Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Gola Beekumsaa 🖤♥️🤍 avatar

Gola Beekumsaa 🖤♥️🤍

⚫⚫Seenaa Garagara
🔴🔴Qoosaa
⚪⚪Gaaffiilee Xinsammuu
⚫⚫Afoolaa Oromoo
🔴🔴Odeeffannoo Dinqisiisoo
⚪⚪ Odeeffannoo Fayyaa
⚫⚫Gorsaa Fi
🔴🔴 Asoosamaa
✅Channel kanarraa argattuu.
Join godha.👇👇👇👇👇
https://t.me/GolaBeekumsaa1
TGlist рейтингі
0
0
ТүріҚоғамдық
Растау
Расталмаған
Сенімділік
Сенімсіз
Орналасқан жері
ТілБасқа
Канал құрылған күніСіч 29, 2025
TGlist-ке қосылған күні
Бер 03, 2025
Қосылған топ

Рекордтар

18.04.202523:59
171Жазылушылар
28.02.202516:39
150Дәйексөз индексі
08.03.202523:59
661 жазбаның қамтуы
14.03.202508:18
66Жарнамалық жазбаның қамтуы
04.03.202515:16
13.04%ER
21.02.202508:18
58.93%ERR
Жазылушылар
Цитата индексі
1 хабарламаның қаралымы
Жарнамалық хабарлама қаралымы
ER
ERR
БЕР '25КВІТ '25

Gola Beekumsaa 🖤♥️🤍 танымал жазбалары

02.04.202516:14
Barataafi barsiisaa
Barsiisaan barataa isaa gaaffi gafatee.
Barsiisaa; "osoo leencii karaa irratti sitti dhufee maal gootaa?."
Barataa; "Nan fiiga."
Barsiisaa; "yoo innis si wajjin fiige hoo maal goota?"
Barataa; "Sirriittan fiiga?"
Barsiisaa; "Yoo innis Sirriitti fiige maal goota?"
Barataa; "mukan kora."
Barsiisaa; "Yoo innis muka kore hoo?"
Barataa; "Maalii Barsiisaa akkan nyaatamuu barbaaddan moo?" Jedhe.
SHARE 👉
@golabeekumsaa1
SHARE 👉
@golabeekumsaa1
Baga Ayyaana yaadannoo Fannoo Iyyesuus Kiristoosin Isin Gahe!!

Guyyaan har'aa yaadannoo Fannoo Iyyesuus Kiristoos hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.

Baga nagaan gessan
28.03.202516:31
Gaffii baaye baayee salphaa kana yaalaa mee.

Lukkuu 5ntuu wal irra jira isaan keessaa innii tokko gubaa irraa gadii fincaa'ee lukkuu 3n keessaa darbee osoo hin xuqiin lukkuu eshee 4ykn eshee dhumaa tortorsee.
Akkamitii isaan 3n keessaa darbee eshee dhumaa tortorsee?
Shamarreen Bareedduun bifa nama hawwatu qabdu tokko Matammaa Gaandii argitee, "Gaandi sin jaalladha"jetteen.

Matammaa Gaandiinis, Ani umuriin deemeera, bareedina nama hawwatu hin qabu. Dargaggeessi dudduuba Kee jiru kun bareedinaan na caala, umuriinis narra dargaggeessa,qabeenya na caalaa qaba isatti osoo heerumtee siif wayya' jedheen.

Isheenis ofirra garagaltee dudduuba ishee ilaalte. Namni ishee duuba hin jiru.
Gaandii,namni ati jechaa jirtu natti hin mul'anne meerre jetteen. Matammaa Gaandiinis itti seeqee😁 "Osoo dhuguma na jaallatta ta'ee dudduuba Kee hin ilaaltu turte" jedheen!😁 Eessa Abbaashee haa lixxu?

#Matammaa_gaandii
Hiriyoota keessaniif
#share share godhaa...🙏🙏🙏🙏
Қайта жіберілді:
RAFIQUL ISLAM PROMOTION avatar
RAFIQUL ISLAM PROMOTION
Assalaamu alayikum worahmatullaahi wobarakaatuhuu

Chaanaalii Ajaa'ibaa kana isiniif qabannee dhufneerraa join gochuudhaan erga inni qabu akka irraa fayyadamnuu

https://t.me/+HzNEski01TRkN2Jk
https://t.me/+zOTmz0fXj3pkMTk0
27.03.202516:01
#Namichi lammii Itoophiyaa biyya alaa jiraatu tokko haadha isaaf bilbilee, "Harmee #HIVn qaba kanaaf gara manaatti deebi'aan jira." jedhe

#Haatisaas akka gara manaatti hin deebine isa kadhatte. Kan nama ajaa'ibu "maaliif akkas jette?" jedhee ishee gaafate.

#Haati sunis "Yoo mana dhufte #haati manaa kee dhibee kanaan sirraa qabamtee #Obboleessa keetti dabarsiti. Obboleessi kee immoo #hojjettuu mana keenyaatti ni dabarsa. Hojjettuun mana keenyaa immoo #Abbaa keetti ni dabarsiti. Abbaan kees natti dabarsa. #Animmoo konkolaachisaa keenyatti nan dabarsa. #Konkolaachisaan keenya immoo obboleettii keetti ni dabarsa. #Obboleetti keetti immoo yoo darbe, Jiraattota gandaa kenyaa guutuutti darba.

Kanaaf
#kophaa du'i jedhan Harmeen 👌

Seenaa dugda nama nyaatu😃


Share
@golabeekumsaa1
Share
@golabeekumsaa1
27.03.202515:56
Isheenis itti seeqatte. Biyya isaa gaafatte. Innis biyyaa isaafi waan keessa jirus itti hime. Biyya Chaaynaatti barachaa akka tureefi ari’amuun biyyatti galuu, erga biyya gales daandiirra jiraachaa kan jiru ta’uu gurra buuse. 

Intalattiin garmalee gaddite. Fuutee manattiin galte. Osoo akkasiin jiranuu jaalala eegalan. Rakkoo heddus waliin siphatan. 

Osoo kun kanaan jiruu ijoollee naannoo isaa jiran, barattoota kutaa 8ffaa walitti qabee bilisumaan barnoota Fiiziksii qo’achiisuu eegale. Ijoolleen garmalee jaalatte. Dandeettiin isaa garmalee isaan raaje.

Akka carraa barsiisaan Fiiziksii mana barumsa ijoollee sanaa hojii gadi dhiisee barattoonni barnooticha malee taa’aa turan. Achumaan mucaan jabaan akkasii nijira jedhanii hooggantoota mana barumsichaatti himan. 

Manni barumsichaas bilbileefi waame. Garuu, Daani’eel barnoota Fiiziksii danda’a malee ogummaa barsiisummaatiin leenji’ee dokmantii hinqabu. Kanaaf, yoo isaan ragaa barnootaa gaafatan dhiyeeffachuu hindandeenye. Gara manaatti deebi’e.

Manni barumsichaa guyyaa borumtaa bilbilaniifii hanga barsiisaan Fiiziksii qacaramuufii barattoota fuuldura dhaabbatee akka too’atu itti himan. Kanaanis, guyyaatti qarshii shantama akka  kafalaniif himaniif. 

Baay’ee gammade. Tole jedhees hojii eegale. Akka ijoolleen hinjeeqne too’achuu malee  kitaabarraa barsiisuun waan isaaf hin eeyyaminiif gaafa guyyaa jalqabaa ‘Boqonnaa O’ jedhee gabatee gurracharratti barreessee maalummaa barnoota Fiiziksiifi xiyyeeffannoo barnootichaa barattootaaf ibse. Guyyaa sana akka ajaa’ibaatti barsiise. Barattoonni hundi irraa gammadan.  

Ittuma fufee barsiisuu eegale. Hooggantoonni mana barumsichaas odeeffannoo kana nidhagahan. Dandeettii isaatiin hedduu raajaman. Mindaa isaas dabalaniifi kuma sadiif dhibba shanirraa kuma sagal galchaniif. Isa dura kutaa 8ffaa seenu hanga kutaa 12ffaas seenee akka barsiisu taasifame. Haala kanaan mana barnootichaa keessatti barsiisaa adda duree ta’e. Ajab!

Takka turee yaadni tokko dhufeef. Mana barnootichaa gadi dhiisuun kophaatti mana barumsa dhuunfaa isaa kan barattoota keessatti qo’achiisu hundeessuu. Achumaan mana barumsaa barattoonni bkeessatti qo’atan kan maqaan isaa Sed of My School jedhamu  hundeessuun hojii eegale. Bara 2016 barattoota 45 inni qo’achiise keessaa 42 qabxii guddaa fiduun Yuunivarsiitii Finfinneefi Adaamaa seeneen. Barattoonni 3 immoo qabxii ‘remedial’ argachuun irra deebiin qoramanii amma Yuunivarsiitii keessatti barachaa jiru.

Nama kanatu gidduu kana viidiyoon isaa kan yeroo inni waa’ee #enersia barsiisuu #tiktok irratti gadi dhiifame mul’achuun ijoo miidiyaa hawaasaa ta’ee,  namni gariin barsiisaa Fiiziksii isaa kan duraanii akka abaaru, gariin immoo  osoo guyyuma tokkos taatu barsiisaa kanaan baradhee, kanneen hafanis irraa deebiin Fiiziksii nama kanarraa barannuu laata akka jedhan isaan taasise!

Seenaa nama kanaa irraa barnoota kumaatamtu baratama.

Isin maal fa’atu irraa baratama jettu?

❤️     ⤵️        🔕        ✉️   
ˡᶦᵏᵉ    ˢʰᵃʳᵉ    ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

@golabeekumsaa1
27.03.202515:55
🗣️ Physics Barachuun Amma ture maal godhu🫣❤️

Dargaggeesi yeroo sadi yuunivarsiitiirraa ari’amee daandiirra jiraachaa ture, seenaa hojjate.  

Daani’eel Shaambal jedhama. Magaalaa Dirre Dhawaa, Ganda Qoreetti dhalate.

Yeroo barnoota sad.1ffaa barachaa turetti barataa dhibaa’aa, qabxii gadi aanaa galmeessu (poor performance) ture. 

Akka carraa ta’ee yeroo ‘ministirii’ fudhatan mucaa cimaa tokko bira taa’ee qabxii 96 fide. 

Abbaan isaa immoo mana barumsichaatti wardiyyaadha. Isatu dursee qabxii mucaa isaa sana arge. Hedduu itti gammade. Maatiin isaas sireerraa bu’aniifi ofii lafa bulaa, isa immoo sireerraa bulchuu eegalan. Ulfina uffachiisan. Miseensonni maatii hundi mataarratti baatan.  

Mucichis  achirraa eegalee ilaalcha barnootaaf qabu jijjiirate. Yeroo kutaa 9ffaa seenu qo’annaa isaatti gadi jedhe. Haaluma kanaan, barattoota waliin baratan keessaa sad. 3ffaa bahuun tarree barattoota ciccimoo hiriire. Qorumsa kutaa 12ffaa immoo qabxii 515 fidee Yuunivarsiitii Finfinnee seene.

Osoo gara Finfinnee hindhufin dura, Daani’eel maatii irraa fagaatee hinbeeku. Mucaa manaati. Amantii isaattis cimaa ture. Kanarraa kan ka’e, mucaa maatiifi ollaan abdii guddaa irraa qaban ture.

Ta’us, Daani’eel erga Yuunivarsiitii Finfinnee seeneen booda addunyaa biraa keessa gale.  Garba araadawwan adda addaa keessa seenee. Barataa ta’uu isaa irraanfatee jimaa qama’uu, sigaaraa aarsuu, akkasumas shiishaa harkisuu hojii idilee isaa godhate. 

Kanarraa kan ka’e, waan qabxii gadi aanaa galmeesseef waggaa 2ffaa  semisteera 1ffaa irratti    yuunivarsiiticharraa ari’ame.  

Giddumatti immoo biyyi Hindii  beeksisa carraa barnoota biyya alaa (scholarship) baaste. Innis beeksisicha argee dorgome. Garuu, afgaaffii osoo hinqoramin waan jala darbeef milkaa’uu hindandeenye. 

Gara maatii galees, “Biyyi Hindii carraa barnootaa baastee turte. Anis barnoota koo isa Yuunivarsiitii Finfinnee  ‘withdrawal’ guutee isa sana immoo dorgomaa ture. Garuu, loogiin na hanbisan. Kanaaf, bara dhufu irra deebiin barachuun dirqama natti  ta’a” jedheen. 

Yeroo kana maatiin isaa hedduu gaddan. Gaddanis hindhiisne. Waan qaban gurguranii carraa barnootaa biyya Chaaynaatti argate tokko akka baratuuf ala ergan.     

Daani’eel asii fulla’ee Chaaynaan bahe. Achittis barnoota cinamatti dhiisee akkuma baratame garba araadota adda addaa daakuu itti fufe.

Gara biraatiin immoo, appilikeeshinii
‘Wuchat’ jedhamurratti hojii daldalaa eegaluun galii maddisiifachuu eegale. Takka turees ‘doormii’ yuunivarsiitichaa keessaa  bahuun kophaa mana  kireeffatee jireenya qananii jiraachuu eegale.

Sababa barnootatti xiyyeeffachuu dhabeef ammas yeroo 2ffaaf  yuunivarsiitii biyya Chaaynaa irraa ari’ame.   

Sana booda, guyyaa tokko osoo  ashiishii dhugu qabame achuma Chaaynaatti guyyoota kudhan erga hidhameen booda gara biyyaatti galfame (deported).  

Ammas yeroo 2ffaaf biyyuma Chaaynaa Magaalaa biratti barachuuf apply godhe. Milkaa’uunis garas imale. 

Yeroo kana, araada wanta jedhamu tokkos keessa galuu  akka hinqabne waadaa ofiif gale. Ta’us,  guyyaa jalqaba doormii yuunivarsiitichaa seenee eegalee  osomaa dhuguu waggaa tokkoof osoo daree hinseeniin hafe. Ajaa’iba! 

Ammas yeroo 3ffaaf yuunivarsiii irraa ari’amuun darsa isaa guurratee fuulan Itoophiyaa ilaale. 

Erga biyya gales maatii isaa dhokatee Finfinneetti daandiirra jiraachuu eegale. Takkaa turees,  “Hiriyyoota kootu asitti na arguu mala”  jedhee jireenya daandiirraa Finfinnee gara Bishooftuutti jijjiirate.

Bishooftuutti dhaqnaanis jireenyi itti ulfaate. Guyyoota lamaaf agabuu oole.  Nilaaffate. “Yoo du’es Finfinneetti du’uu naaf wayya” jechuun ijoollee buufata konkolaataa keessa hojjatan qarshii geejjibaa kadhatee baasiin imala isaa gara Finfinneetti taasise. 

Jireenyi isaa guyyaa kanarraa ka’ee jijjiirame. Baasii keessatti intala Bishooftuu deddeebitee Finfinneetti hojii miidhaginaa (decoration) hojjattu takka bira taa’e. Osomaa imalaa jiranuu sagalee guyyaa lama nyaatafi dhugaatii malee oolte, sagalee laaftuu takkaan “Biyyi teessan nibareeddi!” jedheen.
26.03.202508:58
JIRTU IJOO 🤓🤗🤗🤗🤗🤗🤗🤗🤗
Көбірек мүмкіндіктерді ашу үшін кіріңіз.