#Eeggadhu!
Seenaa kana irraa waan jabduu kudhaammatta. Guyyaa tokko bookee busaa ilmoo reefu balaliihuu eegaltu tokkotu akkuma ala oolteen galtee abbaa ishee waliin haasahuutti kaate. Abbaan bookee kanaa gaaffii bareedaa tokko ishee gaafate. "Erga dhalattee yeroo jalqabaaf ala baatee kan balaliite hardhadha, mee akkam ture balaliin? In jaalatte?" Jedhe.
Bookeen ilmoon kunis Akkas jechuudhaan deebifte "Ara...hedduu ajaahiba ture, namoonni hedduun harka naaf rukutaa turani, anis hedduu natti tole...akka natti ho'uu tahe jennaan xiqqoo ol siiqeen balaliihaa tureyyuu...namoota hedduu fuulduras darbaan ture" jette. Yeroo kana abbaan bookee kanaa akkas jedhe "Ayii...ayiii...yaa ilmooko...isa kana egaa rakkoon...! Jarri kun harka siif rukutaa jiru sitti fakkaate malee harka isaanii gidduutti si balleessuuf ture; sanas tahu kana hardha harkaa baateetta, lamuu garuu bakka akkasii hin dhaabbatiin!" Jedhe.
Namoonni hedduun kan isaan caban yeroo namoonni isaan balleessuu barbaadan waan isaan tumsaa jiran isaanitti fakkaatudha. Yihuudaan yeroo Yesuusiin dhungatu akka addunyaan kun ilaaltutti jaalala fakkaata ture; haa tahu malee dhungannaa nama akkanaa keessa ciniinnaa du'aan nama gahuufi isa ilkee torban qabaa caalaa nama dhukkubsutu jira. Namoota harka siif rukutu fakkaatan irraa of eegi...!