Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Мир сегодня с "Юрий Подоляка"
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Труха⚡️Україна
Труха⚡️Україна
Николаевский Ванёк
Николаевский Ванёк
Лёха в Short’ах Long’ует
Лёха в Short’ах Long’ует
Roobaa-GB çhæññêl☪️🏆 avatar
Roobaa-GB çhæññêl☪️🏆
Roobaa-GB çhæññêl☪️🏆 avatar
Roobaa-GB çhæññêl☪️🏆
08.02.202518:52
Seenaa akkaan garaa nama nyaatu '😢#Hin_Dadhabinii_Dubbisii_Fixi_Mee
Irraa wa barattaa🙏

Abbaa tokkotu ilma tokko qaba ture . ilma isaa tokkicha kanatti hiriyyootaa fi fira affeeree cidha bareedaa taheen guyyaa cidhaarra jiran .

Ollaa akkaan gaarii taheef akkaan walitti dhiyaataniintu ture . Abbaan misirrichaa ummata cidha dhufe keessa asii achi deemaa unmata ijaan to'atutti osoo jiru namicha ollaa kana dhabe hedduu dallane namichaa fi ijoolleen isaallee namuu cidhicha irratti hin argamne ture.

Isaa dallansuun jiruu mucaan warra ollaa inni xiqqaan takka fiigee ol seenee nyaata irraa xiqqo akka waan nyaatuu fakkeessee bahee deeme ariitiin .abbaan misirrichaa dhaabbatee gocha mucaa kanaa laaluun haga hafee dallane kuni tuffii akkamiiti jedhee!

Warri misirrichaa gara mana misirrittii bahuuf yeroo ka'anittis muchichumaan xiqqaan kun konkolaataa qabatee dhufe hamoommata tahee deemuuf .

Abbaan misirrichaas dallansuun waan itti jiruuf dheekkamuun "abbaan kee hin dhufne obboleewwan kees hin dhufne atis ariitiin dhuftee nyaata keenna daddarbaa gootee deemte"maal jechuudha kun tuffii hagam gahe nurraa deemi sin barbaannuu jedheen .

Ciinis dhumatee abbaan misirrichaa kun halkan oddoo keessa dedeemaa waan warri ollaa isa godhan kana yaadataa hedduu dheekkamaa isaa jiruu .halkan walakkaan balbalti warra ollaa banamte.

Abbaan misirrichaa yoo gad ilaalu ijoolleen ollaa sun waa baatanii gad bahanii suuta suuta deemutti jiran

Abbaan misirrichaa deemee itti achi siqee maalu ka baattan ? Maaltu maal tahe jedheenii gaafate!

Ijoolleenis abbaa keennatu du'e, du'a isaa dura dhaamsa nuu dhaamee ture "akka du'a kiyyaan Ciini warra ollaa keennaa hin jeeqamne akka sagalee keessan ol fuutanii hin boonne ,akka namattuullee hin himne jechuun waadaa nu seensise" saniif cidha kee irratti hin argamin jedhaniin!
😭😭😭
Abbaan misirrichaa uf qabuu dadhabee boohe "wlh ani osoo bakka isaa kana tahee kana gochuuf humna kana hin qabaadhu jechuun" hedduus gaabbe !!!
Gaabbiin naal fuuti malee
Dubbisii share godhi
04.02.202518:52
Hiriyyaa Dhugaa |
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Dargaggeessa abbaan isaa isa qofa qabuu fi baay'ee wal jaallatan tokkotu ture. Abbaan isaa yeroo hundumaa fakkeenyaan waa isa barsiisa ture. Dargaggeesichis hojii isaatti nama milka'aa fi ko'ommataa ture.

⩩ Osoma hojiin isa mudduu bar tokko akka fuudhuu barbaadu abbaa isaatti himate. Abbaan isaas baay'ee gammade. Dargaggeessichis michuu baay'ee jaallatu akka qabuu fi yeroo murtaa'een boodas haadha manaa isaa godhachuu akka qabu itti himate. Yaaddoon isaa garuu waan tokko ture. Innis, yeroo waan hin qabneef akkamiin akka qophii cidha isaa sana xumurratuu dha. Yaaddoo isaas abbaa isaa isa ogeessatti himate.

⩩ Abbaan isaas waan hundumaa salphaatti akka isaaf xumuruu fi yeroo hundumaa akka isaa wajjin jiru itti hime. Dargaggeessichis baay'ee gammade. Dhuma irrattis guyyaa cidha isaatii sana hiriyyoota isaa akka isaan irraa hafan hin barbaannee fi baay'ee jaallatu akka qabu abbaa isaatti himate. Akka abbaan isaa isaan waamuufis maqaa fi lakkoofsa bilbilaa isaanii toora galchee kan namoota shantamaa itti kenne.

⩩ Qopheen hundumtuu dhumee guyyaan cidha isaas ga'e. Hiriyyoota isaa waliin seenaa dheeraa qaban, wajjin nyaatanii wajjin dhugan, karaa dheeraa waliin deemanii fi gatii baay'ee waliif baasaa turan, warra waadaa baay'ee waliif seenuun irbuu qaban eeguun ittuma fufe. Namni galma guddaa cidhaaf qophaa'e keessatti argame garuu namoota shantama keessaa kudha saddet qofa turan. Dargaggeessichis abbaa isaa bira deemee, "Abbaa koo hiriyyoota koo naaf waamteetta? jedheen. Abbaan isaas, "Eeyyeen ilma koo siif waameera" jedheen. Gurbaanis, "Ani akka ati isaan waamtuuf maqaa fi bilbila hiriyyoota koo shantamaan sitti kenne. Kan dhufe garuu nama kudha saddeet qofa. Akkamitti hiriyyoonni koo waamamanii cidha koo irraa hafuu?" jedheen.

⩩ Abbaan isaas, "Ani nama shantaman siif waame. Kanan isaan waame garuu cidhatu jira jedhee osoo hin taane, rakkoo hamaa keessa seenee jira. Isiniin ala nama waammatu akka hin qabne natti himate. Rakkoo hamaa isa mudate kana keessatti immoo gargaarsa keessan barbaadaa qaqabadhaa jedheetan waamee. Kanaaf hiriyyoonni kee warri dhugaan warra rakkina kee keessatti si qaqabachuu dhufe kanadha waan ta'eef hundumti isaanii as jiru. Warra kaan immoo ati bilbiliifii cidhan qaba, nyaataa fi dhugaatiin qopheessee jira. Kanaaf kottaa waliin nyaannee dhugnee gammannaa jedhiiti waami ni dhufuu!" jedhee deebiseef!

✪𝐇𝐈𝐑𝐈𝐘𝐘𝐀𝐀🫶🥰

#Kanaandubbiserraaa
🫵🫶
08.02.202518:11
𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀

𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐𝒇𝒊𝒊 𝑩𝒂𝒔𝒉𝒂𝒏𝒏𝒂𝒏𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑱𝒐𝒊𝒏 𝑮𝒐𝒅𝒉𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑵𝒖 𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒂𝒂.

𝐇𝐮𝐛𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐚: 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 3𝑲 𝒇𝒊 𝑰𝒔𝒂𝒂 𝑾𝒐𝒍𝒊𝒊𝒏 𝑲𝒂𝒏 𝑯𝒐𝒋𝒋𝒂𝒏𝒏𝒖 𝑻𝒂'𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑵𝒂𝒎𝒏𝒊 𝑵𝒖𝒕𝒕𝒊 𝑫𝒂𝒃𝒂𝒍𝒂𝒎𝒖𝒖 𝑭𝒆𝒆𝒕𝒂𝒏 𝑨𝒔𝒊𝒊𝒏 𝑵𝒖 𝑸𝒖𝒏𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂

𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐐𝐨𝐟𝐚 3𝐊+
𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐏𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐞𝐫: @Rafiiqul_Islaam2

Ads: 👇👇👇👇
https://t.me/+0puaGJwLzLgyY2U8
https://t.me/+zOTmz0fXj3pkMTk0
https://t.me/+HzNEski01TRkN2Jk
06.02.202510:56
👉Seenaa Ajaa'ibaa 👇

Sahaabticha maqaan isaa sa'alabaa ja'amu tokkootu yaroo dheeraa rasuulaaf ﷺ hojjataa ture, Guyyaa tokko rasuulli isaan ergee osoo ergaa tanaaf deemuu intala qaama dhiqachutti jirtu takka
arke,Eega ijji isaa qaama isii ilaaltee booda dubbii tana jibriil
rasuulatti ﷺ himuu sodaatee osoo gara rasuulaa ﷺ hin deebi'in hafe.

♣♣Jibriiliis dubbii tana rasuulaaf himee, akkasuma iddoo inni jiruus isaaniif hime Akkasitti rasuulli ﷺakka isa barbaadanii fidaniif nama lama ergee namni lamaaniis isa qabanii rasuulatti ﷺ fidan Rasuulliniis hin rifatin, hin yaaddawin ja'ee isa tasgabbeeyse.

♣♣ Erga xiqqo rasuula bira taa'ee booda ka'ee gara mana isaa galee osoo gara isaanii hin deebi'in guyyaa 8 ture, Guyyaa 8 booda rasuulliniis ﷺ waan tahe baruuf yaroo mana isaa dhaqu dhukkubsatee ciisaa jira,Yaroo kana rasuulliniis ﷺ mee ati amma maal barbaadda ?" ja'ee isa gaafannaan inniniis akka rabbiin dilii tiyya naaf araaramuun barbaada" ja'een Rasuulliniis ﷺ rabbiin dilii tee siif araaramee jira ja'ee isaaf hime,Yaroo kana gammachuu tana irraa osoo hin turin ruuhiin isaa baate.

♣♣Rasuulli ﷺ yaroo isa awwaaluuf deeman hirpha isaanii irratti adeeman, Erga awwaalanii booda sahaaboonni maaliif hirphaan deemta ?" ja'anii gaafannaan akkana ja'ee deebiseef
baay'ina malaa'ikoota janaazaa isaa awwaaluuf dhufte irraa iddoon miila kiyya lamaanuu kaayu dhabe, kanaafiin hirphaan deeme jedhee deebiseef subhaan Allah mee seenaa dhiiraa laali dilii takkittii tanaaf rabbirraa qaanfatee osoo yaaduu dhukkubsatee anaafi atihoo badii heeddu oso qabnu hangam takka dilii teenyaaf rabbirraa qaanfanna?.

♣♣Nama seenaa tana dubbisee fi kha share godhe hunda rabbiin diiliitee xiqqoofi guddoo isii hunda rahmata siif haa godhu Dirqamaa miti kabajaadha dubbisa yoo fixxe salawaata Buusii
❤🥰
04.02.202517:34
𝐍𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐑𝐚𝐬𝐮𝐮𝐥𝐥𝐢 (𝐒𝐚𝐥𝐥𝐚𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡𝐮 𝐀𝐥𝐚𝐲𝐢𝐡𝐢 𝐖𝐨𝐬𝐬𝐚𝐥𝐥𝐚𝐦) 𝐘𝐚𝐚 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢 𝐀𝐧𝐢 𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐊𝐚𝐧𝐚 𝐍𝐢 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐀𝐭𝐢𝐥𝐥𝐞𝐞 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐝𝐡𝐮 𝐉𝐞𝐝𝐡𝐞𝐞𝐧 𝐄𝐞𝐧𝐲𝐮?
02.02.202520:06
OSOO AKKANA TAATEE....MAAL TAATA ???
Seenaa gorsaa qorsa qabu....
Mee Dubbisi.....

Inni nabiyyiillee miti. sahaabaa Rasuulaa s.a.w. irraallee hin taane. Garuu haalli isaa haala anbiyootaafii sahaabotaati.
Akka yeroo sanaatti biyya makkaa keysatti _Abbaa Alangaa_ ture. Nama biraa hin sehin inni << Umeyri Binu Ubeydi >> je'amaa.

Biyya makkaa keysa intala akkaan bareeddu takkatu jira.
Intalti tuni jaarsa qabdi.
Gaafa tokko daawwitii gadi fuutee garana.... garas.... qabdee fuula of laaltee of raajeffattee Abbaa manaa isiitiin akkana jette " Yaa aboo ! namni fuula kiyya kana laalee anaan hin qabamu jette'ee yaaddaa" jettee gaafannaan " eetii...ni qabamaan " jennaan " eenyu suni kan ittiin qabama jettee yaaddu ?" jetteen " umeyri binu ubeydi " je'een "hayaa gaa dhaqeen waswaasaa/abaabbalaa naaf eeyyamtaa ?" jennaan " eeti dhaqii akka feetetti abaabbali " je'ee hayyamnaaniif akka nama murtiitti haajamee kaatee Umeyritti dhayxe.

Inni kana quba hin qabuu haajaa isiif xummuruuf naannawa masjidal haraam keysa siqanii wajji taa'anii jennaan intalti fuula isii irraa uffata/hijaaba wayta mulqitu fuulli cittuu ji'arraa citte fakkaata.
Umeyri binu ubeeydii hogga kana arge rifatee " a'aa ! yaa gabrittii Rabbii ?" je'een jennaan " Ani wanti dhufeef sirraa qabamee dhibamee naaf xummuri waan ani haajame " jetteen.

Mu'uminni eysattuu Alarmii iimaanaa qabaa waan taheef umeyri binu ubeeydis gaafiin fuulaa isaa hogga dhooyte " hayyee " je'ee ka'e seetee.....? Akkam taata....osoo si taatee....??

فقال لها: ﺇﻧﻲ ﺳﺎﺋﻠﻚ ﻋﻦ
ﺷﻲﺀ، ﻓﺈﻥ ﺻﺪﻗﺖ،
ﻧﻈﺮﺕ ﻓﻲ ﺃﻣﺮﻙ.
Akkana isiin je'e " Ani wahiin si gaafadhaa. yoo ati dhugo'oomsite. Haajaa tantee siif laala " jennaan "Waan feete irraa na gaafadhu ani suma dhugo'oomsaa " jettee jennaan " Osoo malakaan ruuhii fuudhu
(malakal mowti) kan sitti dhufee ruuhii si keessaa harkisuu eegalee. Garuu ani haajaa/fedhii tana siif xummuree jeraadhee numa sitti tolaa ??" jennaan
قالت;اللهم لا...
"Rabbii naaf ragaadhaa lakki " jetteen.
"Dhugaa dubbatte " je'een.
Ammas akkana je'een " Osoo qabrii seentee malaa'ikaan nakiirii munkar gaafiidhaaf ol qabanii si teessisanii. Ani garuu haajaa tana siif xummuree jiraadhee achi jalatti numa si gammachiisaa ??" je'een.
ﻗﺎﻟﺖ: ﺍﻟﻠﻬﻢ ﻻ.
"Rabbi ragaadhaa lakki " jetteen.
"Eeti dhugaa jette " je'een.
"Ammas osoo guyyaa qiyaamaa namni cuftuu galmee isaa fudhatee. ati ammoo mirgaan sitti kennuu hedan moo..bitaan sitti kennuu hedanii addaan hin hubannee. Garuu ani haajaa tana siif xummuree jiraadhee sitti tolaa ??" je'een
ﻗﺎﻟﺖ: ﺍﻟﻠﻬﻢ ﻻ.
"Rabbi ragaadha. nattin tolu" jetteen.
"Eeyyuu dhugaa dubbatte" je'een.
ﻗﺎﻝ: ﻓﻠﻮ ﺃﺭﺩﺕ ﺍﻟﻤﺮﻭﺭ
ﻋﻠﻰ ﺍﻟﺼﺮﺍﻁ، ﻭﻻ ﺗﺪﺭﻳﻦ
ﺗﻨﺠﻴﻦ ﺃﻡ ﻻ ﺗﻨﺠﻴﻦ، ﺃﻛﺎﻥ
ﻳﺴﺮﻙ ﺃﻧﻲ ﻗﻀﻴﺖ ﻟﻚ
ﻫﺬﻩ ﺍﻟﺤﺎﺟﺔ؟
Ammas "Osoo siraaxa gubbaa bahuuf yaaddee. Nagaha baata moo....nagaha hin baatuu addaan hin hubatin. ani haajaa tana siif fixee jiraadhee silaa si gammachiisaa ?" je'een
"Rabbiin suni ragaadhaa lakki" jetteen.
ﻗﺎﻝ: ﺻﺪﻗﺖ.
"Dhugaa dubbatte" je'een.
Ammas " osoo guyyaa qiyaamaa miizaanni fidamee. sillee fidanii miizaanni kee ol ka'aadha moo....gadi bu'aadha...jechuu addaan hin hubatinii. ani garuu waan ati feete kana siif geessee gaafa san si gammachiisaa ??" je'een.
"Rabbi ragaa naaf taya lakki" jetteen.
"Eeti dhugaa jette" je'een.
Ammas " Osoo guyyaa qiyaamaa gaafiidhaaf fuuldura Rahmaan si dhaabanii. Ani duniyaa gubbatti haajaa tana galmaan sii gahee numa si jaalachiisaa??" je'een.
"Rabbiin ragaan ni gayaa wallaahi natti hin tolu" jetteen.

Booda akkana je'een
" ati dhugaa dubbattee jirta. yaa gabritti Rabbii! Rabbii kan kee sodaadhu. Kan qananii isaatiin sitti qanani'e. kan akkanatti sitti tolche isa sodaadhu" je'een.

Intalti jalloo taatee isa bira dhuftee...qajeelloo taatee galte guluftee...

Akka quba of nyaattuu achii manatti galte yeroo isiin ol seentu abbaan manaa "maaluma hojjatte?" jennaan " deemi asii ! ati nama badaadha . anis nama badaadha" jettee osoo halkan dhaabattu osoo guyyaa soomantu umriin dhumee duute..
07.02.202515:35
Yoo AARII (anger) cimaa qabaanne maal gochuu qabnaa?:

1. Jalaqaba waan hundaa, utuu hin tasgabbaa'iin waa DUBBACHUU dhiisuudha.

2. Erga xiqqoo tasgabboofnee aarii keenya IBSACHUU qabna. Akka aarre dhokfachuun gaarii miti. Kanaaf ofii keenyaa fi hiriyyaa baay'ee amannuutti haasa'uudha.

3. Yeroo aarii keenya ibsannu yeroo mara jecha "ANI" (I) jedhu fayyadamuu qabna. Fakkeenyaaf, "Inni kan na aarse" ykn "Isheen kan na aarsite" jechuu irra, "An kanin aaree," jedhanii haasa'uun gaariidha.

4. SOCHII QAAMAA (physical exercise) xiqqoo hojachuun aariin keenya akka tasgabboofnu taasisa.

5. Waan hojjannu ykn yaadnu irraa yeroo xiqqoof BOQONNAA fudhachuu qabna.

6. Waan nu aarsurratti xiyyeeffachuu dhiifnee maaltu aarii kanaaaf FURMAATA ta'uu danda'a jennee dafnee yaaduu jalqabuu qabna.

7. DHIIFAMA gochuun aarii irraa fayyuuf aangoo guddaa qaba. Kanaaf dafanii dhiifama gochuun baay'ee gaariidha.

8. Haga danda'an BAACUU fi TAPHACHUUN hedduu nama gargaara. Akka aarte utuma beektuu baacuu fi taphachuun gaariidha.

9. MAALOOTA TASGABBII fayyadamuudha. Waantoota akka meditation , fi jechoota dubbii salphisan kan akka "kun waal salphaadha" (take it easy) jedhan irra deddeebanii fayyadamuudha.

10. Dhumarratti yoo waan hundaan tasgabbiin dhibe, maatii, nama nutti dhiyaatu, ogeessa sammuu, abbootii amantii fi kkf GARGAARSA gaafachuudha.

Fayyaan faaya

✍️𝐃𝐫 𝐆𝐔𝐑𝐌𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀𝐀🥰
Seenaa Sahaabticha kanaa mee dubbisaa
04.02.202507:46
Seenaa kana dubbisaa!
Yeroosaatti dhugaan ofiin mul'ata .

"Shamarreen takka deemsaaf qophaa'uuf jecha buufata xiyyaaraa tokko keessa kophaa ishee teessee jirti. Xiyyaarri isheen yaabbachuuf jirtu akka xinnoo turu gaafattee hubachuu dandeesse. Hanga sanaaf boohartiin dabarsuuf jecha mana suuqa buufata xiyyaaraa sana keessatti argamutti deemuun kukusii fii kitaaba dubbiftu bitattee deebite.

Gara kutaa VIP (kutaa namootni
filatamoon qofti seenan) keessa seenuun iddoo dubbisaaf mijaawaa tahetti imalte. Teessoo tokko irra hirkattee teesse. Cinaa isheetiin namni tokko taa'ee kitaaba dubbisaa jira. Jidduu isaanii immoo teessoon tokko duwwaa jira.

Korojoo ishee teessoo kana irra kaawwatte. Eegasii dubbisa ishee eegalte. Jiddu jidduun kukusii korojoo ishee cinaa taa'ee jiru fudhachaa ittiin booharti. Tahus garuu yommuu isheen kukusii tokko ol fudhattu namichi ishee cinaa jirus waraqata isheen kukusii nyaattu keessaa kukusii takka fudhate. Ishee ajaa'ibeen. Osoo ishee hin eeyyamsiisin kukusii fudhachuun isaa ishee raaje. Garuu ni cal'ifte. Ammas yeroo lammaffaaf yommuu kukusii takka fudhattu innis kukusii takka fudhatee nyaate.

Shamarreen harka kana garuu gochaa
namichaatti hedduu aarte. Salfii dhabuun isaa hedduu ishee dallansiise. Gochaan isaa kun kanaan hin dhaabbanne. Namichi hanga xumuraatti akkuma isheen fudhattuun innis kukusii takka fudhatee nyaachuu isaa itti fufe. Isheen garuu tuffatteetuma itti dhiifte. Walitti bu'iinsa uumtee Xiyyeeffannoo namoota naannoo ishee jiranii harkisuu hin barbaadne. Kana qofaaf osoo hin taane sababa kukusiitiif jecha achi keessatti jeequmsa uumuu hin barbaadne. Osoma haala kanaan jiranii xumura irratti kukusiin tokko qofti waraqaa keessatti hafte. Garaa ishee keessatti "Namichi abaaramaan kun amma hoo yoo ani
kukusii hafte tana fudhadhe inni maaluma fudhata laata?" Jechaa ija cinaatiin cal'iftee suuta ilaaluu eegalte.

Eegasii namichi kukusii takkattii hafte sana iddoo lamatti qoodee walakkaa keessaa fudhatee walakkaa immoo isheef hambise. Ugguu namicha kanaatiif daangaa kaayuufii wollaalte. Nama akkam naamusa hin beeknee fii adaba hin qabnee dha kuni jechaa garaa ishee keessatti isa abaarte.

Eegasii iddoo sanaa korojoo ishee
fudhattee sokkite. Booda yeroon balallii ishee gahee xiyyaara ittiin imaltu keessa seentee yaabbatte. Fuullee ijaa ishee fudhachuuf jecha yommuu korojoo ishee adda bantee ilaaltu wanta ijji ishee argeen amanuu hin dandeenye. Waraqaan kukusii of keessaa qabu guutuun isaa kan banamee hin jirre korojoo ishee keessa akkuma taa'etti jira. Waan argiteen hedduu tokko qaanofte. Edaa kukusii ofii
isheetii bitatte korojoo ishee keessatti irraanfattee kukusiin ishee nyaataa turte sun kukusii namichaa ture. Waan raawwattetti gaabbite. Hunda irra immoo kan ishee gaabbisiise namichi hanga xumuratti yommuu ishee wajjiin nyaataa turetti gammachuudhaan kukusii takkattiin dhuma irratti
yommuu haftu iddoo lamatti qoode yommuu isheef hambisu gonkumaa osoo ishetti hin dallannee fii ishetti hin iyyine ishee affeeraa ture.

Kukisii namichaa nyaachaatiin teessee namicha abaaraa turuu isheetiin hedduu saalfatte. Amma dhiifama gaafachuuf iyyuu yeroo hin arganne. Yeroon dabree jira. Namicha deebitee argachuuf
iyyuu carraa takkattii iyyuu hin qabdu. Isa
galateeffachuuf, dhiifama isa gaafachuuf, dubbii tahe hunda isaaf ibsuuf.... hedduu hawwite.
Tahus garuu wanti hunduu ishee biratti hafee dabree jira.

Wantoota afur kan deebi'amanii hin suphamne yaadatte,
1. Dhagaan eega darbamee booda
2. Jechootni arraba irraa eega nama bahanii
booda
3. Gochaaleen eega raawwatamanii booda
4. Yeroon eega darbee booda gatii akka hin qabne
yaadatte.
Nutis waan tokko dubbachuu keenyaan dura,
waan tokko raawwachuu keenyaan dura jalqaba
mataa keenya haa ilaalluu."

Akka ilaalcha keenyaafi akka beekna of seenutti utuu hin taane hubannaafii xiyyeeffannoon dhugaa namaa hubachuuf yaaluun gaariidha.
Waan hunda akka beektanitti itti hin amanuun dura sirriin jiraa laata jechuun gaariidha.

#Kanaandubbiserraaa
#isiniifqoode
02.02.202520:06
Obboleessa kiyya ! osoo ati dubartii halaala siif hin taane wajji teysu osoo malakal mowtii sitti dhufee akkam taata??
Obboleettii tiyya ! osoo ati dhiiraa halaala siif hin taane wajji teysu malakal mowti sitti ol seenee garan fiiyda??

Nama dilii hin qabne malee kuun mee (ASTAGFIRULLAAH) je'aa.

Namni tokko siin qajeelutu addunyaaf waan addunyaa keysa jiru siif caalaa SHARE godhaa jzk
/By ✍ Ustaz Mahamad Bayan
06.02.202518:13
Seenaa Ajaa'ibaa
Dubbisaa waliifis qoodaa

- gaaf tokko intalti dubraa takka abbaa isiitiin mobile bitachuu akka barbaaddu itti himte, abbaanis maallaqa kenneefii bitattee erga galtee booda; abbaan akkana jechuun gaafate :

Abbaa : Erga mobile bitattee wanni ati dura goote maali?
Intala : Eegumsa mobile kiyyaaf cover fi glass bitadhe .
Abbaa : bareedaa goote, garuu namni akka akkana gootuuf si dirqe ni jiraa?
Intala : lakkii baabaa fedhii tiyyaanin eegumsa mobile kiyyaaf jecha godhe .
Abbaa : bareedina mobile keetii si jalaan hirrisnee ?
Intala : humaa bareedina irrisen qabu baabaa, garuu yoo hirrises maal qaba wanni guddaan eegumsa isaati .

- Hoggaa kana abbaan intala isaa ifitti qabee akkana ja'een, " yaa intala tiyya! Rabbiinis akkanumatti eegumsa keetiif jecha hijaaba dirqama sirratti godhe adawwiin islaamaa waan si miidhe sittin fakkeessin " jechuun dhaamsa dhama qabu dhaameef.

Yaa obboleettii tiyya qaalii! "Hijaabni dubartii miidha" , "qaama khee akka feete godhi" ja'anii olola adawwiin islaamaa jallinaaf jecha oofan hin dhagahin, isaanirra rabbii si uumeetu eegumsa keetiif irra siif yaadaa .

Erga dubbistee booda Share godhuun dubartii islaamaa cufa biraan haa geenyu jzk
05.02.202517:55
Billions people dream. 🕋🦋
03.02.202513:05
29.11.202408:19
Nama biratti Aga feete Waan Gaarii Yoo hojjattee Guyyaa Tokko Yoo Dogongorte Gaarominnii Kee innii Duraan Hojjatte Qilee si jalaa Seena💔


NAMARRAA GAARII HIN EEGIN ABADAN
Ko'rsatilgan 1 - 16 dan 16
Ko'proq funksiyalarni ochish uchun tizimga kiring.