🙏Imaltuu karaa.........💠
ASOOSAMA GABAABAA
✍Barr. Dabalaa Ittaanaa
Kutaa 9ffaa
Dursa kutaa 1ffaa Haga 8ffaatti profile koo jalaa dubbisi!
Dubbisa gaarii!
Sirni argansuu koo dha'annaa dibbee ittiin siif weeddisan sanaf waan "Riitimii" taphatan fakkatu. Qor qalbiin koo yeroo si dagachuu dadhabnii Waa'ee kee qaama koo keessa yeroo tamsaasan Jaalalli kee daran yeroo miira koo ho'isan nattis tole yeroon calleensa yaadaan gara keetti gulufu calleensa yaadaan dhidhimee yeroon fajajee hafutu natti heddumate Jaalala keen weeraramuun koo amma isa dhugaa ta'ee natti dhagahame.
Ufff Gaafan jedhuun maal taate Abdi naan jechuu isheen dhagaheen naheen maali maal taate ? Anis hoomaa hin taanen maal dhageesse jedheen gaafii ishee gaaffiin deebise. Isheenis erga yaadaan fagaatte sagalee #ufff jedhu baafattem maaltu si dhiphise? Anillee hoomaa miti yaaduma kooti jedheen dubbii salphise.
Isheenis Abdii naan jette anis yoon jedheen. Jireenya har'a nuti jiraannu jireenya bor jiraannuf wabiidha. Har'a hojii gaarii hojjetta yoo ta'e bor jireenyuma gaarii ta'e jiraatta. Yoo har'a waan boriif sin fayyanne hojjetta ta'e bor jireenya keetti akka gaabbitu beeki. Kanaaf guyyaa har'atti seeran fayyadamuun gamnummaadha.
Dachee kana irratti namni jireenya gaarii jiraachuun filannoo isaa isa jalqabaati. Akkasumas immoo Milkaa’inaan jiraachuu filata. Kun garuu kan inni ta’uu danda’u milkaa’umsaaf dirqama Aarsaa inni si gaafatu baasuun dirqama. Kana tahuu yoo baate kaayyoon kee hawwii qofa ta’ee hafuu isaati.
Jireenya kee jijjiiruu yoo barbaadde dursa yaadota sammuun kee maddisiisan qajeelchuu yaali Sammuun kee akka inni waan gaarii yaaduuf qajeelchiteetta taanan yaadicha irratti immoo xiyyeeffannoon irratti hojjette jijjirama yeroo gabaabaa keessatti of irratti arguu eegalta. kanaaf atis yaadota sammuu kee keessatti yaadduuf xiyyeeffanno godhi hin dhiphatin naan jette.
Anis Waadaa dhugaa keeti. Dhugaa dubbachuuf siin waliin wa baruun koo hedduu natti tole. Nama akka keetti nama gorsu argachuun salphaa miti. Garuu si waliin adda ba'uun hagam akka natti ulfaatu xiinxaleen yaadaan sokkeen jedheen. Isheenis Abdii hoomaa miti ani illee sirraa adda ba'uun natti hin tolu, garuu maal godhu "karaaf garaatu adda nama baasa" jedhama mitire jette ijaan na rukutte kolfite....
Onnee koo Soolaneen hedduu mada'ee waan tureef ergasii nama kan biraa jaalladhee gaaffii jaalalaa hin dhiyeessineef. Har'a kunoo imaltuu irraa jaalalaan waanin qabame fakkata. Maali yaa rabbii jedheen ammas yaadaan sokke......
Gidiraa jaalala isheen dhaanameera. Yaadoonni sammuu kooti waa'ee ishee xiinxaluu. Miidhagina ishee yeroon ilaalu obsa dhabeen ibidda jaalalaan waxalama.Uumaan uumama jiran keessa ishee cina taa'ee miidhegsee waan tolche fakkata. Lapheen koo isheef na kirkira.
Jireenyi koo hunduu osoo ishee waliin ta'e waanin dhabe akka waanin qabuutti natti mula'ata. Rabbii iddoo Soolanee waan na #kiise natti fakkate. Abdii dubbadhu malee jette harka isheen gatiitti kiyya rukutte. Amma iyyuu harka ishee narra hin fuune ija isheen ija koo keessa ilaalaa...itti fufa.....
Share➩ @burqaa_walaloo1
Share➩ @burqaa_walaloo1