‘The Miracle of Istanbul
..Raajii Istaambuul Yeroo Liivarpuul tapha kubbaa miilaa keessatti duubaa ka'anii injifachuu Ajaa'ibaa itti milkeesse..
By. HOPE 🎧
📌Caamsaa 25, 2005 Liivarpuul fi A.C.Miilaan tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Istaadiyeemii Olompikii Ataatuurkitti irratti taphatan, istaadiyeemii tapha tapha xumuraa Maanchistar Siitii fi Intar Miilaan gidduuttti taasifame wagga 2 dura keessummeesse jechuu dha..
📌Taphni waggoota 20 dura gaggeefame sun seenaa tapha kubbaa miilaa keessatti kan yaadatamuu fi beekamaa ta’e keessaa tokko ta’ee galmee seenaa irratti galma'ee jira ammallee deeggartoonni Liivarpuul "Raajii Istaanbul " jechuun waamu..
📌Boqonnaa dura goolii daqiiqaa jalqabaa irratti Paaloo Maaldinii fi kubbaa Hernaan Kireespoo galcheen 3 fi 0n dursaa kan ture AC Miilaan yeroo gareewwan lamaan gara kutaa uffannaatti deebi’an harka tokkoon waancaa kana qabattee ture..
📌Ta'uus wanti boqonnaa booda tapha kana irratti ta’e garuu tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii bara 2005 jaalattoonni kubbaa miilaa waan hedduun akka yaadatan onnee deeggartoota waa kaa'ee darbee jira..
“Deeggaraan kubbaa miilaa kamiyyuu tapha kana yaadachuuf deeggaraa Liivarpuul ykn Miilaan ta’uun isa hin barbaachisu, tapha sana ni yaadha jechuun taphataa sarara ittisaa Liivarpuul duraanii Saamii Hiypiyaan bara 2020 CNN hime ''Boqonnaa booda kilaba Xaaliyaanii waliin 3 fi 0n durfamnee duubaa kaanee injifachuun keenya waan nama ajaa'ibu ture..
📌Taateewwan halkan sanaa caalaatti kan nama dinqisiisan, duubaa kaa'ee iniifachuu warra diimaatii.
Kaapteeniin Liivarpuul Isteeveen Jeeraard goolii jalqabaa Liivarpuuliif erga galche fi goolii wal qixxeessituu 3 fi 3 xaabii alonzoo galche gidduu daqiiqaa torba qofatu ture
📌Taphni kun 3 fi 3 waan xumurameef rukuttaa adda baaftuu kennameen Liverpool iniifachuun seenaa ajaa'ibaa galmeessee waancaa gurra lamaa fuudhuun gara magaala liverpool deebi'e...
Dhaluu kana seenaa ajaa'ibaa durii wal yaadachiisa jirra itti fufa...nu hordofaa❤❤