Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
لا تحزن Laa Tahzan avatar

لا تحزن Laa Tahzan

Abshiir inshaa Allaah Akkanatti hin haftu Rabbiin sirraa jijjiree si gammachisuun yero dheera ittin fudhattu Alhamdulill
TGlist рейтингі
0
0
ТүріҚоғамдық
Растау
Расталмаған
Сенімділік
Сенімсіз
Орналасқан жері
ТілБасқа
Канал құрылған күніЖовт 16, 2024
TGlist-ке қосылған күні
Жовт 28, 2024

Рекордтар

21.04.202523:59
856Жазылушылар
04.03.202504:00
500Дәйексөз индексі
26.03.202523:59
6571 жазбаның қамтуы
26.03.202523:59
657Жарнамалық жазбаның қамтуы
07.03.202523:59
4.38%ER
31.10.202423:59
427.91%ERR
Жазылушылар
Цитата индексі
1 хабарламаның қаралымы
Жарнамалық хабарлама қаралымы
ER
ERR
ЛИСТ '24ГРУД '24СІЧ '25ЛЮТ '25БЕР '25КВІТ '25

لا تحزن Laa Tahzan танымал жазбалары

16.04.202516:01
Hanga dhumaa dubbisaa👇🏻

✍️ Jaalatamuu,hammatamuu kunuunfamuu,nama duratti mul'atuufi kabajamuu,beekkamuufi maqaan ufii ol ka'uu hunduu ni barbaada,kanaaf  hedduun namaa Oliifi gaditti conqol jedhaa jiraata, fedhiin akkasii immoo,yoo daangaa hin qabaanne  joollee daa'imaan wal nama fakkeessa.

Eeeee
Mul'atanii argamuun gaariidha,garuu hujiin tahuu qaba,bahanii beekkamuun sirriidha,garuu amala gaariifi toltuun tahuu qaba,caalanii argamuun dorgommiidha,garuu toltuu yaaduu wajji tahuu qaba,beekamaa tahanii argamuun gaariidha,garuu beekkumsa wajjiin tahuu qaba,akkaafi bakki immoo,laalamuu qaba.

Jaaloo
Kaayoofi imala sirrii qabannaan,mikaa'inni kee gatii ifaajee keetitii beeki,gufuufi gufaatiin sirra gahaa ture,qoreefi danqaraan karaa irratti si sakaaleefi qaamaafi qalbii kee bocolaa gadi si lakkise,muuxannoofi leenjii kee isa darbee sanaa argi.

Obboaa
Hi'oo,lakki,i'iii hin tahu,haay jechuun kee,ijjannoo, murannoofi kutannoo sirrii sammuu keetiitii argi, tuffatamuu,dhiibamuu qimmiidamuu dandeettee, alanshamtee tufamuu diddee dhaabbachuun kee,dhugaa ati ufitti himtetu galaa tahee ol si dhaabee beeki.

Hey
Uf taatee ufirra dhaabbattee ufitti murteessuu jalqabnaan, murtii keetiif itti gaafatamummaa mataa keetii fudhannaan,ol jettee deemuufi ol jettee dubbachuu jalqabnaan,bishaan qallate furdate jedhee kan zaraata rifeensaa oliifi gaitti baqaqsaa oolu bira kuttee jirtaa uf badhaasi.

Yoooo
Joollummaa irraa ol siquuf,kaan safartee,kaan hammaartee gadi hin naqinii dhiisii bakka tokko ijjadhu.
https://t.me/Latah1T
✍️ Ilmi namaa kan madaalamuun hamma jiraate osoon taane, jireenya isaa keessatti milkaayinna meeqatti akka gaheedha. Rabbiin qur’aana keessatti yeroo dubbatu akkana jedha:

{ ونكتب ما قدّموا وآثارهم، وكلّ شيء أحصينه في كتاب مبين }
Waan isaan dalaganii dabarsanii fi bu’aa dalagaa isaanii barreessina jedhee dubbatee jira..!
✍️ Firaa fi maatiin kankee waan ati asirratti dalagattee biraa deemteedha. Addunyaa tanaaf maal dabalte? Maal dalagaa turte? Maal akka gumaachiteedha?
https://t.me/Latah1T
Halkan rafuuf mana isaan keessa gadi ciisan irratti haleellaan raawwatame. Gamoon barba*daa'ee hedduun yoo wareegaman kan miidhaan guddaan irra ga'ee lubbuun hafan muraasa qofa. Harmeen isiifi obboloottan isii shan namoota wareegaman keessaayi.

Daa'imni kun hababoo Gaz*💔**zaa 🇵🇸 ti. Raanaa Abu Tayimaa jedhamti. Biqiltuun kun hale*ellaa guyyaa muraasa dura isaan irratti raawwatameefi maatii isii jum*laan isii dhabsiise kanaan baay'ee miidhamtee turte.

Osoo miidhama sana hin fayyin hale*ellaa biraa har'a naannoo isiin dhaqxetti raawwatameen faana harmeefi obboloottan isii shananii hordofte. Rabbi maatii kanaafi fakkaattota isaanii kan asitti waliin ta'uu hin dandeenye Jannatatti walitti haa qabu.
https://t.me/Latah1T
🦋..

Rabbi faarsuu fii Rabbi galatoomfachuu aadeeyfachuun waan qabaniin of gahuun hanga qaban jaalachuufii amanfachuu qalbii dhaalchisti,ni'imaan akka namarraa hin deemne namaaf tiksiti,kennaalee barakeessiteeti badhaasoota rabbirraa namaf dabalti. bifa ittiin rabbiif galata galchan keessaa bifti dimshaashummaa qabdu kan yeroo zikriilee ganamaa qara'amtu kan Rasuularraa ﷺ dhufteedha. Rasuulli ﷺ " Namni yeroo bariisifate ""Allaahumma maa asbaha bii min-ni'matin ow bi ahadin min khalqika faminka wahdaka laa shariika laka. Falakal hamdu walakashukru"|| اللهم ما أصبح بي من نعمة أو بأحد من خلقك، فمنك وحدك لا شريك لك، فلك الحمد ولك الشكر" jedhe dhugumatti Rabbiif galata galchuu guyyaa isa raawwatee jira. " jedhan.ღ

Zikriilee ganamaa keessan hin dagatina!.ღ🦋.
https://t.me/Latah1T
☆☆﷽☆☆
♧Lubbuu kee fageessi rabbi wajjiin waldhabuurraa.
🌸mee naaf himi... yoo rabbiin
Wal dhabde eennutti
erkattaa, eenni wajjiin
jiraatta.
♧Lubbuu kee fageessi gabroottan rabbii miidhurraa... osooo #kaafirallee tahee.
🌸Mee naaf himi maal goota osoo imimmaan gadi naqaa rabbitti si himatee.
♧Waan daleydu kam keessattuu akka rabbiin si argaa jiru yaadadhu.
🌸Mee naaf himi gaafa galmeen kee jechaa fi gocha, guddaa fi xiqqaallee baatee dhufe maal goota.
♧Gara ma'asiyaa namaa hin laalin akka nama rabbiin gabbaraa qofa taatee....
♧Garuu gara ma'asiyaa keetii laali akka gabricha taateetti.
♧Namarraa duroomi.... rabbiinillee si duroomsaa!
♧Rabbi wajjiin tahi innillee si wajji tahaa!

Sha👇re
https://t.me/Latah1T
Arrabni hedduun aarii fi xiqqeenyasaarraa kan ka'e si alanshuu barbaaddi..!
Obboleessoo;
karaa kankee qabattee deemuu malee uf duuba hin ilaalin.
Dhageessaa..!, osoo nama dhakaan si darbatu hundaaf deebii kennuuf dhaabattee, yoom galma keetitti geessa..!?
Deebiin kankee milkàayinna kankee hà a tahu siin jedha...!!
✍️ Hanguma isaan sadarkaa ufiitti gadi si buusuuf yaalaa deemaniin, atis jalaa ol bayaa deemi.

Aayata qur'aanaattu nu barsiise Alhamdulillaah
Yoo irraa fayyadamte sha👇🏻e
https://t.me/Latah1T
Yaa Sayyidii! Yaa Mowlaaya! Dila ni'imaa teetii nurratti dhanglaaftee nu badhaafte tan beeynuu fii tan hin beeyne ta mulattuu fii tan hin mul'anne hundi si qofarraa akka nuuf taate amanaa bariisifanne. "Allaahumma maa asbaha bii min-ni'matin ow bi ahadin min khalqika faminka wahdaka laa shariika laka. Falakal hamdu walakashukru"ღ💜

Jumadal-Ula 15,1446H
https://t.me/Latah1T
Bismillahi Arrahman Arrahiim
🌲#Qooda_rabbii keetii jaaladhu...... Gaariillee sitti fakkaatuuu didu.
🪵Rabbiin akkana jedha......
🪵Gabroottan kiyyarraa nama hiyyummaa malee wanni biraa isaaf hin taanetu jira.
osoo dureessa namaa tahee silaa ni jallata.kanaaf qooda rabbii keetii jaaladhu!.
🪵 Gabroottan kiyyarraa nama dhibeen isaan maltutu jira....
osoo silaa fayyaa qabaatee ni jallata.
🪵 Gabroottan kiyyarraa nama durummaan isaaf taatutu jira.. osoo hiyyoomatee ni jallata.
🪵 Gabroottan kiyyarraa nama fayyaan isaan maltutu jira....
Osoo takkuma isa dhibamsiifnee silaa ni jallata
🌸#Rabbiin waan siin malu isumaatu beeka.
🌸 Osoo mokkaramtee dhukkuba wahiitiin kan amantu taatee rahmannii rabbii bal'oo ta waa mara wal geettu tahuu beeytee.
🌸 Rabbiin kee haadha keetirrallee kan rahmata siif qabi tahuu yoo amante....
🌸Gaafas ni beeyta Ati wanni si tuqe kun hikmaa rabbii beeku saniifi malee si miidhuuf akka hin taane.....
🌸Ni jetta...ALHAMDULILLAH🌹

Share
https://t.me/Latah1T
Yaa ummata Falasxiin, yaa qabsaawota Gazzaa. Yaa ummata maalummaa gootummaa addunyaa barsiise. Yaa ummata qoqqobbii fi meeshaan waraanaa gurguddoon kaayyoo teessan hin jijjiirin. Yaa ummata rakkoo gabrummaatif harka kannuu dide. Yaa ummata wareegama abboota irraa dhaalee guddachaa deemu. Qabsoon isin fakkaatti. Jiraan keessan ni injifata, du’aan keessa Jannata gala.
https://t.me/Latah1T
Guyyaa tokko moo Du'ain tee haala siif qrebalamtuu taateen lafaa khaate fuul dura kheetitti agaruuf teessa. Ijji teetis sababa gammachuutiin imimmaan gammachuudha dhangalaasuuf teessi Xiqquma Obsi!.❤️‍🩹🖇

Sabr....❤️‍🩹
https://t.me/Latah1T
۞-Bara amma keessa jirru kana keessatti namni ibaadaalee fii kheeyriilee dalaguu irratti dadhabaadhaa dambalii galaana fitinaatii fii bubbee shubuhaa dura dhaabbachuun hedduu isatti ulfaata. Namni tokkoo gaafa inni moggaa ibaadaalee dabalataa salaata,soomana,sadaqaa,qaraatii qur'aanaa fii kkf irraa lallaafe cinqii fii dibbirtiin isatti heddummaatteeti isatti dabalti. Hadiisa keessatti " Garbichi kiyyaa ibaadalee dabalataa dalaguun natti dhihaachuu irraa hin deemu hangaan isa jaaladhutti." Sahiiha Bukhaari.

•Soomanni irra guddaa waan namni tokko ittiin sabaata,gammachuu fii dasii qaamaa qalbii ittiin argatu keessaa isa tokkoodha. Burqaa fii madda dasii,gammachuu,sabaataa fii jabeenya keetiitirraa dagattee hin lallaafin. Yaa rabbi Zikrii tee,siif galata galchuu fii ibaadaa tee tolchuu irratti na gargaari jechuu hin lakkisin.»ღ


Sha'ban 18,1446H
https://t.me/Latah1T
"Ummata Ga*zzaa deeggaruuf tattaafachuun dirqama nama hundaati, waa xiqqoollee haa ta'u arjoomuun lubbuu baraaruun ni danda'ama..!!" Hayyuu Islaamaa Dr Zakir Naik.

Masha Allah!
https://t.me/Latah1T
🦋..

Rabbi faarsuu fii Rabbi galatoomfachuu aadeeyfachuun waan qabaniin of gahuun hanga qaban jaalachuufii amanfachuu qalbii dhaalchisti,ni'imaan akka namarraa hin deemne namaaf tiksiti,kennaalee barakeessiteeti badhaasoota rabbirraa namaf dabalti. bifa ittiin rabbiif galata galchan keessaa bifti dimshaashummaa qabdu kan yeroo zikriilee ganamaa qara'amtu kan Rasuularraa ﷺ dhufteedha. Rasuulli ﷺ " Namni yeroo bariisifate ""Allaahumma maa asbaha bii min-ni'matin ow bi ahadin min khalqika faminka wahdaka laa shariika laka. Falakal hamdu walakashukru"|| اللهم ما أصبح بي من نعمة أو بأحد من خلقك، فمنك وحدك لا شريك لك، فلك الحمد ولك الشكر" jedhe dhugumatti Rabbiif galata galchuu guyyaa isa raawwatee jira. " jedhan.ღ

Zikriilee ganamaa keessan hin dagatina!.ღ🦋.


Jumadal-Ula 15,1446H


https://t.me/Latah1T
« Miila lamaan keenyaan mana keenyaa ofii keenyaan baanee siree janaazaa irratti nama afuriin nu baadhattanii manatti ol nu deebisuutu mala. Uffata yeroo mana keenyaa baanu harka keenyaan uffannee namichi janaazaa teenya dhiqu nurraa baasuutu mala. Kanallee fageeysinee ilaaluu hin qabnu. Har'a ta'uutu mala. Amma ta'uutu mala. Allaah Allaah gara towbaa daddafuu keesssatti. Allaaha Allaaha Du'aaf qophaa'uu keessatti!.»۞

«Diliin raawwatamtu hanga feetellee osoo taatee rabbiin ﷻ gaabbanii dhiifama isa gaafatanii gara isaa deebinaan namaaf dhiifama godha. Irra namaaf darbee rahmataas namaaf godha.»۞


«Yaa Rabbi! Deebii bareedduu gara kee nu deebisi. Towbachuu nu waffaqi nurraa qeebali.»ღ۞

Sha'ban 21,1446H
https://t.me/Latah1T
Көбірек мүмкіндіктерді ашу үшін кіріңіз.