Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
OT
Oromia Times
OT
Oromia Times
01.05.202503:40
#DV2026

Injifattoonni Viizaa Diversity 2026 Ebla 25/2017 ni ifooma.

Iyyattoonni iyyata DV (Diversity Visa) 2026 bu’aa isaanii ykn mo’achuu fi dhiisuu isaanii lakkoofsa mirkaneessaa isaanii dvprogram.state.gov/ESC/ qofa irratti galchuun ilaaluu ni danda’u.

NB. Lakkoofsi mirkaneessaa yeroo iyyanni guutamu kan kennameedha. Lakkoofsi kun kan jala bade Forgot Confirmation number jechuun odeeffannoo barbaachisu guutuun lakkoofsa Mirkaneessaa haaraa karaa email argachuu ni danda'a.

Carraan DV ifoomu waan jiruuf walqabatee "Lottery DV injifatteetta, Imbaasii Ameerikaa irraan bilbilaa jira / Imeelii kana / barreeffama kana kan ergaa jirru" jechuun qaamotni #sobaa waan jiraniif iyyattoonni of eeggannoo akka godhan jedhameera.

Hubadhaa, iyyataan tokko DV 2026 argachuu fi dhiisuu isaa karaa marsariitii armaan olitti ibsame qofaan beekuu danda’a.

Waggaa waggaan Ameerikaan Afrikaa irraa (Itoophiyaa dabalatee), Eeshiyaa, Awurooppaa, Ameerikaa Kaabaa, Ameerikaa Kibbaa fi Awustiraaliyaa irraa namoota kuma 55 karaa lootarii DV gara biyya isheetti fiddi.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
25.04.202510:42
Liiq Phaaphaasiin Roman Catholic church Pop Francis umurii isaanii Wagga 88 tti du'aan addunyaa kanarraa boqotan.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
28.04.202511:15
#Kutaa 8ffaa
Oromiyaatti Qormaanni Kutaa 8ffaa waxabajjii 3-5, 2017 kennama

Qormaanni kutaa 6ffaa fi 8ffaa sadarkaa naannootti kennamu baatii Caamsaa fi Waxabajjiitti walduraa duubaan kan kennamu ta’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Qormaanni kutaa 6ffaa caamsaa 26-27, 2017 kan kennamu yoo ta’uu, kutaa 8ffaan immoo waxabajjii 3-5, 2017 kan keennamu ta’uun ibsameera.

Biirichi Barsisonniifi maatiin deeggarsa barbaachisu akka kennan waamicha dhiyeessuu ragaan BBO irra argame ni mul’isa.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
26.04.202517:30
#Barattootni_Qormaata_Biyyoolessaa bara 2017 '#ONLINE'niin fudhatan adda bahuun beekamaniiru
------------
BBO- Ebla 18/2017 Barattootni Bara 2017 Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa 'Online'niin qoraman adda bahanii kan beekaman yoo ta'u, barattoota akka naannoo keenyaatti qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2017 fudhatan idilee 200,112 keessaa barattootni 28,691 online'niin kan qoraman ta'uun beekameera.
Barattootni 'online' qormaata fudhatan bakka kompitaraafi haala qormaata itti SHAAKALANIS Iddoo qophaa'uun beekameera.
Bakki shaakallii qormaataa manneen barnootaaf waan kennameef barattootni ni beeku.

Haala Shaakala Qormaataa ilaalchisee immoo;
#1_Liinkii asii gadii kanaan gara siistama "Safe Exam Browser" (SEB) galuu,
(https://examdemo.ethernet.edu.et)
#2_Lakk. ID gara SEB ittiin galan mana barnootaa irraa argataniin (Manneen Barnootaa Barattoota 'online' qorsiisan hundaaf ergame galchuu,
#3_Erga lakk. ID fayyadamanii bananii booda 'password' akka uummattan isin gaafata.
Kanaafuu, '#password' lakkoofa #dijitii_afur_qabu_irraa_paaswordii_dhuunfaa_keessanii_uummattu.
Paaswordii uumtan kanaan yoo bantan #Qormaata_Shaakaltan_argattan jechuudha.

#Hubachiisa:- Sirna shaakalaa kana kan hogganuufi shaakalsiisu manneen barnootaa keessatti qaamni hogganu abbummaan ramadameera.
#4_Haala_Qormaata 'online' kennamuu kun bakka interneetiin kompitaran walqunname hundatti, desktop fi laptop'n jirutti, manaafi iddoo barbaadan taa'anii shaakaluun ni danda'ama.

#Walumaa_galatti, Barattootni Qormaata online'n fudhatan kanneen waraqaan qoraman caalaa haala salphaa ta'een kan hojjatan ta'uufi qormaata heddumminaan kan darbaniifi qabxii olaanaa kan galmeessisan ta'uu muuxannoo barattoota bara 2016 qormaata biyyoolessaa qoraman irraa argachuun danda'ameera.
Kanaafuu, haala salphaafi mijawaa ta'een qormaata hojjachuuf 'online'n filatamaa ta'uun hubatamuu qaba.

#Barattoota_keenyaaf_carraa_garii_hawwineerra.
Carraa Gaarii

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
25.04.202508:31
Artist Andualem Gosaa har’as bu’uruma beellama qabamee tureen, Mana Murtiitti dhihaatee ture. Olmaa Dhaddachichaa irrattis, Poolisiin qorannoon xumuramaa jiraachuu ibsuun, ragaan Yaadannoo Guyyuu (Diary) miidhamtuu kan ishee ta’uu mirkaneessu, ashaaraan akkasumas xiinxalli barreeffamichaa hanga ammaatti poolisii hin qaqqabin jiraachuu ibsee, dabalatas hafatni (minxaafii) rakabootii ilaalchisee gabaasni foorensikii ammallee akka hin ga’in jiru ibsuun, yeroo dabalataa guyyaa 12 gaafatee jira.

Manni Murtichaas yaada bitaafi mirgaa yeroo dhaggeeffatutti, abukaattoon Artist Andualem “ragaaleen dabalataa eegamaa jiran kun yoo qaqqaban qulqullummaa maammila kiyyaa waan mirkaneessaniif, ragaalee sanniin poolisiin hordofee akka dhiheessu nutis ni barbaannaa” jechuun, ta’us poolisiin sababa kana himachuun yeroo 4ffaaf beellama dabalataa gaafachuun sirrii miti jedhaniiru. Dabalatas “Poolisiin qorannoo hanga ammaatti raawwateen, Maammilli koo kun, yakka itti Shakkame kana raawwachuusaa waan agarsiisu ragaa tokkoollee waan isarratti hin argamneef, Artist Andualem mirgi Wabii eegameefi ykn galmeen cufamee maatiisaatti makamuu qaba” jechuun gaafatanii turan.

Manni murtichaas bitaaf mirga erga dhaga’ee booda beellama xumuraa jechuun, yeroo qorannoo dabalataa guyyoota 10 poolisiif hayyameera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
Oromiyaatti barattoonni miliyoonni 3 ol sagantaa nyaataa manneen barnootaa irraa fayyadamaa jiru – BBO

Naannoo Oromiyaatti barattoonni miliyoonni 3 ol sagantaa nyaataa manneen barnootaa irraa fayyadamaa jiraachuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Hoogganaan biirichaa Dooktar Tolaa Bariisoon Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti akka himanitti, akka karooraatti barattoonni miliyoonni 8 ol saganticharraa akka fayyadamaniif hojjetamaa jira.

Saganticha milkeessuuf mootummaa biratti abbootiin qabeenyaa fi qooda fudhattoonni biroon akka itti hiramaatan ta’aa jiras jedhan.

Sagantaan nyaataa manneen barnootaa kun manneen barnootaatti simannaan barattootaa akka dabaluu fi harcaatiin barattootaa akka hir’atuuf gargaaraa jiraachuus ibsaniiru.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
Reposted from:
QUBEE ACADEMY avatar
QUBEE ACADEMY
“Inni immoo, "Naatanii hin dinqifatinaa! Isin Yesus nama Naazireet isa fannifamee ture barbaaddu; innoo ka'eera, as hin jiru ilaa, iddoo isaan isa ciibsanii turan iyyuu!” — Mar. 16:6

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa hundi baga ayyaana yadannoo du'aa ka'u gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin isin gahe.

https://t.me/qubeeacademy
https://t.me/qubeeacademy
#Paaspoortii: Paaspoortii baasuuf waraqaan eenyummaa biyyaalessaa dirqama ta'uu ibsameera.

Waxabajjii 1/2017 irraa eegalee, waraqaan eenyummaa biyyaaleessaa/Faayidaa/ tajaajila paaspoortii argachuuf sanadoota barbaachisoo kessaa tokko ta'a jedhameera.

Guyyaa jedhame irraa eegalee maamiltoonni tajaajilaa paasporti dhiyeessanii eeggataa jiran paaspoortii fudhachuuf yeroo dhufan:-

-Lakka Addaa qabaachu
-Koodii QR waraqatatti baasani fiduu
- Koppii dijitaalaa karaa "Fayda ID" tiin qabaachuu ykn koodii QR karaa filannoo birootiin fidanii yoo dhufan qofa tajaajila argachuu danda'u jedhameera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
25.04.202517:37
Itiyoo-Telekoom gurgurtaa Aksiyoonaa Irraa Birrii Biiliyoona 3.2 walitti qabuu ibse

Itiyoo Telekoom gurgurtaa Aksiyoonaa harka 10 baatii Onkololeessaa 7 hanga Guraandhala 7tti Aksiyoona miiliyoona 10.7 gurguruun birrii biiliyoona 3.2 walitti qabu beeksise.

Itiyoo Telekoom gurgurtaa Askiyoonaa harka 10 Muummee Ministiraa Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti ifoomsuu isaa kan yaadatamudha.

Sirna gurgurtaa Aksiyoonaa kan Invastaroota biyya keessaa kumni 47 fi 377 kan bitan yoo ta'u aksiyoonni miiliyoona 100 gurgurtaa dhiyyate keessaa miiliyoonni 10.7 gurgurame jira.

Hojii Gaggeesituun Itiyoo -Telekoom Aadde Fireehiyiwoot Taammiruu mootummaan riifoormii diinagdee gooroo biyyatiitti taasisaa jiru keessatti gurgurtaa aksiyoonaa Itiyoo -Telekoom shoora olaanaa akka qabu eeranii gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaan jalqabdeef bu'ura guddaa ta'a jedhan.

Adeemsi gurgurtaa aksiyoonaa Itiyoo-Telekoom qabeenya haammataa guddisuuf lammiilee Itiyoophiyaa bifa hundaa galeessaa ta'een kan hirmaachisedha jedhameera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
24.04.202510:07
Balaa Konkolaataatiin lubbuun namoota 16 darbe.

Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsiitti ganda Raafuu Hargiisaa jedhamutti Balaa Konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 16 yoo darbu, namoota 22 irraa miidhaa cimaa fi Salphaan gahuu ibsameera.

Konkolaataan deddeebisa ummataa Shaashamanneerraa imaltoota fe'ee gara Finfinne imalaa ture konkolaataa wal harkisuun walitti bu'uun balaan mudateen lubbuun namoota 16 darbuu ragaan kominikeeshinii magaalaa Nageellee Arsiirraa argame ni mul'isa.

Namoota 16 irra miidhaa cimaa fi 6 irra ammoo miidhaa salphaan qaqqabuun eerameera.

https://t.me/Oromiastudent_s
 https://t.me/Oromiastudent_s
Barattoonni irra deebiidhaan qorumsa bahinsaa(Exit Exam) fudhachuudhaaf eegaa turtan galmeen eegalee akka jiru ministeerri barnootaa beeksisee Jira.Galmeen Eebila 14 hanga Caamsaa 05 itti gidduutti kan gaggeeffamu ta'a.

Galmaa'uudhaaf link armaan gadii kanatti fayyadamaa.

https://exam.ethernet.edu.et

Qorumsa fudhachuudhaaf;

▫️National Id qabaachuun dirqama
▫️Kaffaltii tajaajilaa qarshii 500 Karaa tell birr qofaan raawwachuu akka qabdan ministeerri barnootaa ifoomseera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
18.04.202518:02
"Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ji'a tokkoo/ji'a tokkoo fi walakkaa keessatti kennuudhaaf qophiin taasifamaa jira" - Birhaanuu Naggaa (Professor)

Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara kanaa ji'a tokkoo/ji'a tokkoo fi walakkaa booda akka kennamu Ministirri Ministeera Barnootaa Prof. Birhaanuu Naggaa ibsaniiru.

Ministirri kun, "Qormaanni kun bifa qormaata haaraa kanaan yeroo afraffaadha" jedhan.

Ministirri Barnootaa yeroo waa’ee qormaata bara kanaa kan dubbatanitti, bara kana barattoonni kuma 150 ta’an qormaata isaanii toora interneetii irratti akka fudhatan qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Prof. Birhaanuu, akka jedhanitti, "Adeemsa nuffisiisaan barattoota bakka tokko irraa gara bakka biraatti sochoosuu mannaa bara darbe barattoota 29,000f qormaata onlaayinii kennine, bara kana ammoo barattoota kuma 150f qormaata onlaayinii kennuudhaaf qophaa'aa jirra."

Ministirri kun guyyaa qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa hin ibsine, garuu ji'a tokko ykn ji'a tokkoo fi walakkaa booda qormaata kana kennuudhaaf qophiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
#GGO

Eebla 15 | Guyyaa Yaadannoo Gootota Oromoo!

Eebla 15 bara 1980 hooggantoonni qabsoo bilisummaa Oromoo 11 ta’an hojii diploomaasiif gara Soomaliyaa deeman hidhattoota Soomalii mootummaa Ziyaad Barree mormuuf, kan mootummaa Dargiin deeggaramuun bakka takkati ajjeeffaman.

Hidhattoonni Soomaalii kun hooggantoota Oromoo amantaan addaan baasanii warra amantaa Kiristaanaa hordofan ajjeessanii warra amantaa Musiliimaa hordofan dhiisuuf kan yaalan ta’ullee hooggantoonni Oromoo garuu nuti Oromoodha yoo nu ajjeestan walumaan nu ajjeessaa malee adda hin baanu jechuun akka waliin wareegaman seenaan ni addeessa.

Seenaan gootota kanaa Oromoon amantaa adda addaa, siyaasaa adda addaa, ilaalcha adda addaa hordofullee tokkummaa Oromoof aarsaa akkamii akka kaffalu ragaa guddaadha.

Hardhahoo?

Baga guyyaa yaadannoo goototaan isin gahe!

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
25.04.202510:42
Najjootti namichi haadhaa fi abbaa isaa albeen waraanee ajjeese hidhaa Umurii guutuun adabame

Godina Wallagga Lixaa aanaa Najjoo ganda Eebba Waaqayyoo jedhamutti dargaggeessi haadhaa fi abbaa isaa albeen wawaraanuun ajjeese hidhaan adabamuu poolisiin hime.

Himatamaan maqaan isaa Fayisaa Fufaa Nagaash jedhamu A.L.I Gurraandhala 04 bara 2017 aanaa Najjoo ganda Eebba Waaqayyoo jedhamutti halkan naannoo sa’aatii 4 hanga 5 gidduutti yakka kana kan raawwate ta'uu ajajaan Poolisii aanaa Najjoo Inispeektar Margaa Jabeessaa himaniiru.

''Mana keessatti lola itti kaasee haadhasaa iddoo sagal, abbaa isaas haaluma walfakkaatuun bakka adda addaa waraanee erga ajjeeseen booda miliqe” jedhan.

Barbaacha gama miidiyaa hawaasummaatiin suura shakkamaa kanaa gadhiisuun taasifameen yakka kana raawwatee guyyoota sadiin booda Godina Qeellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee keessatti hawaasaa fi qaamolee nageenyaan to’atamuus himan.

Himatamaan kuni bakka yakka itti raawwate aanaa Najjootti erga dabarfamee kennameen boodas abbaan alangaa fi poolisiin ragaa barbaachisu qindeessuun galmee isaa gara Mana murtii olaanaa Godina Wallagga Lixaatti akka dabarsanis himu Inpeektar Margaan.

Dhimmicha kan ilaalaa ture manni murtii olaanaa Godina Wallagga Lixaa ragaa namaa fi sanadaa dhihaate erga ilaaleen booda dhadhacha gaafa Eebla 16, bara 2017 ooleen adabbii hidhaa cimaa Umrii guutuu itti murteesse.

Dargaggeessi kuni ammaan duras amala gaarii hin taanee fi gochoota saamichaa irratti hirmaachuun rikardii yakkaa kan qabu akka ta’e kan himan Inspeektar Margaan, nageenyummaa sammuu waliin kan walqabatuun garuu ragaan rakkoo sammuu qaba jedhu wanti ibsu akka hin turre himan. #BBC

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
21.04.202510:25
Qormaata Naannoo #Kutaa_6ffaafi_8ffaa #Guyyaa_Barnootaa_46_Qofa Hafuu Beektuu Laata?
--------------------
BBO- Ebla 10/2017 Qormaatni Naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa barattoota Naannoo Oromiyaa bara barnootaa 2017 akka sagantaa Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Waxabajjii 16- 20/2017 jiddutti kan kennamu ta'uu kalaandariin barnootaa agarsiiseera.

Qormaata Naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa guyyoota barnootaa 46 kan hafe yoo ta'u, guyyoota Sanbataafi Dilbataa (tutooriyaaliifi qo'achuu barattootaa) dabalatee guyyoota 65 qofa kan hafan ta'uun hubatameera.

#Kanaafuu_barsiisotni_barattootnifi_maatiin_barattootaa guyyoota hafan kanneen keessatti tutooriyaaliin kennitan, kan qo'attaniifi deeggarsi maatiin kennu qabxii barattootaa fooyyessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf jijjiiramaaf waliin dhaabbachuu qabna kan jedhu dhaamsa BBO ti.

#Dabalataanis_Qormaatni_Biyyoolessaa_kutaa_12ffaa bara 2017 ji'a Waxabajjii keessa waan kennamuuf gamanumaa qophii akka xumuran ni beeksifna.

Walumaa galatti, #manneen_barnootaa_deeggarsa_barattootaaf_taasisaa_jirtan_cimee_akka_itti_fufu, barsiisotni gosa barnoota barsiisaniin '#portion' #dursanii_akka_xumuraniifi_waraqaalee_qormaataa_waggoota_darbanii_akka_shaakalsiisan wal yaadachiisuun qabxii ijoollee keenyaaf ni fayyada.

#_Qabxii_qormaataa_barattoota_keenyaaf_deeggarsi_barsiisotaafi_maatii_hundaa_ol_murteessaadha!

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
Reposted from:
QUBEE ACADEMY avatar
QUBEE ACADEMY
"Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keeyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame" Isa. 53 : 5

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa hundi Baga guyyaa Yaadannoo Fannoo Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoos nagaadhaan geessan!

https://t.me/qubeeacademy
https://t.me/qubeeacademy
05.04.202512:18
#ExitExam

Ministeerri barnootaa barattoota sadarkaa olaanoo qorumsa bahinsaa(Exit Exam) hin darbineef haala keenniinsa document ilaalchisee xalayaa dhabbiilee barnoota olaanoo hundumaaf ergeera.

Bu'uuruma kanaan Bu'aan qormaata bahinsaa(Exit Exam) Sertifikeetii barattootaa(Temporary Degree) ykn Transcript isaanii irratti "Pass" ykn "Fail" jedhee Akka taa'u jedheera.

Foormaatii Certificate armaan oliitti kaa'ameen akka raggaasifamu ministeerichi ajajeera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
Shown 1 - 24 of 53
Log in to unlock more functionality.