقول الله عز وجل:(ولا تمش في الأرض مرحا إنك لن تخرق الأرض ولن تبلغ الجبال طولا)..
من كانت معاشرتهم معهم ينجح.......
05.05.202502:42
Bismillaahirrahmaanirraahiim

Seenaa duula badri Gabaabbinnaan


✍️Gaafa guyyaa 17/9 Hijra 2ffaa irraa ji’a ramadaanaa keessa guyyaa alhadaa(dilbataa) seenaan ajaibaa takka dalagamte turte isiinis lola badriiti.
➡️Guyyaa rabbiin haqaaf dhara gargar baase muslimootaaf tumse yowmal furqaan jedhee rabbiin quraana keessatti ka dubbate
*وماأنزلنا على عبدنا يوم الفرقان يوم التقى الجمعان والله عل كل شي قدير *
👉Guyyaan kun guyyaa gazwaa badriiti .

➡️Sababaan gazawaa badrii argameef

👉Qureeyshonni rasuula rabbii sallallaahu aleyhi wasallam akkasuma sahaabaallee rakkisaa turan . Haga sahaabaan biyyarraa baqatanii gariin biyya habashatti imalan gariin madiinatti imalan akkasitti azaa godhaa turan.

👉ergasii Rasuula rabbii sallallahu aleyhi wasallam makkarraa baasan ergasii madiinaa qubatan rasuulli rabbii sallallaahu aleyhi wasallam.hanga isaan achi qubatanillee irraa hin hafne
👉qabeenya makkaan keesa jiru hundaa jalaa saaman
Dubbiin tun rasuula bira geette kana malees ,Abi sufiyaan ganda makkaa keessaa baheetinin gara biyya shaamitti imalee jira daldaltoota hedduu waliin mallaqa qabatee qabeenya fuudhee meeshaa bitee gara makkaa deebi’aa jraa oduun tun rasuula rabbii bira geette sallallaahu aleyhi wasallam

⏹️Wayta kana rasuulii rabbii sallalahu aleyhi wasallam karaarratti dhaqqabnee waan isaan nu saaman irraa fudhanna jedhanii sahaabaa qabatanii madiinaa irraa gara badrii ka deemaniif sababa kanaaf ture.
✍️muslimoota nama 313
✍️farda lama qofa qaban sun is👉kan zubeyri ibn Awwaamiifi 👉🏼Miqdaad ibn Alaswad.
✍️Gaala 70 qofa qaban tokkicha nama lamaa sadihiin taraa yaabbatan

👉mushrikoonni ammoo nama 1300 farda 600 gaala hedduu qaban wanni isaan makkaa bahaniif lola godhanii injifachuuf qophii gahaa qaban yeroo isaan makkaa bahanii karaa seenan Abu sufiyaan kan meeshaa shaamii gara makkaa geessu isa waan tureef meeshaan teenna nagaha baatee deebiaa jedhee ergaa dabarse garuu qureeyshota kan hogganu Abi jahli waan taef ni dide

👉🏼Abu jahli badr dheeynee qallee,farshoo dhuuynee,dubartoota ofirratti sirbisiisnee ummata san dhabamsiifnuttI hin deebinu jabeenya keenya Araba hunda biratti mirkaneessina jedhee waraana saniin badri dhufe…..

👉 Rasuulli rabbii sallallaahu aleyhi wasallam kan bahaniif lolaafii miti daldaltootarra qabeenya isaanii fuudhuufi Qureeyshonni isiniin loluuf dhufaa jirtii dhageennaan yeroo kana ergaman rabbii sallallaahu aleyhi wasallam sahaabota isaanii mariisisan …kan akka miqdaad,umar ibn kahaxxaab’Abii bakr siddiiq yaada bareedaa kennaniif;sa’aadis waan ati nu ajajjetti nama duubatti deebiuu miti jedheen,ergasii gammadanii gara badritti qajeelan.

➡️ergasii bakka badri jedhamtu tana qubatanii,sahaabota 313Kana saffiittii deebisuu eegalan rasuulli rabbii SAW
✍️Rasuulli rabbi sallallaahu aleyhi wasallam guyyaa san akkaan rabbi kadhatan rabbiin irraa qeebalee nama muraasa saniin isaanii tumse
✍️إذ يوحي ربك إلى الملائكه أني معكم فثبتو الذين آمنوا…….
✍️Rabbiin akka malaaikoonni isaanif tumsan ergeef
👉Rasuulli sallallaahu aleyhi wasallam Hanga isaan isin marsanii isintti dhufanitti seyfii teessan hin baasinaa jedhaniin
✍️Yeroo kana wahyiin isaanitti buee
*سيهزم الجمع ويولون الدبر *jechaa gadi bahan
Cabdee jirti bittinnaa’anii jiran infatamanii jiran jehaa sahaabaa gammachiisaa gadi bahan rasuulli sallallaahu aleyhi wasallam

👉ergasii lolaa jedhaniin rasuulli sallallaahu aleyhi wasallam isa lubbuun tiyya harkaisaa jirtutti kakaddhee Hardha namni obsee rabbirratti herregatee osoo hin dheessin lole rabbin jannata isaa kennu malee hin hafu jedhan . Yeroo kana sahaabtichi #umeyri ibn himaam jedhamu haala ka timira nyaatu taeen ol ka’ee dhaabbate jannata ballinni isii qurana kessatti rabbin dubbate jannata san baantanii jedheen,eeti jedhaniin rasuulli sallallaahu aleyhi wasallam Ashu Ashu jedhen jiddu kiyyaf jidduu jannataa jarri kun na ajjeesuudhaa jedheen yaa rasuula rabbii sallallaahu aleyhi wasallam jedhee timira facaasee lolatti seene Ajjeesee Ajjeefame shahiide.
من بدء بها ينجح.....
20.04.202510:32
💥متى أقحطت العين من البكاء من خشية الله تعالى

فاعلم أن قحطها من قسوة القلب

وأبعد القلوب من الله القلب القاسي

بدائع الفوائد 3\224



اللهم سلمنا من قسوة القلب......
اللهم اجعلنا منهم.....
06.05.202503:20
بسم الله الرحمان الرحيم
الصلات والسلام على نبينا وحبيبنا وقرة اعيننا واشرف خلق الله محمد ابن عبد الله صل الله عليه وسلم وعلى آله وصحبه اجمعين اما بعد : السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
👉SEENAA QUR'AANAA
Bismillaah seenaan qur'aanaa seenaa dubbatamee ibsame bira gahamuu mitii hin yaadanne akka hinjedhamneef muraasa walyaadachiisumaaf inshaa allaah....

👉Qur'aanni kalaama Allaahiiti
منه بدء واليه يعود
👉Minhu bada'a: Haasaa/Jechaa Allaahiiti jechuudha
👉Wailayhi ya'uudu
Bara boodaa mus-haafarraa haqamee gama Allaahii deebia jedhan nama keessaallee haqame gama rabbii deebia jedhan

👉Wailayhi ya'uudu kan jedhu hiiknisaa 2ffaan Kan isa dubbate Allaahiidha jibriilillee muhammadillee s.a.w makluuqa biroollee mitii Jechuun gama Allaahii qofa deebifamaa jedhan...
كتاب أنزلناه إليك لتخرج الناس من الظلمات إلى النور
👉Buaan nuti quraana buufneef yaa muhammad s.a.w Akkati dukkana shahwaa shubahaata adda addaarraa Ummata baaftuufi jedhe.

👉Qur'aanni Nuura
👉Hudaadhaa qajeelluma haqaati warroota rabbiin sodaataniif miaasaa hiikasaa jechasaallee kan hubate isaan rabbiin sodaatani waan ta'eef

إنا انزلناه في ليلةالقدر
👉Halkan sharafa qabdu keessa buufne quraana kana jedha Allaahiin

إنا نحن نزلن الذكر وانا له لحافظون
👉Nu biraa bue nutu tiksalleen jedha Allaahiin eenyuttu eegumsasaa hinkennine

تنزيل من رب العالمين
👉 Qur'aanni kun rabbii Aalamaarraa kan buufamedhaa Aalamaaf...

والتقوا يوما ترجعون فيه الى الله
👉Aayata kanaan Allaahiin Nabi Muhammadiif s.a.w xumuree jedhan
Jibriil dhaggeeffatee nabi muhammadiin s.a.w ga'e,

Nabi Muhammadis s.a.w jibriilirraa dhaggeeffatanii sagaleen qomatti Allaahiin qabeefii haala kanaan ummataan gahan gaara hiraaitti kan itti buutedha,

waggoota 23f kan itti buusedha Allaahiin
Mu'ujizaa Guddaafi kabajamaa kan hin jijjiiramne Allaahiin Nab Muhammadiif s.a .w Nama kabajamaaf kennedha...

👉Qur'aana kana namoota 4rirraa Baradhaa Jedhan Rasuulli s.a.w
1,🌼Abdallaah ibnu Mas'uud
2,🌼Mu'aaz ibnu jabal
3🌼,Saalim ibnu Abi huzaafaa
4,🌼Ubayyi ibnu ka'ab

👉Qur'aana kan yeroo jalqabaatiif barreesse bakka tokkotti walitti qabee Abuubakrii fi Umar Ajajnaan "Zayid ibnu Saabit,Radiyallaahu Anhum,"
Eegas Abaabakrii bira osoo taa'uu Akiraa deemnaan Umariin bira taa'e erga umaris aakiraa deemee "Hafsaa" binti Umar bira taa'aa ture,Haadha manaa Ergamaadhaati Sallallahu Aleeyhi Wossallam,

👉Bara Kaliifaa Usmaan biyyoonni garaa garaa waan banameef quraana barachuuttis waan haajomaniif
🌼Huzeyfatal yamaan itti dhufee usmaanitti
Shaamiin loluuf deema iraaqi waliin
Hogga jara argu huzeyfaan qiraati jaraa
Isa jarri irratti waldhaban
Achirraa deebi'ee Usmaaniin ummanni kun osoo quraana kana keessatti wal hin dhabin ummata kana qaqqabi oso akka Yahuudaa fi nasaaraatti kitaaba isaanii keessattti walhindhabin jedheen Huzeyfaan Usmaaniin Radiyallaahu Anhu,
🌼Hafsaa bint umariin quraanicha naf ergi irraa baayyiseen sif deebisaa jedheenii jarreen kun akka barreessan ajaje Usmaan Ibnu Affaan 🌼zayd ibnu saabitin
🌼Abdallaah ibnu zuber
🌼Said ibnul Aas
🌼Abdurrahmaan ibnu haaris
Jara 4ran kanatu quraana baayyise barreesse
Yo zayd ibnu saabitin oso barreessitanu barreeffama kessatti gargar baatan

Dubbii qurayshiirratti barreessaa jedheen "lugaa" jaraatiin sila bueef Kanaaf quraanni
👉RASMII USMAAN jedhamee beekama akkanatti waan hajajeef
Akkanatti barrressan ergasii isa duraa hafsaatti deebise Usmaan Radiyallaahu Anhu,

Ergasii biyyoota garagaraatti erge achiin
Sahaabonni barsiisuu jalqaban taabioota....

👉qiraa''aa Ashraa fi saba'a jedhamuun kan beekaman...

1👉Naafial madani qira'a jechuun beekama madiinaa keessatti argama darasaansaas
1🌼Qaaluun
2🌼Warshi Riwaaya jechun beekamu,Darasaan isaanii lameen....
2👉Ibnu kasiiral makki Jedhamun bekamu biyya makkaatti argamu
05.05.202502:42
➡️lolli Ooee sahaabaan gara injifannootti dhufan#bilaal ibn rabaahis isa isa rakkisaa ture #umayyaa inbi khlaf farda isarra gadi darbee ajjeese.Sahaabaan lamaa #muaaz ibn muawwiz fi#muaaz ibn amribn jamuuh gara #Abuujahlitti fiiganii fardarra lafa dhooysisanii rukutan #Abiijahliin oso ruuhiin keessaa hin bahin fiiganii gararasuulaa dhufan ajjeefne jedhaniin. Rasuulli sallallaahu aleyhi wasallam seyfii isaanii laalanii isin lachiinuu ajeeftan jedhaniin .
Rasuulli sallallaahu aleyhi wasallam eentu dhaqee naa laala jennaan #Abdallah ibnu masuud Ana jedheen dhaqee hardha waan barbaaddu argatteemii jedheen wa xiqqeeni naafhin jirtu namticha gosti isaa isa ajjefte jedhee dhaadata Abdalah morma isaa seyfiin irraa darbee lafarra harkisaa rasuulatti fide mataa isaa lafatti laalanii firoowna ummata kanaa jedhan rasuulli sallallaahu aleyhi wasallam

✍️lakkoofsi muslimootaa xiqqoo ture garuu rabbiin malaaikoota isaatiin jaraaf tumse injifannoon galan Alhamdulillaah
✍️mushrikoonni kan ajjeefaman namoota……..70
✍️kan boojiaman namoota……..70
🌸muslimtootarraa namoota …….14 shahiide
✍️namoonni ….6muhaajira
✍️namoonni……8 ansaaraa
Xumura ittatti rasuulli sallallaahu aleyhi wasallam #zeyd ibn haarisi fi #Abdallah ibn rawaah gara madiinaa erganii gammachiisaa rabbiin nuu tmsee jiraa jedhaniin

➡️Abaa jahliin makka dheyne farshoo dhuuyna ka jedhe rabbiin dhiiga isaan obaase dubartoonni nurratti haa sirban ka jedhe boohinsi jararratti argame
👉rasuulli sallallaahu aleyhi wasallam guyyaa3 turanii gara madiinaa tti injifannoon galan.

✍🏻Qopheessituun hanaan Abdurrahman
Garee Khadijah irraa

➡️JAMA'AA SEENAA FI SEERA DUBARTOOTA ISLAAMAA▫️


https://t.me/RIIHIULMISK
كلمة حق من قالها خالصا من قلبه وعمل بمقتضاها .......يفوز بالجنة......اللهم وفقنا......
💥ولكن أكثر الناس لا يعلمون.........



💥Qalbiin Yeroo Bayyee Obsaan Dandeettee Bira Dabartu,Yoo Jijjiiramte Eddoo Isiitti Akka Duraatti Tasuma Hin Deebitu....Jedhama💥


👉🏼Fayyaanis Dura Yoo Bakkaa Deemte,Yaala Booda Bakkatti Deebisuun,Akka Duraatti Deebi'uun Dhibaa Tahuus Asiin Hubanna✍️
يستفيد منها العقلاء......
06.05.202503:20
Taabiarraa kan ta'anidha Darasonnisaaniis
1🌼 Bazzii
2🌼Qumbul jechun bekamu
3👉 Abu amri ibnu alaa'i Albasrii kan biyya basraa, jedhamun bekama Darasoonnisaas
1🌼Duurii
2🌼Suusii
4👉Abdallaah Ibnu aamiral Shaamii...
Darasoonnisaa
1🌼Hishaam
2🌼 Ibnu zakwaan

5👉Aasim ibnu abi annajuud alkuufii jedhamuun beekama
Darasoonnisaa
1🌼Shu'ubaa
2🌼 Hafsiidha
6👉Hamzata ibnu habib azzayyaatal kuufii
Kan isarra qara'an
1🌼Kalaf
2🌼Kallaad
7👉Alkisaa'ii Alkuufii kan jedhamudhaan beekaman darasoonnisaa
1🌼Abul haariis
2🌼Hafsata Adduurii
👉🌼Kanneen qiraa 'aa sabaa jedhamun bekamanudha,isaan kun kan dabrsine,Raawii wojjiin..
8👉Abu Ja'afaral Almadani
Darasoonnisaa
1🌼Ibnu wardaan
2🌼Ibnu jummaaz jedhamun kanbeekamudha
9👉Ya'aquubal basri kan isarraa odeesse
1🌼Ruways fi
2🌼Ruuh jechun kan bekamanudha
10👉Kalaf ibnu hishaam albazzaar jechuun kan beekamudha Darasoonnisaas
1🌼Isihaaqi fi
2🌼Idriis tu isarraa gabaase
👉Kanneentu qira'aa asharaa "10"jechuun bekamu,Torba dabarsiinen wojji.
Riwaayaa kan irraa odeesses nama digdamman kanadha "20"
Qiraatiin ammatti qara'aa jirru kun Kan "AASIM" ibnu Abi Annajuud alkuufii kan jedhamudha Kara darasaasaa "HAFSIITIIN" kan nugeessedha

👉AASIM Alkuufiii kan jedhamu kun ibnu abi najuudin kan bekamudha
Bara "127" hijra nabi muhammadirra S.A.W
KARA AAKIRAA DEEME
IJAANILLE HINARGU JEDHAN
Qiraatii keessatti nama akkaan cimaa ta'eedha
👉AASIM🌼
Darasaansaa
1,Shu'ubaa fi
2,Hafsiidha

👉Shu'ubata ibnu alayyaash al asadi alkuufi bara "95"nitti dhalate bara "193" tti ganda aakiraa deeme.

👉2 HAFSI ibnu Suleymaan alasadiyya alkuufi jedhama
bara"90"tti dhalate bara "180"akira deme hafsin AASIMIRRAA qarae
Aasimiin taabi'a kanneen jedhamuun bekamanurraayyi

👉ASIMIIN
1,Abi abdurrahmaan abdillaah ibnu habiiba assulami kan jedhamurraa qarae
2,Abi maryam zirr ibnu hubeyshirra qarae

👉ABDURRAHMAAN IBNU ASSULAMIN
1,USMAAN IBNU AFFAAN irraa qarae
2, ALIYY IBNU ABII XAALIB
3,ZAYD IBNU SAABIT
4,ABDALAAH IBNU MAS'UUD FI KKF...

ERGASII 🌼AASIMIIN qaraasise ABDURRAHMAAN...

👉ASIMIIN kun jarreen kanarraa qara'ee
👉Hafsiinimmoo Aasimirraa qara'e
Qiraatin haga yowwanaalle hedduminaan argamtus nu bira jirtus kan hafsiiti
Qiraatiin kun sahaabaarra taabi'a geessee duraa duubaan nu qaqqabde...

ALHAMDULILLAAH

🌹Quraana kana keessa Rahmata gorsatu keessa jira ummata amananiif jedha Allaahiin

👉quraanni kun tikfamaa kan ta'eedha homaa keessa galee akka hinjijjiirreef injifataadhalle waggoota hedduu tarkaanfatee hadhallee jijjiiramuun alatti nuqaqqabe ALHAMDULILLAAH

👉Rasulli S.A.W riwaayaa bukhaarii keessatti
namni quraana qarae waan barellee barsiise
🌹Caalaa namaatii jedhan

👉Rasuulli S.A.W hadiisa abu 🌼humama riwaya muslim keessatti hinjedha humaamaan nin dhagahe Rasuulaa s.a.w kan jedhu "qur'aana" qara'aa jedhan... qurana qara'uun jechun lafzi qofamiti
1 🌼Lafziidhaan qarauu
2🌼Ma'anaasaallee hubachuu
3🌼Hojiidhaan argamsiisuudha...

👉Namoonni quraana sirritti eeggatanii Haala bareedaan qara'an Malaaikota waliin taa'u jedhan Rasuulli s.a.w

Kanneen dogoggoraa ifachuun maletti irra deddebianii qara'an mindaa "2"Qaba jedhan

👉Qur'aanni manguddummaa namaaf dhufa jedhan Guyyaa qiyaamaa"Suuraa baqaraa"tiifi
"Suuraa Alimraan" dura deemti jedhan
Warroonni qara'an sadarkaa qabu

👉Tuti tokko quraana kan walin qara'an mana manneen allaahi taerratti "malaaikaan" "Rahmanni" "Sakiinaan" "xuma'aniinaan" isaan biratti buutu male hin haftu jedhan

👉Namni Allaahi wajjin dubbachu barbaade quraanuma haadubbisu jedhan...

👉Namoonni quraana hubatan ittiin jiraatan sadarkaansaanii olaanoodha duniyaattille aakiraattille🌼Imaamadha

Rahmaan Kanneen quraana qara'an ma'anaasallee hubatanii irratti jiraatanii milkaa'anurraa nuhaa godhu inshaa allaah

Qopheessituun
Rahmaa Huseen.....G,FAAXIMATAZZAHARAATIRRAA..

MADDI ISAA GAREE SEENAA FI SEERA DUBARTOOTA ISLAAMAA IRRAAYI.




https://t.me/RIIHIULMISK
لو عرفتم ذالك.......لكان خيرا لكم.....
26.04.202511:31
▫️Seenaa Haadha Mu'umintootaa Aa'ishaadhaa Radiyallaahu Anhaa Kutaa

2ffaa






@Mubarak Hasan..



https://t.me/RIIHIULMISK
والحياة لا تدوم ،لكن صاحبك الفاضل يجرك إلى الحياة الأبد إذا كان صالحا ومصلحا.....
العاقل يقرء بعضها ويعرفها لك........ والسفيه ولو كتبت وقرءت عليه لا يفهمك.........




الله المستعان.


https://t.me/RIIHIULMISK
Көрсөтүлдү 1 - 24 ичинде 136
Көбүрөөк функцияларды ачуу үчүн кириңиз.