Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
لا تحزن Laa Tahzan avatar
لا تحزن Laa Tahzan
لا تحزن Laa Tahzan avatar
لا تحزن Laa Tahzan
✍️ "Kan #Nuti Rakkanne Manguddoota utuu hin taane dargaggoota Onneen isaa dulloomedha" Ustaaz Abubakar Ahmad

Ergamaa Keenya Kabajamaa lubbuu keenyaa ol jaallannu yeroo tokko qofa utuu hin taane yeroo kuma tokko kan fiidaa isaaf of goonu tuquun Nabiyyii keenya kabajamaa tuquu utuu hin taane, tuffii ummata kanaati. Kanaaf dargaggoonni bakka isin madaalu dhaabbadhaa. Seenaa keessan kaleessatti deebi'aa.

Namoota ergamaa Rabbii irratti daangaa darban kallattii seeraatiin itti deemna. Hordoftoonni Amantaa biroo wonni nuuf hubachuu qabanu nuti gaafa gorsinu gaafa waamnu dirqiidhaan deemnee hin beeknu. Kanas akka goonu amantaa keenya nuuf hin hayyamu. Kanaaf namoota maqaa amantaa baatanii ummata wolitti buusuuf deema harka jaraa qabuun dirqama keenya.

Dargaggoonni carraan qabnu hardha waan ta'eef diinii keessaniif hojjachuuf hardha qophaa'uutu isin irra jiraata. Dargaggoonni irree tokko ta'aa dhaabbadhaa. Diinii keessaniif ga'ee keessan ba'achuuf yeroo kamiyyuu caalaa qophii ta'aa.
https://t.me/Latah1T
۞-Hadiisa Al-Qudsii Abuu Hureeyraan Rasuula ﷺ irraa gabaase keessatti « Rabbiin ﷻ akkana jedha " Garboota kiyya gaggaariif waan takkaa ijji hin agarin,kan takkaa gurri hin dhag'in,kan takkaa qalbiirrallee nama hin dhufiniin qopheesse." Eegasii aayata kana qara'e
{ فَلَا تَعْلَمُ نَفْسٌ مَا أُخْفِيَ لَهُمْ مِنْ قُرَّةِ أَعْيُنٍ جَزَاءً بِمَا كَانُوا يَعْمَلُونَ } .

•متفق عليه
https://t.me/Latah1T
۞ Abu Darda'i rabbiin isarraa haa jaalatuu akkana jedha " Jaalalleen kiyya ﷺ waa sadii natti dhaame. Hangaan lubbuun jirutti gonkumaa hin dhiisu.:- ji'a hunda irraa guyyaa 3 soomanuu,Salaata duhaatii fii osoon witrii hin salaanne rafuu dhabuudha.»

✓. Witrii tee hin lakkisin. Salaanni halkanii jannata duniyaa kanaati jedha warra seenee arge. Hedduu keenya mobaayila irra taa'uun waan nu daakee jiruuf osuma hin rafneen duratti sunnaa witrii salaattachuun gaariidha. Namni booda niin ka'a jechuu of amanatu sa'atii rabbiin ﷻ eenyuutu na kadhata kaniin kennuuf jedhu saniin haa eeggatuu.»ღ



✓. Yaa warra Qur'aanaa Wattaradhaa!.

Sha'ban 22,1446H
https://t.me/Latah1T
25.04.202516:54
Nashiidaa Aruuza Haaraya
Ustaaz Ramadan Abdii
https://youtu.be/i2lKldXA9mA?si=9ZsbldGyhavf0Bji
« Siiniin jedha.. deddeebi'eetiin siin jedha. Fuuldurri dhufaa jiru baroota darbanii fii baroota amma jiran irra hamaadha. Diin kee baradhu. Aqiidaa tee gad qabii keessa gad seenii hubadhu. Namni iimaanuma ganda keessatti haadhaa fii abbaa isaa irraa dhaale qofaan jiru kan waa hin barannee hedduun gaafa danbalii fii bubbeen fitinaa bubbiste dura dhaabbachuun isaa hedduu ulfaatti. Nama rabbiin ﷻ rahmata godheef malee...»

✓. Ittiin siif deebi'a! Dhimma diin keetii gad seenii gad fageenyaan barannu. Yaa barattoota ilmii shari'aa tarjamaa qofarratti umrii hin fixin.»

Sha'baan 22,1446H
https://t.me/Latah1T
✍️ Ilmi namaa kan madaalamuun hamma jiraate osoon taane, jireenya isaa keessatti milkaayinna meeqatti akka gaheedha. Rabbiin qur’aana keessatti yeroo dubbatu akkana jedha:

{ ونكتب ما قدّموا وآثارهم، وكلّ شيء أحصينه في كتاب مبين }
Waan isaan dalaganii dabarsanii fi bu’aa dalagaa isaanii barreessina jedhee dubbatee jira..!
✍️ Firaa fi maatiin kankee waan ati asirratti dalagattee biraa deemteedha. Addunyaa tanaaf maal dabalte? Maal dalagaa turte? Maal akka gumaachiteedha?
https://t.me/Latah1T
«Hasan Al basriin rahimahullah kan akkana jedhu ture" obboleewwan kee yaatu maatii fii ilmaan keenya caalaa nu biratti jaalatamoodha. Maatiin keenya duniyaa teenya nu yaadachiisu. Obboleewwan keenya immoo rabbii fii ganda aakhiraa nu yaadachiisu»


✓. Obboleewwan diin kanneen diin keetii fii deemsa gara Allaahaa fii ganda aakhiraa irratti si gargaaraan barbaaddadhuu qabadhu.
https://t.me/Latah1T
☆☆﷽☆☆
✍ Rabbi Rahmata nuuf haa godhu......
🍂Ergamaan rabbii saallaallahu Aleyhi wasellam akki jedhe hamtuu boodaan keeyrii hordofsiisi siif hayxi hamtuu jalqabaa san"!....jedhe.
🍂Nuti immoo Keerii takka ni hojjanna isii boodaan hamtuu aanfanna......😢
🍂Keerii heddu ganamee takka hojjannee......
🍂Galagala hamtuudhaan hayne bulla.Rabbi Rahmata nuuf haa godhuu.....
🍂Rabbiin akki jedhu.....>
ولا تكونوا كالتي نقضت غزلها من بعد قوة انكاثا.....
★Akka isittii eega jibrii isii footee jabeessitee booda diinginsa diigdee hin ta'inaa!

Sha👇re
https://t.me/Latah1T
« akka rabbiin ﷻ sii wajjiin tahu hin barbaadduu?. Rabbiin ﷻ hadiisa qudsii keessatti " ani garbicha kiyyaa wajjiin jira yeroo inni na yaadatee na dubbate" jedha. Muttafaaqun Aleyhi.


سبحان الله، والحمد لله، ولا إله إلا الله، والله أكبر، ولا حول ولا قوة إلا بالله.
وأستغفر الله وأتوب إليه.

Sha'ban 22,1446H
https://t.me/Latah1T
Namni waan hiriyyoomfatu yoo sirritti adda filate bu'a qabeessa taha.

Hiriyyummaan bakka itti kufaniisi bakka itti ka'aniiisi. Hiriyyummaan hiriyyummaa caale tan karaa Rabbii irratti wal gargaaruufii badii irraa harka wal qabuu irratti taateedha. Hiriyyummaan dhimma duniyaa qofa irratti wal guddisuu irratti hundooyte, tan wanti Rabbii xiqqollee keessa hin jirre dhumni isii fokkotaadha. Yeroon yaadannaa isii hamma wal bira jiran qofa. Gaafa ta Rabbii walitti nama hiite garuu jiruudhaan karaa Rabbii irra wal gargaarta, du'aan yoo wal biraa deemte immoo du'aa'ii waliif goota, maatii ofii bira waliif dhaabbatta. Boru immoo Arshii Rahmaan jalatti waliin gaaddiseeyfachuu kajeelta !

Eenyu hiriyyoomfattee jirta?

Walitti fafakkeessu jirra moo dhugaa Rabbiitu walitti nu hidhe? Duuba keenyatti waan gaariin wal dubbannaa? Dura keenyattoo badiirraa wal qabnaa? Bakkaan an hin jirretti namoota keessatti na guddisa janne wal yaannaa kana taanaan hiriyyummaan milkii qabu keessa jirra ! Ykn ni gabbina
https://t.me/Latah1T
🦋..

Rabbi faarsuu fii Rabbi galatoomfachuu aadeeyfachuun waan qabaniin of gahuun hanga qaban jaalachuufii amanfachuu qalbii dhaalchisti,ni'imaan akka namarraa hin deemne namaaf tiksiti,kennaalee barakeessiteeti badhaasoota rabbirraa namaf dabalti. bifa ittiin rabbiif galata galchan keessaa bifti dimshaashummaa qabdu kan yeroo zikriilee ganamaa qara'amtu kan Rasuularraa ﷺ dhufteedha. Rasuulli ﷺ " Namni yeroo bariisifate ""Allaahumma maa asbaha bii min-ni'matin ow bi ahadin min khalqika faminka wahdaka laa shariika laka. Falakal hamdu walakashukru"|| اللهم ما أصبح بي من نعمة أو بأحد من خلقك، فمنك وحدك لا شريك لك، فلك الحمد ولك الشكر" jedhe dhugumatti Rabbiif galata galchuu guyyaa isa raawwatee jira. " jedhan.ღ

Zikriilee ganamaa keessan hin dagatina!.ღ🦋.
https://t.me/Latah1T
ATI DUBARTIIDHA!.🧕

↛Ati akka abaaboo (ilillii)ti. Ilillii bareedduu ijaaf toltu, ilillii urgooytuu foolii gaarii qabduuti. Ililliin hanguma muramtee harka namaatiin hin laaqamin bareeddi. Ilillii dirrerratti biqilte yoo taate hundaatu si darba. haajaa itti baanaan ni darbamti. Biqiltuu ol fagaatte yoo taate qaqqabata. Namuu muratee urgaa fii barcedina erga dhabde ofirraa namoonni murachuuf hawwanii dharra'an malee hin argatan. Namni isii argatu nama isiidhaan qixxaatu qofa! Dubartiinis akkuma biqiltuu kana! Uumamaan qaama bareedaa fii nama hawwatu qabdan. Atiis hanguma namootaan hin laaqamin kabajaa qabda. Hanguma naamusaa fii kabajaa tee eeggattu sadarkaan tee ol guddatti! Hayyama keetiin karaarratti namaaf baatee namuu akka si qaqqabatu, hundi yeroof sitti fayyadamee akka deemuuf hin hayyamin! Akka ilillii olfagaattee biqiltee san tahi! Yeroo teetitti fayyadami! Ati akka amma jirtu kanatti hin turtu, wanti hundi ni jijiirama. Wanti beekuu qabdu nama hundaaf osoo hin taane nama tokk
https://t.me/Latah1T
« sheeyxaanni osoo ati qur'aanaan ooddee hedduu jaalata. Boru,iftaani guyyaa itti aanuu jechuun achii si dhiibsisuu fii si harkisuu irraa hin deemu hanga qalbiin tee duutee qur'aanni isii irratti ulfaatee ati isaan ooddee isa lagattutti. Qur'aanaan hin oodinaa. Inni bohaarsaa keessani. Guyyaa qiyaamaa shaffa'aa keessani. Wirdii guyyaa keetii hanga fedhe yoo xiqqaatellee walitti fufiinsaan qarauu hin lakkisin. Hanga fedhe osoo siif mijachuu baatee osoo deemaatillee tahee hin dhiisin.»


Sha'ban 24,1446H
https://t.me/Latah1T
Gara Rabbiitti yoo deebitu mijjaatu jira, Tasgabbiitu jira, kabajaa fi ulfinaatu jira. Gara Rabbii haa deebinuu 🫶📖📿

#منى_لكم
https://t.me/Latah1T
☆☆﷽☆☆
✍ Rabbi Rahmata nuuf haa godhu......
🍂Ergamaan rabbii saallaallahu Aleyhi wasellam akki jedhe hamtuu boodaan keeyrii hordofsiisi siif hayxi hamtuu jalqabaa san"!....jedhe.
🍂Nuti immoo Keerii takka ni hojjanna isii boodaan hamtuu aanfanna......😢
🍂Keerii heddu ganamee takka hojjannee......
🍂Galagala hamtuudhaan hayne bulla.Rabbi Rahmata nuuf haa godhuu.....
🍂Rabbiin akki jedhu.....>
ولا تكونوا كالتي نقضت غزلها من بعد قوة انكاثا.....
★Akka isittii eega jibrii isii footee jabeessitee booda diinginsa diigdee hin ta'inaa!

Sha👇re
https://t.me/Latah1T
اذكروا الله!
✍️ Guyyaa takkaafis taatu, gatii Zikrii godhuun qabu imagine gootee beektaa?

Altakka qofa “Alhamdulillaah” jechuu kee qofaan, miizaanni kee toltuudhaan guutama. Dubbii tana Rasuulatu jedhee beeki (Sallallaahu aleyhi wasallam):
«والحمدلله تملأ الميزان »
« Alhamdulillaahiin miizaana guutti »
👉🏼 Kan yeroo takka qofa Alhamdulillaah jechuun Miizaana siif guuttu, osoo halkanii fi guyyaa kankee Zikriidhaan guuttee galmeen tee akka guuttu beeki obboleessoo..!!

Kanaan alatti kan keessi kee tasgabbii fi boqonnaa argachuudhaa waan haasahamee dhumaa miti..!!

Rabbiin nuuf haa laaffisu👇🏻
https://t.me/Latah1T
Osoo beeknuu huuba wajjiin___!!
👇🏻

✍️ Yeroo tokko tokko osoo beektuu caldhiinsa filatta. Rakkoon gariin tan yoo dubbatte, dubbiin tee afuuftee gaaraan geettutu jira.
Akkuma nama hun beeknee uf fakkeessi,
Akkuma nama hin garreetti bira dabri,
Akkuma nama hin dhageenyeetti gurrarra dabarsi,
Akkuma nama hin galiniifiitti iyyaafadhu.

✍️ Gadaa bulchiinsa Kaliifaa #Mahdiyyii keessa, namticha tokkotu kophee harkatti qabatee itti ol seenee akkana jedheen:
Yaa Amiira/hoogganaa mu’umintootaa, kopheen tuni bar tan Nabii keenyaatii (SAW).
Achumaa kaliifaan Mahdiyyiinis, kophee tana irraa fuudhanii, kophee dhungatanii, namtichaa diinaarri 10000 akka kennamu ajajaniif.
Erga inni biraa bahee booda, namoota isaan bira jiruun akkana jedhan kaliifichi:
Nabiin keenya (SAW) kophee tana godhachuu mitii ijaanuu akka hin garre nan beeka. Garuu osoo namicha kana kihibsiifnee irraa fuudhuu dinnee, silaa asii bahee, kaliifaan kophee Nabii keenyaa na harkatti dide jedhee kijibaaf jedhan..!!
https://t.me/Latah1T
بسم الله الرحمٰن الرحيم ✨
#Narraa_qabadhu.....!
✍Namoota siin xilaata ta'an kan arrabaa fi Gochaa fi jechi isaaniillee sima xureessu.....
✍Namoota gadi tahuu kee hawwan.
👉Namoota kufiinsa keetiin gammadaniif.....
👉Kan hamtuu sitti yaadaniif....

🌹Yoo isaan jijjiiruu feete....
🌸Yeroo isaan hamtuu sitti dalaganii fi siin jedhan....
🌸Fuula ifaa fi haasawa gaariin deebisiif.....
🌸Yoo si arrabsan....faarsiin.....
👌Aduwwummaa jidduu teessanii fira/Aanaa wal jaalatu taatee argamti.....
✍Anaaa miti kan jedhee.....
★ادفع بالتي هي أحسن فإذا الذي بينك وبينه عداوة كأنه ولي حميم.....
Rabbiiti jedhe.

✍Kanaaf nama aarii liqimsateetu jabaa namaati..
👌Namaaf irra dabrii. Dhaamsa kiyya.
👌Ramadaannis dhufaa jira ....
🤲Rabbi ottiin nu haa gahu.
Eega geenneellee soomuu fi ibaadaa dalguun nutti haa laaftu.
Eega dalaganneellee rabbiin nurraa haa qeebalu.
🌹 Aamiin Allahumma aamiin 🌹


Share👇
https://t.me/Latah1T
« guyyaa kee qur'aanaan eegali. Dhugumatti qur'aanni irra guddaa waan ittiin guyyaa ofii banatanii fii irra qaalii hiriyyaa wajjiin taa'aniidha. Zikriilee kee irraa hin dagatin. Isiin dallaa jabaa ittiin of eegduudha.»


Sha'ban 24,1446H
https://t.me/Latah1T
۞ Abu Darda'i rabbiin isarraa haa jaalatuu akkana jedha " Jaalalleen kiyya ﷺ waa sadii natti dhaame. Hangaan lubbuun jirutti gonkumaa hin dhiisu.:- ji'a hunda irraa guyyaa 3 soomanuu,Salaata duhaatii fii osoon witrii hin salaanne rafuu dhabuudha.»

✓. Witrii tee hin lakkisin. Salaanni halkanii jannata duniyaa kanaati jedha warra seenee arge. Hedduu keenya mobaayila irra taa'uun waan nu daakee jiruuf osuma hin rafneen duratti sunnaa witrii salaattachuun gaariidha. Namni booda niin ka'a jechuu of amanatu sa'atii rabbiin ﷻ eenyuutu na kadhata kaniin kennuuf jedhu saniin haa eeggatuu.»ღ



✓. Yaa warra Qur'aanaa Wattaradhaa!.

Sha'ban 22,1446H
https://t.me/Latah1T
Ammee..!!

Mootummaan Ingilizii qoqqobbii ministeerota ittisaa, kan biyya keessaa fi dhaabbilee tikaa Siiriyaa irra kaa'amee ture kaasuu isaa ifoomse.
https://t.me/Latah1T
✍️ "Nuti warra Shaami dha! Ummata dachii kanaati, Nuti warra sansakkaa fi hojiin beekamu dha!! Waan dubbanne qabatamaan agarsiisna, waadaa seenne ni milkeessina!!..

Caba keenya irratti boo'uu hin beeknu! Gaddaan laphee keenya cabsuu hin jaallannu!!" jedha Pirezidaantii yeroo Siiriyaa Ahmad Alshaari'i.

Warra Shaam warra addunyaa raase, ilmaan Qa'aqa'a.

* Muslimoonni addunyaa irratti argaman marti dachii Ga*zzaa fi Siiriyaa irratti hidhamanii hordofaa jiru, dachiin Shaam kun burqaa jajjaboo Islaamaa warra mataa Muslimootaa olkaasee salphina dii*naa jalaa baraare dha.

اللهم بارك لنا في شامنا.
https://t.me/Latah1T
16.04.202516:01
Hanga dhumaa dubbisaa👇🏻

✍️ Jaalatamuu,hammatamuu kunuunfamuu,nama duratti mul'atuufi kabajamuu,beekkamuufi maqaan ufii ol ka'uu hunduu ni barbaada,kanaaf  hedduun namaa Oliifi gaditti conqol jedhaa jiraata, fedhiin akkasii immoo,yoo daangaa hin qabaanne  joollee daa'imaan wal nama fakkeessa.

Eeeee
Mul'atanii argamuun gaariidha,garuu hujiin tahuu qaba,bahanii beekkamuun sirriidha,garuu amala gaariifi toltuun tahuu qaba,caalanii argamuun dorgommiidha,garuu toltuu yaaduu wajji tahuu qaba,beekamaa tahanii argamuun gaariidha,garuu beekkumsa wajjiin tahuu qaba,akkaafi bakki immoo,laalamuu qaba.

Jaaloo
Kaayoofi imala sirrii qabannaan,mikaa'inni kee gatii ifaajee keetitii beeki,gufuufi gufaatiin sirra gahaa ture,qoreefi danqaraan karaa irratti si sakaaleefi qaamaafi qalbii kee bocolaa gadi si lakkise,muuxannoofi leenjii kee isa darbee sanaa argi.

Obboaa
Hi'oo,lakki,i'iii hin tahu,haay jechuun kee,ijjannoo, murannoofi kutannoo sirrii sammuu keetiitii argi, tuffatamuu,dhiibamuu qimmiidamuu dandeettee, alanshamtee tufamuu diddee dhaabbachuun kee,dhugaa ati ufitti himtetu galaa tahee ol si dhaabee beeki.

Hey
Uf taatee ufirra dhaabbattee ufitti murteessuu jalqabnaan, murtii keetiif itti gaafatamummaa mataa keetii fudhannaan,ol jettee deemuufi ol jettee dubbachuu jalqabnaan,bishaan qallate furdate jedhee kan zaraata rifeensaa oliifi gaitti baqaqsaa oolu bira kuttee jirtaa uf badhaasi.

Yoooo
Joollummaa irraa ol siquuf,kaan safartee,kaan hammaartee gadi hin naqinii dhiisii bakka tokko ijjadhu.
https://t.me/Latah1T
Shown 1 - 24 of 118
Log in to unlock more functionality.