Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
عبد الناصر avatar

عبد الناصر

Nabi Muhammad irratti Salawaata Buusuun Raahaa Qalbiiti.💚ﷺS A W🥀🌹
TGlist rating
0
0
TypePublic
Verification
Not verified
Trust
Not trusted
Location
LanguageOther
Channel creation dateApr 19, 2025
Added to TGlist
Apr 23, 2025
Linked chat

Latest posts in group "عبد الناصر"

Jaalalli Yeroo Hunda Bu'aa
Malee Miidhaa Hin Qabne
Jaalala #Rasuulaatiﷺ SAW





https://t.me/nassex48I
Nabi Muhammad irratti Salawaata Buusuun Raahaa Qalbiiti.💚ﷺS A W



https://t.me/nassex48I
✋Osoo Hin Rafin Dura Yoo Dandeesse Waan Armaan Gadii Kana Dalagi‼👍

1.🔹Wadda'adhu...
2.🔸Salaata Witrii salaati..
3.🔹Aayatul Khursiyyii Qara'i.....
4.🔸Zikriiwwan Hirribaa qara'iii....
5.🔹Suuratul Mulki ... ﺗﺒﺎﺭﻙ ﺍﻟﺬﻱ ﺑﻴﺪﻩ ﺍﻟﻤﻠﻚ . qara'i ....
6.🔸Nama si miidheef irra dabriif...
7.🔹Toowbaa hin dagatin..Du'utu malaa...
8.🔸Salaata Subhiitiif Alarmii hin dagatin⏱... ...

💌💌 Messege kana nama jaalattu hundaaf share godhuu hin dagatin...jzkl 💌💌
Soddaan ergamaa rabbii #Aliyyii_ibnu_abii_xaalib_
Dubbii dareedduu tana dubbate

Ani waan bareedduu hundda numaan dhandhamee waan akka fayyaa bareedu hiin garre
Waan hadhooyttuu hundda numaan dhandhamee waan akka namatti haajamuu hiin garre ja,e
Waadhabaa fii wal dhabaaniis rabbiin fuula namaa nuun dhaabiin 🤲
" Yaaddoo fii cinqiin tee sirraa kaafamti, Diliin tee sirraa haxaawamti" jedhan Rasuulliﷺ.
guyyaa keessan salawaata heddummeeysuun shittoo dibaa urgeeysaa.!!!💜
Rasuulli ﷺ " isin keessaa inni guyyaa qiyaamaa teeysumaan nama huda caalaa natti dhihaatu; isa hundarra salawaata narratti buusu heddumeeyseedha" jedhan.💜
#Obbolummaa_Dhugaa_Lubbuu_Jaalala_Rabiif_Jechaa_baate
Seenaa Garaa Nama Nyaatu😿
<strike>~~~
Y</strike>eroon Isii Zamana khalifaa Umar Ibnul Khaxxab (R.A) Keesa Turte Yeroon San Hijira 15 Baati Rajabaa Keessa Sahabonni Lola Yarmuuk Jedhamu Jihada Godhuuf Deeman

Ubeydaa Ibnul Jarraah (R.A) Ammo Ajajaa Waraana Saniiti Khaalid Ibnu Walid (R.A) Faanis waliin Waraana Kumaatamaan Lakawamu Waliin Achii Gahan
Kana Lolli Jalqabame Jayshin
Musllimonni Erga Qabso Cimtu Godhan Bodaan Kaafiroota San Moohani Nassaraman.

Dhuma Lolaaratti Sahaboota Du'ani Fi Madaawan Barbaduf Namni Nama Barbadu
Ramadame.
Duba Seenaan Ajaa'ibaa Takka Tan Namota Isi Tana Dhagahan Hundaf
Obbolumma Islaamaa Jechuun Maal Akka Tahe Jara Barsisa Barsisota Ergamaa Rabbii
ﷺ Irraa Waan Baratan Yeruma Sanitti Warra Hojira Oolchu San Keessaa Sahaboota Sadi Jidduti Mul'ate. Sahabooni Kunin Maqaan
Isaani:-
↪Ikrima Ibnu Abijahl
↪Haaris Ibnù Hisham fi
↪Ayyaash Ibnu Rabiah

Jidduti Obbolumaa Dhugaatif Seena Zalalam
Tan Nu Hundaf Fakeenya Taatutu Jiddutti isaaniitti Dalaganii Darban.

Isaan Sadeenuu Waraana Irratti Baay'e Madaawanii Lallaaffatani Turan
Namni Yeroo Du'uf Deemu Bishaan Heddu
Dheboota.

Kana Isaan Hundi Kara Karaadhaan
"Bishaan" "Bishaan" Jachuun Sagalee lallaaftudhaan Himachuu jalqaban.

Bishan Argamte Garu hammaan Bay'e Xiqodha Habbuqa Takka Qofa Jachunis Liqimsa Tokko Qofa Argame Tan Namni Tokko Laagaa Ofii ittiin Jiisu
Dura Haris Ibnu Hisham Bira Gahe Bishan Kun Yero Dhuguf Ofiti Ol Qabu Ikrima Dheebote Akkanatti iiyyu Argee Eegas Akana Jedhe Oto Ikrimaan Akkanatti iyyuu Laagan Tiya Wa Naaf Hin Liqimsitu, Ani Ufi Du'ee Inni Lubbuun Naaf Haa Jiraatu Jedhe😥 Ikrimaaf Ol Dabarsi Jedheenii Sahabticha Bishan Fideefitti Debisee Kenne.
Kana ikrimaan Dhuguuf Yeroo Laagaa Isaatitti Of Qabuuf Demu,Inninis Ayyaash ibnu Rabi'ah Arge Isaa Bishaan Jedhee Akkanatti
iyyu . Ikrimanis Akkuma Haaris Oto Ayyash iyyuu
Ani Wa Garan Nan Dhugu Jedhee Dabarsee Kenneefi Sahabtichi Bishanin Jiddu Deemaa Jirutti Kanne Yero Bishan Fuudhe Ayyaash
Bira Gahu Ayyaash Lubbuun Isaa Duruun Darbitee
Jirti Gara Ikrimaa Yeroo of Boda Deebi'u Ikrimaaniis Du'e ikrimaa Bira Darbe Yero Haaris Bira Gahuus Haarisiis Du'ee Jira Jari Kun akanati Kuno Maalummaa Obbolumaa Nu Barsiisan 😭
Rabbiin Warra Seenaa Sahabootaa San Haariyoomsuu fi Kan Ofiifiis Seenaa Haraya Dalagu Nu Haa Godhu🤲

Sher sher sher




https://t.me/nassex48I
Irra Namaaf dabruun haalaa fi amala gaarii keessaa isa Ol aanaadha
💖 Rasuulli Rabbii (Sallallaahu Aleyhi Wa Aaliihi Wasallam) akkana je'an: ((Orma Sadii Allaaharratti Sabataa Dha isaan San Gargaaruun... isaan Keessaa Tokko isa Tiyfamuuf Fuudhuu Barbaadu)) #Allaahu_Akbar

#Fuudhni_Sababaa_Rizqii_Itti_Argatanii
💜 Bulchaan Mu'mintootaa Umar bin Khaxxaab رضي الله عنه akkana je'e: ((Orma Nasiihaa (Yaada Gaarii) Namaaf hin Yaanne Keessa Kheeyriin Hin Jirtu ammas Orma Yaada Gaarii Hin Jaalanne Keessaas Kheeyriin Hin Jirtu))

○ Kitaabni 📚 irraa fudhame الاستقامة ١٤٨

● Jecha dhugaati! Maalif Rabbiin keenya (Jalla Jalaalu Rabbii) akkana nun je'a:

كُنتُمْ خَيْرَ أُمَّةٍ أُخْرِجَتْ لِلنَّاسِ تَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَتَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنكَرِ وَتُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ ۗ

■ Isin caaltuu ummata namaaf mul'ifamtee taatan; Toltutti ajajju; hamtuu irraas ni dhorgitu; Rabbittis ni amantu. Suuraa Al-Imraan Aayata 110ffaa.

💖 Rasuulli Rabbiitis ﷺ akkana je'an: ((Irra Guddaan Diin Yaada Gaarii Waliif Yaaduu dha... )) Muslim Hadiisa (#55).

□ Tanaafuu Muslimoonni Yaada Gaarii waliif yaadu qaba: Ikhlaasaan, Beekumsaan, Amaanaa dhaan. Kha Gorsu Of Gad Qabuun. Kha Gorfamuus Obboleessi Kiyya Naaf Yaadeetuma waan tana naaf dhaamee jechuu qaba (herraggii isa tolchu qaba). Barruu tana yoo vidiiyoon feetan linkiin comment jala jirti. Baarakallaahu fiikum 👏♥
Muuziqaan qalbii goggeesaa
Qur'aanni qalbii nama jiissa
Rahaa sammuu fi gammachuu
Feenaan khara qur'aanaa fiigi
Rasuulli ﷺ Akkana jedhan:-

"Yaa jam'aa Dubartootaa sadaqadhaa, itikfaara baayyisaa; Ani irra hedduu warra ibiddaa ta'uun isin arge. Intalti takka isaanirra akkana jechuun rasuula ﷺ gaafatte "maaltu irra guddaa warra ibiddaa nu godhe?
#Rasuulli ﷺ Akkana jedhan:-
"Abaarsa heddumeesitan, godhii abbaa manatti kafartan...

Muslimtu gabaase

- Sadaqaan akka bishaan ibidda dhaamsuttu badii sirraa dhaamsiti
- Istikfaaris akkasumaa!

Akka diliin sirraa buutu barbaannaan Jara lamaan jabeessi! #Obboleettii too.




https://t.me/nassex48I
"Raka'aan lameen Fajrii dhaa Addunyaa fi waan Addunyaa keessa jirurra caaltii." Je'an Nabiin ﷺ
ijji isaa #Ballaa Turte Garuu Eeganaa Rabbiin Banee fi Mitaaba Ajaa'ibaa Kaahee
Maqaan isaa Muhammad (#Bukhaarii) jedhama Abbaan isaa Ismaa'il Kan Jedhamu Intala Takka Fuudhe Sana Booda Intalti Tun Garaadhatti Ulfooyte Duba Ismaa'il osoo Ilmi Isaa Kana Kun Hin dhalatin Aakirame Kana Booda Haati Mana isaadhaa Yaa Rabbi Ulfa Garaa jiru Kana ilma #Dhiiraa Naaf Godhi Sana Booda #Diin Barsiifadhee Ilmi kiyya #Aalima Naaf Tahuu Qaba jettee Niyyatte
Duba Rabbiin Ajaaiba Qabaa Mucaan isii Kun ogaa dhalatu Akka Carraa Tahee ijji isaa #Ballaa Turte Duba Hamileen isii Cabxe Mucaa Maqaa #Muhammad jettee Baafattee
Garuu Haati dhiiraa Tun Abdii Rabbirraa Hin Muranne Waan Taateef Halkan yeroo Hirriibaa Kaatee #Salaata Leylii dhaabbattuu Hunda Akkana jettee Rabbii isiidhaa kadhatti
Yaa Rabbi ilma kiyyaaf ija isaa Naaf Deebisi
Duba Yeroo Muraasa Booda isumaa Du'aaii Godhattee Rafte Nabi ibraahim Manaamaan itti dhufee Akkana jedheen yaa Gabrittii Rabbii
Rabbiin Du'aaii Tee Siif Qeebalee ilma keetiif ija Deebisee jira jedheen
Duba oggaa isiin Gammaddee Hirriibaa kaatee Mucaa isii ilaaltu Kunoo ijji isaa Banaadha Allaahu Akbar
Duba kana Booda Niyyaan isii Guutameefii Ilma isiidhaa kana Iddoo Beekkumsi Amantaa islaamaa jiru hundarraan Naannooytee Diin Rabbii Barsiifatte Duba ilmi isii Kun Bakka Guddaa Takka Gaheefii Aalima Ajaaibaa Tahee #Kutaaba Maqaan isaa #Bukhaarii jechuun yaaman kana Addunyaaf Gumaache
Hubadhaa:Hanga Guyyaan An Barruu Tana isiniif Barreessu kanatti Eega Qura'aana Rabbiitii Kitaabni Hanga isaa Gahu Hin jiru

Seenaaan Tun Si Gammachiisnaan Obboleewwan keetiif share Godhi
Galatoomaa




https://t.me/nassex48I
Sheekul islaam Taqiyyuddiin Ibn teymiyaa, maatiin isaanii maatii beekkumsaan beekkamu turan.

- Akaakoon isaa Abul-Barakaat majduddiin Abdussalaam ibn teymiyaa jedhama. Faqiiha, muhaddisaa fi mufassira qur'aanaati. Abbaa kitaaba المنتقى fi المحرر فى الفقه ti. mazhaba Hanaabilaa keessatti baay'ee beekkama.
- Abbaan isaatis: shihaabuddiin Abdulhaliim ibn teymiyaa ja'ama. Sadarkaa Guddaa akka Abbaa isaatii fi ilma isaa san argachuu baatus Faqiihaa fi muhaddisa ture.
- Obboleeyyan isaa Abdullaah fi Abdurrahmaanis sheekkan turan.

Imaam Al-zahabiin waa'ee Abbaa Sheekhul islaam Ibn teymiyaa akkana jechuun dubbate "shihaabuddiin Abdul haliim Aalima Urjii ture. garuu ifa Aduu (Ilma Isaa Ibn teymiyaa) fi Ifa ji'aa (Abbaa isaa Abdussalaam) jiddutti dhukate"

Ulamaa'ii 'carraa isaanirratti barachuu Osoo Rabbiin naaf kennee' jedhee hawwu keessaa tokko ibn teymiyaadha. Rabbiin rahmata haa godhuuf!
Bultii tasgabbii qabdu jiraachuuf seera uumamaa hubachuun dirqama,ilmi dhiiraa waa murteessuu jaalata,dubartiin hubannoo gahaa argachuu feeti,ilmi dhiiraa kabaja barbaada,dubartiin jaalala barbaaddi, dhiirti gootummaa jaalata,dubartiin tasgabbii barbaaddi,dhiirti sirritti bulchuu barbaada,dubartiin seeraan buluu barbaaddi,haala kanaan bultiin umrii godhatti.

Eeeee
Uumamni dhiiraatiifi dubartii tokkoo miti,amalli dhiiraatiifi dubartii tokkoo miti,yoo dhiirti gootummaa qabaatte, dubartiin gara laaf Ummaa qabdi,yoo dhiirti murtitti ceete dubartiin filannoo dhiheessiti,yoo dhiirti hujitti qajeelte dubartiin arjummatti si’oofti,akkasitti jiruun walqarqabsiiftee gaara baafti malee hodhaa wal fakkaatu tahanii gabaa hin bahanii xiinxalli.

Jaaloo
Leencaafi qeerransi wal -hubatanii daggala waliin galu,lameenuu mootii bineensotaati,kan wal-hinjifatu tokkollee hinjiru,dhugaa walii laatanii kararraa walii goranii nagaa buusanii waliin jiraatu,bultiinis mootee laallachuu osoo hin taane,cimina walii waliif beekanii waliin jiraachuu feesistii hubadhu,abbaan manaa leenca tahus haati manaa qeerransaa beeki.

Yooo
Wal-utubanii utubaa waloo waliin dhaabuu hubadhu!





https://t.me/nassex48I

Records

15.05.202523:59
195Subscribers
08.05.202523:59
500Citation index
26.04.202518:45
240Average views per post
07.05.202520:00
206Average views per ad post
25.04.202512:46
7.41%ER
02.04.202512:46
496.97%ERR
Subscribers
Citation index
Avg views per post
Avg views per ad post
ER
ERR
27 APR '2504 MAY '2511 MAY '25

Popular posts عبد الناصر

21.04.202513:54
Hadiisa Ajaa'ibaa!

💟 Rasuulli Rabbii (Sallallaahu Aleyhi Wa Aaliihi Wasallam) akkana je'an: ((Waa Shanan kana narraa Qabadhu:

1. Daangaa Rabbii Keetii Eeggadhu
Nama Haalaan Rabbi Gabbaru Taata.

2. Waan Rabbiin Siif Qoode Jaaladhu
Irra Dureessa Namaa Taata.

3. Ollaa Keetiif Tola ooli
Nama Dhugaan iimaana Qabu Mu’umina Taata.

4. Waan Lubbuu teetiin jaalattu namaaniis jaaladhu nama ajaja Rabbii Godhe Taata.

5: Hedduu Kofla Hin Baayyisin,
Kofla Baayyisuun Qalbii Namaa Ajjeefti)) #Allaahu_Akbar
20.04.202519:28
"Yeroo masjiidni Al-Aqsaa diinaan dhuunfatamtee jirtuu akkamittan kolfa? Osoo Muslimoonni dhiphina keessa jiranii akkamitti nyaanni qoonqoo afan kiyya seena?! Maqaa Rabbiin n kakadha, osoon obboleeyyan kiyya dararamaa fi hidhamaa jiranii yoon gammadee kolfe Rabbiin n saalfadha..!!" Salaadiin Al-Ayyuubii.

Ga*zzaatti yeroo ammaa beelli bal'inaan mul'atee jira, Qaamni daa'immanii hanqina nyaataan hubamee jira, Ga*zzaan beela'aa akka jirtu yeroo lallabdu namni dhaga'uuf eessa jira? Kan harka diriirsee obboleeyyan isaaf birmatu eenyu?!

Rabbiin isaaniif haa birmatu.
22.04.202520:24
Haala 8 keessatti maleeykaan du'aa'ii siif gooti
----------------------------------------------
1, Salaataaf weyta salfii duraa dhaabbattu
2, Erga salaata xumurte booda weyta masjiida keessa teessu
3, Weyta nama dhukkubsate gaafattu
4, Weyta obboleeysa kee kan muslimaa zayyartu
5, Weyta obboleeysa keetiif iddoo inni hin jirretti du'aa'ii gootuuf
6, Weyta waan gaarii nama barsiistu
7, Weyta wuduu'aa waliin raftu
8, Weyta hiraaba ( oborroo ) nyaattu.
29.04.202513:37
Dubbisaa Seenaa kana🙏

"Seenaa Mucaa Daandii irratti guddatee tokko garaa na nyaannan siniif qooduu yaade(Seenaa dhugaa)

"Haatii koo Qaroo dhabeettii turte. Anaan Daandii irratti na deessees Ergan Daandii irra jiraachuu eegalee waggaa 17 guuteera. Garuu hangan guyyaa ofbiraa ishee dhabutti guyyaa tokkollee akkan rakkadhu hin barbaaddu. Daandiirra teessee Maseenqodhaan kadhattee daabboo naaf bitti malee akkan Kadhadhu hin jaallattu ture. Yeroo qofaa teenyu akkan jabaadhee of danda'uuf ganamaaf galgala na gorsiti ture. Jireenyi daandiirraa baay'ee ulfaataa ture, Anis harmee koo waliin qormaata hedduuf saaxilameera. Aduu fi Roobni dabareen nutti wal jijjiiraa ture. Filannoo waan hin qabneef kana hunda dandamannee jiraataa turre. Yeroo tokko tokko harmee koo kun cal'istee na reebdi ture. Anis nan booha, yeroon boohu immoo ofitti na qabdee na sukkuumtee na sossobdi ture. Gochi ishee kun gaaffii natti taanaan harmee koo maaliif akka na reebdu gaafachuufan murteesse, sana booda isheenis guyyaa biraa na reebnaan "harmee maalif balleessaa malee na reebdaa?"jedheen.

Isheenis "Dhalakoo ani si malee addunyaa kanarraa nama hin qabu, Diimaa fi gurraacha kee qaroo qabaadhe hin argu. Garuu si boochisee Yeroon imimmaan ija kee irraa haquuf fuula kee sukkuumu, akka ati bareedaa taatee harka koon waanan baruuf yeroon fuula kee yaaduun si reeba jettee imimmaan harcaafte. Malee dhalakoo jibbaaf miti kanan si reebu" naan jette anis jechi ishee lafee koo cabsee mogolee koo laaffisee "maaloo Uumaa koo osooma daqiiqaa tokkoof Ija harmee koo saaqxee dhalashee ijaan agarsiifte?" jedheen waaqatti boohe, sana booda maalif akka na reebdu bareen dhiise.

Anis Gorsa ishee fudhadhee hojjedhee bor rakkina gadadoo kana keessaa akkan bahu waadaa ofiif galuu eegale. Yeroo hedduu waa'een abbaa koo gaaffii waan natti ta'uuf Harmee koo gaafachuufan murteesse. Yeroo hedduu dhimma abbaa koo akkan ishee gaafadhu natti himuuf fedha hin qabdu ture. Garuu guyyaa tokko dirqisiisee akka natti himtuufan sossobe. Isheenis mataa koo sukkumaa Elaamee dhalakoo akkuma Haadha bareedduu qabdu ati Abbaa bareedaa illee ni qabda.baruu seenaansaa bal'aadha, sitti himuufillee fedha hin qabu ture.

Erga natti himi malee jettee sittan hima. Abbaa kee waliin akkuma nama kaanii jaalalleewwan baay'ee wal jaallatan turre. Osooma akkasiin jirruu tasan si ulfaa'e ture. Abbaan kee yeroos Raayyaa Ittisa biyyaa ture Ulfaa'uu kootti waan hin gamadneef Ulfa akkan baasuuf natti hime, ta'us Garaatti waan na guddatteef baasuuf hin danda'amne ture. Lamman keenyuu imimmaan fuula ofdhiqne. Itti fufte anis hafuura osoo hin baafatiin dhaggeeffachuu koo ittan fufe. Boodarra lamman keenya gidduutti wal dhabdeen uumamee innis lilmoon ija koo lamman jaamsee amma mana Hidhaa jira naan jette

Baay'een gadde iyyeen gadoodee boohe, isheenis akka malee boosse seenaa abbaa kee kanaafan si dhokse jettee natti himte nan gadde, dhalachuun koo jaaminaa fi Gadadoo isheef sababa isaa ta'uu yeroon baru Uumamuu koo gaabbe, baayyeen Gaddee of amansisee fudhachuuf natti ulfaate. Akkasitti bu'aa bahii hedduu harmee koo waliin gaggeessaa daandiirra jiraachuu itti fufne. Gaaf tokko hiriyyoota koo waliin taphachuuf ishee dhiiseen deeme. Isheenis mucaan koo gaafa dhufu ni beela'a jettee daabboo naa kadhachuuf deemte. konkolaataan dhahee ishee ajje*ese, harmee akka Abbaa fi haadhaa taatee of biraa dhabeen boo'ichaan gadoodee maraachuufan ka'e. Of ajje*esuuf yaalii hedduun taasise. Boodarra hiriyyootni koo na sossobanii na tasgabbeessan sanumaan anis araadaa addaa addaa keessatti kufee... rakkoo hamaaf saaxilame." Jedha.

Egaa haati kee amma ija ishee dhabduuf lubbuunshee darbuutti si jaalatti. Addunyaa kanarraa kan haalaaf amala namatti jijjiiratee hin beeknee haadha ofiiti!
Waaqayyon Gadiitti oolmaan haati ofi namaaf ooltuu waan himamee dhumuus miti ! Waaqayyon gaditti jecha tokkoon haadha kee galateeffadhuu darbi!"



https://t.me/nassex48I
23.04.202512:03
Nabiyyiin Qur'aana
Keessatti baayinaan
Dubbatame eennu?
14.05.202520:52
✋Osoo Hin Rafin Dura Yoo Dandeesse Waan Armaan Gadii Kana Dalagi‼👍

1.🔹Wadda'adhu...
2.🔸Salaata Witrii salaati..
3.🔹Aayatul Khursiyyii Qara'i.....
4.🔸Zikriiwwan Hirribaa qara'iii....
5.🔹Suuratul Mulki ... ﺗﺒﺎﺭﻙ ﺍﻟﺬﻱ ﺑﻴﺪﻩ ﺍﻟﻤﻠﻚ . qara'i ....
6.🔸Nama si miidheef irra dabriif...
7.🔹Toowbaa hin dagatin..Du'utu malaa...
8.🔸Salaata Subhiitiif Alarmii hin dagatin⏱... ...

💌💌 Messege kana nama jaalattu hundaaf share godhuu hin dagatin...jzkl 💌💌
29.04.202512:48
Aaga Dhagahaa!

Oduu gammachiisaa fi seenaa bareedduu – Muftiin biyyattii fi hayyuu guddaan keenya, Dr. Jeylaan Khadiir Gammadaa, bakka ulfaataa fi sadarkaa olaanaa irra deebi’anii muudamaniiru!

Guyyaa kaleessaa, Konfaransii Ulamoota Afrikaa irratti geggeeffameen, Pireezidantii Itti Aanaa Mana Maree Ulamoota Afrikaa ta’uun filatamuu isaanii kabajaan isin beeksisna. Kun mallattoo kabajaa ummata keenyaati, injifannoo ummata muslimaa Itiyoophiyaa fi kaayyoo tokkummaa ulamoota Afrikaa ti.

Dr. Jeylaan – nama beekumsa bal’aa qabu, sagalee haqaa fi duudhaa Islaamaa Afrikaa irratti mul’isan– ammas carraa guddaa kanaan, ifa dhugaa fi tokkummaa muslimaa bifa haaraan lafa kaayuun ashaaraa haaraa kallacha seenaa irratti cuqaasaniiru.

بُشرى سارّة!

خبرٌ يُفرِح القلوب ويُبهِج النفوس – لقد تمّ انتخاب مفتي إثيوبيا، الدكتور جيلان خضير غمدا، مرةً أخرى في منصبٍ رفيع ومشرّف!

ففي مؤتمر علماء أفريقيا الذي عُقد بالأمس، تم انتخابه نائبًا لرئيس مجلس علماء أفريقيا، وهو منصب يُعدّ من أعلى المناصب في مجال الدعوة والتنسيق بين العلماء في القارة.

إنّ الدكتور جيلان، بعلمه الغزير ورؤيته الواسعة، مثّل صوت الحق والاعتدال في أفريقيا، وها هو اليوم يُكرّم بهذه الثقة الكبرى ليواصل مسيرته في توحيد كلمة العلماء وخدمة الإسلام والمسلمين في أفريقيا.

نسأل الله أن يبارك في جهوده ويوفقه لما فيه خير الأمة.
مباركٌ لنا، ومباركٌ لأفريقيا، ومباركٌ لكل مسلم غيور.



https://t.me/nassex48I
23.04.202519:19
Israa'el balaa ibiddaan gubachaa jirti..!!

Har'a Israa'el keessatti ibiddi guddaan lama ka'ee kan jiru yoo ta'u sababa ibidda kanaatiin daandiin gurguddaa 6 kan Kaabaa gara Kibbaatti geessu sa'aatii 6 oliif cufamee jira.


Ibidda kana keessatti yoo xiqqaate bakkeewwan xiyyeeffannoo ibiddaa adda addaa afur kan turan yoo ta’u, jiraattonni dhiheenya Moshavim 3 jiran baafamaniiru.

Ibiddi kun daandii guddaa Tel Aviv fi Jerusalem gidduutti garmalee waan dhihaateef, Daandiin Guddaan kun cufamee kan jiru yoo ta'u, ibiddi naannoo Bet Shemesh fi ibiddi Neve Ilan tti dhihoo jiru to'annaa jala waan hin jirreef seensi guddaan Yerusaalem cufamee jiraachuu Miidiyaaleen Israa'el gabaasanii jiru.

Share godhaa baarakallaahu fiikum
22.04.202520:42
❤ Nabiin keenya (Sallallaahu Aleyhi Wa Aaliihi Wasallam) akkana je'an: ((Waa jaha (6) Lubbowwan Teessanirraa Of Naa Qabaa Anilleen Jannataan Of isinii qaba:

1. Tokkon Keessan Yeroo Dubbatu hin Kijibin
2. Yeroo Baallama Namaa Seene hin Diigin
3. Yeroo Amanamees Nama hin Ganiin
4. Ijjeen Teessaniis Haraamirraa Gad Qabadhaa
5. Harkowwan Keessanillee Haraamirraa Dhowwaa
6. Ammallee Farjowwan Teessaniis Tiysaa)) #Subhaanallaah

○ Kitaabni 📚 irraa fudhame
انظر السلسلة الصحيحة للألباني رحمه الله رقم ( 1470)
21.04.202522:35
⃝ Gaafii barnoota nuuf taatu ❓

⫷ Namni yeroo duraatiif Islaamummaa keessatti Azaane eenyu ⫸❓
26.04.202516:22
Haala 8 keessatti maleeykaan du'aa'ii siif gooti
----------------------------------------------
1, Salaataaf weyta salfii duraa dhaabbattu
2, Erga salaata xumurte booda weyta masjiida keessa teessu
3, Weyta nama dhukkubsate gaafattu
4, Weyta obboleeysa kee kan muslimaa zayyartu
5, Weyta obboleeysa keetiif iddoo inni hin jirretti du'aa'ii gootuuf
6, Weyta waan gaarii nama barsiistu
7, Weyta wuduu'aa waliin raftu
8, Weyta hiraaba ( oborroo ) nyaattu.


https://t.me/nassex48I
29.04.202515:11
#Qissaa gaala boo'ee Rasuula Rabbiitti himatee miidhaa isaa 🐪🐪🐪🐪🐫🐫🐫🐪😥👇😥👇😥👇😥👇👇👇👇👇👇
#Gaalli kun maaliif boo'aa??
#Seenaa kana dubbisttee yoo fixxe dhugaatti mulssima yoo taate imimmaan danddeessee hin qabattu seenaa akkaan nama boochifttu share godhi sababaa keetiin nammi beellada miidhaa jiru akka gorfamuuf
السلام عليكم ورحمة الله تعالى وبركاته
قصة شكوة الإبل الى رسول الله
Qissaa gaala boo'ee rasuulatti himatee miidhaa isaa 🐪🐪🐪🐪🐫🐫🐫🐪🐪🐪

فدخل رسول الله صلى الله عليه وسلم يوماً حائطاً من حيطان الأنصار
Erggamaan rabbii 𝐒𝐀𝐖ﷺ gaaf tokko haajaa isaaniitiif gara dallaawa warra anssaarota madiinaa ol seenan hogga rasuulli dallaawa timiraatti guutummaa guutuutti seenanu
فإذا جمل قد أتاه
Kunoo gaala tokko deemaa imimmaan lolaafataa rasuula keenyatti dhufe

ردد صوته في حنجرته
Sagalee isaa koroorimaa (qokkee) isaa keessatti deddeebisaa rakkina isaa itti himachuuf fiigaa gara rasuulaatti dhufe rasuulaan wal arggee gaalli

وذرفت عيناه
IJA isaa keessaa imimmaan dhanggalaafataa akkas jedheen gaalli rasuulaan 🐪🐪🐪🐪🐪 kunoo namichi kun bishaanillee naafin Kennu nyaatallee naafin kennu geejjiba isaa qofaan na miidhaa jira an qoonqqoon (beelli). Na ajjeesaa jira yaa rasuula rabbii jedheen gaalli mormma ofii mormma rasuulaa irra kaa'atee

: فلما رأى النبي صلى الله عليه وسلم حنَ وذرفت عيناه فمسح رسول الله صلى الله عليه و سلم
Hogguu الجمل؟ 🐪🐪

jedhee itti himatu rasuullis boohanii. Obssi obssi rakkina kee dhaqeetin itti siif himaa jedhanii ija gaalaa irraa imimmaan Haqanii gaalli ogguu rasuulli obssi jedhan akka ijoolleen daa'imaa boossee suuta suutaan boo'cha dhiifttutti imimmaan isaa dhaabbate daddafanii rasuulli ofirra deebi'an

من صاحب هذا الجمل؟ 🐪🐪
Abbaan gaala kanaa eenyu dafaa natti kottaa jedhan rasuulli rabbii 𝐒𝐀𝐖ﷺ

فجاء فتى من الأنصار فقال: هو لي يا رسول الله

Gurbbaan darddaraa tokko kan warra madiinaa irraa ta'e fiigaa rasuulatti dhufee yaa rasuula rabbii kooti jedheen
فقال: أما تتقي الله في هذه البهيمة التي ملككها الله، إنه شكا إلي أنك تجيعه وتدئبه -

Achiin rasuulli akkas jedhaniin ati rabbiin hin sodaattuu beellada rabbiin harkka kee keessa kaa'ee maaliif beelaan qixaaxxa amma natti himatee ka'ee akka ati beelaan isa miidhaa geejjibaaf oolffattu agabuun osoo jiiruu isa fe'attee bakka haajaa keetii ittiin deemmattu akkas jechuun natti himatee ka'ee jedhaniin rasuulli sallallaahu aalayihi wassallam
Beellada afaan hin qabnne miidhuu irra nama miidhuutu irra caala 😥😥😥😥👇👇👇👇👇👇👇
dhaamssa kana obboleewwan keetiif share godhi
Yoo seenan kun isinitti tole
Follow naaf godha Hundi keessanuu jzk #Galatoomaa ✏️✏️✏️👇👇👇👇👇


https://t.me/nassex48I
21.04.202513:53
Dubbii Ajaa'ibaa! 😎
Namni tokko kan Lammii Taanzaaniyaa kan tahe abbaa ilmaan hedduu, akkasuma wajjiin Miskiina ture. Albuuda baasuun maatii isaa jiraachisa. Hojii kana waggaa hedduuf hojjachaa ture. Garuu jireenya isaa jijjiiruu osoon tahin nyaataa fi dhugaatii maatii isaa hin gayu ture. Inni ammoo dadhabee hin dhiifne. Rabbi abdatee albuuda kana baasuu itti fufe.

Haala kanaan guyyaa takka albuuda lama Kan akka Taanzaaniyaa tti Qaalii arkate. Albuudni inni arkate kiiloo 15 nitaha. Albuuda kana gurguruuf Magaalaa geeysee dooraala Miliyoona 3.5 tti gurgurate. Rabbiin guyyaa takkatti jiruu isaa jijjiiree, miliyeenara isa godhe. Ajiib!

Nidandayaa Rizqii jiruu teessan Isinirraa jijjiirtu laaftumatti Rabbi isiniif haa kennu!
Share godhaa baarakallaahu fiikum
26.04.202523:10
Namicha lammii Ingiliizii tahe tokkotu sheeka tokko akkana jechuun gaafate. "Dubartii islaamaa takka maaliif namni hundi akka harka ishee hin fuunee (hin caphaxne) dhoowwame?"
----------
Sheektichis bifa bareedaa taheen gaaffii isaa akkana jechuun gaffiidhaan deebiseef. "Biyya keessanitti maaliif mootittii Biritaaniyaa tan taate Elzaabeexiin namni hundi akka harka ishee fuudhuu hin eyyamamneef?"
-------------
Yommuu kana namichi lammii ingiliizii kun "Akka seeraa biyyattii irratti kaayametti namoota aangoo olaanoo irra kaayaman 7 qofatu akka harka ishee fuudhuu fii akka ishee xuquu dandahu eeyyamamaaf. Saniif dha." jechuun deebise.
------------
Sheektichis "Nuyi muslimtoota birattis dubartii (ykn dubra) muslimaa takka xuquuf ykn harka fuudhuuf kan eeyyamamuuf namoota firaa ishetti dhihaatan 10 qofa dha. Isaanis;- Abbaa fii Akaakayyuu, Abbeeraa, Obboleessa, Abbaa manaa, Abbaa abbaa manaa, Ilmaa fii ilma ilmaa, Abbaa manaa mucayyoo ishee, ilmaan obboleettii ishee, ilmaan obboleessa ishee fii obboleewwan hoosisaa ishee ti."
-------------
"...Akkuma isin kabajaa mootittii teessaniitiif jettanii kana gootan hunda amantii keenya keessatti dubartiin kabajaa guddaa qabdi. Eenyuyyuu dhufee akka fooxaa mana hoteelaa keessatti fannifametti kan galuu fii kan bahu hundi harka itti haxaawataa dabru sanatti namni hundi dhufeetiin kan itti hirkatuu fii kan itti laaqatu qaama bilaashaa kan qabanii miti."
jechuun deebiseef.
----------------
Ergamaan Rabbii s.a.w dhimma kana ilaalchise akkana jechuun dubbataniiru. "Isin jidduu namni tokko hanga dubartii isaaf hin eeyyamamne takka harka fuudhu, mataa isaa osoo wasfee sibiila irraa taheen of waraanee isaaf wayya!"

Share Waliif gootu Malee Bira hin Kutin


https://t.me/nassex48I
13.05.202514:06
Rasuulli ﷺ Akkana jedhan:-

"Yaa jam'aa Dubartootaa sadaqadhaa, itikfaara baayyisaa; Ani irra hedduu warra ibiddaa ta'uun isin arge. Intalti takka isaanirra akkana jechuun rasuula ﷺ gaafatte "maaltu irra guddaa warra ibiddaa nu godhe?
#Rasuulli ﷺ Akkana jedhan:-
"Abaarsa heddumeesitan, godhii abbaa manatti kafartan...

Muslimtu gabaase

- Sadaqaan akka bishaan ibidda dhaamsuttu badii sirraa dhaamsiti
- Istikfaaris akkasumaa!

Akka diliin sirraa buutu barbaannaan Jara lamaan jabeessi! #Obboleettii too.




https://t.me/nassex48I
Log in to unlock more functionality.