Namni Awwaalamaa jiru kun suma!!!
■■■■■■■■■■■■■■■■■■■■■■
@Caayaadiinaalislaam
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhuu Obboloota koo ♡♡♡♡ ♡♡♡♡
@Caayaadiinaalislaam
Duuti beellamaan hin dhuftu, karoora ati galmaan gahuuf fuugdu hin ilaaltu, yoo ati duute maatiitu harka namaatti hafa hin jettu, qophiidhaaf yeroo siif hin laattu!!
@Caayaadiinaalislaam
Otoo kan awwaalamaa jiru kun si tahee hoo
Mee waan yoo fuula Rabbii keetii qunnamte dhiyeeffattu maal harkaa qabda?.
@Caayaadiinaalislaam
Obboleessa koo bareedaa, obboleettii tiyya bareedduu imalli keenya hunduu gara aakhiraati, imaltuun galaa hin qabne kadhattuu taati, aakhiraa karaa seennaan kadhaan hin jirtu.
@Caayaadiinaalislaam
Amma yeroo qabna, yeroon Ramadaana, yeroo itti galaa baay'ee qopheeffannudha. Ati gamna taanaan halkan tokkotti ibaadaa waggaa 83 olii shaqqalachuu dandeessa.
@Caayaadiinaalislaam
Package Ramadaanaa Bonus ajaa'ibaa !!!
@Caayaadiinaalislaam
Guyyoota kurnan Ramadaanaa kana tasuma sekendii takka hin qisaasessin, qara'i, aalaati, zikrii godhi, du'aa'ii jabeeysi, xiqqoo qabduun rakkataa gargaari, ilama namaaf fuula toli, jama'aa hin hafin, salaanni shanan waajibaa tokko sin darbin.
@Caayaadiinaalislaam
Sadaqaa jaariyaa kan akka jaarmaya masjidaa fi madrasaa faa dhageenyaan dhaqqabadhu, gatii sanbuusaa tokkoo haa taatu maaliif birrii takka(1) hin ta'in keessa buufadhu, sun aksiyoona keeti jiraattus duutus bu'aan isaa yeroo hunda siif gala.
@Caayaadiinaalislaam
Haraam irraa akkaan fagaadhu, midhaa namaa irraa baqadhu, akka Rabbiin hin jaalannee fi bakka Rabbiin hin jaalanne hin dhaabbatin.
@Caayaadiinaalislaam
Nuti hamma kana of eegnaan Allaahn immoo rahmata isaatiin nu tiksa, nu gargaara, nuuf barakeessa.....
@Caayaadiinaalislaam
Leenca koo galaan ganda aakhiraa bafa kanaan shaqqalamti.
@Caayaadiinaalislaam
Rabbiin warra kheeyrii fi ibaadaa irratti umriin dheerattu, warra khaatimaan toltu, warra gaaddisa arshii jala taa'u, warra nagayaan jannata seenu nu jaa taasisu!!
@Caayaadiinaalislaam
Aamiin Aamiin Yaa Allaah
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Caayaadiinaalislaam