Spider Media
TGlist рейтингі
0
0
ТүріҚоғамдық
Растау
РасталмағанСенімділік
СенімсізОрналасқан жері
ТілБасқа
Канал құрылған күніЛист 07, 2022
TGlist-ке қосылған күні
Січ 03, 2025Қосылған топ
"Spider Media" тобындағы соңғы жазбалар
19.04.202515:56
Magaalaa Jimmaatti manneen qum*aaraa 140 ol irratti har'a tarkaanfiin fudhatamuun ibsame
Spider Media : Shawwal 21,1446 AH
Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti manneen qum*aaraa 143 irratti tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatamuun samsamuu bulchiinsi magaalichaa ibseera.
Taphni qum*aaraa seenaa baay'ee badaa kan qabu ta'uu kan ibse Bulchiinsi Magaalaa Jimmaa, qu*maarri maallaqa, yeroofi sammuu dargaggoota hedduu balaaf saaxiluufi dhiibbaa cimaa geessisaa jiraachuu hime.
Taphni qum*aaraa aadaa, duudhaafi safuu ummata keenyaa waliinis kan wal hin simneedha kan jedhe gabaasni WK Magaalichaa, sababa kanaaf hawaasni yeroo adda addaatti manneen qum*aaraa akka cufaman gaafataaa turuu ibseera.
Bu'uuruma kanaan kallattii Bulchiinsi Magaalichaa kaa'e hordofuun, qindoomina qaamoolee nageenyaafi Waajjira Daldalaa Magaalaa Jimmaatiin manneen qu*maaraa 143 magaalicha keessa jiran hunduu har'a cufamaniirus jedhe.
© #Amartemam
Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
>#SpiderMedia

24.03.202500:13
#Oduu_Ammee
Ameerikaa Kaarolinaatti balaan abiddaa ulfaataan mudate
Spider Media : Ramadan 24,1446 AH
Irra deddeebiin balaa abiddaafi cabbii ulfaataa keessuummeessaa kan turte #American har'as taanaan haalonni walfakkaataan isii mudataa jiru.
Haaluma kanaan Ameerikaa #Carolina kaabaatti balaan abiddaa bakoota garaa garaatti mudachuu 'The new york times' gabaaseera.
NBC News Tajaajila Bosonaa Kaaba Kaarolinaa eeruun gabaasa baaseen 'Polk County, NC' dabalatee kutaalee Kaaba #Carolina garaa garaa keessatti balaan abiddaa afur mudateera.
Hanga ammaatti tokkoon tokkoon isaanii xiqqaatu hektaara 2000 ol barbadeessuu ragaan Spider Media n the guardian irraa argate ni mul'isa.
Abc news hojjettoonni balaa ibiddaa gara 250 ta’an guutuu Kaaba Kaarolinaa fi kutaalee abiddichi itti babal'ata jedhamee sodaatamutti boobbaafamuun abiddicha too'achuuf tattaaffii cimaa taasisaa jiraatanillee hanga ammaatti to'annoon ala ta'ee akkuma itti fufetti jiraachuufi saffisaan babala'achaa jiraachuu ibseera.
Gabaasni 'The new york times' akka agarsiisutti jiraattonni kutaalee Kaaba Kaarolinaa qe'ee isaanii gadi dhiisanii akka ba'an ajajameera.

22.01.202520:15
Dargaggoo Muhaammad fi Shamarree Qamaraan Itiyoophiyaa bakka bu'uun dorgommii Qur'aanaa Adduunyaaleessaa ni dorgomu
Spider Media : Rajab 23, 1446 AH
Dorgommmii Qur'aanaa fi Azaanaa Aduunyaalessaa kan biyyoonni 60 ol irratti hirmaataniifi marsaa 2ffaadhaaf biyya keenyatti gaggeeffamuuf jedhuuf qophiin barbaachisaan xumuuramaa jira.
Dorgomtoota biyya keenya Itiyoophiyaa bakka bu'anii dorgoman adda baasuuf dorgommiin sadarkaa sadarkaan gaggeffamaa kan ture yoo ta'u calallichi har'a magaalaa Finfinneetti xumura aegateera.
Haaluma kanaan calallii dorgomtootaa har'a gaggeffame kana irratti kutaalee biyyattii garaa garaa irraa kallattii majlisa naannooleetiin filamuun dorgomtoota dhufan jidduutti dorgommmii calallii gaggeffame kanaan dorgomtoonni dorgommmii Aduunyaalessaatiif dabaran ifa ta'eera.
Kanumaanis, Hifzii Qur'aanaa dhiirotaatiin Muhaammad Ma'aliinsahnee Muhaammad Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaa irraa, Hifzii Qur'aanaa duabrtootaatiin Qamaraa Waliyyuu Muhaammad Finfinnee irraa akkasumas Azaanaan Jibriil Adam Finfinnee irraa dorgomtoota Itiyoophiyaa bakka bu'uun dorgommii Qur'aanaa fi Azaanaa Aduunyaalessaa marsaa 2ffaa Amajjii 25/2017 Istaadiyooma magaalaa Finfinneetti gaggeffamu irratti kan hirmaataan ta'uun beekameera.
© #Amartemam
Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia

22.01.202518:10
Hospitaalli KeerLaand fi Manni Barnootaa Mawaddaa waliin hojjachuufi
Spider Media : Rajab 23, 1446 AH
Hospitaalli Keer Laand fi Manni Barnootaa Mawaddaa sanada walii galtee hojii waliif mallatteessaniiru.
Guyyaa har'aa barattoonni mana barnootaa Mawaddaa dhiheenya gara hojiitti kan seeneefi tajaajila si'ataafi ammayya'aa kennuun yeroo gababaa keessatti beekamtii guddaa kan argate hospitaala Keer Laand kan bulchinsa Magalaa Shaggar kutaa magaalaa Furii daandii guddicha gara Jimmaa geessu bakka Nook jedhamutti argamutti argamuun daawwannaa taasisaniiru.
Hoji gaggeessaan Hospitaala Keer Laand Doktar Ja'afar Yaasin daa'imman wanti isaan ijoollummaatti argamaniifi hubatan egeree isaaniitiif murteessaa ta'uu himanii, kaayyoon isaanii borii akka milkaa'uuf ijoollummaa isaanii irraa eegalee irratti hojjatamuu akka qabu ibsaniiru.
Hundeessaafi hoji gaggeessaan mana barnootaa Mawaddaa Obbo Abdulmajiid Huseen gama isaaniitiin barattoonni barnoota barataa jiraniif caalaatti kaka'umsa akka horataniif akkasumas kaayyoon isaanii irratti cimanii akka hojjataniif sagantoonni akka kanaa murteessaa ta'uu eerani.

29.11.202420:58
Рекордтар
24.03.202523:59
8KЖазылушылар31.03.202523:59
400Дәйексөз индексі31.03.202523:59
5511 жазбаның қамтуы20.03.202516:34
551Жарнамалық жазбаның қамтуы27.02.202516:34
3.27%ER27.02.202516:34
6.94%ERRКөбірек мүмкіндіктерді ашу үшін кіріңіз.