Notcoin Community
Notcoin Community
Proxy MTProto | پروکسی
Proxy MTProto | پروکسی
Proxy MTProto | پروکسی
Proxy MTProto | پروکسی
iRo Proxy | پروکسی
iRo Proxy | پروکسی
Daandii Milkii(Jennataa) avatar
Daandii Milkii(Jennataa)
Daandii Milkii(Jennataa) avatar
Daandii Milkii(Jennataa)
27.01.202508:49
17.01.202510:46
Gaafii gaafatamne...
Islaamummaan jaarraa (sentury) 7ffaa dura jiraachuu isaatiif ragaan maali ?

Duraan dursee; gaafiin kun gaafiiwwan namoonni Islaamummaan ala jiran irra deddeebiin kaasan keessaa isa ijoodha.
Kiristiyaanonni hedduunis Islaamummaan kan jalqabne Nabi Muhaammadiini (s.a.w) jedhanii nama hubachiisuuf yaalu, inumaayyuu ilaalchi dogongoraa kuni hanga har'aatti manneen barnootaa keessatti kan baratamaa jiruudha.

Isa kanaaf deebisaan koo isa armaan gadiiti.

🛑 1. Islaamumummaan amantaa dhalootaati, kana jechuun daa'imni kam iyyuu yemmuu dhalattu Islaamummaa qofa irratti dhalatti. Qur'aana 30:30) Hadiisa (Sahiiha Bukhaarii 4775, fi Sahiiha Muslim 2658). Ragaan kunis islaamummaan jaarraa 7 dura jiraachuu nuu mirkaneessa.

🛑 2. Maggaasa maqaa Islaama jedhuu.
Mogaasa maqaa “Islaam” jedhu kana yemmuu xiinxallinu iccitii jabaa, kan yaada nu kaafne kanaaf deebisaa quubsaa ta'u arganna, akkamitti yoo jedhame? Hiikni jecha 'Islaama’ jechuu Rabbiif ajajamuu, Rabbiif butamuu fi isaaf masakamuu erga ta’ee, Rabbiif ajajamuu, Rabbiif buluu ilmi namaa kan jalqabe jaarraa 7ffaa jechuun ni danda’amaa? Hin danda'amu.

🛑 3. Nabi Muhammad jaarraa 7 keessa kan ergaman yemmuu ta'u, ergamoonni isaan duraa hundi muslima.
Isa kana irratti ragaan hoo maali gaafiin jettu akka kaatu nin beeka.

1. Ummata kanas ta'ee kan jaarraa 7 dura jiraataa ture irraayis Islaamummaa malee amantaa biroo irraa qeebaluu dhabuu. (Qur'aana 3:85)

2. Amantaa sirriin rabbiin biratti beekamtuun dur irraa kaasee hanga xumuraati Islaamummaa qofa ta'uu. (Qur'aana 3:19)

3. Ergamaan Nuuh jedhamu muslima ta'uu isaa. (Qur'aanni 10:72) ni dubbata. Ergamaa kanaa fi jidduu eegamaa keenya fageenya jaarraa kudhaniitu jira jedhama.

4. Nabi Ibraahim ykn Abrahaam muslima ta'uu isaa. (Qur'aana 2:127-132), (Qur'aana 2:140). (Qur'aana 3:67). Turtiin yeroo jidduu ergamaa kanaati fi ergamaa keenya nabi muhammad beekkamuu dhabus adda fagoo akka ta'e kitaabban seenaa irraa hubanna.

5. Ergamaan Luux jedhamus muslima ture. (Qur'aana 51:31-36)

6. Nabi Yaaqub ykn Yaaqoobis muslima ture, ilmaan isaatiifis Ilslaamummaa dhaamtee du'e. (Qur'aana 2:133).

7. Ergamaan suleymaan ykn solomoon jedhamus mulima ture. (Qur'aana 27:30-31)

8. Ergamaan Yuusuf jedhamus muslima turuu isaa. (Qur'aana 12:101)

9. Ergamoonni yookaan anbiyoonni ilmaan Islaa'ilis muslima turan. (Qur'aana 5:44). Hanga yeroo ergamoota asiin olitti dubbatamanii kanaatti amantaan Yahuudummaas ta'ee Kiristaanummaa fuula dachee kana irratti hin argamu. Amantaan har'a ''Judaism" jedhamuun beekkamtus dhaloota nabi muusaa ykn muusee booda argamte, akkasumas amantaan "Christianity" kunis dhaloota Yesus Kiristos booda woggaa 42 booda argamte. Kanaafuu amantaan yeroo sana jirtu kan ergamoonni Rabbii hunduu barsiisaa turan Islaamummaa qofa.

Yoo lakki amantaa Islaamaatii mitii, amantaa biroo barsiisaa turan jette ragaa akka naa dhiheessitun barbaada...
Yoo ammas isa kana jechuufis ragaa dhabdee, jarri kun hunduu amantaa tokkos hin qaban jette, ani ammas ijjannoma jalabaa sanarra jira, sun ragaa fidi isa jedhe sani...
Isa biraa kan jettu yoo qabaatte, anis yaada kee sana irratti waan jedhu siin jedha.

● Mee ammas koottu ragaa koo siif dabalaa, tarii nama dhugaa barbaadu yoo taate, ragaalee ani siif kennu kunneen bakka ati barbaadaa jirtu sanaan si gahuu dandeettii.

10. Nabi Muusaa ykn muusee beektaa ?
Raajicha guddaa waggaa 40 guutuu saba Israa'el gaggeessaa ture amantaan isaa maal akka ture, (Qur'aanni 10:84) irratti muslima akka ta'e nuu himee jira.

11. Yesus Kiristoos hoo beektaa?
Yesus ykn Iisaan ergamaa Rabbii kan muslimtoonni hundi jaalatanii dha. akkuma Ergamoota Rabbii hundaa jaalannutis isas jaalanna, innis muslima ture, duuka buutonni isaas muslima turan (Qur'aana 3:52)

Cuunfaa dubbii; Ergamoonni kuni hundi warroota jaarraa 7 dura jiraataa turanii dha, garuu sana ta'uu waliin amantaan isaanii Islaamummaa ture jechuu dha.

Kanaafuu; Islaamummaan nabi muhammad dura jiraachuu yookaan jaarraa 7ff dura jiraachuu argitee amma? Jedhiin...

𝗤𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮; Ifaa Dhugaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1190
Удалено26.01.202518:08
Переслал из:
DAARU SALAAM 🇵🇸 avatar
DAARU SALAAM 🇵🇸
21.12.202406:37
Amala Nabi Muhammad SAW


Ustaaz Awel Kasim


Kutaa 1ffaa


Video

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1034
15.12.202411:44
Mata-duree.
"Sababoota gurguddaa 15 kan 𝗬𝗲𝘀𝘂𝘀  𝗞𝗶𝗿𝗶𝘀𝘁𝗼𝘀, Waaqayyo ta’uu hin dandeenyee."


https://t.me/Rafiiqul_Islaam

🛑 1. Rabbiin hin dhalatu, Yesus Kiristos immoo ni dhalate.

🛑 2. Waaqayyo namaa miti. [Seera Lakkoobsaa 23:19], [macaafa Hose’aa 11:9] Yesus Kiristos, immoo ilma namaati, [Yohannis 8:40].

🛑 3. Waaqayyo hafuura (hin mul’atu jedhuudha), hin tuqamu, akka macaafichi jedhutti. [Yohannis 4:23-24]. Yesus Kiristos, immoo hafuura miti. [Luqaas 24:39].

🛑 4. Waaqayyo addunyaa irratti ijaan hin argamu, sagaleen isaas hin dhaga’amu. [Yohannis 5:37]. Yesus Kiristos, immoo ijaan argamee jira, dhaga’amee jiras.
🛑 5. Waaqayyo fakkaattii hin qabu (wanti isa fakkaataa fi boca hin qabu). [Isaayaas Raajichaa 44:7], [Faarfannaa 89:6]. Yesus Kiristos, garuu fakkaattota hedduu
qaba. [Ergaa gara Ibrootaa 1:8-10].

🛑 6. Waaqayyo gonkumaa kan hin duune ta’uu. [Seera Keessa Deebii 32:40], [Xemotewos Isa Duraa 1:17, 6:16], [Roomaa 1:20-21, 25]. Yesus Kiristos, immoo akka Kiristiyaanonni jedhanitti du’ee jira.

🛑 7. Waaqayyo waan hunda beeka, Yesus Kiristos, garuu waan hunda hin beeku. [Maarqos 13:32].

🛑 8. Waaqayyo humna qabeessa. Yesus Kiristos, garuu humna isaatiin homaa gochuu hin danda’u. [Yohannis 5:30].

🛑 9. Waaqayyo hin mugus hin rafus. [Faarfannaa 121:2-4]. Yesus Kiristos, immoo rafee jira. [Luqaas 8:23-24], [Maarqos 4:38].

🛑 10. Waaqayyo hin beela’u. Yesus Kiristos, garuu beela’ee jira. [Maarqos 11:12].

🛑 11. Waaqayyo hin nyaatu. Yesus Kiristos immoo nyaatee jira. [11:19].

🛑 12. Waaqayyo dhugaatiis hin hajamu. Yesus immoo dhugee jira. [Maatewos 26:29].

🛑 13. Waaqayyo hin rakkatus, hin hiyyoomatus. Yesus Kiristos, garuu rakkatees jira, hiyyoomatees jira. [Maatewos 8:20].

🛑 14. Waaqayyo saala hin qabus, hin kittaanatus. Yesus Kiristos, garuu saallis dhiira, kittaanatees jira. [Luqaas 2:21].

🛑 15. Waaqayyo hin qoramu. [Maarqos 1:12-13], [Yaaqoob 1:13] Yesus garuu akka macaafni qulqulluun jedhutti sheyxaanaan qoramee jira. [Maatewos 4:1].

itti fufa...
Waliif qoodaa keyrii tana facaasaa.
Jzk ❤
                𝗤𝗢𝗣𝗛𝗘𝗘𝗦𝗦𝗔𝗔:
                        © Ifaa Dhugaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1007
08.12.202411:17
Dhugumatti, ati akkaan beekaa waan fagooti.[Suuraa Al-Maa'idaa 5:116]

" Yesus immoo, "Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru. "(Marqoos 10: 18)

Qopheessaan: Xaahir Galatoo

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/982
25.01.202507:47
“Yeroo ummanni isaan irraa ta’e "Namoota Rabbiin isaan balleessuuf yookiin adabbii cimaa isaan adabuuf jiru maaliif gorsitu?" jedhan yaadadhu (Gorsitoonnis) "Gooftaa keessan biratti sababa nuuf haa ta'uufi akka isaanis Rabbiin sodaataniifi" jedhan.” (Qur'aana 7:164)

🛑 7. Sababa ajrii fi keeyrii guddaa Rabbiin irraa argachuu namaa ta'a.

قال الله تعالى: ﴿ لَا خَيْرَ فِي كَثِيرٍ مِنْ نَجْوَاهُمْ إِلَّا مَنْ أَمَرَ بِصَدَقَةٍ أَوْ مَعْرُوفٍ أَوْ إِصْلَاحٍ بَيْنَ النَّاسِ ﴾ [النساء:114].

“Nama sadaqaatti yookiin gaggaarii yookiin gidduu namaatti araarama uumuutti ajaje malee irra hedduu iccitii isaanii keessa toltuun hin jiru. Nama jaalala Rabbii barbaaduuf kana hojjate, fuulduratti mindaa guddaa isaaf kennina.” (Qur'aana 4:114)

🛑 8. Sababa addunyaa fi aakiraatti milkaa'uu namaa ta'a.

قال الله تعالى: ﴿ وَلْتَكُنْ مِنْكُمْ أُمَّةٌ يَدْعُونَ إِلَى الْخَيْرِ وَيَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَيَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنْكَرِ وَأُولَئِكَ هُمُ الْمُفْلِحُونَ ﴾ [آل عمران:104].

“Isin irraa ummanni gara khayrii waamtuufi kan gaariitti ajajju badii irraa dhorgitus haa jiraattu. Warri sun isaantu milkaa’oodha.” (Qur'aana 3:104)

🛑 9. Du'aatonni (Namoonni karaa RABBIItti nama yaaman) warroota yeroo namoonni baay'een kisaaran tirfaa'eedha.

والدعاة إلى الله هم الرابحون يوم يخسر الناس، وهم السعداء يوم يشقى الناس.

RABBIIN Qur'aana suuraa Al-Asr 103 keessatti warroota bifa ykn amaloota afur kan suuraa sana keessatti dubbate sana qaban malee hundi dhala namaa hoongoo fi kisaaraa guddaa keessa jiraachuu hime.
Bifoota ykn sifoota sana keessaa tokko nama haqa namaa dhaamee, karaa haqaatti nama yaamee dha.
قال الله تعالى: ﴿ وَالْعَصْرِ * إِنَّ الْإِنْسَانَ لَفِي خُسْرٍ * إِلَّا الَّذِينَ آَمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ وَتَوَاصَوْا بِالْحَقِّ وَتَوَاصَوْا بِالصَّبْرِ ﴾ [العصر:1 - 3].

🛑 10. Daaw'aan sababa cubbuun namaa namarraa harca'uu ykn balleessuu namaa ta'a.

روى البخاري ومسلم عَنْ حُذَيْفَةَ بْنِ اليَمَانِ رضي الله عنه، عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ: «فِتْنَةُ الرَّجُلِ[9] فِي أَهْلِهِ[10] وَمَالِهِ[11] وَوَلَدِهِ[12] وَجَارِهِ[13]، تُكَفِّرُهَا الصَّلاَةُ وَالصَّوْمُ وَالصَّدَقَةُ، وَالأَمْرُ وَالنَّهْيُ»[14].

🛑 11. Walumaa galatti daaw'aan (karaa Rabbiitti nama yaamuun) ajaja Rabbiif awwaachuu ta'a.

قال الله تعالى: ﴿ ادْعُ إِلَى سَبِيلِ رَبِّكَ بِالْحِكْمَةِ وَالْمَوْعِظَةِ الْحَسَنَةِ وَجَادِلْهُمْ بِالَّتِي هِيَ أَحْسَنُ إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعْلَمُ بِمَنْ ضَلَّ عَنْ سَبِيلِهِ وَهُوَ أَعْلَمُ بِالْمُهْتَدِينَ ﴾ [النحل:125].

“Gara karaa Gooftaa keetii ogummaafi gorsa bareedaan waami. Ishee (falmii) irra gaarii taateen isaan falmi. Dhugumatti Gooftaan kee nama karaa Isaa irraa jallate ni beekaaInni qajeeltotas beekaadha.” (Qur'aana 16:125)

Barruu tana walii qoodaa keeyrii tana facaasaa.
Jzk ❤
Qopheessaan; Ifaa Dhugaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1226
13.01.202507:38
03.01.202507:33
Переслал из:
DAARU SALAAM 🇵🇸 avatar
DAARU SALAAM 🇵🇸
12.12.202415:10
Qur'aana Rabbitu Tiksaa


"Qur'aana Nutu buusee Numatu tiksa"

Quraa'a jijjiiruuf yaaliin hin godhamin hin jiru ammas aakuma argaa jirru kana yaaliin garaagaraa godhamaa jira. Mee seenaa wahii isin haa yaadachiisu.

👉Namoota gaggaarii darban keessaa Amiirri tokko, Namni wahii yeroo hunda kan isa bira dhufu kan amantii biraa hordofu tokkootu ture. Yeroo garaagaraatti Amiirri kun Namicha isa bira dhufu kanaaf akka inni islaama'uuf yaada dhiheessaafii ture.Garuu Namichi kun deebii wahiituu hin kennu. Sana booda yeroo dheeraaf adda ba'anii eega turanii waggaa ① booda namichi sun deebi'ee Amiira bira dhufe.

Amiirris yeroo Namicha ilaalu akka inni muslima ta'ee dhufe arge. Achumaan Amiirris Namichaan akamitti Amanuu dandeesse jedhee gaafate. Namichis {{"Ani ergaan siin adda ba'ee kaasee hojiin hojjataa ture". hojiin kunis, Waangeela walakkaa harka kootiin barreesseetiin  waantoota garaagara jijjiiree, kaan hir'isee, kaaniis itti dabalee, kan fuulduraa booda godhee, kan boodaa fuuldura godhee akka naaf gurguraniif erge. Warrin itti erges fuudhanii baayyisanii naaf gurguran.

Akkuma kitaaba "Ooritis" Akkuma kan ammaa itti dabalee, kaaniis hir'isee waan hedduu jijjiiree akka naaf gurguraniif ergee jennaan fuudhanii baayyyisanii gurguran.

Sana booda haaluma kitaaboota kanaatiin "Qur'aanas" barreesse, Kaan jijjiiree kan fuulduraa booda godheee, kan boodaa dura godhee, kaan hir'isee eegan barreessee booda fuudhee maktabaa musliimaa kan Qur'aaana baayyisee gurguru bira deemeen naaf gurguraa jedhee itti kenne.

Yeruma sana garagaggalchanii ilaalanii fuula kootti darbatan. Maali yeroon jedhee gaafadhu "Kun Qur'aana Muslimtootaa isa sirrrii miti naan jedhan".

Sana booda utuun boo'uu gara mana kootii deebi'een Islaaminnaa fudhachuuf murteeesse. Diinal islaamii fi qur'aanas Rabbiin akka eeguu fi Rabbiin akka buusees hubadhe. Achumaaniin amanee}} jedhee Amiiratti hime.

Qur'aana Rabbiitu tiksa garuu balaa garaagara wanti Rabbiin fiduuf nu fatanuufi waan ta'eef Nama fatanaa kana darbu Rabbiin nu haa taasisu.

By: Abdurahman Mohammed

https://t.me/DAARU_SALAAM
08.12.202411:17
Barsiisa Nabi Iisaa [Iyyasuus kiristoos]
   
Barsiisni Iyyasuus kiristoos maal ture?
Xiyyeeffannoon guddaan barsiisa Iyyasuus kiristoos, waa'ee Tokkochummaa Rabbii akka ta'e Qur'aanaa fi macaafa qulqulluu keessattis dubbatamee jira. Mee haa hubannuu!

"Yesus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha. "
(Wangeela Marqoos 12: 29)

Kiristaanonni hedduun, ilaalchota dogoongora irratti hundaa'uudhaan Iyyasuus kiristoosiin Rabbi jedhu. Garuu barsiisni isaa akkas hin turre. Yesuus kiristoos Rabbi jechuun gati dhabeessa ta'uu dubbatee jira.

"ana waaqessuun isaanii akkasumaan, abboommii namaa akka seera Waaqayyootti barsiisu isa jedhe ba'eessa dubbate" jedhe."
(Maatiwoos 15: 9)

Iyyasuus kiristoos gaaffii yahuudotaan gaafatame ennaa deebisu akkana jedheera.

Gurguddoota Yihudootaa keessaa tokko, "Yaa barsiisaa gaarii, jireenya bara baraatti galuudhaaf maal godhu?" jedhee isa gaafate. Yesus immoo deebiseefii, "Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru. [Wangeela Luqaas 18:18_19]

Namni tokkos gaafa tokko gara yesuus dhufuudhaan, yaa barsiisaa gaarii jannata (jireenya bara baraa) argachuudhaaf maal hojjachuu qaba jedhee gaafate. Innis deebiseefii akkana jedheen;

Kunoo, namni tokko gara Yesus dhufee, "Yaa barsiisa! Jireenya bara baraa qabaachuuf hojii gaariin gochuun anaaf ta'u maal inni?" jedheen. Yesus immoo, "Waa'ee hojii gaarii maaliif ana gaafatta? Isa tokkicha sanatu gaarii dha; jireenya sanatti galuuu yoo feete garuu, abboommota eegi! ittiin jedhe. [Wangeela Maatiwoos 19:16_17]

Yesuus kiristoos seera waada moofaa keessa jiru tokkos shaaruudhaaf, akka hin ergamnes dubbateera. Waa'ee kanaa Maatiwoos haala armaan gadii kanaan barreesseera.

[Yesus, "Seeraa fi barsiisa raajotaa diiguudhaaf waanan dhufe hin se'inaa, ani isaan raawwachuudhaafan dhufe malee, diiguudhaaf hin dhufne. Ani dhuguman isinitti hima, hamma waaqnii fi lafti badanitti seericha keessaa fidalli xinnaan tokko yookiis gar tokkoon fidalaa odoo fiixaan hin ba'in hin badu].(Wangeela Maatiwoos 5:17_18)

Ergamaan anaan booda ergamu, waanuma hunda isiin barsiisa jedhees dubbateera.

" Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa. "
(Yohaannis 14: 26)

Kitaabani seera uumama waa'ee dhagna qabachuu ilaalchisee akkana jedha:

Ammas kakuun koo inni anaa fi si gidduutti, namoota kee gidduutti, si booddeedhaanis sanyii kee gidduutti eeguun isiniif ta'u, 'Isin keessaa dhiirri hundinuu dhagna haa qabamu!' isa jedhuu dha.  Isin gogaa foon keessan haguuge dhagna qabadhaa! Kunis kakuu isa anaa fi isin gidduutti dhaabateef milikkita in ta'a.[Seera uumamaa 17:10-11]

" Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti."
(Yuhaannis 17: 3)

Dubbiin kanneen armaan olii fakkaatan, Qur’aana keessattis bakka heddutti dubbatamaniiru.

إِنَّ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبُّكُمْ فَٱعْبُدُوهُۗ هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ

Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan; kanaafuu Isa gabbaraa. Kun karaa qajeelaadha.” [Suuraa  Aal-Imraan 3:51]

Karaan qajeela Iyyasuus kiristoos barsiise, karaa Islaamummaa qofa. Daandii tokkochummaa Rabbiiti. Qur'aanni akkana jedha.

وَإِذْ قَالَ ٱللَّهُ يَٰعِيسَى ٱبْنَ مَرْيَمَ ءَأَنتَ قُلْتَ لِلنَّاسِ ٱتَّخِذُونِى وَأُمِّىَ إِلَٰهَيْنِ مِن دُونِ ٱللَّهِۖ قَالَ سُبْحَٰنَكَ مَا يَكُونُ لِىٓ أَنْ أَقُولَ مَا لَيْسَ لِى بِحَقٍّۚ إِن كُنتُ قُلْتُهُۥ فَقَدْ عَلِمْتَهُۥۚ تَعْلَمُ مَا فِى نَفْسِى وَلَآ أَعْلَمُ مَا فِى نَفْسِكَۚ إِنَّكَ أَنتَ عَلَّٰمُ ٱلْغُيُوبِ

Yeroo Rabbiin "Yaa Iisaa Ilma Maryam! sila situ namootaan anaafi haadha kiyya Rabbii gaditti gabbaramaa lama taasifadhaa jedhee?" jedhu [yaadadhu][Inni] ni jedhe: "Ati qulqulloofte! Ani waan dhugaa naaf hin taane jechuun anaaf hin ta'u. Yoo ani isa jedheera ta'eef, ati dhugumatti isa barteetta. Waan lubbuu kiyya keessaa ni beekta. Ani waan nafsii kee keessaa hin beeku.

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/981
11.01.202519:13
03.01.202507:33
20.12.202418:22
Namoonni tiktok deemtani dhageefadhu hin dandeenye live stream  Telegramaan daawwadha👇👇

https://t.me/Dhugaan_Dhufe?livestream=90158661eae6c20ea7
11.12.202417:56
𝐀𝐊𝐊𝐀𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐃𝐇𝐀𝐋𝐎𝐎𝐓𝐀 "𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐀"


“Kunoo, in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi!”
  — Luq. 1:31

“Guyyaan saddeettaffaan erga darbee mucicha dhagna qabuun in ga'e; akkuma ergamaan Waaqayyoo utuu isheen hin ulfaa'in dura, haadha isaatti himee turetti maqaa isaa "Yesus" jedhan.”
  — Luq. 2:21

“angafa ilma ishee deessee, lafa bultii kara-deemtutii iddoo hin arganne waan turaniif, wayyaa itti martee, siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite.”
  — Luq. 2:7

𝐔𝐌𝐑𝐈𝐈 𝐅𝐈 𝐆𝐔𝐃𝐃𝐈𝐍𝐀 "𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐀"


“Mucichi immoo guddachaa, jabaachaa, ogummaadhaanis guutaa adeeme; ayyaanni Waaqayyoos isa irra ture.”
  — Luq. 2:40

“Yesus immoo Waaqayyoo fi namoota irraa ayyaana argachaa, namummaadhaa fi ogummaatti in guddata ture.”
  — Luq. 2:52

“Abbaanii fi haati mucichaa wagguma waggaan ayyaana Faasikaa ayyaanessuudhaaf gara Yerusaalem in dhaqu turan.”
  — Luq. 2:41

“Mucichi waggaa kudha lama yeroo guutetti, akkuma amala isaanii ayyaanichaaf ol ba'an.”
  — Luq. 2:42

𝑮𝒂𝒂𝒇𝒇𝒊𝒊 𝑲𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂

1, 𝑰𝒍𝒎𝒂 𝒉𝒊𝒏 𝒅𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝒋𝒆𝒅𝒉𝒂𝒎𝒐𝒐 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒂 𝒅𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝒋𝒆𝒅𝒉𝒂𝒂?
2, 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒏𝒊 𝒆𝒓𝒈𝒂 𝒅𝒉𝒂𝒍𝒂𝒕𝒆𝒆 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒏𝒊 𝒖𝒖𝒎𝒂𝒎𝒂𝒂𝒓𝒆𝒆?
3, 𝑰𝒏𝒏𝒖𝒖 𝒂𝒌𝒌𝒂 𝒖𝒖𝒎𝒂𝒎𝒆 𝒓𝒂𝒈𝒂𝒂 𝒂𝒌𝒌𝒖𝒎𝒂 𝒂𝒓𝒎𝒂𝒂𝒏 𝒐𝒍𝒊𝒊𝒕𝒊𝒊 𝒎𝒂𝒂𝒍 𝒖𝒖𝒎𝒆𝒓𝒆𝒆?
4, 𝑰𝒏𝒏𝒊 𝒋𝒊'𝒂 𝒔𝒂𝒈𝒂𝒍 𝒈𝒖𝒖𝒕𝒖𝒖 𝒈𝒂𝒓𝒂𝒂 𝑴𝒂𝒓𝒚𝒂𝒎 𝒕𝒂𝒂'𝒆 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒂𝒎𝒐𝒐 𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂? 😁😁😁 𝑨𝒋𝒂𝒂'𝒊𝒃𝒂 𝒔𝒐𝒅𝒅𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂
5, 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒂 𝒊𝒍𝒎𝒊 𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂 𝒌𝒊𝒕𝒕𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂?
6, 𝑨𝒏𝒈𝒂𝒇𝒂 𝒊𝒍𝒎𝒂 𝒊𝒔𝒉𝒆𝒆 𝒆𝒓𝒈𝒂 𝒋𝒆𝒅𝒉𝒆𝒆 𝒘𝒂𝒂𝒒𝒂 𝒉𝒆𝒅𝒅𝒖𝒖 𝒅𝒆𝒆𝒔𝒔𝒆 𝒋𝒆𝒄𝒉𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂? 𝑶𝒃𝒃𝒐𝒍𝒐𝒐𝒏𝒏𝒊 𝒊𝒔𝒂𝒂 𝒘𝒂𝒂𝒒𝒂𝒎𝒐𝒐 𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂?
7, 𝑬𝒓𝒈𝒂 𝒘𝒂𝒂𝒒𝒂 𝒕𝒂𝒉𝒆𝒆 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒎𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒈𝒖𝒅𝒅𝒂𝒕𝒂𝒂 𝒅𝒆𝒆𝒎𝒂𝒂?
8, 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒏𝒊 𝒐𝒈𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 𝒏𝒂𝒎𝒂 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂 𝒃𝒂𝒓𝒂𝒕𝒂𝒂?
9, 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒏𝒊 𝑨𝒃𝒃𝒂𝒂𝒇𝒊𝒊 𝑯𝒂𝒂𝒅𝒉𝒂 𝒒𝒂𝒃𝒂𝒂?
10, 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒏𝒊𝒔 𝑨𝒚𝒚𝒂𝒂𝒏𝒆𝒇𝒇𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖 𝒅𝒆𝒆𝒎𝒂𝒂?

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/988
06.12.202402:28
Roondaaldoon gara Islaamummaatti dhufuu barbaada > Waliid Abdullaah
~~~
Waahilli cimaan Roondaaldoofi karra eegaan duraanii kilaba Al-Nasr Waliid Abdullaah urjiin kubbaa miilaa lammii Poortugaal Cristiano Ronaldo Islaamummaa fudhachuu barbaada jedhe.

Odeeffannoon Spider Media n geosuper dabalatee miidiyaalee Idil-addunyaa garaa garaa irraa argate akka mul'isutti karra eegaan duraanii kilaba amma Roondaaldoon keessa taphatuu Al-Nasr Waliid Abdullaah turtii TV tokko waliin taasiseen ''Ronaaldoon Muslima ta'uu barbaada' jedhe

''Waa'ee Islaamummaa bal'inaan Cristiano Ronaldotti himeera, innis fedhii guddaadhaan narraa dhaga'aa ture, salaata dabalatee wantoota bu'uuraa heddu sirnaan bareera, Roondaaldoon taphattoonni inni waliin taphatu yeroo waktiin ga'e akka salataan haalaan jajjabeessa, yeroo tokko tokko osoo leenjisaa waliin taphattoonni shaakala irra jiranii yeroo Azaanni (waamicha gara salaataa) jedhamu Roondaaldoon hanga Azaanni xumuramutti leenjisaan sochii akka dhaabsisuu ni gaafata'' jedhe.

Lokmat, khel fi footboom dabalatee miidiyaaleen hedduunus gabaasa qabiyyeendhuma walfakkaataa baasaniiru.

© Amar Temam
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28
25.01.202507:47
SADARKAA GARA KARAA RABBIITTI NAMA YAAMUUN QABU



Gara karaa Rabbitti nama yaamuun (daaw'aan) hundee guddaa bu'uura amantaa Islaamaa irraa akka ta'e shakkiin hin jiru.
Isa kanaan wal-qabatee Qur'aanaa fi hadiisa hedduu keessatti sadarkaan isaa akka armaan gadii kanatti dhufee jira.

🛑 1. Daaw'aan (Karaa RABBIItti nama yaamuun) irra bareedduu jechaa, kan fuula lafaa kana keessatti dubbatamtuu dha.

قال الله تعالى: ﴿ وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِمَّنْ دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ ﴾ [فُصِّلَت:33].

“Nama gara Rabbiitti nama waamee fi hojii gaggaarii hojjatee “ani Muslimoota irraayi” jedhe caalaa namni jecha bareedu eenyu?” (Qur'aana 41:33)

🛑 2. Sababni keeyriin ummata nabi Muhammad keessatti hafeef, waan isaan garaa RABBIItti nama yaamaniifi dha.

قال الله تعالى: ﴿ كُنْتُمْ خَيْرَ أُمَّةٍ أُخْرِجَتْ لِلنَّاسِ تَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَتَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنْكَرِ وَتُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ ﴾ [آل عمران:110].

“Isin caaltuu ummata namaaf mul'ifamtee taataniittu. Toltutti ajajju; hamtuu irraas ni dhorgitu; Rabbittis ni amantu.” (Qur'aana 3:110)

🛑 3. Daaw'aan (Karaa RABBIItti nama yaamuun) sababa rahmata Rabbii bal'oo sana argachuu namaa ta'a.

قال الله تعالى: ﴿ وَالْمُؤْمِنُونَ وَالْمُؤْمِنَاتُ بَعْضُهُمْ أَوْلِيَاءُ بَعْضٍ يَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَيَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنْكَرِ وَيُقِيمُونَ الصَّلَاةَ وَيُؤْتُونَ الزَّكَاةَ وَيُطِيعُونَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ أُولَئِكَ سَيَرْحَمُهُمُ اللَّهُ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ ﴾ [التوبة:71].

“Mu’uminoonni dhiiratiifi Mu’uminoonni dubaraa gariin isaanii jaalallee gariiti. Toltutti ajaju; hamtuu irraas ni dhorgu, salaatas gadi dhaabu; Zakaas ni kennu; Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ni ajajamu. Warri sun Rabbiin fuula dura rahmata isaaniif godha. Dhugumatti Rabbiin injifataa, ogeessa.” (Qur'aana 9:71)

🛑 4. Daaw'aan (Karaa RABBIItti nama yaamuun) sababa diinota injifachuu fi biyya lafaa kana keessatti mijjoo fi ol'aantummaa argachuu namaa ta'a.

قال الله تعالى: ﴿ الَّذِينَ أُخْرِجُوا مِنْ دِيَارِهِمْ بِغَيْرِ حَقٍّ إِلَّا أَنْ يَقُولُوا رَبُّنَا اللَّهُ وَلَوْلَا دَفْعُ اللَّهِ النَّاسَ بَعْضَهُمْ بِبَعْضٍ لَهُدِّمَتْ صَوَامِعُ وَبِيَعٌ وَصَلَوَاتٌ وَمَسَاجِدُ يُذْكَرُ فِيهَا اسْمُ اللَّهِ كَثِيرًا وَلَيَنْصُرَنَّ اللَّهُ مَنْ يَنْصُرُهُ إِنَّ اللَّهَ لَقَوِيٌّ عَزِيزٌ * الَّذِينَ إِنْ مَكَّنَّاهُمْ فِي الْأَرْضِ أَقَامُوا الصَّلَاةَ وَآَتَوُا الزَّكَاةَ وَأَمَرُوا بِالْمَعْرُوفِ وَنَهَوْا عَنِ الْمُنْكَرِ وَلِلَّهِ عَاقِبَةُ الْأُمُورِ ﴾ [الحج:40 - 41].

“Isaan warra manneen isaanii irraa haqaan ala waan “Rabbiin keenya Allaahdha” jedhaniif qofa baafamaniidha. Odoo Rabbiin namoota garii isaanii gariin deebisuun jiraachuu baatee, silaa iddoon moloksee, bataskaanoleen kiristaanootaa, iddoon ibaadaa Yahuudotaafi masjiidonni maqaan Rabbii hedduu keessatti faarfamu ni diigamu turan. Dhugumatti, Rabbiin nama (amantii) Isaa tumsu, tumsuuf jira. Dhugumatti, Rabbiin irra jabaa, injifataadha. Isaan warra yoo Nuti dachii keessatti isaaniif mijeessine salaata dhaaban, zakaa kennan, toltuuttis (namoota) ajajaniifi hamtuu irraa (namoota) dhorganiidha. Booddeen waan hundaa Rabbumaafi.” (Qur'aana 22:40-41)

🛑 5. Sababa adabbii (qixaata fi abaarsa) Rabbii jalaa bahuu namaa ta'a.

قال الله تعالى: ﴿ لُعِنَ الَّذِينَ كَفَرُوا مِنْ بَنِي إِسْرَائِيلَ عَلَى لِسَانِ دَاوُودَ وَعِيسَى ابْنِ مَرْيَمَ ذَلِكَ بِمَا عَصَوْا وَكَانُوا يَعْتَدُونَ * كَانُوا لَا يَتَنَاهَوْنَ عَنْ مُنْكَرٍ فَعَلُوهُ لَبِئْسَ مَا كَانُوا يَفْعَلُونَ ﴾ [المائدة:78 - 79].

“Isaan Ilmaan Israa’iil irraa kafaran arraba Daawuudiifi Iisaa Ilma Maryam irratti abaaramaniiru. Kun waan isaan (Rabbiin) faallessaniifi kan daangaa dabran turaniifi. Hamtuu hojjatan irraa kan wal hin dhorgine turan. Wantoonni isaan hojjataa turan waa fokkate.” (Qur'aana 5:78-79)

🛑 6. Karaa RABBIItti nama yaamuun sababa itti gaafatamummaa Rabbii jalaa bahuu namaa ta'a.
قال الله تعالى: ﴿ وَإِذْ قَالَتْ أُمَّةٌ مِنْهُمْ لِمَ تَعِظُونَ قَوْمًا اللَّهُ مُهْلِكُهُمْ أَوْ مُعَذِّبُهُمْ عَذَابًا شَدِيدًا قَالُوا مَعْذِرَةً إِلَى رَبِّكُمْ وَلَعَلَّهُمْ يَتَّقُونَ ﴾ [الأعراف:164].

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1225
11.01.202519:13
Aal-e-Imran 3:5-6

إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَخْفَىٰ عَلَيْهِ شَىْءٌ فِى ٱلْأَرْضِ وَلَا فِى ٱلسَّمَآءِ

Dhugumatti, Rabbiin dachii keessattis ta’ee samii keessatti homtuu isa jalaa hin dhokatu.


هُوَ ٱلَّذِى يُصَوِّرُكُمْ فِى ٱلْأَرْحَامِ كَيْفَ يَشَآءُۚ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلْحَكِيمُ

Inni Isa gadaamessa keessatti akka fedhetti isin bocu Haqaan gabbaramaan isa malee hin jiru [Inni] injifataa, ogeessa.

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1058
17.12.202408:16
𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐌𝐀𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔


[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 8:42]
“Yesus deebisee, "Waaqayyo utuu abbaa keessan ta'ee, ana in jaallattu turtan; anoo Waaqayyo keessaa ba'ee, dhufeen as jira; isatu ana erge malee, ani ofiin hin dhufne.”

[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 12:49]
“Abbicha isuma na ergetu ofii isaatii waanan dubbadhu na abboome malee, ani ofuma kootiin hin dubbanne.”

[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 14:24]
“Namni ana hin jaallanne immoo dubbii koo hundumaa hin raawwatu, dubbiin isin dhageessan kunis kan abbicha isa na ergee ti malee, kan koo miti" jedheen.”

[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 5:19]
“Yesus itti fufee, "Dhuguman isinitti hima, ilmi ofuma isaatiin homaa gochuu hin danda'u, isa abbaan isaa hojjetu ilaalee in hojjeta; isuma abbaan hojjetu ilmis immoo akkuma kanatti in hojjeta.”

[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 5:30]
“Yesus itti dabalee, "Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu, 'yaada isa ana ergee duukaan bu'a malee.”

[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 5:36]
“Isa Yohannis cuuphaan dhugaa ba'e irra caalaa kan dhugaa anaaf ba'u qaba; hojiin abbaan koo akkan raawwadhuuf dabarsee anatti kenne baay'ee dha; hojiin ani hojjedhu kunis abbaan akka ana erge dhugaa anaaf in ba'a.”

[𝐘𝐨𝐡𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐬 6:29]
“Yesus deebisee, "Isa inni ergetti amanuu keessaniin hojii Waaqayyoo in hojjettu" jedheen.”


[𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 24:36]
“Yesus itti dabalee, "Guyyicha sanaa fi yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa, ilmis, namni tokko illees kana hin beekan.”

[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 24:19]
“Inni, "Waan attamii ti?" isaaniin jennaan, isaan immoo, "Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti raajii aango-qabeessa ture sana,”

https://t.me/Rafiiqul_Islaam
11.12.202416:26
𝐈𝐌𝐀𝐋𝐋𝐈 𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀𝐀 𝐉𝐀𝐋𝐐𝐀𝐁𝐀𝐀?


﴿وَما خَلَقتُ الجِنَّ وَالإِنسَ إِلّا لِيَعبُدونِ﴾

“Jinnii fii ilmaan namaatis akka na gabbaraniif malee hin uumne” Az-Zaariyaat: 56

Imalli Abbaa keenya Aadam biyyeerraa uumameen jalqabe. Rabbiin ilmaan namaa akka isa gabbaraniif dachii fii waan keeysa jiru isaaniif uume. Biyyeerraa abbaa keenya uume. Gaaafa duunes biyyeetti deebina. Gaafa kaafamaatis dachii keeysaa kaafamna.

Rabbiin ol tahe akki je’e:
﴿اللَّهُ يَبدَأُ الخَلقَ ثُمَّ يُعيدُهُ ثُمَّ إِلَيهِ تُرجَعونَ﴾
“Allaah Isaatu uumaa hunda dhabamarraa jalqabee uume, eegasii gama isaa deebitan” Ar-Ruum: 11

Ee imalli asii jalqabe. Rabbiin gaafa akka isa gabbarruuf nu filate useetuma dirree duwwaatti nu hin dhiifne. Nabiyyii nutti erge. Manual jireenya Quraanaan Ergamaa irraa boodaa Muhammad sallallaahu aleeyhi wasallam nutti erga. Akka nuti hundi karuma feenee fii haala feeneen Rabbi gabbarra hin jenne dubbii nurraa fixuuf Qur’aana jala deemuu, Nabiyyii hordofu dirqama nurratti godha.
Rabbiin ol tahe akki je’e:
﴿قُل إِن كُنتُم تُحِبّونَ اللَّهَ فَاتَّبِعوني يُحبِبكُمُ اللَّهُ وَيَغفِر لَكُم ذُنوبَكُم وَاللَّهُ غَفورٌ رَحيمٌ﴾

“Yoo Allaah jaalattan na jala deemaa ja’iin yaa Ergamaa koo Muhammad, yoo san Allaah isin jaalata, isiniif araarama cubbuu teeysan. Allaah hedduu araaramaadha, mararfataadha” Aal-Imraan: 31

Imalli ka jalqabe gaafa duniyaa tanarra dhufne. Imala kana keeysatti itti gaafatama guddaan bahachuun nurra jiru towhiidaan Rabbi gabbaruudha. Imala kana keeysatti dogongorri guddaan ifirraa eeguu qabnu shirkiidha. Imalli kuni ka xumuramu du’uun osoo hin taane du’a booda kaafamnee sararaa imala dheeraa kan xumuraa hulaa jannataa ol seenuudhaani.
Rabbiin ol tahe akki je’e:
﴿وَاعبُدُوا اللَّهَ وَلا تُشرِكوا بِهِ شَيئًا وَبِالوالِدَينِ﴾
“Allaah qofa gabbara, waan biraa takkallee isatti hin qindeeysinaa” An-Nisaa: 36

Imalli asii jalqabe ja’a Rabbiin ol tahe:
﴿مِنها خَلَقناكُم وَفيها نُعيدُكُم وَمِنها نُخرِجُكُم تارَةً أُخرى﴾

“Biyyeerraa isin uumne, isii keeysatti isin deebifna, isii keeysaa ammas itti deebinee isin baafna” Xaahaa:55

﴿إِلى رَبِّكَ يَومَئِذٍ المَساقُ﴾

“Gama Rabbii keetiiti oofaman guyyaa san” Al-Qiyaamaa:30

﴿وَهُوَ اللَّهُ لا إِلهَ إِلّا هُوَ لَهُ الحَمدُ فِي الأولى وَالآخِرَةِ وَلَهُ الحُكمُ وَإِلَيهِ تُرجَعونَ﴾

“Inna Allaah! Haqaan gabbaramaan tokkolleen hin jiru Isa malee, faaruun hundi Isaaf taate jalqaba duniyaa kanarrattii fii booddee aakhiraattis ammas murtiin dhugaatis isaaf taate. Ammas gama isaa deebi’uuf teeysan” Al-Qasas: 70

https://t.me/boost/Rafiiqul_Islaam
Показано 1 - 24 из 53
Войдите, чтобы разблокировать больше функциональности.