Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
OT
Oromia Times
OT
Oromia Times
24.04.202510:07
Balaa Konkolaataatiin lubbuun namoota 16 darbe.

Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsiitti ganda Raafuu Hargiisaa jedhamutti Balaa Konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 16 yoo darbu, namoota 22 irraa miidhaa cimaa fi Salphaan gahuu ibsameera.

Konkolaataan deddeebisa ummataa Shaashamanneerraa imaltoota fe'ee gara Finfinne imalaa ture konkolaataa wal harkisuun walitti bu'uun balaan mudateen lubbuun namoota 16 darbuu ragaan kominikeeshinii magaalaa Nageellee Arsiirraa argame ni mul'isa.

Namoota 16 irra miidhaa cimaa fi 6 irra ammoo miidhaa salphaan qaqqabuun eerameera.

https://t.me/Oromiastudent_s
 https://t.me/Oromiastudent_s
Barattoonni irra deebiidhaan qorumsa bahinsaa(Exit Exam) fudhachuudhaaf eegaa turtan galmeen eegalee akka jiru ministeerri barnootaa beeksisee Jira.Galmeen Eebila 14 hanga Caamsaa 05 itti gidduutti kan gaggeeffamu ta'a.

Galmaa'uudhaaf link armaan gadii kanatti fayyadamaa.

https://exam.ethernet.edu.et

Qorumsa fudhachuudhaaf;

▫️National Id qabaachuun dirqama
▫️Kaffaltii tajaajilaa qarshii 500 Karaa tell birr qofaan raawwachuu akka qabdan ministeerri barnootaa ifoomseera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
18.04.202518:02
"Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ji'a tokkoo/ji'a tokkoo fi walakkaa keessatti kennuudhaaf qophiin taasifamaa jira" - Birhaanuu Naggaa (Professor)

Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara kanaa ji'a tokkoo/ji'a tokkoo fi walakkaa booda akka kennamu Ministirri Ministeera Barnootaa Prof. Birhaanuu Naggaa ibsaniiru.

Ministirri kun, "Qormaanni kun bifa qormaata haaraa kanaan yeroo afraffaadha" jedhan.

Ministirri Barnootaa yeroo waa’ee qormaata bara kanaa kan dubbatanitti, bara kana barattoonni kuma 150 ta’an qormaata isaanii toora interneetii irratti akka fudhatan qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Prof. Birhaanuu, akka jedhanitti, "Adeemsa nuffisiisaan barattoota bakka tokko irraa gara bakka biraatti sochoosuu mannaa bara darbe barattoota 29,000f qormaata onlaayinii kennine, bara kana ammoo barattoota kuma 150f qormaata onlaayinii kennuudhaaf qophaa'aa jirra."

Ministirri kun guyyaa qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa hin ibsine, garuu ji'a tokko ykn ji'a tokkoo fi walakkaa booda qormaata kana kennuudhaaf qophiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
#GGO

Eebla 15 | Guyyaa Yaadannoo Gootota Oromoo!

Eebla 15 bara 1980 hooggantoonni qabsoo bilisummaa Oromoo 11 ta’an hojii diploomaasiif gara Soomaliyaa deeman hidhattoota Soomalii mootummaa Ziyaad Barree mormuuf, kan mootummaa Dargiin deeggaramuun bakka takkati ajjeeffaman.

Hidhattoonni Soomaalii kun hooggantoota Oromoo amantaan addaan baasanii warra amantaa Kiristaanaa hordofan ajjeessanii warra amantaa Musiliimaa hordofan dhiisuuf kan yaalan ta’ullee hooggantoonni Oromoo garuu nuti Oromoodha yoo nu ajjeestan walumaan nu ajjeessaa malee adda hin baanu jechuun akka waliin wareegaman seenaan ni addeessa.

Seenaan gootota kanaa Oromoon amantaa adda addaa, siyaasaa adda addaa, ilaalcha adda addaa hordofullee tokkummaa Oromoof aarsaa akkamii akka kaffalu ragaa guddaadha.

Hardhahoo?

Baga guyyaa yaadannoo goototaan isin gahe!

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
Ministeerri barnootaa baankii barsiisotaa hundeessuuf jedha.

Ministeerri barnootaa Yuniversiitiilee waliin ta'uudhaan Baankii barsiisotaa hundeessuun jireenya barsiisotaa fooyyessuudhaan Ikonoomiidhaan akka jabaataan gochuudhaaf sochiirra akka jiru ifa godheera

Baankiin Barsiisotaa kun barsiisonni wantoota bu'uuraa kanneen akka abbaa Mana jireenyaa akka ta'an gochuufi akkasuma tajaajila Kan biroo Baankii Sana irraa akka argataniif bu'uureffateeti jedheera ministeerichi.

Kunis ammoo bara 2019' tti akka hojiirra ooluuf hojjetamaa jiraachuus ibseera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
21.04.202510:25
Qormaata Naannoo #Kutaa_6ffaafi_8ffaa #Guyyaa_Barnootaa_46_Qofa Hafuu Beektuu Laata?
--------------------
BBO- Ebla 10/2017 Qormaatni Naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa barattoota Naannoo Oromiyaa bara barnootaa 2017 akka sagantaa Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Waxabajjii 16- 20/2017 jiddutti kan kennamu ta'uu kalaandariin barnootaa agarsiiseera.

Qormaata Naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa guyyoota barnootaa 46 kan hafe yoo ta'u, guyyoota Sanbataafi Dilbataa (tutooriyaaliifi qo'achuu barattootaa) dabalatee guyyoota 65 qofa kan hafan ta'uun hubatameera.

#Kanaafuu_barsiisotni_barattootnifi_maatiin_barattootaa guyyoota hafan kanneen keessatti tutooriyaaliin kennitan, kan qo'attaniifi deeggarsi maatiin kennu qabxii barattootaa fooyyessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf jijjiiramaaf waliin dhaabbachuu qabna kan jedhu dhaamsa BBO ti.

#Dabalataanis_Qormaatni_Biyyoolessaa_kutaa_12ffaa bara 2017 ji'a Waxabajjii keessa waan kennamuuf gamanumaa qophii akka xumuran ni beeksifna.

Walumaa galatti, #manneen_barnootaa_deeggarsa_barattootaaf_taasisaa_jirtan_cimee_akka_itti_fufu, barsiisotni gosa barnoota barsiisaniin '#portion' #dursanii_akka_xumuraniifi_waraqaalee_qormaataa_waggoota_darbanii_akka_shaakalsiisan wal yaadachiisuun qabxii ijoollee keenyaaf ni fayyada.

#_Qabxii_qormaataa_barattoota_keenyaaf_deeggarsi_barsiisotaafi_maatii_hundaa_ol_murteessaadha!

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
Пераслаў з:
QUBEE ACADEMY avatar
QUBEE ACADEMY
"Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keeyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame" Isa. 53 : 5

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa hundi Baga guyyaa Yaadannoo Fannoo Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoos nagaadhaan geessan!

https://t.me/qubeeacademy
https://t.me/qubeeacademy
05.04.202512:18
#ExitExam

Ministeerri barnootaa barattoota sadarkaa olaanoo qorumsa bahinsaa(Exit Exam) hin darbineef haala keenniinsa document ilaalchisee xalayaa dhabbiilee barnoota olaanoo hundumaaf ergeera.

Bu'uuruma kanaan Bu'aan qormaata bahinsaa(Exit Exam) Sertifikeetii barattootaa(Temporary Degree) ykn Transcript isaanii irratti "Pass" ykn "Fail" jedhee Akka taa'u jedheera.

Foormaatii Certificate armaan oliitti kaa'ameen akka raggaasifamu ministeerichi ajajeera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
04.04.202505:00
Qorannoo Ministeera Barnootaatiin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif Dhiyaate fi Furmaata Ka'aame

«Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 10ffaa osoo hin fudhatiin gara kutaa 11ffaatti darbaniif barnoonni fooyya'iinsaa adda ta'e kennamuufii qaba, yoo kana hin taane garuu kufuun itti fufa!» - Ministeera Barnootaa

Qorannoo Ministeera Barnootaatiin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif Dhiyaate fi Furmaata Ka'aame


Ministeerri Barnootaa baay'inni barattoota gara Yuunivarsiitiitti seenanii yeroodhaa yerootti garmalee hir'achaa dhufuu isaatiin wal qabatee hanga qorannoo taasise jedheenii fi Mana Maree Bakka Bu'oota Uumataatiif dhiyeesseen rakkoowwan gosa garaa garaa hedduun argamuu isaanii ibsaniiru.


Riifoormiin seektara barnootaa erga taasifame booda Manneen Barnootaa hanga barsiisuu danda'aanii ol barattoota ni barsiisu kan jedhe yoo ta'u kana dura qormaanni kutaa 10ffaa irratti kennamaa ture hafuu isaatiin osoo hin qoromiin kutaa 11ffaa seenuun isaanii rakkoo kanaaf sababa guddaa caqafamu ta'uu ibsaniiru.

Qormaata Moodelaa Manneen Barnootaatti kennamu fi qormaata biyyaalessaa Ministeera Barnootaatiin kennamu gidduus garaa garummaan guddaan akka jiru ibsameera.

«Barattoota Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaa gidduu parsantii darbuu yeroo ilaallu garaa garummaan jira» kan jedhe Ministeerri Barnootaa «Barattoonni Saayinsii Uumamaa qabxii fooyya'aa fiduun gara Dhaabbilee Barnoota olaanootti ni seenu, ta'us garuu gahaa miti, wantoonni hedduun fooyya'uu akka qaban qorannoon kuni nutti agarsiiseera.» jedhaniiru.


Qorannoon kun rakkoo seektara Barnootaa akkamiiti kufaatii hamma kanaa kan nutti fide, kufuu barattootaa fi darbuu waliin wal qabatee amalli barumsichaa naalidha kan jedhu fi walumaa galatti seektara Barnootaa irratti rakkoowwan mudatan kan qabatedha.

Rakkoowwan seektara barnootaa hunda irra jiran kan agarsiise qorannoon kun dhuma irrattis yaadota furmaata ta'an dhiyeesseera.

Ministeerri Barnootaa yaada furmaataa maal dhiyeesse?
u
«Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 10ffaa osoo hin fudhatiin gara kutaa 11ffaatti darbaniif barnoonni fooyya'iinsaa adda ta'e kennamuufii qaba, yoo kana hin taane garuu kufuun itti fufa! sababni isaa beekumsa fi dandeettii hanga barbaadamu qabatanii hin ba'aan»


Baadiyyaatti keessattuu naannoowwan horsiisee bulaatti misoomni seektara Barnootaa irra jiru xiqqaa ta'uu isaa waliin wal qabatee garmalee duubatti hafaa waan jiruuf fooyya'iinsi hojjetamuuj qaba.

Kan biraa ammoo aanga'oota Barnootaa, barsiisota fi ijaarsa dandeettii waliin wal qabatee dhimmoonni jiran dhimmoota bu'aa fidan qofaa irratti xiyyeeffannoon taasifamee aanga'oonni barumsaa hanga hin deeggarretti rakkoowwan kunneen itti fufu.

Barsiisotaaf daballii mindaa qofaa osoo hin taane barsiisota kan hammatu sagantaan «insensitive package» hanga hin dhufnetti rakkoowwan itti fufu.

Dabalataanis qoqqoodiinsa qabeenyaa irratti hanqinni waan jiruuf misooma seektara Barnootaa irratti qormaanni jiraachuu agarsiisa, kunis furamuu qaba» jechuun yaada furmaata jedhe dhiyeesseera.


Ministeerri Barnootaa yeroo qorannoo kana dhiyeessetti Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa yaada fi gaaffilee garaa garaa dhiyeessaniiru.

Qorannoo kana irratti yaadonni furmaataa dhiyaachuun isaanii gaarii ta'ee osoo jiruu asumatti haasa'aamanii lafa irratti osoo hin bu'iin yoo hafan hiika hin qaban. Kanaanis hundumtuu xiyyeeffannoo kenneefii ilaaluu akka qabu Bakka Bu'oonni ibsaniiru.

Deeggarsi barattoota kutaa 1ffaa hanga 8ffaa tiif taasifamu gadi bu'aadha, kunis bu'aa dhabuu yeroo ammaa mudateef gahee guddaa fudhata, qorannoo kana irratti hoo kunu maalif osoo hin hammatamiin hafe, sababni isaas bu'uurri Barnootaa kutaa gadi aanaa irraa eegaleetu waan ta'eef gaaffileen jedhan ka'aaniiru. Barattoonni garaa garaa karaalee seeraan alaa gara biyyoota adda addaatti godaanaa jiru, barattoonni kuni yeroo ta'u tasgabba'aanii barachuu danda'aa hin jiran, Ministeerri Barnootaa xiyyeeffannoo kennuufii qaba jedhameera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
03.04.202510:46
"Barattoonni yuunivarsiitii eebbifamuun dura waggaa tokkoof akka barsiisan taasisuuf":- Ministeera Barnootaa

Ministeerri Barnootaa hojimaata barattoonni yuunivarsiitii eebbifamuu isaaniin dura waggaa tokkoof ogummaa barataniin hawaasa isaaniin akka barsiisan ykn tajaajilan taasisu hojiirra oolchuuf karoorfachuu beeksise.

Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaa kaleessa Ebla 02, 2025 Koreen Dhaabbii Dhimmoota Misooma Qabeenya Namaa, Boobbii Hojii fi Teknoloojii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa sababoota qabxiin barattoota kutaa 12ffaa gadi aanaa ta’e ilaalchisee qorannoo dhiyaate irratti marii yeroo gaggeessu karoora kana ifoomsaniiru.

Sagantaan “Tajaajila Yuunivarsiitii Itoophiyaa” jedhamuun moggaafame kun karoora barattoonni yuunivarsiitii osoo hin eebbifamin dura ogummaa barataniin hawaasa akka tajaajilan kan taasisu ta’uu Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa himaniiru.

Sagantaan “yoo danda’ame bara dhufu yoo ta’uu baate bara 2019 ALI hojiirra oola” jedhame kun, barattoonni yunivarsiitii beekumsa isaanii hojiitti hiikuuf kan dandeessisu ta’uus ministirichi akeekaniiru.

Itoophiyaatti hanqinni barsiisotaa 100,000 ol akka jiru kan ibsan Pirof. Birhaanuun, hanqina barsiisota gahumsa qaban olaanaa biyyattii keessatti mul’ate furuuf ministeerichi sagantaalee adda addaa kan akka “Tajaajila Yuunivarsiitii Itoophiyaa” karoorfachuun hojiirra oolchaa jiraachuu ibsaniiru.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
Liiq Phaaphaasiin Roman Catholic church Pop Francis umurii isaanii Wagga 88 tti du'aan addunyaa kanarraa boqotan.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
05.04.202510:45
Gosa barnootaa argattan
1. Math's Grade 11 and 12 (All Unit)
(Plus 2002 -2016 UEE)
2. Physics Grade 11 and 12( All Unit)
3. English Exam Based
4. Aptitude (SAT)
5. Biology Grade 12 (Unit 3, 4, 5 and 6)
6. Chemistry Grade 12 Unit 1&2

Barattoonni barachuu barbaaddan kamiyyuu qarshii 1000 kaffaluutu isin irraa eegama.
Lakkoofsa herregaa Baankii Daldala Itoophiyaa (CBE): 1000222856608
Maqaa: Feyisa Hailu Esho
Irratti galii gochuun screenshot gootanii karaa @fayisa8 ergitu.
Odeeffannoo dabalataaf: 0925311351

"Dursitanii galmaa'uun fayyadamaa ta'aa, adeemsa barnootaa keessan milkeessaa."

Galatoomaa!

https://t.me/qubeeacademy
https://t.me/qubeeacademy
03.04.202516:59
"Itiyoophiyaan caasaa taarifa haaraa Ameerikaan dhiheessite ni fudhatti" Ministeera maallaqaa

Mootummaan Itoophiyaa murtee Pirezidaantiin Ameerikaa caasaa taarifaa haaraa irratti baasan akka fudhattu ministeerri maallaqaa ibseera.

Caasaan Taarifaa haaraa kun hariiroo daldalaa biyyoota lamaanii cimsuu fi al-ergii Ityoophiyaa guddisuuf tarkaanfii murteessaa ta’uu ibseera.

Itiyoophiyaan wiirtuuwwan omishaa gurguddoo kanneen akka Veetnaam fi Baanglaadeesh waliin akka dorgomtuuf carraa gaarii kan kennu ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaa irratti qaraxa %10'n irraa kaa'ameera. Kunis al-ergitootaaf kaka'umsa guddaa ta'a" jechuun ministirri kun beeksisaniiru.

"Kun ammoo oomishaalee Itiyoophiyaa gabaa Ameerikaa keessatti gatii dorgomaa taasisuudhaan fedhii fi invastimantii ni dabala jedhamee eegama," jedha barruun Kaappitaal.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
Balaa abiddaa daqiiqaa muraasa dura magaalaa Jimmaa markaatootti mudatee ture tattaaffii cimaa hojjettootni balaa ibiddaafi hawaasa magaalaa jimmaa naannoo sanatti argamaniitiin to’annoo jala ooleera. Via Abdi

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
Oromiyaatti barattoonni miliyoonni 3 ol sagantaa nyaataa manneen barnootaa irraa fayyadamaa jiru – BBO

Naannoo Oromiyaatti barattoonni miliyoonni 3 ol sagantaa nyaataa manneen barnootaa irraa fayyadamaa jiraachuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Hoogganaan biirichaa Dooktar Tolaa Bariisoon Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti akka himanitti, akka karooraatti barattoonni miliyoonni 8 ol saganticharraa akka fayyadamaniif hojjetamaa jira.

Saganticha milkeessuuf mootummaa biratti abbootiin qabeenyaa fi qooda fudhattoonni biroon akka itti hiramaatan ta’aa jiras jedhan.

Sagantaan nyaataa manneen barnootaa kun manneen barnootaatti simannaan barattootaa akka dabaluu fi harcaatiin barattootaa akka hir’atuuf gargaaraa jiraachuus ibsaniiru.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
Пераслаў з:
QUBEE ACADEMY avatar
QUBEE ACADEMY
“Inni immoo, "Naatanii hin dinqifatinaa! Isin Yesus nama Naazireet isa fannifamee ture barbaaddu; innoo ka'eera, as hin jiru ilaa, iddoo isaan isa ciibsanii turan iyyuu!” — Mar. 16:6

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa hundi baga ayyaana yadannoo du'aa ka'u gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin isin gahe.

https://t.me/qubeeacademy
https://t.me/qubeeacademy
04.04.202516:33
Yuunivarsiitiin Wallaggaa  barattoota sagantaa fooyya'iinsa bara 2017ttif qormaata onlaayinii kennaa jira.

Qormaanni kun barattoonni qormaata seensaa yunivarsiitii biyyoolessaa dhufuuf akka qophaa'an gargaara jedhameera.

Qormaanni giddu galeessaa barattoota sagantaa fooyya'iinsa bara barnootaa 2017 Caamsaa 26-30, 2017tti akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksisun isa ni yaadatama.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s
03.04.202516:59
Паказана 1 - 24 з 43
Увайдзіце, каб разблакаваць больш функцый.