Zimbaabuwee keessatti osoo saamicha baankii irratti raawwataa jiruu, saamtuun baankii kun nama baankii keessa jiru hundaan: "Hin socho'inaa. Maallaqni kan Mootummaati. Jireenyi kee kan kee ti." jedhee akeekachise.
Namoonni baankii keessa jiran hundi callisanii ciisan. Kunis "Mind Changing Concept (Yaada Sammuu Jijjiiru) " jedhama, Akkaataa yaada barame jijjiiruu.
Giiftiin tokko haala miira nama kakaasuun minjaala irra yeroo ciiftu saamtuun sun: "Maaloo qaroomi! Kun saamicha malee gudeeddii miti!" jedheen.
Kunis "Being Professional (Ogeessa Ta'uu)" jedhama. Waan leenjifamte qofa irratti xiyyeeffadhu!
Saamtonni baankii yeroo gara manaatti deebi'an saamtuun quxisuun saamtuu isa angafaan "Obboleessa guddaa, maallaqa meeqa akka arganne haa lakkoofnu" jedhe.
Saamtuun angafaa akkana jedhe: "Ati baay'ee gowwaadha."
Maallaqni baay'ee waan ta'eef lakkaa'uuf yeroo dheeraa nutti fudhata. Halkan kana oduun TV hangam akka baankii saamne nutti hima!"
Kunis "Experience (Muuxannoo)" jedhama. Yeroo ammaa kana gahumsa waraqaa caalaa muuxannoon barbaachisaadha!
Saamtonni erga deemanii booda hogganaan baankii kun supparvaayizara baankii sanatti dafee poolisiitti akka bilbilu itti hime. Garuu supparvaayizarichi: "Turii altakka! Doolaara miiliyoona 10 baankii keessaa ofii keenyaaf baafannee, doolaara miliyoona 70 kan kanaan dura baankii irraa saamne sanatti daballa" jedheen.
Kunis "Swim with the tide (Dambalii wajjin sochoo'i) " jedhama. Haala mijataa hin taane gara faayidaa keessaniitti jijjiiruu!
Suppervaayizarichi akkas jedha: "Ji'a ji'aan saamichi yoo jiraate gaarii ta'a."
Kunis "Killing Boredom (Nuffi Ajjeesuu)" jedhama. Hojii kee caalaa Gammachuun Dhuunfaa barbaachisaa dha.
Guyyaa itti aanutti oduun TV akka gabaasetti doolaarri miiliyoona 100 baankii irraa fudhatame.
Saamtonni irra deddeebi'anii lakkaa'anii lakkaa'anii, garuu doolaara miiliyoona 20 qofa kan isaan argatan. Saamtonni kun baayyee aaranii akkas jedhanii komatan: "Lubbuu keenya balaaf saaxillee doolaara miiliyoona 20 qofa fudhanne. Hogganaan baankii doolaara miiliyoona 80 fudhate . Hattuu ta'uu caalaa barachuun wayya fakkaata!" jedhe.
Kunis "Knowledge is worth as much as gold! (Beekkumsi hamma warqee gatii qaba!)"
Haala kana hunda booddee Hogganaan baankii fi supparvaayizarri hundi isaanii kolfaa fi gammadaa jiru!!
Credit: Mandara Linkedin Irra
@MALKAA_MILKIII