Kufaatii sodaachuu dhabuu.
Kufaatii sodaachun kun karaa addaa addaatin nu keessatti dhalachuu danda'a..
Fknf.. gaafa nuti daa'imaa yoo waan tokko hojjechuu dadhabne maatin keenya nuun lolu ykn nu garafu.
Mana barnootattis qormaata yoo kufne akkasuma.
Haalli kun kufaatii jabeessinee akka balaaleffannu nu godha.
Daa'imni tokko ol ka'ee deemuf kufaatii hedduu hangana hin je'amne booda dhaabbata akkasumas kufaatii hedduu booda tarkaanfii eegala, yeroo kufu sanitti "lakkii an hin danda'u, kun naaf hin umamne" ja'ee hin taa'u.
Sodaan kun guddina keenya keessa jechuun lakkuma guddataa deemnun isas baraa dhufna.
Fooyya'uu fi milkaa'inni bu'aa kufaatiwwan yeroo hedduuti. milkaa'inni keetis kan laalamu tattaaffi fi adeemsa isaa keessatti hangam takka kuftee kaate kan je'amuuni.
Dhimma tokko hanguma kufaatii isaatif hayyamamaa fi qophii taanefitti itti milkaa'uu dandeenya.
Kufaatii yeroo jabeessinee balaaleffannu sodaa yoon kufe hoo? Jechuutin waan haaraa mokkaruu irraa of qusanna, waanuma harkaa qabnu qofarratti goggoynee hafna, kufaatii dheeysutti milkiidhas walumaan dhabna.
Yoo kufte hoo maali? Kufuun kee dhuma addunyaati mitii bar ykn baasa si qofaan bahee miti eega ilmi namaa/ADAM uumame irraa kaasee waanuma jiru.
Namni tokko dhimma tokkorratti yoo si caalee argame, waan saniif si caalaa kufee ka'ee jira jechuudha.
Akkasumas maddi sodaa kufaatii kun sababa gadhee nuti value jireenyaatif kanninu irraahi.
Fknf..Gatiin nuti ofiif qabnu/kanninu, hanga jaalalaa fi fudhatama namoota guyya guyyaan wal qunnamnuu irratti kan hundaa'u yoo ta'e, dhibbaan dhibbatti fedhiin keenya galma gahuu ykn kufuun isaa namoota irratti hundaa'a. Nuti hin murteeffannu, control hin goonu.
Murtee namoota biraa kan eeggannu ta'a jechuudha Gatuma dhuunfaa keenyaatif.
📝📝
@gaarumansumafi