🌍Imala kee dursii kana✨hubadhu!.
🎗️Namni maal naan jedhaa?'n waan namni siin jedhe jijjiiree hin argamu; garuu eenyummaan kee gooftaa waan siin jedhamuuti. Kanaaf ofitti amanamummaa kee gabbisii qabadhu!.
🎗️akka siin jedhan ta'uuf osoo hin taane, akka taatee argamtu akka jedhamtuuf dalagi!. Hamma geessus hin ibsin, hammi geessu sunuu ragaadhaa. Hundaaf gurra ergisuunis gurra kaayyoo ofiitti dugda gatuu akka ta'e yaadaan qabadhuuti deemsa itti fufi. imala gaarii.....!
🎗️gaafa sochii eegaltu sirrattis sochituu eegalama. Waa'een kee karaa lamaan odeeffamuu itti fufa. Kaan sababa malee si jibba, sirratti odeessa, maqaa kee faalee dhiisuu dida, dhagaa filee sitti darbata. Kuun ammoo ofitti si waama, harka walitti siif rukuta!. eyyen kanatu jira!. Kun jiraachuu isaa hubachuufi kanaaf deebii akkami akka laattuus of harkaa qabaachutu si ceesisa.