Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
KARAA NABIYYOOTAA avatar

KARAA NABIYYOOTAA

Рэйтынг TGlist
0
0
ТыпПублічны
Вертыфікацыя
Не вертыфікаваны
Надзейнасць
Не надзейны
Размяшчэнне
МоваІншая
Дата стварэння каналаСіч 16, 2021
Дадана ў TGlist
Бер 01, 2025

Статыстыка Тэлеграм-канала KARAA NABIYYOOTAA

Падпісчыкаў

7 191

24 гадз.00%Тыдзень
29
0.4%Месяц
50
0.7%

Індэкс цытавання

0

Згадкі1Рэпостаў на каналах0Згадкі на каналах1

Сярэдняе ахоп 1 паста

33

12 гадз.150%24 гадз.330%48 гадз.150%

Узаемадзеянне (ER)

3.03%

Рэпостаў1Каментары0Рэакцыі1

Узаемадзеянне па ахопу (ERR)

0.46%

24 гадз.0%Тыдзень0%Месяц
0.13%

Ахоп 1 рэкламнага паста

15

1 гадз.533.33%1 – 4 гадз.213.33%4 - 24 гадз.1493.33%
Падключыце нашага бота да канала і даведайцеся пол аўдыторыі гэтага канала.
Усяго пастоў за 24 гадзіны
4
Дынаміка
1

Апошнія публікацыі ў групе "KARAA NABIYYOOTAA"

“ Yesus Kiristos gara samii ul-fuudhamuu”.


“Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta’e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta’in; akka ati jaallatte haa ta’u! jedhe. “Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul’ate. Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ta’e”.”
[Luqaas 22:42-44]

“Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan imimmaaniin, kadhataa fi waammata gara isa du'a isa oolchuu danda'uutti dhi'eesse; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, kadhanni isaa in dhaga'ameef.”
— Ibr. 5:7

Yesus Kiristos osoo akka Kiristiyaanonni jedhan; cubbuu isaaniitiif du’uu fi fannoo irratti fannifamuuf dhufee maaliif du’a jibba ?. Ammas erga kaayyoon dhufeef kana ta’ee, maaliif du’uu dhabuu Rabbii isaa kadhata ?
“Gara sa’aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan “Elii, Elii lamaa sabaktanii?” jedhee waammate; kunis, “Waaqayyo ko, Waaqayyo koo maaliif na dhuufte?” jechuutti in hiikama.”
[Maatewos 27:46]

[Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kafaran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga guyyaa qiyaamaatti warra kafaran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gudduu keessanitti nan murteessa.”]
(Qur’aana Suuratu Aal- Imraan 3:55)

Hubachiisa dabalataa kan Yesus Kiristos fannifamuu dhabuu isaa nuu mirkaneessan;

❖ Du’uu isaa kan dubbate Maatewoosii fi Luqaasiidha. Luqaas immoo ofii isaatiyyuu barataa isaa hin turre, maatewos immoo du’a isaatii fi rarraafama isaa hin argine, barattoota kaanneen wajjiin baqatee ture, wanti amantaan tokko irratti ijaaramu immoo ragaa qabatamaadha. Yoo raga qabatamaa hin qabaatin ni darbama.

❖ Maatewosii fi Luqaas, akka kitaabban seenaa Kiristiyaanaa jedhutti; Wangeelota isaanii yemmuu barreessan Wangeela Maarqos waan of harkaa qabaniif Wangeela isaa kana irraas immoo yaada hedduu irraa akka fudhatanii fi koppii godhatantu dubbatama. Sababni isaas Wangeelli jalqaba barreeffame Wangeela Maarqosidha. Innis immoo ofii isaatiyyuu barataa Yesus hin turre.

❖ Macaafni Maatewos afaan ibraayistiin barreesse waan du’a Yesusi fi rarraafama isaas hin dubbatu, kan afaan Girikii immoo kan inni barreesse miti, nama biraatu hiike, namni hiikes hin beekamu.

❖ Barattoonni Yesus tokkoo iyyuu kan Yesus bira dhaabbate hin jiru, hundinuu ni baqatan. [Maarqos 14:50], [Yohannis 16:32] irra ilaalaa.

❖ Namoonni isa qabuuf dhufan ni gaggaban, yeroon sun immoo yeroo inni gama samiitti ol-fuudhameedha. [Yohannis 18:6]

❖ Macaafni Kakuu Moofaan waa’ee du’a isaa rarraafamuu isaa hin dubbatu.

❖ Namni rarraafamu abaaramaadha. [Ergaa Gara warra Galaatiyaa 3:13]

Walumaagalatti fannifamuu isaa Qur’aanni Kabajamaan ifaan ifatti mormee jira. Macaafni Qulqulluun amma harka Kiristiyaanotaa jirus kanuma gargaara malee hin faallessu nama hubateef.
Yihuudicha Yesusin gane nama “-” jedhamu Rabbiin bifaa fi
haasawaan akka Yesus Kiristos wajjiin wal-fakkaatu taasisee Israa’eloonni Namticha ganaa kana fannisuun ajjeesuu isaanii Wangeelli Barnaabaas addeessee jira.


[Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes.

Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.] (Qur’aana 4:157)

بَل رَّفَعَهُ اللَّهُ إِلَيْهِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا

[Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiin injifataa, ogeessa ta’e.] (Qur’aana 4:158)

Kanaafuu nu Muslimtoonni woggaa woggaan akka Yesus Kiristos hin ajjeefamin, hin fannifamin ragaa bahaa jiraannaa. Xumurameera.

Amantaa Lamaan Irraa

by: @Khaalid_Abdoo

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1792
"Yesuus Kiristoos Gara Samii Ol Fuudhamuu" 👇👇👇👇

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1791
Waaqni dhuguma ilma qaba??

yesuus ilma waaqa jechuun maal jechudha??

by Ibnuu🥰

Share...

@MuhaajirafiAnsaara
@MuhaajirafiAnsaara
Hin Ajjeefnes Hin Fannifnes

An-Nisa' 4:157

وَقَوْلِهِمْ إِنَّا قَتَلْنَا ٱلْمَسِيحَ عِيسَى ٱبْنَ مَرْيَمَ رَسُولَ ٱللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمْۚ وَإِنَّ ٱلَّذِينَ ٱخْتَلَفُوا۟ فِيهِ لَفِى شَكٍّ مِّنْهُۚ مَا لَهُم بِهِۦ مِنْ عِلْمٍ إِلَّا ٱتِّبَاعَ ٱلظَّنِّۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينًۢا

«እኛ የአላህን መልክተኛ የመርየምን ልጅ አልመሲሕ ዒሳን ገደልን» በማለታቸውም (ረገምናቸው)፡፡ አልገደሉትም አልሰቀሉትምም፡፡ ግን ለእነሱ (የተገደለው ሰው በዒሳ) ተመሰለ፡፡ እነዚያም በእርሱ ነገር የተለያዩት ከእርሱ (መገደል) በመጠራጠር ውስጥ ናቸው፡፡ ጥርጣሬን ከመከተል በስተቀር በእርሱ ነገር ምንም ዕውቀት የላቸውም፡፡ በእርግጥም አልገደሉትም፡

Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre)Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnesDhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiruYaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qabanQabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.

Ragaa kanaa macaafa qulqulluu irraa

Wangeela yohaannis
7:32-34

"32 Fariisonni yommus isa namoonni waa'ee Yesus guunguman dhaga'an; luboonni warri angafoonni, Fariisonnis Yesusin qabsiisuudhaaf naa'ota isaanii isatti ergan, 33 Yesus yeroo sanatti, "Egaa ani yeroo gabaabduu duwwaadhaaf isin biran jira; kana booddee gara isa ana ergee nan dhaqa. 34 Isin ana barbaaduuf jirtu, garuu ana hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan" jedhe."

Yoo isa hin argatin yoo bakka inni jirus dhaquu hin danda'in eessaa fuudhanii fannisuu danda'an Kun gaaffii keenya kiristaanotaaf.

Ragaaleen armaan gadii immoo walitti bu'iinsaa Fi maraammartoo fannifamuu Yesuus gidduu jiru ilaalla

#1
👉Iyesuus wayta qabamu
✝️ Maatiwoos
26:47-50 irratti iyesuusiin yahuudichatu dhungatee Isa qabsiisee jedha.
✝️ Yohannis 18:3-9 irratti immoo iyesuus ofumaa itti gad bahee of qabsiisee jedha.
🤔Iyesuus ofii of qabsiisee moo yahuudichatu qabsiise Kan jedhu shakkii Isa duraati.

#2
👉Iyesuus wayta qabamu sana wayinicha fudhatee?
✝️Maatiwoos
27:34 irratti yesuus wayinicha fudhatee dhandhame jedha.
✝️Maarqoos
15:23 irratti yesuus wayinicha fudhachuu ni dide jedha.

#3

👉 Sa'aati fannoo iyesuus
✝️ Maarqoos
15:25 irratti Kan iyesuus itti fannifame sa'aa 3:00 jedha.
✝️ Yohannis
19:14 irratti immoo sa'aa 6:00
✝️ Maatiwoos
27:46 irratti sa'aa 9:00 jedha.
🤔Sa'aatii meeqatti akka fannifames shakkii keessa jiran.

#4
👉Du'ee ka'uu isaa keessatti
✝️ Maatiwoos 28:3-9 irratti malaa'ikicha tokkotu balbala awwaalicha dhagaa irraa taa'e iyesuus galiila deemeera jedheen.
✝️ Maarqoos 16:5-6 irratti dargaggeessa tokko awwalichaa keessatti gara mirgaatin argan.
✝️ Luuqas 24:3-5 irratti namoota lama awwaalicha keessatti bukkee isaanitti argan jedha.
✝️ Yohannis
20:11-18 irratti malakoota lama boolla keessatti argani.iyesuus achumatti boolla irratti argame.
🤔Dhagaha inni dura Maatiwoos fi Maarqoos keessatti malakaadha moo dargaggeessa?boolla keessa moo boollaan ala?Kan jedhuudha
🤔 Luqaas fi Yohannis keessatti immoo malakoota lama moo dargaggeessa lama Kan jedhuudha.
🤔 Maatiwoos fi Yohannis keessatti iyesuus galiila deeme moo achumatti mul'ate Kan jedhu keessatti shakkii keessa jiran.

#5

👉Yahuudichi yesuusiin dabarsee kenne
✝️ Maatiwoos 27:3-5 irratti Yahuudichi meeti 30 yesuusiin itti gurgurate Mana qulqullumma keessatti darbee ergasii of rarraase.
✝️H/Ergamtoota 1:5-18 irratti Yahuudichi meeticha lafaan bitatee ergasii mataadhan kufee tarsa'e mar'imaan isaa bakkee guute jedha.
🤔Yahuudichi akkamitti du'e? Meeticha maal godhe Kan jedhu shakkii ajaa'ibati.

Kanaafuu akkuma Qur'aanni jedhe gama fannifamuu Yesuus Kiristoos ilaalchisee shakkii malee beekumsi qabatamaa akka hinjirre ragaaleen kunneen nutti agarsiisa
Nabi Muhammadii Jiini bakka lamatti dhoohuu isaa dhageettanii jirtuu...?

Ergamaan keenya jaallatamoo fi kabajamoon Nabi Muhaammad (s.a.w) dinqiiwwan gurguddoo gara garaa kumaa (1000) ol hojjatanii jiru...

Mu’ujizaalee Nabi Muhammad ﷺ keessaa Ji’a bakka lamatti dhoosuu isaaniiti. Sahiiha Bukaarii 3781, Sahiiha Muslim 2802

Mu'ujizaawwan harka Ergamaa keenyaa irratti hayyama RABBBIItiin hojjatame bal’innaan beekuuf Kitaaba |دلائل النبوة للبيهقي | kana dubbisaa....

Erga barruu tana dubbistee xumurteen booda Ergamaa kee irratti salawaata
buufadhu...🧡
صلوات ربي وسلامه عليه

© Ifaa Dhugaa
https://t.me/Islamumanqaromina
Выдалена20.04.202518:17
𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀!!

𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚𝐧 𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐓𝐞𝐤𝐧𝐨𝐥𝐨𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐁𝐚𝐫𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐍𝐢 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐮𝐮? 𝐌𝐚𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞 𝐘𝐨𝐨 𝐁𝐚𝐫𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐚𝐧 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐓𝐚'𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐍𝐮 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!!

𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐓𝐞𝐤𝐧𝐨𝐥𝐨𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐌𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐓𝐚𝐡𝐞𝐞𝐧 𝐁𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐊𝐚𝐧 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐚𝐧 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐓𝐚𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐋𝐢𝐢𝐧𝐤𝐢𝐢 𝐆𝐚𝐝𝐢𝐢 𝐊𝐚𝐧𝐚 𝐓𝐮𝐪𝐚𝐚 𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚!!

Ads: 👇👇
https://t.me/+6yGiMXEw3Nk1OWJk
#Dubbisi_hanga_xumuraatti!🙏😍
Akkuma beekkamu Namni ustaazota kanaa wajjin suuraa irratti mul'atu Kun nama maqaan isaa
#Abdii_Raggaasaa jedhamuu fi Dhiheenya kana Rabbiin fedheefi Amantii islaamummaa fudhateedha.

Asirratti waanan jechuu barbaade tokkotu Jira. Innis yaada namoonni hedduun dhimma nama kanaatiin walqabsiisanii dubbatanu irratti ibsa gabaabaa kennuudha.

Namni Kun erga islaamummaatti dhufee as beekumsa amantichaa sirriitti beekuu baatus, hanga danda'een beekamtii isaa fayyadamee ta'us nama dhiibbaa uumaa jiruudha.

Kana irratti namoonni baayyeen "lakkii inni dhugaan amanee osoo hin taane beekkamtii ofii daran guddifachuuf"jedhu.

As irratti amantiin Islaamummaa maal jetti laata kan jedhu mee waliin haa ilaallu..


•Akka Islaamummaatti nuti waan ijaan agarre tokko lakkii kun sobadha jechuu hin dandeenyu.sababni isaas keessoo namaa kan beeku rabbiin qofa waan ta'eef. Kana jechuun namni tokko gubbaan isaa gaarii ta'uu gaafa agarru namni kun waan lama keessaa tokko ta'a.yookaan akkuma agarru gaarii ta'a.Yookaaan ammoo faallaa ta'ee argama.

©Walumaagalatti keessoo namaa hin beeknu.kana irratti mee hadiisa tokko wajjin haa ilaallu!!!

•Usaamaa ilma zayid (RA) akkana jedhe. "Ergamaan Allaahaa ( ﷺ ) gara Huraqa gosaa juhayinaa jedhamanutti nu erge. Ganamaan iddoo Laga isaanitti isaan irratti duula ganameeffannee/ganamaan Itti baanee Anaafi mucaan Ansaaraa tokko mucaa Jara irraa ta'e tokkotti marsine. Yeroma kana mucaan Itti marsine Kun Jecha Laa ilaaha illallaah(haqaan gabbaraamaan Alaahaa malee hin jiru)jedhe. Kana inni jennaan mucaan Ansaaraa na wajjiniin ture sun dhiisee deeme. Garuu Ani immoo E*boo kootiinan war*ane hangan ajj££setti.
Sana booda gara madiinaatti Akkuma deebineen dhimmi Kun Rasuula rabbii bira ga'ee rasuullis ﷺ akkas naan Jedhan. "Yaa Usaamaa Erga inni Jecha Kana jedhee ajj££ftaa?
Anis bar yaa Rasuula rabbii ﷺ inni Jecha kana kan inni jedhe, ittiin lubbuu ofii hambifatuu/du*a jalaa ooluufiin jedheen. Ammas rasuulliﷺ: irra deebiidhaan "Yaa Usaamaa Erga inni Jecha Kana jedhee ajj££ftaa? Naan jedhani. Dubbii kana irra deddeebi'anii yeroo hedduu jedhani hanga Ani Osoon har'a kana ammallee Muslima ta'uu dhabee maal qaba jedhee hawwuu ka'u tokkotti.

Odeessa biroo keessatti immoo "bar Ani kan Ani Ajj££seef Jecha sana Meeshaa sodaateetiin jedheen".
Sana booda rasuulli rabbiiﷺ: " sila ati Onnee isaa dhoostee dhugaaf jechuufi sobaaf jechuu isaa ilaalteettaayii"? Jedhaniin...

Egaa hadiisa kana irraa kan hubannu. Nuti Waan ijaan agarru beekna malee Waan qalbii keessaa hin beeknu jechuudha.


©@Journalist_Farid_Fira
https://t.me/Islamumanqaromina
#Dubbisiitii_Share_godhi!!

•Akka macaafni kiristaanotaa dubbatutti Eenyummaan yesuus inni sirriin Ergamaa waaqaati malee Waaqa miti.

Mee Keeyyatoota muraasa armaan gadii kana waliin haa ilaallu!!


" Yesus immoo, "Nyaanni kan koo jaalala isa na ergee gochuudhaaf hojii isaa raawwachuu dha. "
(Yohannis 4: 34

(Yohannis 5 )
------------
36 Isa Yohannis cuuphaan dhugaa ba'e irra caalaa kan dhugaa anaaf ba'u qaba; hojiin abbaan koo akkan raawwadhuuf dabarsee anatti kenne baay'ee dha; hojiin ani hojjedhu kunis abbaan akka ana erge dhugaa anaaf in ba'a.
37 Inni ana erge abbaanis immoo ofii isaatii anaaf dhugaa ba'eera; isin utuu inni dubbatuu sagalee isaa takkaa hin dhageenye, bifa isaas argitanii hin beektan.
38 Isin isa abbaan ergetti hin amantan; kanaaf dubbiin isaa garaa keessan keessa hin turu.

" Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti."
(Yohannis 17: 3)



#Hub...Kuni Akka ragaaf ta'uttin fudhadhe malee hedduutu Jira.


•Mee Amma immoo Iisaa(yesuus) Ergamaa rabbii ta'uu ragaa qur'aaana irraa muraasa haa ilaallu!!

Iisaan (yesuus) Ergamaa rabbii ta'uu isaa ragaa qur'aaana irraa


مَّا الْمَسِيحُ ابْنُ مَرْيَمَ إِلَّا رَسُولٌ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِ الرُّسُلُ وَأُمُّهُ صِدِّيقَةٌ ۖ كَانَا يَأْكُلَانِ الطَّعَامَ ۗ انظُرْ كَيْفَ نُبَيِّنُ لَهُمُ الْآيَاتِ ثُمَّ انظُرْ أَنَّىٰ يُؤْفَكُونَ

Masiih Ilma Maryam ergamaa isa dura ergamoonni dabran malee homaa miti.Haati isaas akkaan dhugoomsituudha.Lamaanuu nyaata kan nyaatan turan.Akkamitti akka keeyyattoota ifa isaaniif taasifnu ilaali.Ergasiis akkamitti akka isaan (dhugaa irraa) garagalan ilaali.


يَا أَهْلَ الْكِتَابِ لَا تَغْلُوا فِي دِينِكُمْ وَلَا تَقُولُوا عَلَى اللَّهِ إِلَّا الْحَقَّ ۚ إِنَّمَا الْمَسِيحُ عِيسَى ابْنُ مَرْيَمَ رَسُولُ اللَّهِ وَكَلِمَتُهُ أَلْقَاهَا إِلَىٰ مَرْيَمَ وَرُوحٌ مِّنْهُ ۖ فَآمِنُوا بِاللَّهِ وَرُسُلِهِ ۖ وَلَا تَقُولُوا ثَلَاثَةٌ ۚ انتَهُوا خَيْرًا لَّكُمْ ۚ إِنَّمَا اللَّهُ إِلَٰهٌ وَاحِدٌ ۖ سُبْحَانَهُ أَن يَكُونَ لَهُ وَلَدٌ ۘ لَّهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۗ وَكَفَىٰ بِاللَّهِ وَكِيلًا

Yaa abbootii kitaabaa! amantii keessan keessatti daangaa hin dabrinaa; Rabbi irrattis dhugaa malee hin haasa’inaa.Ilmi Maryam, Masiih, Iisaan ergamaa Rabbiiti; jecha Isaa (ta'i jedhu) kan Inni gara Maryam darbeedha.Ruuhii (uumaa) isaa irraa ta'eedha.Rabbiifi ergamtoota Isaattis amanaa“Rabbiin sadihi” hin jedhinas.Isarraa dhorgamaa; isiniif caalaa (ta'aa)Rabbiin dhugaan gabbaramaa tokkicha qofa.Inni ilmi Isaaf ta’uu irraa qulqullaa’e.Wantoonni samii keessaafi wantoonni dachii keessaa kan Isaati.Hirkoodhaafis Rabbiin qofti ga’aadha.

#Hub... Kunis Akka ragaaf ta'uufani malee Keeyyatootni qur'aaanaa Ergamaa rabbii ta'uu isaa ibsan kitila.
©
@Journalist_Farid_Fira
https://t.me/Islamumanqaromina
وَمَا كَانَ لِمُؤْمِنٍ وَلَا مُؤْمِنَةٍ إِذَا قَضَى اللَّهُ وَرَسُولُهُ أَمْرًا أَن يَكُونَ لَهُمُ الْخِيَرَةُ مِنْ أَمْرِهِمْ ۗ وَمَن يَعْصِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ فَقَدْ ضَلَّ ضَلَالًا مُّبِينًا

Mu’uminaafi mu’umintittiif yeroo Rabbiifi ergamaan Isaa dhimma tokko murteessan ajaja isaanii irraa filannoon biraa isaaniif jiraachuun hin taane.Namni Rabbiifi ergamaa Isaa dide, dhugumatti inni jallina ifa ta’e jallateera.

Suratul Ahzaab
33:36
https://t.me/AmantindhugaIslamumadha
Sahaabtichi guddaan Aliyyi ilma Abaaxaalib(RA)akkas jedhe. "لو كان الدين ب الر"ءي لكان أسفل الخف ب المسح من أعلاه"
"Osoo diiniin Kun Akkuma yaada ofiitti kan fudhatamu ta'ee, silaa gaafa khuffii/kophee/kaalsii irra haxoofnu, Gubbaa isaarra osoo hin taane gama jalaa haxaawuutu gaariidha ture".

Kana jechuun Akka shariyaan jetteen qofa buluu qabna jechuudha. Akka ajajamnetti raawwanna malee Akka fedhii keenyaatti miti.
Kanaafuu Iida shawwaal isa jettan kana dhaabaa!! Wanta kana rasuulli rabbii s. a. w hin barsiisne.

Walumaa galatti Iida guddaa lama qabna innis Iida ad'haa fi Iida fixriiti. Kanaan alatti shawwaaliif ofumaa lafaa ka'anii Iida tolchuun hojii bid*aati. Irraa of eegaa!
#share waliif godhaa Baarakallaahu fiikum 🙏😘😘
بسم الله الرحمن الرحيم


🫀Kiristoos Eenyuu?


Kutaa 25ffaa





45*Yesuus akka waaqan ergamee irra deddeebin ibsamee jira🥺....fakkeenyaaf... maatewoos
10:40
marqoos
9:33
Luuqaas
9:48
Luuqaas 10: 16
Yohannis
6:44
Yohannis
6:57
Yohannis
7:16-18
Yohannis
7:28-29
Yohannis
7:33
Yohannis
8:14-16
Yohannis
8:18
Yohannis
8:28-29
Yohannis
8:42
Yohannis 9:4-5
Yohannis
15:21
Yohannis 16:5
Yohannis 17:6-9
Yohannis
17:18
Yohannis
18:23
Yohannis 18:2
Yohannis
20:21 Fi
Yohannis 13:3 irraatti ibsamee jira🤗.


🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥


👉Akka amantii kitistaanatotati Yesuus "waaqa" jedhan osoo taatee waaqa eennutu erga🙄😕?

👉Waaqni waaqa biroo kan Isa erga qaba😳?



Ittii fufaa insha'Allah...




@https://t.me/Aljannatu_haqqun
Adurreen leenca ta'uu barbaaddu, hantuuta ari'uu irraa of qusachuu qabdi.



Share 👇👇🥰💝🙏



@https://t.me/Islamumanqaromina

@https://t.me/Karaa_Nabiyyootaa
Dargaggoon keenya fakkeenyi jaraa Eenyu?

Jarrinuu ni beeku. Garuu Beekumsa itti aantee dhufu kana yoo beekan fakkeenya godhatan sana irratti jijjiirama qabaachuu danda'u. Innis jecha nabii rabbiiti s. a. w "Namni Ummata tokkotti fakkaate ummatuma sana irraa lakaawama"
Hadiisa biroo keessatti ammas "Namni tokko qiyaamaa nama jaallatu wajjin kaafama". Maarree Eenyuun fakkaanna? Eenyuun jaallanna? Eessattimmoo deemna?

Dhaabanne of haa ilaallu!
#Share waliif godhaa Baarakallaahu fiikum🙏😍

Rabbiif jechaan isin jaalladha♥️


@islamumanqaromina

Рэкорды

18.04.202523:59
7.2KПадпісчыкаў
28.02.202516:51
120Індэкс цытавання
06.03.202520:24
449Ахоп 1 паста
27.02.202523:43
450Ахоп рэкламнага паста
07.03.202523:59
20.00%ER
06.03.202520:25
6.37%ERR

Развіццё

Падпісчыкаў
Індэкс цытавання
Ахоп 1 паста
Ахоп рэкламнага паста
ER
ERR
БЕР '25БЕР '25БЕР '25БЕР '25БЕР '25КВІТ '25КВІТ '25КВІТ '25
Увайдзіце, каб разблакаваць больш функцый.