Daarekteroonni hijaaba dhorkan afur hidhamuuf.
Manni Murtii Aanaa Aksum daarektarota manneen barnoota magaalattii afur barattoota muslimaa irratti dhorkaa uffannaa hijaaba dabarsuun himataman akkaataa ajaja mana murtiitti dhaddacha hin dhiyaanne jechuun hidhamanii akka dhiyaatan ajaja dabarse.
Manni Murtichi dhaddacha Amajjii 06, 2017 ALI ooleen dhorkaa hijaaba manneen barnootaa dabarsan ugguramee akka turuu fi manneen barnootaa kunneen mana murtiitti dhiyaatanii jecha isaanii akka laatan ajaja dabarse ture.
Haa ta’u malee Biiroo Barnoota Magaalaa Aksum himatamaa tokkoffaan ala himatamtoota 2ffaa hanga 5ffaarra kan jiran manneen barnootaa afur “ajaja mana murtichaa kabajuu diduun” guyyaa beellamaatti dhaddacha akka hin dhiyaanne manni murtichaaf ibsee jira.
Kun ammoo “gocha walabummaa dhaabbattummaa fi hojimaata mana murtichaa cabsu” waan ta’eef, poolisiin magaalaa Aksum daarektaroota manneen barnootaa afur hidhee Guraandhala 07, 2017 ALI mana murtiitti akka dhiyeessu xalayaa ajajaan.